Oduu Haaraya

Araarri fi tokkoomuun Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hamma yoomiitti tura?

Abdii Boruutiin 

 

Yoo waan gaariin tokko dhaga’amu fi abdii namatti horachiisu, waan badaan tokko cinaa dhaan dhaga’amee, waa hunda gaafii keessa galcha. Maaluma waayeen keenya kun? Hamma yoomiitti diraamaan kun bifa adda addaatiin itti fufa? Maaluma nuuf wayya? Dhaloonni har’aa maal kanarraa barata? Gaafiileen ka’uu danda’an lakkaawamanii kan dhumanii miti; asumarratti dhaabuun barbaada. Akkuma beekamu fi yaadatamu, dhiyoo kana Waldaan Artistoota Oromoo (WAO) araara fi tokkummaa Adda Bilisummaa Oromoo jabeessuuf qophii tokko dhiyeessee ture. Qophii fi yaalii araaraa kana ilaalchisee, barruu tokko mata duree “Oromo Reconciliation, Unity and Mobilisation Conference or a Shanee Asmara Gimmick?” jedhuun dhiyaate tokko dubbiseen ture. http://gadaa.com/news/?p=3303. Gaafiileen kanaa olitti kaase illee asumarraa ka’aniiti.

 

Barruun kiyya kan har’aa gabaabaan kun kan xiyyeeffatus waayee’uma kanarratti yoo ta’u, yaada kiyya otuu hin dhiyeessin dura garuu waan tokko irra deebi’ee hubachiisuun barbaada. Akkuman kanaan duras, barruulee kiyya kan gara garaa keessatti ibsuu yaale, ani miseensa jaarmayaa ykn dhaaba siyaasaa tokkootuu miti; ta’ees hin beeku. Yoon waa barreessee dhiyeessu, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti, akka Oromoo tokkootti malee, garee ykn dhaaba tokkotti hirkadhee; tokko deeggaree kan biraa balaaleffadhee; tokko dhiisee kan biraatiif dubbachuufii miti. Yoo uummata Oromootiif waan gaarii hojjetan jedhee itti amane, nan deeggara; yoo kana faallessan nan balaaleffadha, nan mormaanis. Kan kanarraa hafe, ani hundaafuu waltajjii ta’ee, yaada koo kan dhuunfaa dhiyeessa jechuu kooti. Kanaaf, wantin kanaa gaditti dhiyeessu, yaada fi ilaalcha kiyya malee waan biraa wajjin akka wal hin qabanne hubachiisuun barbaada.

Akkan qabiyyee barruu kanaa olitti kaase irraa hubadhetti, yeroo ammaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessumaayuu mooraa ABO keessatti, ABO garee sadeen walitti araarsuu dhaaf, karaa lamaan yaaliin akka godhamaa ture fi jiru dha. Karaan tokko gara yaamicha QC ABOtiin yoo ta’u, karaan lammataa ammoo, araara manguddootaan yaalamaa jiru dha. Akka naaf galetti, yoon addaan baasee ilaalu, inni duraa jaarsolii ykn manguddoota malee gareen sadeen waliin haasa’uu akka yaalanii dha. Mariin akkanaa kun ammoo yeroo tokko keessatti garee sadeeniin otuu hin taane, garee lama lamaan akka waliin haasa’anii dha. Walumaagalatti, wanti irra ga’an, qabatamaan tokko beekamuu yoo baate illee, jalqaba baatii Eblaa irratti mata duree “Ibsa Maree ABO Dhinsuu fi Humneessuu (OLF)” jedhuun gareen lama QC ABO fi ABO Jijjiiramaa ibsa ykn labs tokko baasanii turanhttp://gadaa.com/news/?p=3085.

Akka ibsi sun mul’isutti, mariin garee lamaan kana jidduutti gaggeeffamaa ture, walhubannoo ol aanaa irra akka ga’e fi yeroo gabaabaa keessatti milkii dhaan akka ba’u dha. Barruun kanaa olitti kaase ammoo kan mul’isu, ABO gareen lama (SG ABO fi ABO jijjiiramaa) waliigalteerra akka ga’ani fi kana illee akka waliif mallatteesanii dha. Egaa, asirratti wanti naaf hin galle, ABO warri jijjiiramaa QC ABO wajjin erga ibsa baasani fi tokkoomuuf akka deeman erga labsan booda, amma SG ABO wajjin waliigaltee mallatteessuun isaanii: 1) QC ABO wajjin waliigaluun hin danda’amne jechuu dhaa? moo 2) Garee lamaan wajjinuu waliigalan jechuu dha? 3) Yoo gareen lamaan (QC fi Jijjiiramaa) waliigaluu danda’an, QC ABO fi SG ABO ammoo maaltu waliigaltee isaan dhoowwe? 4) Isaanis (QC fi SG) waliin haasa’aa jiru moo waliigaluu hin dandeenye? 5) ABOn jijjiiramaa garee lamaan wajjin waliigaltee uumuu barbaada moo yaada ofii jijjiiree garee tokko filate? Wanti deemaa jiru ifa naaf hin taane.

Karaa lammataa, karaa yaalii manguddootti deebi’uu dhaaf, akka barruun kanaa olitti kaase ibsutti, manguddoonni yaalii araaraa godhaa jiran kun miseensota ABO SG fi ABO jijjiiramaa ti jedha. Asirrattis wanti gaafiilee kaasu waan jiru natti fakkaata. Duraan dursee, waan tokko jechuun barbaada. Akka aadaa Oromootti, akkan beekutti, namoonni yoo waldhaban (wallolan) fi namoota kanas walitti araarsuun yoo barbaadamu, dura manguddoo hundaafuu waltajjii ta’antu filatamu yookaanis ammoo kan namoonni waldhaban sun hunduu filatani fi irratti waliigalantu akka manguddootti dhiyaata. Yoo akkana hin taane, yoo jaarsoliin ykn manguddoonni gara tokko qofaa dhaan dhiyaatan, waltajjii taa’anii walqixxummaa dhaan waayee tokko hubatanii namoota kana walitti araarsuu hin danda’an. Kanaaf, manguddoonni araara tokko buusan, kan hundaafuu waltajjii (neutral) ta’an filatamuu qabu jechuu dha.

ABO garee sadeenis ilaalchisee, akka barruun mul’isutti, QC ABO lakkii manguddoonni kun naafi hin ta’an yoo jedhe, diduun mirga isaa ti. Sababa fudhatamaa yoo qabaate fi dhiyeesse, kan isa dirqisu hin jiru jechuu kooti. Haa ta’u malee, manguddoota sana barbaaduu baateef araara lakkii jechuun irraa hin eegamu. Manguddoo isaaf ta’u fi kan gareen hunduu irratti waliigalan filachuu ni danda’a jedheen yaada. Kun yaada dhuunfaa kiyyaa ti. Waayeen kun iccitii waan hin taaneef, araara kanarratti rakkoon tokko yoo mul’ate illee, ibsa tokko baasuun ni danda’ama; garee fe’ee haa ta’u jechuu kooti. Akka barruun sun mul’isutti, dhuguma manguddoonni kun miseensota garee lamaanii (SG fi Jijjiiramaa) yoo ta’an fi yaaddoon ABOn QC qabu yoo hin hubatamin, akka yaada kiyyaatti yaaliin araara kun, kan hundaafuu ta’u natti hin fakkaatu.

Karaa biraatiin ammoo, wanti dhugaa ta’e tokko yoo jiraate, dhugaa kana gadi baasanii uummata keenyatti himuun barbaachisaa dha; dhugaan dhokatee eessayuu ga’uu waan hin dandeenyeefi. Haa ta’u malee, yeroon wanti tokko ifa ta’ee, itti gadi ba’u ilaalamuu fi hubatamuu qaba. Yeroo ammaa, yeroo uummanni Oromoo araaramuu fi tokkoomuu ABO hawwii fi abdii guddaa dhaan eegaa jirutti, waayee shakkisiisaa fi gaafii keessa galchaa  tokko gadi baasuun gamnummaa miti. Dhugaan hin ba’in jechuu kiyyaa miti; dhugaan beekamuu qaba; rakkooleen jirani illee ifa ta’uu qabu. Garuu yeroo firas ta’ee diinni keenya waayee araaraa fi tokkoomuu ABO kana ija biraatiin ilaalaa fi gurra biraatiin dhaggeeffachaa jiranitti, waan waayee kanarratti rakkoo fidu kaasuun bu’aa nuuf hin fidu jechuu kooti; obsuus nu barbaachisa. Waan hundaafuu yeroon jira.

Ammas barruu’uma kanaa olitti kaasetti deebi’uu dhaaf, akka barruun sun agarsiisutti, waliigalteen garee lamaa (SG fi Jijjiiramaa) kan hoggantoota isaaniitiin mallatteeffame, miseensota isaaniitiin mormiin uumame jedha. Gaafiin ani asirratti kaasu, yoo miseensonni waliigaltee hoggantootaa kana hin fudhanne fi hin deeggarre, akkamitti araarri kun araara fi tokkummaa dhugaa ta’uu danda’a? Otuu waliigaltee hin mallatteessin dura, hoggantoonni maaliif miseensota isaani hin beeksifnne? Ammas araarri fi tokkummaan kun otuu hin ijaaramin kan diigamuuf deemu dhaa? Ammas fottoqina biraa fiduufii? ABO garee shanaffaan uumamuufii? Oromoo, waayeen keenya kun homaa naaf galuu dide!

Wanti sirumaa naaf hin galle tokko, akka barruu sana keessatti ibsametti, gareen sadeenuu sababa rakkoolee isaan jidduutti uumerratti walii hin galan….. jedha. Rakkoon tokko sababni isaa yoo hin beekamne, akkamitti furmaanni argamuufii danda’a? Araara irrattii illee sababni waldhabbii beekamuu qaba; yoo kun hin beekamne, akkamitti araarri bu’uu danda’a? Akka yaada kiyyaatti, sababa tokko malee duraanuu addaanfottoqinni hin uumamu ture. Sababni waliigaltee isaan dhoowwe jiraannanuu addaan fottoqani. Kanaaf, araara dhugaa buusuu dhaaf; deebi’anii tokko ta’uu dhaaf, dura sababoota rakkoolee irratti waliigaluu fi furmaata waliin barbaadanii argachuu qabu jedheen yaada. Yoo kun hin taane, araaramuunuu gaafii keessa gala jechuu dha.

Dhumarratti, dhaamsi ani ABO garee hundaafuu qabu, erga bara 1992 dirqamtanii mootummaa ce’umsaa fi biyya keessaa baatanii jalqabee, uummanni Oromoo ABOn dhufee gabrummaa jalaa nu baasa jedhanii abdii guddaa dhaan isin eegaa turan, ammas jiru; abdii isinirraa hin muranne. Dargaggoonni fi barattoonni Oromoo illee duubatti isin abdatanii, Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) kaasuu dhaan wareegama kaffalaa turan ammas itti jiru. Bakka uummanni keenya hidhamaa, dararamaa, ajjeefamaa jirutti isaan dhaqqabuunuu hafee, waliigaltee uumuu dadhabdanii sirumaa addaan fottoqtanii, hamma har’aatti walitti deebitanii tokkoomuu dadhabuun keessanuu uummata keenya biratti yaaddoo guddaa uumee jira.

Hawwiin uummata keenyaa kan yeroo ammaa, araaramuu fi deebitanii tokko ta’uu keessani dha. Araarri fi tokkoomuun jaarmayaa jaalatamaa kanaa (ABO) yoomi laata? Tokkoomuu danda’u moo hin danda’an? jechaa gaafiilee yaaddoo kaasaa jiru. Gaafiilee kanaaf ammoo daftanii deebii kennuu qabdu. Uummata dhaabbataniif kana gadda keessa hin galchinaa. Kaayyoo tokkorratti waliigalaati, tokkoomuu keessan oduu gammachiisaa dhaan gadi ba’aa. Uummanni keenya tokkoomuu keessan dafee dhaga’uu barbaada malee, sababoota addaan isin fottoqsan beekuun isaaf amma barbaachisaa waan ta’e natti hin fakkaatu. Dhugaa dha, dhukkuba tokkoof sababni yoo hin beekamne, qoricha fayyisu argachuun hin danda’amu. Haa ta’u malee, waan uummata keenyaaf gaarii ta’uu danda’u tokkorratti waliigaluun dirqama ta’uu qaba. Dafaatii waliigalaa, araaramaa, tokko ta’aa. Uummata dhaabbataniif kana gabrummaa jalaa baasaa. 

Galatoomaa.
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *