Oduu Haaraya

MANDAROOTA FI MAGAALAAWWAN OROMIYAA – OROMIAN TOWNS AND CITIES: Kutaa Saddeettaffaa

                                                                                      Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffa kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, baga nagaa fi nageenyaan naaf turtanii kutaa saddeettaffaa kana duukaa-buu’uuf dhuftani! Akkuma isin amma gara mandhee tanaa dhuftan mee nagaa fi nageenyi, bilisummaa fi walabummaan Oromiyaa teenyaaf haa dhufu!*
Kunoo, erga Salaale irraa gara dira (“metropolis“) Finfinnee-tti deebinee bubbullee jirra. Akkuman bilbiltoo-dhaan (telefoonaan) isinitti hime san Kotobee, karra Kolleejii Barsiisotaa fuulduratti wal-geenyeen jirra. Amma wajjumaan gara magaalaa Shanootti qajeella! Magaalaan Shanoo inni amma nuti dhaquuf deemnu kun magaalaa Shanoo isa naannoo Abbichuu Galaanitti argamu malee, isa naannoo Meettaa Roobiitt argamuu akka hin taane, ni beektu. Waan hundaafuu mee dubbii wayii bakkuma amma jirru irraa haa jalqabnuu: “Kotobee”  jechuun Afaan Oromootiin maal jechuu akka tahe yaadattuu-laa? “Kotobee“-n jecha “kotoba” jedhamu irraayyi madde. “Kotoba” jechuun “biyyee diimaa” jechuu dha. “Kotobee” jechuun immoo “lafa biyyee diimaa” isa jedhu kan ibsu.
Kunoo, otuma kana walitti himaa deemnuu magaalaa Shaggar irraa bayaa jirra. AmmaKaarra Halloo geenyee jirra. Karaa kanaan daangaan magaalmataa (“capital city“) Oromiyaa, jechuun kan Finfinnee, Kaara Halloo kana. “Kaarra” jechuun lafa diriiraa tulluuwwan yookaan gaarran lama jidduutti argamu. Isa Afaan Ingiliziitiin “mountain pass” jedhamu sani. Kaarra Halloo irraa gara fuula Bishooftuu-tiin gaara guddicha Erer agartu. Gara fuula Salaaletiin immoo gooroo (“mountain range“) Eekkaa agartu. Kunoo, amma randa Kaarra Halloo gadi-bu’uun mandara Laga Xaafoo (1) isa laga “Xaafoo” jedhamu irratti hundeeffame geenyeerra. Magaalattiin ishiin nu fuunduraan muldhattu tun immoo Laga Daadhii (2) jedhamti. Karaa isa as irraa gara fuula bahaatti qajeelu kanatu, hiida (“damm“) Laga Daadhii isa Shaggar guutuu dheebuu baasaa jiruu nama geessa. Lagni Xaafoo Laga Daadhiitti yaa’a. Lagni Daadhii kun immoo laga Qabbanaatti, lagni Qabbanaa laga Awaashitti yaa’a. Yoo kan feetan taye gara hiida Laga Daadhiitti gorree, daadhii keessayyuu isa booka kan hamma Shanootti dhugaa deemnu gomboo keenyatti waraabbachuu dandeenya!
QAAMADUBBII
Kunoo otoodhuma biyya abbaa keenyaa bareedaa kana daawwachaa deemnu, Finfinnee irraa wantee (kiilomeetira) 30 fagaachuun magaalaa Sandaafa-a (3) dhaqqabnee jirra. Magaalaan kun bara Hayila-Sillaasee waan Kolleejiin Foolisii asitti ijaarameef, kanaan beekamaa dhufe. Hardha immoo basaaftota warra Wayyaanee isaan gandeen Oromiyaa mara labanii galuun uummata keenya basaasantu asitti leenjifamee baya. Keettoowwan warra Habashaa kun isaan duriis tahee isaan ammaa summii Oromummaa ti. Isaantu Oromummaa keenya summeessaa Toopphiyummaa warra Habashaa nutti biifa jechaa dha. Oromoo Tuulamaa keessaa gosni naannoo kana jiru, Eekkaa kan jedhamu. Dur Eekkaan laga Qabbanaa isa Shaggar keessaa irraa ka’uun as dhaqqabaayyu. Uummata Oromoo Eekkaa isa Shaggar keessaa warri abbaa-buqqisaa akkuma Oromoota Gullallee waan buqqisaniif, inni amma Kaarra Halloo irraa ka’uun, Laga Xaafoo, Lagaa Daadhii fi Sandaafa irraan qaariyuun hamma magaalaa Bakkee faatti jira. Egaa, nafxanyyooni Habashaa: Aannoleetti, Calanqootti, Darraa fi Gullallee faatti uummata Oromoo hamma dandayaan fixanillee, Oromoon: Arsiis, Afran Qalloos, Darraanis, Eekkaanis,Gullalleen faas mararfannoo Waaqatiin hafanii hardhas numa jiru. Garuu, Oromoonni Gullallee, Eekkaa fi Galaan faa isaan mararfannoo Waaqatiin lafarraa-duguuggaa Minilik naazichaa irraa hafan, amma waraana warra Wayyaanee-tiin gaadamanii buqqifamaa jiru. Eekaa, seenaan Oromoo inni imimmaanii fi dhiiga uummata Oromootiin faalamaa waggaalee 140 keessa kutee as gaye kun, kunoo ammas ijjeen teenya fi ijjeen Dhaloota Qubee duratti ittuma fufee jira. Kan itti-fufiinsi kun dhaabatu irree saba Oromoo waltahuun akka sibiilaatti jabaatee, harqoota gabrummaa ofirraa darbatee caccabsuun qofa!
Magaalaan amma seenaa jirru kun Bakkee (4) kan jedhamuu fi kan wiirtuu Finfinnee, Birbirsa (“Piyaassaa“) irraa wantee 45 fagaatee argamu. Waan “oduun” Oromiyaa fi Oromummaa kun nu daddhabsiiseef, mee gorree haara haa galfannu! Naannoo kun biyya lagni isaayyuu “dhaadhii” jedhamuu, mee isa haa ajajannu! Sa’aa tokkoo fi walakkaa booda akka asii ka’uun nu irra jiru, mee ammuman gurra isin buusa.
Daadhiin Bakkee kan naannoo biyya Laga daadhii kun akkam ture-ree? Kunoo amma magaalaa Bakkee kana irraa gara wantee 10 gara fuula Wallootti deemuun daangaa Oromoo Eekkaa fi Oromoo Abbichuu, isa karaa kanaan Abbichuu Galaan jedhamuu dhaqqabneeti jirra. Magaalattiin xiqqashoo amma seenaa jirru tun Addallaa (5) jedhamti. Ilaa, ufrufni sonaan baldhaan ijji namaa ilaalee fixuu hin dandeenye kunSagalee jedhama. Urufni Sagalee kun karaa fuula Salaaletiin naannoo Oromoo Jiddaatiin daangeffama. Naannoo kanatti gosolii Oromoo kanneen qaama Oromoo Tuulamaa tahan daran beekamoo: Galaan, Jidda, Abbichuu fi Jirruu-tu jiru. Seenaa Oromoo fi seenaa Toopphiyaa keessatti waayee Duula Sagalee jedhamuu ni yaadattu. Urufa sagalee amma akka ennaa sanaa sangaa fardaa Oromootinii mitii, konkolaataa Faranjiitiin keessa gulufaa jirtan kana irratti kan Duulli Sagalee sun adeemsifame. Waraanni kun waraana Oromoota Walloo fi Habashoota jidduutti adeemsifame ture. “Mee massaa ka’umsa waraana kanaa nutti himi“, jechuun keessan waan hin oolleef kanaa gaditti gabaabinaan isinii dhiyeeffama.
Waraanni Oromoo Walloo ollachiisaan, inni bara dheeraa waraana Habashaa ofirraa deebisaa ture sun, humna qawwee Faranjiitiin bara 1873 keessa Minilikiin moyame. Oromoota Walloo kanneen oggaa san Muslimoota yookaan Waaqeffatoota turan, afaan qawwee itti-qabamuun Kiristinnaa kaafamani. Abbootii biyyaa isaanii keessaa tokko kan ture Amir Mohaamadi. Dirqiin cuubamee maqaan Kiristinaa kan “Mikaa’el” jedhamu itti-maxxanfame. Giddiidhaan akka intala Minilik fuudhu taasifame. Fuudhaa fi heeruma akkanaa irraayyi Iyyaasuun, inni jaalala uummataatiin “Abbaa Xeenaa” jedhamu dhalate. Minilik kun waan ilma biraa hin qabneef, Iyyaasuun akka isa dhaalee mootomuuf dhaamsa-du’aa barreessisee, qondaaltota isaa kakaachisee du’e. Iyaasuun nam-jaalataa fi kan nama sanyii fi amantiin addaan hin qoonne waan taheef, haala Toopphiyaa ijaan argee, gurraan dhagyee qalbeeffachuuf Oromiyaa fi biyyoota Kibbaa keessa hedduu deddeeme. Hacuuccaa fi roorroo nafxanyoonni Habashaa fi mootummaan isaanii uummatoota Oromoo, Walaayitaa, Kafichoo, Hadiyyaa, Sidaamaa fi Somaalee faa irratti adeemsisan daran qalbeeffate. Fakkeenyaaf yommuu Harargee daawwate, magaalaa Dirree Dhawaatti qondaaltota mootummaa Toopphiyaa kanneen ennaa sana dhibbaa-dhibbatti Habashoota turan buqqisuun Oromoota fi Somaalota bakka isaanii buuse. Nafxanyoota abbootii-lafaa tahuun uummata Oromoo irraa hoomishaa fi gibira guurratan, ammoo kanneen gibira wayiituu mootummaaf hin galchine faa gibira akka baasan godhe. Kunii fi kanneen biroo “inni islaamome” jechuun nafxanyoonni olola hamaa akka isa irratti hoofan taasise. Booda warri Amaaraa isa mootumaa irraa buqqisuun intala Minilik tan Zawudituu jedhamtu mootuu taasisuun, booda immoo akka Tafarii Mokonniin (Hayila-Sillaaseen) mootii tahu godhani.
Mootichi Oromoo Walloo Raas Mikaa’el ilmi isaa, Iyyaasuu Abbaa Xeenaa seera malee, dabaa fi gidiraadhaan mootummaa irraa hariyamuu isaa kana waan hin fudhanneef, isa aangoottti deebisuuf, waraana fardeen Oromoo kumaa hedduun lakkaawamuun marfamee gara Shaggar dhufuuf ka’e. Warri Habashaa meeshaa waraanaa isa ammayyaa kan duraan qaban irratti, karaaa Jabuutii fichisiisuun funyaanii hanga miilaatti hidhatanii dura gorani. Dubbiin dubbii qawwee taatee booda waraanni Oromoo Walloo, kunoo bakka amma jirru Urufa Sagalee kanatti moyame. Miseensonni gita-bittee Habashaa kanneen dubbiin namummaa fi haqni ilmoo namaa cophni isaallee waa keessatti hin argamne, mooticha Oromoo Walloo kana harka isaa sansalataan hiisisanii mataatti dhagaa fe’anii magaalaa Shaggar keessa deemsisani.
Kunoo, otoodhuma seenaa Oromoo keessaa waa walitti himaa deemnuu, magaalaaShanoo (6) isa Finfinnee irraa wantee 70 fagaatu geenyee jirra. Amma siree qabachuun asuma bulla jechaa dha. Faaraan rafaatii daddhabbii ofirraa calaasaa! Boru waaree keessa (naannoo sa’aa afurii) akka asii kaanu, mee hin irraanfatinaa!
                                    **********    //    **********
*Hubachiisa: barreeffama kana kutaa torbaffaa keessatti maqaan magaalaa takkaa dogoggoraan kaayamee ture. Isa kana obboleessi keenya, Dr. T. Bosonaa waan na yaadachiiseef, mee kunoo akkuma inni jedhetti sirreeffamee haa dubbifamu. Obboleessa kiyya kanas asuma irrattin maqaa keessaniin galteeffaddha! Nafxanyoonni Amaaraa isaan humna meeshaa waraanaa kan humnoota Oroppaa irraa argataniin saba keenya cabsanii, biyya keenya qabatan namaa-lafa keenya maraa kiristinnaa kaasaa turani. Akkuma Amboon, “Hagara Hiyiwoot“, Bishooftuun “Dabara Zayit“, Walisoon “Giyoon“, Ciroon “Asaba Tafarii” jedhan san Qarree Goohaa kanas “Goohaa Tsiyoon” jedhanii kiristinnaa kaasani. Namaa fi lafa Oromoo bira dabraniituu bineensa daggalaatuu, “gadamsa baddaa” Baaletiin “Yaminilik dikkulaa” jechuun kiristinnaa kaasani. Abbaan Kiristinnaa gadamsa kana kun eenyu-laa? Raas Daargee moo Raas Azbixee dha laata!
Dr. T. Bosonaa kunoo akkana jedha: “Magaalaa Qarree-Goohaa kana booda ”Gohaa-Tsiyoon”jedhanii moggaasani. Oromoon naannawa sanii garuu, hanga har’aattuu Qarree-Goohaa jedheet waama. — Qarree-Goohaa kan jedhamteef magaalaan tun baddaa (high land) irraa gara gammoojjii gombisaa laga Abbayyaa yeroo seenan qarree (end of high land) gubbaatti waan argamtuufi. Qarree kana gubbaa irraa yeroo sagalee gadhiisan gammoojjitti gadi gigimsa. Kanaaf ’Goohaa’n itti dabalamee Qarree-Goohaa jedhamte, jedhu manguddoonni naannoo sanii.
                                                                                       Itti-fufa —!
                                    ==============   //   =============

Barreeffata kana kutaalee dabran ilaaluuf mee as tuqaa:

1) Kutaa Duraa
2) Kutaa Lammaffaa
3) Kutaa Sadaffaa
4) Kutaa Afraffaa
5) Kutaa Shanaffaa
6) Kutaa Jahaffaa
** Mee Taammanaa Bitimaa: MAQAALEE KIRISTINNAA LAFA OROMOO: gadaa.com ,  ilaalaa!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Kitaaba Raammisoo sagaleen..

Warra RAAMMISOO dubbisuuf dharraataniif hamma kitaabichaan walitti baatanuu, waraabbii sagalee kutaa 1-rraa hamma 7-aa, heera …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *