Oduu Haaraya

MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA : Kutaa Duraa

 MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA : Kutaa Duraa
                                                       Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
MINILIKOOTA? Eenyu isaan? Gaafii qalbii! Raajii Rabbi! Eenyu egaa isaan? Dursee Minilikoonni as irratti ka’an kun namoota laalleewwan (informeeshina) dhabiisaan, itti-yaada dhabiisaan yookaan lafumaa ka’anii onnoomudhaan: “Minilik, Minilik” jechuun Minilik naazicha Afrikaa sana faarsanii miti. Minilikoonnin ani baanu kun Habashoota Amaaraa keessaa garii kanneen yaada Minilik Lammaffaa amantii fi baruyaa (idolojii) godhachuun alaa-manaa nutti wacaa, arrabaa fi qalamaan nutti duulaa jiran kana. Isaan waraana fi duula hamaa fi kan hammeenyaa, jibbamaa fi jibbisiisaa kanan: “waraana qulqulluu” jedhaniiti jiru. Jarreen kun namtokkeewwan asii fi achi cecceyaa jiran wayii otoo hin taane, warreen: gareewwan  taliigaa dhaddhaabbatan, gaazexootaa fi kitaabeewwan maxxaansuun raabsatan, weebotaa fi biloogota kukurfeeffatan, paaltokii fi maaltokii wawaammatan, raadiyolee fi fago-muldhiftuuwwan (tiibiiwwan) babbanachuun “waraana qulqulluu” isaanii kana: uummata Oromoo, saba Oromoo fi Oromiyaa irratti dabraniis uummatoota Kibbaa maraa fi biyyota isaanii mara irratti oofaa jirani.
Nuti Oromoonni, nuti Somaalonni, nuti Sidaamonni, nuti Hadiyyoonni, nuti Kambaatonni, nuti Gede’oonni, nuti Koonsonni, nuti Walaayitoonni, nuti Gaamonni, nuti Kafichoonni, nuti Gimiroonni, nuti Moochonni, nuti Adareewwan, nuti Guraageewwan, nuti Nuweeri fi Anyuwaakonni, nuti Beenishaanguloonni, nuti uummatoonni Sulula Laga Omoo akka isaan nu waamanitti: eekaa “Gaallonni, Shirrixaamonni, Gudeellonni, Walaamonni, Shaanqilloonni,“haramanoonni” fi “minaamintoonni”, maarree nuti “gabroonni fi niigaroonni (Niggers) laggeen isaanii ceenee, daangaa isaanii irra tarkaanfachuun Gondorii fi Goojjam, Manjee fi Amaaraa Saayintii deemuun biyya isaanii hin qabanne.
Isaan garuu, ofii kophaa isaanii jaarraawwan danuu yaalanii daddhabnaan baargama cewuun daboo fi bayii kadhatanii qawwee ibiddaatiin ibidda tufaa nu fixanii, nu qalanii biyyoota fi biyyee teenya qabatani. Harmoota aayyolee teenya fi harkoota aabbolee keenyaa mummuratanii, mormoota fi funyaanota manguddoolee cicciranii, ijoollee kichuuwwan jiraa isaanii hallayyaatti darbachuun irbaata waraabeyyii godhanii, dachee jagnootaa Biyya Walaayitaatti akka waraabessaa dhiiga namoota gorra’anii gadi-ciisuun xuuxxatanii, uummata Dimmee fi uummata Kafichoo lafa irraa duguuguun dhibba keessaa harka 70 fixani. Egaa kunoo, hamma hardhaattti kolonii taasifamuun, harqootata gabrummaa isaanii jalatti argamna.
Hamma Tokkummaan Addunyaa kan “League of Nations” jedhamu, bara 1922 keessa isaan dhoowwetti akka bineeyyii daggalaatti addamfamnee gabaa biyya keessaa fi biyyoota alaatti gurguramaa turre. Abbootii gabraa fi daldaltoota gabraa isaan olaanoo tahan keessaa Minilik isa hangafa ture. Namicha wanneen isaan kanaa olitti eeraman adeemsise, Minilik Lammaffaa isaanii kana ofii isaaniif goota taasifachuu bira kutanii nuuf goota taasiisuuf aggaamaa, wacaa, gurra nu duuchaa jiru. Amma ija-nyaatanii, nyaara-addachuun:  “Minilik jagna keessanii siidaa isaa qeyee-qeyee keessan keessatti dhaddhaabbaddhaa” nuun jechuutti ka’ani. Nuti sagalee tokkoon kana fudhachuu dinnaan kunoo: “waraana qulqulluu” nutti labsanii jiru. Egaa, waayeen kanaa baldhinaan barreeffata kana keessatti ilaalamaa, yoo yeroon isiinii hayyame mee duukaa-bu’aa!
SEENSA
Irranatti: “Minilikoonnin ani baanu kun namoota Habashoota Amaaraa keessaa garii, kanneen yaada Minilik Lammaffaa amantii fi idolojii” godhatani jedheetan ture. Jarreen kun “amantii fi idolojii” bira dabraniiyyuu yaada Minilik “sagantaa” taasifatanii argamu. Jarreen ijjii fi sammuun isaanii waan yaada Minilikiin cufameef, ekaraa isaa amantii godhachuu irra dhaqqabanii jiru. Dabraniis yaada isaa “idolojii” ofii, hojiiwwanii fi gochoota isaammoo “sagantaa” ofii godhachuun adeemaa jiru. Raajii WAAQAA, safuu namaa! Jarreen: “nuti Kiristaanota” nuun jedhan kanatu, ekeraa Minilik bakka Kiristoos buufate jechaa dha. Akkuma jirutti bala’ummaa fi balleessanii baduun jarreen kanaa as irratti kan dhaabate.
Kanaaf, ee kanaaf nuti Oromoonni fi uummatoonni Kibbaa warreen harqoota gabrummaa Habashaa jalatti argamnuu, dubbii isaanii kana akka laayyootti ilaaluu hin qabnu! Namni harra ekeraa Minilik, yaada Minilik, hojiiwwanii fi gochoota Minilikiin adeemaa jiru, boru: hojii fi gocha suukkaneessaa inni bowwaa Aannoleetti, gooroo Calanqootti, baddaa Gullallee fi Darraatti, dachee Walaayitaa fi Kafichootti, qeyeewwan Dimmee, warra Gaambellaa fi Gimiraa faatti adeemsise sana amma adeemsisuu irraa hin deebiyu. Ammaan tana duulli isaan nu Oromoota irratti: eekaa nu Jawaarota, nu Qeerrota, nu dura-dhaabattoota Biiraa Baddallee, nu dura-dhaabatoota asimaarii maraatee, nu “Wonagoota (OLF)“, ee isaaniif silaa “Gaallaan Gaallaa“-dhumaa nu ABO-ota fi nu ULFO-ota warra OPDO irraa addaan hin baasanii, duulli fi ololli, maqaballeessii fi maqaxureessiin isaan oofaa jiran kan hedduu nama maalalu, dabreetuu kan nama suukkaneessu. Jarri karaa badii fi badiisaa qabatan kun, sarara-diimaa (“redline“) irra tarkaanfachuun uummata Oromoo guddicha irratti duula hamaa labsaa jiru.
Karaan jaldeessaa hallayyaa nama geessa“, jedha mammaaksi Oromoo tokko. Jarreen karaa jaldeessaa qabatanii deemaa jiran kun, otoo karaan isaan qabatanii deemaa jiran sun kan biyya isaanii, Biyya Amaaraa yookaan Biyya Habashaa keessa tahee ammana rakkoo miti. Garuu, karaan badii fi badiisaa inni isaan irra xaxallisaa jiran kun kan Oromiyaa fi Biyyoota Kibbaa keessatti argamu. Isaan biyyuma keenya keessatti, dacheedhuma teenya irratti, magaalaawwanii fi baadiyyaalee keenya keessatti duula hamaa kana nu irratti gaggeessaa jiru. Ammoo, ibiddi isaan nu guggubuuf nu irratti, qeyeedhuma keenya keessatti qabsiisaa, afuufaa jiran kun akka garuma isaaniitti cewuu dandayu ganamumaan beekuu qabu. “Yaa qotiyyoo ati marga agarte malee, hallayyaa hamaa marga san cinaa jiru hin agarrekaa, yaa matadhabeessa, garaqabeessa nanaa!”, jedha jechantaan Oromoo tokko! Ibiddi hamaan amma isaan nuuf shidaa jiran kun waan akka laayyootti ilaalamuu hin qabne. Jarri karaa badii fi badiisaa qabatee nus, ofis balleessuuf deemu kana, Oromiyaa guutuu fi addunyaa guutuu irratti sagalee tokkoon akka isaan kana irra adabatanii taa’an cimsinee itti-himuu qabna! Ee, kana akka isaanitti himuun ofis, isaanis ibidda isaanii jalaa-oolchinu kan nu taasisu aadaa keenya, aadaa Oromoo isa namummaa fi namooma irratti hundaaye sana!
Wanneen jarreen kun raasaa kana (jidduu kana) uummataa fi saba Oromoo irratti adeemsisan keessaa inni tokko: “Oromoon Toopphiyaa fi Afrikaa alaayyi” dhufe kan jedhamu, isa dabtaroonni isaanii bardhibbee 16-ffaa irraa kaasuun xibaaran sana haaromsanii afuufuu dha. Muummiyyeewwan (iliitonni) Habashoota Amaaraa seenaan isaanii kan sobaan lallaaqame waan taheef, kan warreen biroos akkanuma isaanitti fakkaata. Dubbiin isaanii tun akkuma Oromoon: “haati hattuun intala ofii hin amantu” jedhu sani. Isaan alaa, Arabiyaa Kibbaa, Yaman irraa dhufuu isaanii dhokfachuuf dursaniitoo nuun: “Biyya Hindii irraa“, “Biyya Faransaa irraa“, maaloo maaloo irraa nuun jedhu.
Isaan seenaa sobaa fi seenaa ergisaa akka kooraa fardaatti ergifachaa waan as gayaniif, keenyas akkanuma isaanitti fakkaatee laata? Mootuu Saabaa, Minilik Tokkoffaa, mootii warra Yuudaa Solomoon faa irraayyi dhalannaa faan, amantiin Kiristaanaas dhuunfaa isaanii tuhuun isaa, fidalli isaanii kan alaa Yaman irraa, innumtuu Fooneshiyaa (Libaanon ammaa), innumtuu Gibxii, qeyee Fara’oonotaa Afrikaa, dachee Kuushota durii fi Nuu-Biyyaa faa irraa madduun isaa dhokfameeti akka xaafii Bichanaatti, akka baaqilaa Saalaa Dingaay faatti biqiluu isaa, ammoo Qubeen teenya alaa dhufuu isaa nutti lallabu. Garuu, yoo hundee dubbii tanaa jala-buune, deemnee deemnee hundeen fidala isaanii fi hundeen Qubee teenyaa tokkuma. Deemee deemee maddi isaanii dachee Fara’oonotaa, Gibxii Kuushota duriiti. Isaan ala irraa dhufuu keenya kana, isaanimmoo Biyya Habashaatti biqiluu isaanii kana maaf isaan dabtaroota Mooxaa-Qaraaniyoo kanneen fidala isaanituu dubbisuu hin dandeenye sana dhiisanii, bantii barateeyyii barachiis (pirofeesar) Laaphisoo Deleeboo leencicha Hadiyyaa, qeerransicha Kuush keenyaa sana hin gaafanne?
Rakkoon amma jiru, oduu isaanii isa Oromoon ala irraa dhufuu isaa himu sana otoo hin taane, isaan keessaa gariin ammaan tana: “uummanni Oromoo biyya dhufe sanitti haa deebiyu“, jechuu isaaniiti. Uggum yaa WAAQ! Jarri kun namoota fayyaaleyyii dha moo maal dubbiin? Mee haa jennutti yaada maraattuuwwanii fi warra dhukkubsatoota sammuu kana, warra Hospitaalli Qarree Kolfee (“Amaanu’eel“) isaaniif malu kana uummanni isaanii kabajamaan sun fudhate haa jennu. Maal godhaniitu? Akkamitti? Humna maalitiin faa uummata Oromoo kan kitila 46-aan lakkaawamu kana Gaafa Afrikaa irraa buqqisanii Biyya Hindii yookaan Paaris, Biyya Faransaatti ergu? Harra mee, baqattoota kitila lamaa-sadii faatu eessattuu gaafa argaman addunyaa guutuu iyyisiisaa, rakkisaa jiraa?
Inni uummanni tokko waggaalee 500, yookaan sanaa ol booda: “gara biyya irraa dhufeetti haa deebyu” jedhamu kun, yaada bu’ura-maleessa tahe kan raatuu fi maraatuun wayii kaasu. Akka isaan jechaa jiran kanatti yoo deemne mee, warra Oroppaa irraa gara Ameerikaa Kaabaa, Ameerikaa Kibbaa fi Awustiraaliyaa dhaquun qubates gara Oroppaatti deebiya jechaa dha. Kun dubbii maraatuun gabaa keessaa dudubbatu wayiiti malee, kan nama-lafee tokkoon kaafamuu miti. Waan hundaafuu, Oromoon eessumaayyuu gara Afrikaa akka hin dhufne; akka uummatoota maddi isaanii Afrikaa Kaaba-Bahaa fi Bahaa tahe kan agarsiisu waan hedduutu tuulamee, tuulamee ciisaa nuti kanatti homaa hin rakkannu.
Yaa warra abbaa “Manxir“, yaada “minxaraa” kana irraa adabattanitoo yoo teessan isiniif wayya! Hin maraattani moo maaf uummataa fi saba Oromoo burkaana (“volcano“) riphee ciisu kana dhagaraa fi doomaa-dhaan qoqqottanii ofitti gadi-dhiiftu? Garuu, nuti akka keessanii mitii, akka keessan of hin goonuu namummaa-dhaan namummaa irraatti dhaabanee qabsoo namummaa, isa mirga ilmoo namaa kan jalqabne kana fiixaan-baafanna. Gaafas, uummanni keessan kun inni amma isin maqaa isaatiin nutti kaatan, ibidda qabsiisaa jirtan kana jalaa-bawuu dandaya. Gaafa sana Oromiyaan walaboomtee Republika Gadaa-tiin durfamtu biyya keessan Biyya Habashaa wajjin akka biyya ollaa tokkootti, akkuma Biyya Jarmanii fi Biyya Faransaa hardhaa kana nagaan wal-cinaa jiraatti! Kun akkuma jagnichi Oromoo Jaarraa Abbaa Gadaa jedhe san: “waan akka du’aatii, homaayyuu hin hafuu“, kana ganamumaan nuuf beekaa!
                                                          Itti-fufa!
==============    //    ==============

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Pathogenicty of the pathogen

By Dr. Baaroo Keno Deressa March 10, 2017 I wrote this: Revelation of enemy secret …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *