Oduu Haaraya

Maddi Jabina Diinaa Qabsoo Bilisummaaf Taasifamu Keessatti Wal-duukaa Hiriiruu Dhabuu Keenya Malee Baay’ina Qawwee fi Tika Qabuutii Miti!


Baareentuu Gadaa irraa                                                                           

 

Yeroo baay’ee namoonni tokko tokko beekaniis haa ta’u wallaalan jabina diina Oromoo kaleessaa haga har’aa gabroomfatee jiruu olkaasanii dubbatu. Baay’ina waraana isaanii fi jabinaa tikaa isaanii garmalee dhaadheessanii lafa nagahatti shoroorkaawu.  Bara Minilkis, bara H/sillaasees, bara Dargii fi wayyaanee harr’as karuma walfakkaatun waraanaa fi tika jabaadhan kan of ijaaran ta’utu dubbatama. Keessattuu “Wayyaaneen murna meshaa waraanaa hanga funyaanitti hidhattee dha?!,  Murna humna waraanaa eenyuu sochoosuu hin dandeenya ijaarte dha,!?   Murna tika waan halkan habjootanilleen beekuu danda’u qabduu dha!?, kanaafuu maaltu danda’ee sochoosa!?”jedhaniit hololu.  Holooltoonni kun Jaleewwan wayyaanee yoo tahan; namootni “ nu sabboonoo dha” ofiin jedhan tokko tokkos keessatti argamu!. Yeroo baay’ee “Yoo biyyi akka Ameerikaafaa nama gargaarte malee  wayyaanee dhiibanii kuffisuun hin danda’amu” jedhu. Ofii sodaatanii isa hafees sodaachisuuf, ofii abdii kutatanii isa hafes abdii kutachiisuuf ennaa dhamahan muldhatu! Hanga harr’aa garuu Oromoon holoola kanaan abdii kutatee gaaf tokkoofilleen bittoota Habashaa kaleessaas ta’e wayyaanee harr’aatif “amiin” jedhee bulee hin beeku.

Wayyaaneen humna uummattoota biyyattii keessattuu humna uummata Oromoo caaltun hin qabdu. Qabaachuus hin dandeechu. Waraanas ta’ee tikni wayyaaneen qabdu abbootii irree Itiyoophiyaa bulchaa turanii irree cunqurfamtootaatin kufanirraayis ta’e abbootii irree biyoota biraa kanneen danbalii diddaa uummataatin kufanii fi kufaa jiranirraa adda ta’ee miti. Jabinni waraanaa, baa’inni tikaa, lakkoofsi qawwee wayyaanee kan guddaa fakkaatee muldhatu hanga uummanni gabrummaa jala jiru kan akka Oromoo  bilisummaa isaa gonfachuuf “hooooo!!!!!!” jedhee bahee irra hin garagalletti.

Mootummaan  Wayyaanee/IHDG amma odeeffamaa jiruufis, amma Odeeffatus hin gahu. Keessi ona, keessi duwwaa dha, dhaaba wal nyaatinsi guddaan keessatti deemaa jiruu dha. Keessattuu yeroo ammaa kana mootummaa wal shakkii fi wal sodaadhan guutamee dha. Kanaaf raggaa guddaan wayyaaneen saboota biraarraa amantii dhabuu ishiitiin mootummaa harr’a Impaayera Itiyoophiyaa bulchaa jiru keessatti haangoo murteessaa fi olaanaa dha jette sassaabbatee qabachuu ishiiti. Kun sodaarraa madda. Waraana duraan ture ariitee kan dhalattoonni Tigraayi qofti olaantummaa keessatti qaban bifa haaraan ijaaruuf karoorfattee itti deemaa jiraachuunis ragaa lammataati.  Haangoo waraanaa, tikaa, diingdee fi dantaa alaa  walumaa galatti haangoo biyyattii dhibbantaa 95ni ol dhalattoota Tigraayin akka qabamu godhuun sodaa malee jabinarraa hin maddu! Murna sodaan guutamtee fi jeequmsa keessa jirtu ta’uu kan mirkaneessu ragaan biraa ammoo wal hidhaa, wal hari’aa fi iddoorraa wal jijjiiraa jiraachuu isaaniti. Miseensotni wayyaanee/IHADG garii ammoo kan kumootaan lakkaawwaman miseensummaa paartii gadhiisuuf iyyachuun ragaa wal-jeeqaa jiraachuu isaanii mirkaneessu kan biraati. Mallattoon akkasii ammoo gama kamiinuu mootummaan wayyaanee/IHDG diigamaa jiraachuu malee jabaachaa jiraachuu hin ibsu. Hololtoonni fi jala deemtoonni wayyaanee waan fedhanis jedhan dhugaan jiru motummaan wayyaanee/IHDG muka keessa isaa Urtoon/Riirimni/ fixxee baddaan yeroof calaqqiisuu dha.

Wayyaaneen osoo murna jabaa fi ofitti amantaa qabdu taatee saboota biyyattii dhibbantaa 95ni ol ta’an waan hundarraawuu uggurtee  mootummaa saba tokko qofaan hoogganamu hin ijaartu. Osoo jabina qabaattee bakka deemteetti gaaddidduu ishii shakkaa fi bir’ataa, dhiittaa mirgaa raawwataa hin deemtu. Murna “Harr’a- Bor…… kufinnaa laata?” jettee sodaattu waan taateef saboota biyyattii keessattuu saba Oromoo ukkaamsaa jirti. Murna akkasiitif jabina keennuun ammoo of tuffachuudha, amma gahan of wallaaludha, dukkana kaleessaa keessa jiraachuu dha.

“Wayyaaneen Erga keessi ishee bututaa fi kan hirkattummaan jiraattu ta’ee waggoota 22f akkamittiin Oromoo fi saboota cunqurfamoo biroo dhiitaa jiraatte?” kan jedhu gaaffiin ka’uu danda’a. Gaafii gaafatamuu qabuu;! gaafii hundi keenya of gaafachuu qabnuudhas, Gaafii kanaaf deebii gabaabaa lafa kaa’un ni danda’ama. Innis irree tokkoon gabroonfattoota kaleessaas ta’ee wayyaanee harr’aa irratti ka’uu dhabuu keenya! kan jedhuu dha. Tokkoon tokkoon keenya murna kana kuffisuu keessatti waan gumaachuu dandeenyu gumaachuu dhabuu keenya kan jedhuu dha.

Oromoon baha Afrikaatti uummata guddaa tahuun irra deddeebi’amee firaanis halagaanis dubbatameera. Gaafiin garuu amma guddina keenyaa bilisummaa keenyaaf qabsaawaa jiraayii ? kan jedhuu dha. Waan dandeenyuun qabsoo bilisummaa Oromoof godhamu keessatti hangam hirmaanne? kan jedhuu dha.  Diinni maal godhaa jira ? nuti hoo warri bilisummaa Oromootif qabsoofna jennu kufaatii diinaarratti hojjechaa jirrammoo waan diina fayyadu hojjechaa jirra? kan jedhuu dha.  Sana booda jabina diinaatii fi jabina lammii madaaluun ni danda’ama.

Dhugaa yoo dubbanne  biyya keessatti dhalataa Oromoo tahee isa qawwee diinni Oromoo ittiin ajjeesu sababa adda addaatin baatu fi isa lammii basaasuurraa kaasee hanga namoota biyya alaatti faallaa  qabsoo bilisummaa Oromoo hojjataniitti yoo kaafnee ilaalle  kan diinni nurratti dalagurra kan ofii ofirrati dalagnuu fi dalagnetu caala. Ennaa inni tokko bilisummaa Oromootif lubbuu isaa dabalatee waan hundaan of kennee funduratti deemu inni biraa ennaa faallaa qabsoo bilisummaa Oromoo deemu muldhata. Humna, qabeenyaa fi beekumsa isaa kan bilisummaa Oromootif ooluu danda’u gita isaarratti ittiin holooluuf oolcha. Walitti dhufanii mari’atanii bilisummaa Oromootiif karaa qabsoon calqabame finiinu itti dand’u akeekurra gufuu wal jala kaa’uutu filatama. Kun ammoo karaa fedheenuu hojii diinaatii gadii miti. Oromoon har’as, kaleessas kana hin barbaadu. Deemsii akkasii akka murni wayyaanee bicuun caalaatti Oromoorratti roorriftu, akka humnaa fi dandeettii ishiitin ala maqaa argattu taasiseera. Humriin sirna murna tanaa dheerachuunis asirraa burqa. Maddi holoola jabina ishiitiis kanuma malee meeshaa waraanaa fi tikkaa adduunyaa biraarra adda ta’ee fi hin jirre qabaattetii miti. Qaawwa kana cuufanii bilisummaa ofii gonfachuun ammoo kan nama “Ani Bilisummaa Oromootifan qabsawwa!” jedhu maraati.

Kan jedhamaa jiruus ta’ee kan uummanni Oromoo barbaadu ilmaan isaa diinarratti qiyyaafattee akka Yeyyiis diina bitaa mirgaan weerartee akka irraa kufiftuu dha. Akka bilisa isa baaftu dha. Kan ummanni Oromoo jedhu, kan ta’uu qabus eennaa inni tokko fuunduratti deemu inni kuun faallaa qabsoo bilisummaa Oromoo duubatti deemuu haa dhaabudha! Wal faalleessuun, wal diiguu fi walirratti holooluun dhaabbachuu qabaa dha! Xiqqaa guddaan keenya diinarratti qiyyaafachuu qabnaa dha! Tokko taanee daandii bilsummaatti nama geessuu haa gabaabsiinuu dha. Kan ta’uu qabus kanuma!

Yoos umriin diinaa gabaabbata,Yoos Oromoon dheebuu bilisummaasaa baha.  Yoos Jabinni wayyaanee sobaan tuulame, meeshaan waraanaa fi tikni garmalee dhaadheeffamuuf akka fixeensa ganamaa baqee bada.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …