Abdii Boruutiin
Haa turu haa daddafu malee, hammuma fedhee humna jabaa qabaatus, kufaatiin mootummaa cunqursaa fi abbaa-irree tokkoo waan hafuu miti. Uummata cunqurfame fi hacuucameefis jijjiiramni tokko dhufuun waan ooluu miti jechuu dha. Impaayara Itoophiyaa keessattis umuriin bittaa isaanii wal haa caalu malee, mootummaan kamiiyyuu turuu hin dandeenye. Kuni ammoo, qabsoon bilisummaa uummata cunqurfamee fi qabsoon haqaa injifatnoo tokko otuu hin agarsiisin waan hin hafneefi. Haa baay’atu, haa xinnaatu, haa hir’atu haa guutuu, haa bal’atu haa dhiphatu malee, qabsoon bilisummaa Oromoos (QBOnis) otuu injifatnoo hin galmeessin hin hafne. Gabaabumatti, erga qabsoon kun eegalee kaasee hanga har’aatti, bu’aa tokko otuu hin argatin hin hafne jechuu dha.
Keessumaayuu injifatnoon QBOn bara 1991 argamsiise kan akka laayyootti ilaalmuu miti. Akka diinni fi alagaan hamilee uummta keenyaa cabsuuf jedhanii gadi xiqqeessanii ilaalan otuu hin taane, nuuf Oromootaaf bu’aa fi jijjiirama guddaatu argame. Haa ta’u malee, sababni isaa waan fedhes ta’u, dhugaan jiru, bara 1991 carraa guddaatu nu dabre. Maaliif carraan kun akka nu dabre ibsuuf xiinxala bal’aa barbaada. Kaayyoon barreeffama kiyyaa garuu waayee kana xiinxaluuf otuu hin taane, kan dabre hubatnee; barumsa fi mooyxannoo irraa argatnee; waan kana booda ta’uuf ykn dhufuuf akka ofqopheessinuu dha. Kaleessi har’aaf, har’i boruuf hundee waan ta’uuf, badaas ta’ee gaarii waan dabrerratti hundoofnee gara fuuladuraatti waan goonu ykn dalagnu yaaduu qabna.
Akka humna waraanaatiin aangootti dhufte sanatti, humni waraanaa ishii kuffisuu baatus, karaa’uma fedheenuu haa ta’u, mootummaan Wayyaanees kufaatiin ishii waan dhiyaate fakkaata. Yoom akka ta’u beekuun nama rakkisullee, mootummaa fiixee hallayyaarra jiru waan ta’eef, hallayyaa kana keessatti kufuun isaa shakkii hin qabu. Gaafiilee gurguddoon asirratti ka’an garuu: Kufaatii Wayyaanee booda, humna kamtu bakkee ishii qaba? Carraan argamu kunis kan Oromoo ta’ina moo ammas nu dabruuf kan deemu ta’ina laata? kan jedhanii dha. Walumaagalati gaafii guddaan asirratti ka’u: Jijjiirama impaayara kana keessatti dhufuuf deemuuf Oromoon ofqopheessee jiraa ykn ittiqophaayee (qophaayaa) jiraa? kan jedhu ta’a.
Ani, akka hubatnoo kiyyaatitti, keessumaayuu warri biyyaa alaa jirru, waan ofqopheessine ykn itti qophoofne natti hin fakkaatu. Kanaaf ammo sababoota gara garaa kaasuu nan danda’a. Akkuma argamuu fi dhaga’amu, mooraa QBO keessatti wanti biraa hafee, ilaalchi fi yaadni ititaa ta’e tokko mul’achuu hin dandeenye. Maaliif akkan kana jedhe yookaanis maalirraa ka’ee akkan yaade, waan tokko tokko ibsuun yaala. Kan alagaa fi diinaa, waan isaan yaadani fi jedhan akkuma jirutti dhiisee, yaaduma fi ilaalcha mooraa keenya keessatti yeroo ammaa mul’atan tokko tokko kaasuun barbaada. Akka yaada fi ilaalcha akkasumas hubatnoo kiyyaatitti, yeroo ammaa yaada fi ilaalcha bifa afuriitu mula’atu.
- Yaadni inni duraa, yaada uummta biratti fudhatama hin qabne yaada dhukkubsataa yoo ta’u, yaada du’uuf ykn baduuf deemuu dha. Inni kunis yaada “uummatni Oromoo bilisummaa barbaadu argate; kanaa ala waan biraa hin barbaadu” yaada jedhuu dha. Dhugaan jiru garuu faallaa kanaa waan ta’eef, yaadni kun uummata Oromoo biratti fudhatama hin qabu. Uummatni hidhamaa, dararamaa, ajjeesamaa fi qayee isaarraa humnaan buqqa’aa jiru; uummatni lafti isaa gurguramaa jiru; uummatni qawweedhaan ukkaamamee jiru; kan amantii barbaadullee hordofuu hin danda’in;… akkamitti bilisummaa barbaadu argate jedhamee yaadama?
Akkuma sareetti waa darbanii; kun si gahaa jedhan yoo ta’e malee, uummatni keenya Afaan isaatiin dubbateef ykn barateef; weellistootni kenya Afaan Oromootiin sirbaniif, kuni qofaan gahaa dha jedhamee akka waan bilisummaan argameetti lafa kaayuun hin danda’amu.
- Yaadni inni lammataa, yaada impaayarittii diimookraatessuu jedhu yoo ta’u, Federaalisimiin dhugaa ijaarmaee, kana keessatti gaafiin uummata Oromoo deebii’uu ni danda’a kan jedhu dha. Akkamitti fi eenyu wajjin Federaalisimiin hawwamu kun akka ijaaramu fi milkaawu garuu wanti sirriitti ifa ta’e hin jiru. Yaadni kun akka yaadaatti (theoretically) badaa ta’uu baatullee, akkamitti akka hojiirra ooluu danda’utu rakkisaa fi walxaxaa ta’a. As keessatti gaafiin Oromoo deebii argachuu danda’a yoo jedhame, dura gaafiin uummata Oromoo yookaanis ammoo kaayyoon QBO maal akka ta’e ifaa ifatti lafa kaa’uun barbaachisaa ta’a jedheen amana.
- Yaada sadaffaan, yaada Oromiyaa walaboomsuu ti. Haalli amma keessa jirru baay’ee rakkisaa, ulfaataa fi walxaxaa ta’ullee, yaadni kun, akka ilaalcha kiyyaatitti, yaada guutummaatti uummata Oromoo biratti fudhatamu dha jedheen yaada. Mee dhugaa haa dubbatnu, Oromoo qulqulluu fi kan Oromummaa dhaan bilchaate ta’ee namni hawwii kana hin qabne jiraa?? Ani ni jiraata jedhee yaaduun na rakkisa. Akkamitti kaayyoo kana galiidhaan geenyaan garuu gaafii cimaa dha. Kun wareegama guddaa gaafata. Humna Oromoo qofaarratti waan hundaayuuf, hanga humni cimaa fi abdachiisaan hin jiraatnetti ykn hin uumamnetti, yaada ykn kaayyoo kana galiin gahuun baay’ee rakkisaa ta’a.
- Yaadni inni afraffaan, yaada tokkumma biyyoota gaafa Aafrikaa ti. Ani, akkan yaadu fi ilaalutti, yaadni kun yaada sadaffaarratti hundaa’a. Hanga Oromiyaan hin walaboomnetti; hanga sabootni biroos akkasuma walba hin ta’initti, naannoo gaafa Aafrikaa keessatti nagaa fi tasgabbiin bu’ee tokkummaan biyyoota gaafa Aafrikaa waan milkaawu natti hin fakkaatu. Yaadas ta’ee hawwiin kun akka yaadaatti baay’ee bareedaa ture. Haa ta’u malee, yaada kana hojiirra oolchuun baay’ee baay’e ulfaataa dha jedheen amana.
Egaa, yaadolee fi ilaalcha bifa afuriin armaan olitti ibsaman kun hanga hin ititnetti; hanga waan bu’uraa tokkorratti ykn yaada waloo tokkorratti walii hin galamnetti, took ta’anii kaayyoo tokko qabaatanii (qabatanii) humna cimaa fi abdachiisaa uumuun baay’ee rakkisaa ta’a. Yoo kuni hin taane ammoo, ammas mooraan keenya cimuun hafee, laafaa deemuu waan danda’uuf, jijjiirama impaayara kana keessattii ta’uuf deemuuf ofqopheessuun waan hin danda’amne ta’a jechuu dha. Haalli fi dhugaan jiru kun hunda birattuu hubatamuu qaba. Yeroo dhaan itti yaadamuu qaba. Malli ykn furmaatni waloo tokko argamuu yoo hin dandeenye, ammas carraan biraa nu dabruun isaa waan ooluu miti. Habashootni yaada fi ilaalcha garga garaa qabaatanillee, kaayyoo waloo, kan hundi isaaniituu irratti waliigalan tokko qabu. Inni kunis, karaa danda’amu hundaan tokkummaa impaayarittii eeguu dha. Nuti hoo, ilmaan Oromoo, ilaalcha adda addaa qabaachaa maaliif kaayyoo waloo tokko dhabna? Maaliif ormaaf meeshaas taana?
Jechi “Tokkummaa” jedhu karaa tokkoon qofaa ilaalamuu hin qabu. Tokkoomuu ykn tokko ta’uu jechuun walittibaqinsa jaarmayootaa qofaa miti. Yaada fi ilaacha tokko qbaachuu qofaas miti. Ilaacha adda adda qabaatanii tokko ta’uunis ni danda’ama. Orma wajjinuu tokko taanee ni hojjetna otuu jedhamuu ilmaan haadha fi abbaa tokkoo maaliif tokko ta’anii waliin hojjecuun, tumsa waliif ta’uun isaan rakkisa? Kan tokko nama taasisu fedhii uummata ofii ti. Oromummaan hundee tokkummaa ti. Oromummaan kan waloo ti. Xinaatee yoo xinnaate, wanti waloo kun akka tokko taanu nu godhuu qaba. Yaada fi ilaacha gara garaa qabaachuun Oromoorratti hin jalqabne. Kana qabaachuun garuu fedhii uummata keenyaa faallessuu hin qabu. Diina biratti Oromoon tokkuma. Yaada fi ilaalcha feene haa qabaatnu; amantii feenes haa hordofnu akka uummta ykn saba tokkootti nuti diinaaf tokkuma. Maarree, diina hunda keenya balleessuuf hojjeturratti maaliif tokko taanee, irree tokkoon irratti hin duullu?
Barruu kiyya otuu hin xumurin dura, wantan yeroo dheeraaf hordofaa ture fi na dinqe tokko, waayee dhukkubsachuu ykn du’uu Mallasaa ti. Wanti hubatamuu qabu fi ofis gaafachuu qabnu, Mallasaan hogganaa hamaa ta’ullee, nama tokko dha. Inni du’us Mallasaan biraa bakkee isaa bu’uu danda’a. Mallasaa tokko dhiisii Mallasaa dhibbillee yoo du’an, hanga nuti humna abdachiisaa hin qabaatnetti teenyeetuma abalu du’inaa; jijjiiramni tokko dhufinaa jennee eeguun bu’aa hin qabu. Jijjiiramaaf ofqopheessuutu; humna mooraa ofii cimsuutu dursa argachuu qaba. Hawwiin qofaa hin hojjetu. Mallasaa tokko dhiisii, otuu Wayyaanotni hunduu dhumani, humni biraa dafee bakkee isaanii qabuu danda’a jennee yaaduu qabna. Diinni QBO Wayyaanee qofaa miti. Kan nu nyaachaa jiru qofaa otuu hin taane, kan beelayee nu yaachuuf hamuummachaa jirus dagachuu hin qabnu.
Karaa’uma fedheenuu haa ta’u, oolee bulus, kufaatiin Wayyaanee waan hafuu miti. Ishiinuu bool’oo itti awwaalamtu qopheeffachaa jirti. Humni waraanaa tokko ishii kuffisuu yoo dadhabe; warraaqsi fi diddaan uummataa keessa ishii nyaachaa jira. Yeroo keessi ishii nyaatamaa jiru kanatti, otuu humni jabaan alaa itti cime, kufaatiin ishii dhiyoo ta’a. Humni alaa kun ammoo eenyu ta’ina laata? Oromoon ofqopheessee carraa kanatti fayyadamuu ni danda’a moo ammas akkuma bara 1991 carraan biraa nu dabruuf deema laata? Deebii gaafiilee kanaa qabsaa’ota keenyaaf dhiisee; barruu kiyya asumarratti xumura.