Oduu Haaraya

MANDAROOTA FI MAGAALAAWWAN OROMIYAA – OROMIAN TOWNS AND CITIES: Kutaa Saglaffaa  

                                                                                      Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffa kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, baga nagaa fi nageenyaan naaf turtanii kutaa saddeettaffaa kana duukaa-buu’uuf dhuftani! Akkuma isin amma gara mandhee tanaa dhuftan mee nagaa fi nageenyi, bilisummaa fi walabummaan Oromiyaa teenyaaf haa dhufu!
Kunoo, amma magaalaa Shanoo irraa ka’uun gara mandara Caacaa (1) fi laga Barreessaatti qajeella! Magaalattiin Caacaa tun Laga Caacaa irratti waan hundeeffamteef maqaa kana fudhatte. Lagni Caacaa jalliyaan (itti-yaatuu) Laga Barreessaati. Lagni Barreessaa immoo itti-yaatuu Laga Awaashii guddichaati. Amma mandara Caacaa keessa kunnee Laga Barreessaa isa karaa kanaan daangaa Oromiyaa fi Biyya Amaaraa irratti argamu geenyee jirra. Biyyi Amaaraa inni karaa kanaan jiru Manjii jedhama.
QAAMADUBBII
Magaalaan karaa fuuldara keennyaa argitan kun magaalaa warra Amaaraa isa Dabra-Biraan jedhamu. Innis karaa lixaatiin Laga Barreessaa tuqa. Oromoon Afran Abbichuuinni waggaalee dhibba baay’ee waraana Habashaa ofirraa faccisaa ture sun, laga kana irraa ka’eeti urufaa fi dirree baldhaa keessa qaxxaamuruun naannoo Oromoo Jiddaatti ijjata. Erga waraanni Oromoo Abbichuu ollachiisaan sun bara 1868 keessa Minilikiin moyamee asiiyyi, Habashoonni naannolee fi gosoolii Oromoo tokko tokkoon moyanii gabroomfachuu kan dandayani. Dur naannoo Oromiyaa Waltajji kanatti: “Galaan oggaa torba Abbichuu moye. Abbichuun-immoo  oggaa kudhatorba Sidaama moye” jedhamaayyu. Dabalees: “dur gooroo koranii yaa Abbichuu, yaa Abbichuu jedhanii yoo yaaman, Sidaamni waree baqachuun hallayyaa-saatti oldacha’a ture.” Kunoo, Abbichuu fi Galaan faa ollachiisoo sanitu humna meeshaa Oroppaatiin moyamanii hanga hardhaattuu harqoota gabrummaa Habashaa jalatti argamu.
Magaalaa Shanoo irraa ka’uun karaa isa gara Caacaa nama geessuu mitii, isa gara harka bitaa yoo qabattan: magaalaawwan Mandiidaa (7) Dannaba (8) keessa baatanii magaalaa Ennawaaree (9) dhaqqabdu. Eekkaa, naannoo Oromoo Abbichuu keessa kuttaniiti naannoo Oromoo Jirruu geessu jechaa dha. Jaato, gandi Abbabaa Biqilaa itti-dhalate, magaalaa Mandiidaa kana irraa wantee (kiilomeetira) 25 qofa fagaatee argama. Abbabaa Biqilaa fiigicha maraatonii-tiin namoota Afrikaa hunda dursuun kan moyate ture. Akkanuma dubartoota Afrikaa irraayyis tan dursitee moote, Oromitittii Faaxumaa Roobaa akka taate ni yaadattu. Dhalawwan Oromoo dhiiraa-dubartiin fiigichaan akka qilleensaatti bararanii moyachuun Toopphiyaa jaraa kan beeksisanii fi ammallee beeksisaatuma kan jiru.
As irratti ergan maqaa Abbabaa Biqilaa kaasee, maqaa jagnicha Oromoo Hayila-Maaram Gamadaa otoo hin kaasin dabrun waan tahuu miti. Inni dhalootaan nama Oromoo Jiddaa-ti. Ijaarsa Oromoo kan hunda dursee Oromoota Oromiyaa guutuu irraa walitti qabuun waldaa seena-qabeessicha: Waldaa Maccaa-Tuulamaa hundeessan keessa isa hangafa. Inni dararama mootummaan Hayila-Sillaasee mana  hidhaatti irraan gayeen nama lubbuun isaa dabre. Otoo lubbuun isaa hin bayin, dubbii seena-qabeessa kan barabaraan dhaloota Oromoo maratti dabru dubbatee ture: “Dubbiin Oromoo akka bofa hudduu lixeeti. Bofni huddduu lixe harkifnaan hin cita; gaddhiifnaan hin lixa. Citus, lixus haddhaa isaa gaddhiisera jechaadha!” Dubbiin Oromoo inni jagnichi keenya kun summii bofaa godhee nuuf dabre kun, dubbii bilisummaa fi walabummaa Oromooti. Kunoo akkuma inni jedhe san, dubbiin Oromoo koloneeffattoota Habashaatti summii tahuun ollachiisaa jira. Yaa Oromoo amma dubbii bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa kana akka haadhaa fi abbaa ofiitti jaalachuun kan sochowaafii jirtu, Dhaloota Qubee miliyoona hedduun kan lakkaawamtu. Oolee-bula malee, dubbiin kun galma isaa dhaqqabuun abadan waan hin hafne!
Mee kunoo, Laga Barreessaa kana gamaa gamana biyya jiru kana, lafa muldhatu kana qalbii fi ijjeen keessaniin walbira madaalatii ilaalaa! Gamanatti biyya Oromoo keessaa Abbichuu, urufnii fi dirreen isaa kaloo fi caffeen jiidhe, garbuu fi qamadii yoo farda yaabatanii keessa bayan malee, miilaan deemnaan keessaa muldhachuun hin dandayamne, sangoolee baroodanii fi korommii bobookkisan, fardeen goodaa keessaa imimsan faa argitu. Gamasitti, garbuu hantuunniyyuu keessaa muldhatu, lafa hallyyaaa fi tabba goggogee daare argitu. Inni gamanaa kun biyya Elemoo Qilxuu fi Waaqoo Guutuu, Taaddasaa Birruu fi Baaroo Tumsaa, Biiftuu Amoosaa fi Warqituu Liiban faa yoo tahu, inni gamasii sunimmoo biyya Minilikii fi Raas Daargee fayi. Maarree, qabeenya Oromoo fi jiidhina Oromiyaa kanatu jarreen harkisee nutti fide-kaa. Hoomishni kan abbaa gixaanee isa hoomishate, qabeenyi kan abbaa dhamayee isa argatee tahuun isaa akka hin oolle, kan Waaqaanis, uummata Oromootinis qaata murteeffame. Kunoo, kanaaf Oromoon qabsoo isaa itti-fufuun kafaa-ka’aa jira!
Waan hundaafuu nuti Oromoota waan taaneef, jarri seera gadaa nu jalaa mancaasus, cobni isaa dhiiga keenya keessatti hafee jiraa, warri Laga Barreessaa kana cewuun Biyya Ammaraa, Dabra-Biraan seenna warri jettan mee haraka baasaa! Silaa isin keessaa kanaan dura miilli keessan dachee Habashaa irra kan ijjate namoota meeqa? Ee, namoota sagal keessaa namoota lama qofaa! Kunoo, nu saglan keessaa namoota torbatu: “ati Biyya Oromoon isin doowwachiisa jettee nu baaftee, ammammoo biyya alagaa nu geessuuf deemta” jechuun didanii jiruu, amma magaalattii Caacaatti deebinee dhiyaana keenya sirriitti nyaannee, haara-baafachuun booda Shagaritti deebina.
Mee sirboota Oromoo kan naannoo Shanoo kana keessaa tokko isaa duwwaa:
Damee Sagguu kaachise Shanoo laalchisee
Si eeguttan qotiyyoo midhaan nyaachisee!”
Isa kana gurbaa qotiyyoolee tiksu sanitu weeddise. Booda immoo intalli inni weeddiseef sun:
Nan eeginii qotiyyuma-kee eeggaddhu
Hojjaduree yoon oole qurxii beekkaddhu
!”
Finfinnee keenyatti deebinee erga takka bubbullee booda adeemsa keenya itti-fufuun gara biyya adaaamii, Adaamaatti qajeella. Amma yeroon isaa yeroo irreechaa waan taheef, barana gara namoota kitila torbaatu (7 000 000) Waltajjii Irreecha Oromiyaatan taate , Bishooftuutti walgayaa, karaa dabrinu hin qabnuu, adeemsa keeya san booda taasifanna. Ammoo, gaafa irreechaa adduma-addaan (gurmuu keenya wajjin) deemuun achitti wal haa arginu! Egaa, irreecha nagaa hunda keessanii fi biyya keessaniif haatu!
                                                                                       Itti-fufa —!
                                    ==============   //   =============

Barreeffata kana kutaalee dabran ilaaluuf mee as tuqaa:

1) Kutaa Duraa
2) Kutaa Lammaffaa
3) Kutaa Sadaffaa
4) Kutaa Afraffaa
5) Kutaa Shanaffaa
6) Kutaa Jahaffaa
7) Kutaa Torbaffaa
8) Saddeettaffaa

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …