Oduu Haaraya

MANDAROOTA FI MAGAALAAWWAN OROMIYAA – OROMIAN TOWNS AND CITIES: Kutaa Jahaffaa

                                                                                      Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffa kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, baga nagaa fi nageenyaan naaf turtanii kutaa shanaffaa kana duukaa-buu’uuf dhuftani! Akkuma isin amma gara mandhee tanaa dhuftan mee nagaa fi nageenyi, bilisummaa fi walabummaan Oromiyaa taanyaaf haa dhufu!
Kunoo, erga mandaroota fi magaalaawwan Oromiyaa Finfinnee irraa hamma Amboo fi dabrees hamma Baakkootti argman tokko tokkoon daawwannee, Oromiyaa jiituu fi miidhagduu tana ilaaluun itti-gammannee, boodas gara qeyee keenyatti deebinee bubbullee jirra. Mee ammammoo wanneen karaaf nu barbaachisan hunda qoppheeffachuu fi harkatti qabachuun Fiche dhaquuf, gara Salaaleetti haa qajeellu! Karaa kanaan Oromiyaa dachee abbaa gadaa fi qeyee haadha siiqqee hamma Laga Abbayyaatti ilaaluuf deemna jechaa dha. Waan hundaafuu, mee dursinee naannoo Birbirsaaatti (“Piyaasaatti“) walarginee randa Gooroo Sulultaa olbawuun Shaggar keenya, shaggaa keenya kana of-duuba haa mildhannu! Bakka amma dhaabanne kana irraa gara harka-bitaatti xiqqoo shii yoo deemneInxooxxoo geenya. Minilik koloneeffataa fi abbaan garbaa erga Oromiyaa keessaa isa karaa kanaan jiru, qabatee magaalmataa (“capital city“) kolonii isaa bakka Inxooxxoo jedhamu kanatti hundeeffate. Oggaa sana baddaan Gooroo Sulultaa (M 3292) kun bosonaan kan daran jifaarame ture. Otoo waggaalee kundhanillee hin guutiin Habashoonni Oromoon warra “bulguu makkeenii” jidhuun kun caakkaa gobbuu sana ciranii fixani. Booda waan bobeeffatan dhabnaan asirraa gara Finfinneetti gadi-bu’uun magaalmataa kolonii bu’ureeffatani.
Raajii Waaqaa waggaalee 20 booda bosonni Shaggar guddichaa nyaatamuun: birbirsi, gaattiraan, ejersi, heexoon, qilxuun, harbuun, odaan, somboon, makkanniifni, laaftoon, barooddoon, waddeessi, leemmannii fi qamaxxeen faa meeqaa meeqa lakkoofnee dandeenyaa mitii ciramanii barbadaawuun waan dhumaniif, “bulguuwwan mukkeenii” kun hammas waan bobeeffatan dhabani. Amma Minilik bakka caakkaan Oromoo gobbuun jiru, barbaaduun magaalmataa impaayera isaa Finfinnee irraa gara Ejeree-tti dabarsuuf ka’e. Faranjoonni Oroppaa kanneen waraana irrattis, dagabaafannaa irrattis isa gorsaa turan harkatti didani. Keessumaa namtichi lammii Biyya Iswiis, kan “Alfred Ilg” jedhamu cimsee harkatti diduun, waayee qoraan isaanitiif mala tokko Minilik muka-nyaataa fi nama-gorra’aa san gorse.Baargamoo Biyya Awustiraaliyaa irraa fichisiisuun akka naannoo Shaggaritti heddumminaan dhaabamu gochisiise. Egaa, dhufaatii baargamoo kanatu mukkeen Oromiyaa guutuu qarriffoo bulguu mukkeenii irraa hanga tokko oolche jechaa dha. Otoo tahuu baatee: Shaggar irraa Ejeree, erga achiiyyis mukni dhumee booda: Ambo, Naqamte, Gimbii, Dambi Doolloo, Goree, Jimma, Waliso, Shaashamannee, Adoolaa, Nageellee Booranaa, Gobba, Ciroo, Harar faa deemuun borbadeessuu isaa kana itti-fufaayyu jechaa dha. Oromoon: “lafti miilli Sidaamaa irra ijjate midhaan hin magarsu” kan jedhu sun waan baay’ee nutti hima.
Mee amma dubbii seenaa irraa gara dubbii biyya daawwannaatti deebiyuun Shaggar guddicha haa ilaallu! Kuunnoo, karaa fuula Bishooftuu-tiin gaarri guddichi isinitti muldhatu sun Gaara Ereri. Isa irraa gara harka-bitaatti Qubanni Xayyaaraa, Booleen isinitti muldhata. Isa irraa hammas garuma haraka bitaatiin Qallittii argitu. Kunoo, Oromoonni kuma hedduun kakkaawaman achitti hidhamuun dararamaa jiru. Akkuma jeneraalli warra Wayyaanee jedhe sana: “manneen hidhaa Toopphiyaa Afaan Oromoo dubbatu.” Hammas Qaallittii irraa gara haraka bitaatiin bishaan ciisee calalaquun isintti muldhatu sun,Haroo Aqaaqii ti. Warri nafxanyaa kanas kiristinnaa kaasuun “Abbaa Saamu’eel” jedhuuni. Tulluun dheeraan isatti aanee jiru sun Tulluu Furii ti. Isa irraa immoo gaarri hurriin marfamee garaa waaqaatti ijaajjuun, karaa fuula Walisootiin isinitti muldhatu kun immoo Gaara Hococaa-ti.
QAAMADUBBII
Amma erga Finfinnee finna Oromoo kana ammana daawwannee, karaaa irraa gorre sanatti deebiyuun bakka kaaneef sanatti haa qajeellu! Magaalattii tun Sululta (1) jedhamti. Kana malee, Sululti maqaa naannoo kanaatisi. Sultulti akkuma maqaa isa Salaale, Darraa jedhamuu faa maqaa gosa Oromoo otoo hin taane, maqaa naannoo Biyya Oromoo ti. Gosni Oromoo inni naannoo Sulultaa qubatee jiru, Muloojedhama. Inni ilmaan ilmaan Sadeen Tuulamaa keessaa isa tokko. Ilmi Oromoo kan Abbabaa Biqilaa faa dursuun dhalawwan Oromoo akka miila isaanii qaqallayyoo saniin fiiguu mitii bararanii sadarkaa addunyaatti Toopphiyaa jaraa beeksisaniif kan fakkeenya cimaa tahe, nama naannoo Sulultaa kanaa ti. Waamii Birraatuu jedhama. Goonni Oromoo kan bara Xaaliyaanii fi bara Waldaa Maccaa-Tuulamaa, Mokonnin Wasanuus naannoo kana irraayyi.Magaalattiin mandara Sulultaatti aantee nutti dhuftu tun immoo Caancoo (2) jedhamti. Mandara Caaccoo fi mandara Dubar (3) jidduutti lagni ceenu kun LagaMogori. Lagni Mogor guddichi sun waan naannoo kana irraa Gara Gorfoo jalaa madduuf asitti laga xiqqaa waayii fakkaata. Booda laggeen baddaa Sulultaa, baddaa Salaalee fi baddaa Meettaa irraa itti yaa’aniin gabbatee laga Mogar faarfamaa fi jaalatamaa san taha. Lagni Mogor itti-yaatuu laga Abbayyaa ti. Abbayyaan laggeen baddaa Oromiyaa irraa itti-yaa’aniiniin of-gabbisee laga guddaa laga caalu tahe. Laggeen Oromiyaa isatti yaa’an keessaa waa maqaa dhawuuf: Wancaa, Jamaa, Mogor, Gudar, Fincaawaa, Dhiddheessa, Daabbus fayi.
Kuunnoo, gaarri guddichi karaa fuula Wallootiin isinitti muldhatu sun Gaara Gorfoo jedhama. Maqaatu walitti dhufeefi malee, inni kun Gara Gorfoo isa magaalaa Gudar cinaa jiru sana akka hin taane, waan ifa jiru. Gaara Gorfoo kana dabartanii Oromiyaa Waltajjii keessatti naannoo hedduu faarfamu, Jidda agartu. Isaan duubni immoo naannoo Abbichuu ti. Abbichuun duubni naannoo Oromoo Jirruu ti. Abbichuu fi Jirruun ilmaan ilmaan Jiddaa keessatti ramadamu. Jiddi immoo ilmaan Galaan keessa isa hangafa. Galaan hangafa ilmaan Daaccii Tuulamaa ti. Gosoolii fardeen Oromoo keessaa inni sonaan jaalatamu sun farda Jiddaa jedhama. Naannoo Jiddaa fi Abbichuu kanatti namni akkuma Oromoonni Arsii keenyaa loon kuma hedduu goodaa Gadabitti horsiisan sana namni fardeen dhibba meeqaa meeqa horsiisa. Fakkeenyaaf, biyya Torban Kuttaayee keessaa naannoo: Maatii, Warqaa fi Xuqur, biyya Afran Walisoo keessaa: Dandi, Qaqaldhiin, Daawo fi Maaruun faa fardeen horsiisuun hedduu beekamu. Ammoo, namnoonni Kuttaayee fi Walisoo farda Jiddaa, farda farda caalu san bitachuuf namni kooraa qabatee konkolaataan Shaggar bayee, booda Jidda dhaqee farda bitatee yaabbatee gala. Dur hawwii fi abbaltii ilma Orommo isa cimaa keessaa inni hangafni farda Jiddaa bitachuu dha ture.
Amma kunoo otuma haasofnu Fiche dhaqqaabuufi. Gaara guddichi karaa fuuldura keenyatiin nutti muldhatu sana agartuu? Inni Gaara Dagami. Gaarreen lamatu naannoo Salaalee kanatti hedduu beekama. Dagamii fi Salaale. Gaara Salaale jedhamu kana irraayyi maqaan naannoo biyyaa kan Salaale jedhamuu kun madde. Salaale namni isaas, lafni isaas, fardi isaas daran jaalatamaa fi faarfamaa dha. Namni Salaales, lafti Salaales akkuma nama Baalee fi lafa Baalee nafxanyoota Habashaa humna qawweetiin biyya keenya qabataniif gadi-jedhee hin beeku. Ani gurbaa xiqqaa tahee, abbaan kiyya:”namni Salaale naannoo Bachoo fi Walisootti agartan kun nama nafxanyaa isatti roorrise gombisuun biyya ofiitii baye“, jedheetoo oggaa dubbatun dhagaya ture. Oromoon Salaalee otoo nafxanyaa isatti baace san hin gombisin dursee walaloo Salaalee beekamaa saniin sirba baasa. Kana Oromoo dhiisii Amaarruu waan beekuuf: “fiiyyal ka-qazzana, Salaalee ka-zaffana, mammalashaa yellawum” jedha. “Re’een albaanan, Salaale- mmoo sirbinaan deebii hin qabu” jechaa dha. Akkuma re’een albaate sun du’uu irraa hin oolle, Oromtichi Salaalee miidhamee, miiddhaa isaa sirbaan himate sun otoo bakka garaa isaatiin hin gayin duubatti hin deebiyu. Sirboonni Oromoonni Salaalee waayee kanaa irratti sirban otoo walitti qabamuun akka barrootti bayanii kitaabban hedduu tahu.
Mee sirboota akkanaa keessaan tokko isaa qofa as irratti isiniif kaasa. Sirba kun “Yaa Mootummaa gurraacha Turaa” kan jedhamu. Mootummaa Turaa kun nama beekame, jechuun nama jiraate moo nama Oromoon barreessumsa (“literature“) ofiitiif jecha uummate kan jedhu Oromoota jedduutti irratti haasawamaa ture. “Oromoon nama kana ofumaan uummachuun barreessumsa kana kurfeessuun isaa irra-caalayyuu Oromoon akka raajeffamu kan isa taasisu“, beektonni jedhan jiru. Sirba kana Mootummaa fi haadha isaatu wal-harkaa fuudhuun sirba. Akka sirba kanaatti Mootummaa Turaa nama nafxanyaa isatti roorrise gombisee Humma Mogor seenee, booda loltoota mootummaa Habashaatiin adamfamee qabamuun mana hidhaa jaraa kana hammeenyaan hedduu beekame sana, “Alambaqqaa” keessatti hidhame.
                    “Yaa Mootummaa gurraacha Turaa

                    Alambaqqaa buutee na duraa
Alambaqqaa buutee na duraa?
                    Maalan balleeche yaa ilmakoo
Ilmakoo yaa tokkichakoo 
                    Farda jennaan bulloon sii bitee
Qawwee jennaan beeljoon sii bitee
Lafa jennaan kurmaanan bitee
                    Niitii jennaan magalan fidee    
                    Maalan balleeche yaa Mootummaa
                    Yaa Mootummaa gurraacha Turaa
                    Alambaqqaa buutee na duraa!
                    “Maalan balleeche yaa haadhatoo
                    Haayyilee, yaa lubbuutoo
                    Farda binnaan ganyaa lagaati jedhanii
                    Niitii finnaan jalee jaraati jedhanii
                    Qawwee binnaan inni ittiin beeku jedhanii
                    Lafa binnaan ilma qottuuti jedhanii
                    Ana garaan na daddhabee
                    Xiiqiin abbootiis na qabee
                    Gombiseen bu’e Mogorii
                    Na qabankaa akka gogorrii
Maalan balleeche yaa haadhatoo
                    Yaa haadhatoo, yaa lubbuutoo!
Ee, sirbi seena-qabeessichi kun seenaa nama tokkoo, kan Mootummaa Turaa callaa, seenaa uummata naannoo tokkoo, kan Salaalee callaa kan nutti himuu miti. Kun seenaa Oromoota kitila heedduun lakkaawamanii fi seenaa Oromiyaa guutuu harqoota gabrummaa Habashaa jalatti kuftee kan nutti himu. Hubaddhaa, wasiilli Minilik, Raas Daargeen inni Aannoleetti harma-muraa fi harka-muraa adeemsise sun kan dursee humna meeshaa waraanatiin cabesee qabachuun masaraa isaa itti-ijaarrate handhuura Salaalee, mandara Fichee keessattii! Nafxanyoonni otoo dhiiga Oromoota Arsii hin xuuxxatin, otoo lafee Oromoota Arsii hin halakfatin dursanii dhiiga fi lafee Oromoota Tuulamaa akka dhamdhamatan seenaan Oromoo balaqqeessee nutti agarsiisa.
Kunoo otoo seenaa Oromoo keessaa hamma tokko walitti himaa deemnuu manda Muka Xurii (4) dhaqqabnee jirra. Amma farsoo garbuu baddaa Salaalee habbuuqqachaa, sirba Salaalee kan dhaggeeffatamee hin nuffamne kana dhaggeeffachaa asumatti haara-baafanna. Bullees boru ganamaan karaa keenya qabanna!
                                                                                     Itti-fufa!

==============   //   =============

Barreeffata kana kutaalee dabran ilaaluuf mee as tuqaa:

1) Kutaa Duraa
2) Kutaa Lammaffaa
3) Kutaa Sadaffaa
4) Kutaa Afraffaa
5) Kutaa Shanaffaa

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Kitaaba Raammisoo sagaleen..

Warra RAAMMISOO dubbisuuf dharraataniif hamma kitaabichaan walitti baatanuu, waraabbii sagalee kutaa 1-rraa hamma 7-aa, heera …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *