Oduu Haaraya

Obbo Ibsaa Guutamaa mormitoota ODF hundaaf

Xalayaa Banaa

Dhalachuu fi deemsa Aadda Dimokiratawaa Oromoo/ODF ilaalchisee dhiheenya kana marsaalee interneetii Oromoo irrattis ta’e, marsaalee sabqunnamtii Ethiopia biraa irratti yaadota adda addaa dubbisaa fi dhaggeeffachaa baane. Yaada deeggarsaa fi mormiillee baayyee agarre. Kana hunda keessaa waan guddaa nadhibe, mormii fi maqaballeessii akka malee, hoggantoota, dhaaba ODF fi akeeka isaa irratti namoota dhuunfaanis ta’e, mornootaa fi dhaabota Oromoo tokko tokko irratti dhihaachaa turee fi jiru irratti deebisa tokkollee kunnuu dhabiinsa gaggeessitoota ODF.
Deebisa tokkollee kennuu dhabiinsi ODF karaa tokkoon, hangam akka isaan bilchina qabanii fi nama dhuunfaa, akkasumas murnootaa fi dhaabota Oromoo waliin mormii fi morkii keessa seenuurra qabsoo Oromoo warra isa cunqursaa jiranii fi aangootti deebi’anii isa cunqursuu yaalan gidduu taasiuuf murteeffachuun isaanii nagammachiisllee, karaa biraa garuu baayyee na aarsa. Jette jetteef deebii kennuu hanqachuun ODF “kufanii…maaliin of qixxeessuu” mammaaksa Oromoo jedhu eeggachuuf ta’uu shakkellee, yeroo tokko tokko garuu qurciin, qurcii yoo hin jenne..ta’a waan ta’eef maqaa balleessii fi yakka ODF irratti raawwatamaa jiru kanaaf deebisa kennuun barbaachisaadhan jedha.
Ati eenyu naan jettu ta’a. An nama Oromoo kanneen Aadda Dimokiratawaa Oromoo deeggaran keessaa tokko. Kanneen ODF qabsoo bilisummaa Oromoo har’a gatantaree jiru keessaa baasee bilisummaa fi birmadummaa ummanni keenya barbaadu, biyya isaa irratti abbaa biyyaa taasisee, aangoo siyaasaa dhunfachiisuuf daandii qajeelaadha jedhanii kanneen abdii irra kaayyatanii fi jireenya dhaaba kanaaf of kennan keessaa isa tokko. Kanaafis sorxee fi soroxeen interneetii golga godhattee maqaa dukkanaa fi daggalaa moggaafachuun dhaaba kana irratti bobba’an dabalatee kanneen dhaaba kana maqaa xureessaa turanii fi jiraniif yoo deebii ta’e jedheen barreeffama kana barreessuuf murteeffadha.
Kanneen ODFtti bobba’anii duula maqaa xureessii irratti gaggeessan keessaa, Kanneen Maadhee ONA fi marsaaalee interneetii tokko tokko keessa riphanii konpiyutera golga godhachuun eenyummaa isaanii dhossanii kan barreessa keessumaa maadhee ONA jedhamu keessatti gootota interneetii kanneen akka S.Soddoo, Birmajjii, Kormee, Waaqee fi Uke, Fiixaa Fanxoo, Moojilee.. maqaa lafaa fi mukaa moggaafatnii olola oofaniif deebii kunnuuf yeroo koo hin balleessu. Sababni isaas jarreen kun yeroo hunda, nama hundaa irratti bobba’u. beekaan qabsa’aa fi gootni isaan malee akka hin jirretti of fudhatu. Jarreen kun isa kaan gantuu jedhanii, ofii qabsa’aa of fakkeessuu yaalu, isa kaan ludha taasisanii ofii goota of gochuu barbaadu, gaafii shanee hamatu, yeroo biraa QC quncisu,.. gaafii tokkummaa leellus, gaafa biraa ammoo walta’insa balaaleffatu. Namoonni kun amajaajii tokkummaa, qabsoo fi ergamtoota dukkanaa waan ta’aniif namoota akkasiif deebisa hin qabu. Warri ODFs gurra kennuufii dhiisuun karaa tokkoon baayyee na gammachiisa.
Kan biraan namoota ODF irratti barreessan keessaa, kanneen akka obbo Ibsaa Guutamaa, Juwar Siraaji, dhaaba Shanee-QC jechuu yoon baadhellee, murnoota SH_QC kanneen maqaa dhaabichaa of harkaa qabanii fi ibsa adda addaa ittiin baasaniin waa jechuun barbaada.
Namoota toora jalqabaa irratti ODF irratti dhagaa darbachuun gootummaa isaanii ibsan keessaa tokko Obbo Ibsaa Guutamaati. Barreeffama obbo Ibsaa dur dur darbee darbee nan dubbisa jechuu yoon baadhellee nan ilaalan ture. Barreeffamni isaanii ammaa, kanin dhiheenya Gadaa.com irraa dubbisuu yaale kunis akkuma barreefama isaanii waggoota kudha wayii waanuma kaayyoon cebee kan malalu natti fakkaatee ture. Inni ammaa kun garuu qabiyyeen isaa jijjiirameen arge. ODF, akeeka isaa fi gaggeessitoota isaa irratti kan xiyyaafatee dha. arrabsoo fi barreffama abdii kutannaa wayiiti. keessumaa barreeffama isaanii kana keessaa kan na dhibe, namoonni ODFn gaggeessan qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hirmaannaa wayiillee akka isaan hin qabnee fi gufachuu qabsoo kanaaf kanneen sababa ta’an jedhamee dhihaachuu isaati. Waa’ee namoota isin maqaa dhahuu barbaaddanii nama hundaatu eenyummaa isaanii fi gahee isaan QBO keessatti qaban beeka waan ta’eef waa’ee isaanii asirratti akkas jedhee barreessuu yaaluun isaan xiqqeessuu natti ta’a. kan biraan osoon barreeffama kana barreessaa jiruu ganama kanaa walaloo obbo Ibsaa mata duree Cooraa Manguddootaaf jedhu jalatti barreeffamaa fi sagaleen dhihaate dubbisee, dhaggeeffadhelle. Obbo Ibsaan hangam akka ODF irratti xiyyafatee ka’en arge. Walaloon obbo ibsaa kun ashimurii dubartootni mana bunaa keessa hojjetan dubbataniin wal fakkaata. Kan mataa fi miilli isaa hin beekamneedha. Karaa tokkoo kadhaa fakkaata, kara biraa arrabsoo dha, gama kaaniinis of dhaadhessuudha, ammas gama kaaniin lafafaa fi himannaadha. Dhugaa dubbachuuf jaarsa salphoo akkasii takkaa rabbi natti hin agrsiifne. Salphoo soqolate…
Obbo Ibsaa mee waa’ee keessan nutti himtuu laata? Gootaa fi qabsa’aa akkamii akka taatan, bosona Oromoiyaa kam keessa akka jiraattanii fi diina meeqa akka ajjeeftan? Bosona konpiyuteraa keessan jira akka nuun hin jenne qofa.kkkk , Garuu dhugaan jiru isin Bara mootummaa H/S ta’e Dargii baalesilxaanii mootummichaa ta’uun mootota sana tajaajiluu, booda qabamtanii hidhamuu, achiibaatanii namootuma amma isin hirmaannnaa hin qaban jettaniin Ministeera taatanii shuumamuu, sana booda ammoo biyya Amerikaa maatii keessan waliin jireenya ho’aa jiraachuurra darbee gaheen keessan maal inni? Hidhamuu yoo ta’e kan lubbuu isaa dhabe woo? Yeroon akkas jedhu wareegama baaftan gatii dhabsiisuuf jedhee osoo hin taane yeroo quba tokko namatti qabdan qubni 4 hafe ammoo gara keessanitti akka galagalee jiru isin yaadachiisuuf.
Waa’ee Ethiopiyummaa ilaalchisees, 1991 yeroo mootummaa cehumsaa keessatti ministeera taatanii hojjechaa turtan, Bara 1993s Konfiransii Paaris irratti mormitoota Ethiopia waliin taatanii bilisummaa Ertiraa kan arrabsitanii fi obbo Galaasaan ajejamtanii jiila ABO bakka buutanii warra mormitoota Ethiopia waliin Finfinnee kan dhaqxaniif kaayyoo tiksuuf tureelaata? kkk igzhaber libonawun isxoot. Obbo Ibsa, sagaleeisin ittiin walaloo dubbiftan sun akkam akka nama jibbisiisu namni isinitti himeeraalaata? Dhugaa saghaleen keessan bo’ichaafuu hin toloo baayyee itti hin dhiphatinaa.
Ka biraan namni kalaltiin ODF irratti waa barreessuu yaale, Juwar Siraaj. Waa’ee nama kanaa barreessuuf yeroon yaadu waa baayyeen buusee baase. Juwar kun beekees haa ta’u osoo hin beekin akeekaa fi kaayyoo ODF ittin ka’e jallisee dhiheessuuf yaaluun isaa isaaf qaanii dha. ODF bu’aa QBO argamsiise irratti, kan hafe gonfachuuf malee, gaaffii bilsummaa fi qabsoo hiree murteeffannaa gara gaaffii lammummaatti takkaa gad butuun akeeka isaa miti. Juwar, ofii gaafa warra Amaaraa bira dhaqu amaara caalaa Ethiopiyaawwii kan ta’e, gafa Isilaama bira xaqu, isilaama caalaa kan isilaama ta’uu barbaadu, gaafii, qawween nu hin baasu jedhee ka lalllabu, gaafii qawwee malee hiikni biraan hin jiru kan jedhu, nama yaadni jalaa wal rukute wayii ta’uu isaan arga. Juwar Siraj, siyaasni isaa akka jaartiin qeesii beekte jennaan kitaaba miicite sanaati, Namni kun beekaa keenya jennaan of wallaalee dha. Innis akkuma hiriyyoota isaa maadhee ONA gaafii nama shaneen supee cabee hin suphamneedha jedha. Gaafa barbaade ammoo sana malee furmaanni hin jiru jedha. Nama dhama’aa akkasii rabbi takkaa nah in agarsiifne, Juwar gaggeessitoota ODF qeequufis ta’e dura dhaabbachuuf nama hamilee isaa, dandeettii fi gahumsa isaa qabu jedhee hin yaadu. Kanaafuu yaa Juwar keenya waanuma beektu osoo hojjettee sirraa bareedu. Yeroo tokko tokko waan namaaf hin gallee irratti dhagaa namatti darbachuu dhiisuunis beekmsa akka ta’e ni hubattaalaata yaa jeeqaa keenyaa.
Gaggeessitoota Shanee_Qaaccaa; Dhugaa dubbachuuf dhiheenya araaramuuf wal hubannaarra geenyeerra jedhanii dubbataan isaanii Booruu Barraaqaa maqaa qaama lamaan kanaanin haasa’a waan jedhuufan walitti hidhuu yaale malee, karaa QC namoonni QC tokko tokko maqaa dhoffatanii duula keessatti qooda fudhatanillee, akka murnaatti murna QC kana irraa waanin dhaga’e hin qabu. Kanaafuu waa’ee murna kanaa irraa waa baayyee jechuurraa ofan qaba.
Shaneen Gumii, bifa qindaa’een, maqaa dhaabaa of harkaa qabanii fi maqaa radio Simbirtuu, fi sefenebelbal jedhamu, akkasumas dhiheenya kana kanin maqaa isaanii hin beeknee fi nama Dhaabasaa fi Gaashuu jedhaman irraa Awustralia irraa darbuun sagalee waraabanii interneetiirra kaa’uun, achi irrattis bifa gaaffii fi deebiin akkaataa isaan itti ODF irratti bobba’anii jiran yoo ilaalu, hojiin ODF jara kana hangam akka inni sodaachisee jirun arge. Itti dabalees kanneen akka Odaa Xaasaa yeroo hunda, galagala galgala, jimaa quufee, ykn araqee isaa xuuxee mirqaanaa sanaan waan inni Paltak mana wirtuu jedhamu irratti dubbatu namni dhaga’e dhugaatti jaroota kanaaf baayyee gadda. Kanatu QBO gaggeessaa jedhee of gaafata.,,
Jarri kun erga gaafa ODF ijaarameetii xiyyaafannaa fi dalagni isaanii inni guddaan dhaaba kana maqaa xureessuu dha. Dadhabsiisanii diiguu yaaluudha. Jaroonni kun dhaaba Oromoo haaraa ijaaramu of biratti arguu waan hin barbaannee fi dalagni isaanii guddaan dhaabota ijaaraman diiguu waan ta’ee fi isa kana irrattis muuxannoo guddaa waan qabaniif, amala isaanii kana fudhatanii ODF irratti bobba’aa jiru. Amma garuu akka milkaa’uu hindandeenye afaan guuteen dubbadha. Dawud Ibsaa abdii kutadhun jedhu. Yoo dandeesseef dhaaba harcaasaa jirtu walitti suphii gaafatamummaa seenaa jalaa ba’uu yaali malee, dhaaba ijaaramaa jiru diiguuf saroota kee bobbaasaa jirtu nama ciniinsisuuf hin yaalin hin milkooftuu.
Kanneen barreeffama kana dubbisaaniif: Akeekni ODF ifaadha. Kunis milkiin qabsoon bilisummaa Oromoo hanga ammaatti argamsiiserratti waan hafe guutuuf hojjechuu dha. Kunis ummanni Oromoo aangoo siyaasaa dhuunfatee, biyya isaa irratti abbaa biyyaa ta’ee of bulchee saboota hafan waliin mootummaa dhaabbatee, mootummaa sana keessattis bakka isaaf malu argachuun nagaa, tasgabbii fi dimokiraasiin jiraachuu dha. Kunis kan dhugoomuu danda’u qabsa’onni Oromoo har’a waldiiganii jiran, gaafa gidduu isaaniitti araara buusuun wal amantaan gidduu isaaniitti umamuu danda’e waan ta’eef, gaggeessitootni ODF isa kana dhugoomsuuf Jaarmayoota Hawaasa Oromoo waliin yaalii dheeraa taasisaa turan. Akkuman olitti xuqettis ta’e namnuu quba qabutti yaaliin araaraa kun kan gufatee fi fashale diddaa farra tokkummaa Dawud Ibsaafi Murna Qaaccaa kanneen amma wal hubannaa jedhanii lallaba walirraa hin cinnee taasisaa jiran kanaan.
SHG gaafa AFD ijaaru, bara 2004 yaamicha nagaa jedhanii labsa baasan, bara 2006 konfiransii Bargan qindeessan, gaafa Mallasaa waliin araaramuuf qeesota jaarsummaa baafatanii yaalii gochaa turan waan isaan raawwachuuf turn kanuma amma ODF fiixa baasuuf hojjechaa jiruu fi isaan dandeettii fi murannaa itti dhaban sanaadha. Kanaafuu waan hin jirre namarra kaa’uu fi namatti maxxansuu yaaluun cubbuu dha.
Dhuma irratti dubbi himaan Shanee-Qaaccaa Booruu Barraaqaa dhiheenya kana gaaffii fi deebii inni raadiyoota adda addaa irratti kennu hordofaan ture. Jijjiiramni nama kanaa baayyee na raaja. Ejjennaa inni qabaachaa turee fi amma akka nama baatirii hudduutti ka’anii lafallafu baayyee nama raaja. Akkuma itti himametti dheedhii isaa gad dabarsa. Keessumaa interview inni radio Australia SBS jedhamu waliin guyyaa kaleessaa taasise dhaga’een qofaa kolfe dhugaa. Warra yakka raawwatanii fi yakka isaanii baqachuuf dhaaba ijaaran jedha, jonja’aan kun. Eenyu kan yakka hojjete, Dawud Ibsaa fi gartuu isaa dhaabicha akka rirmaatti sarassaranii diigaa turanii fi jiran moo warra dhaabicha fayyisuuf, karaa danda’ame carraaqaa turanii dha. akka dubbii Hin bari’u jettee manatti udaante…si jalaa hin taane booruu teenya. Kaleessa Galaasaafatti du’a murteessine jettanii dhaaddachaa baatan, warra amma jijjiirama keessaa badii isaanii baranii nutti deebi’an jettan lafafaa baatan, sumatu harraba qara lamaan kee kanaan dubbachaa ba’e. Hara deebitee yeroo akkas jettu, boriifis of eeggachuu qabda.

Walitti deebina.

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

One comment

  1. NAMOOTA DHAABA ODF JALA JIRTAN HUNDAAF

    Haa gahu nagaan koo bakka jirtanittii isiniin jechaa kanan isinii barreesse ani barattoota oromoo universiitii biyya ithiopia keessa jiran bakka bu’uudhaan keessaa yyuu akkaataa wal ijaarsa keenya kan abo n hoogganamaa jiru kan ta’enidha . innis nuti hojii gaggeessitoota dhaabba ABO kan taane barattoonni oromoo keessaayyuu nuti dura buutonni gaggeessitoota dhaaba ABO

    yuniversiittii; jimmaa
    ; finfinnee
    ; haramayaa
    ; amboo
    ; wallaggaa
    ; adaamaa
    erga akkaataa daanda’ameen mootummaa wayyaanee dhokannee marii cimaa gaggeessinee haasaa bal’aa taasisneen booda .
    namotni dhuunfaa ofii isaa nii biyyatti galuu barbaadan kaayyoo saba oromoo kan ta’e , kan uummati oromoo akka sa’a dhaluuf ka’ee silga yookaan baaduu nyaachuuf har’a boru jedhee abdii guddaadhaan eegachaa jiru kana dhaaba ABO laamshessuuf ,dadhabsiisuuf , gatantarsuuf , dhaaba garaagartummaa dhaluudhaan hoji9i badaa ummatarrattis tahe qabsaawotarratti gadi dhaaban kana sagalee tokkon erga morminee booda uummanni oromoos akka haala kana mormu ,namoo hojii gaggeessitoota ABO TA’AN gandoota, aanaalee godinaalee oromiyaa keessa jiran waadaa galaniiru uummatatti labsuuf .warra kaayyoo bara dheeraa gante ,ofiif waan gaarii hawwitu waaqayyoo fi seenaan ishii haa gaafatu jechuun barattoonni oromoo roorroo qaban dhageessisaniiru , kaayyoon isaaniis oromoo fayyaduu osoo hin taane aangoo argachuu ta,uu isaa hubanneerra jechuun haasa’ameera,

    wantoota ittiin uummanni oromoo waarri ODF Beeku isa itti gaddee tufee lafa kaa’e keessaa yoon haasa’uu barbaade; 1 osoo dhuguma qaama uummata oromoof yaadu tahee loltuu oromoo gidduutti waraana banee akka isaan dirree irratti irbaata allaatttii wal taasisan hin godhu ture
    2 osoo dhugaan oromoof dhaabbate tahee anumatu aangoorra turuu qaba hin jedhu ture,yeroo leenchoo lataa bara 2013 hasa reediyoo seifenebelbel wajjin godhe keessaa dubbii isaa keessaa tokko ( ANI YEROO TOKKO ILLEE WAL GAHII IRRA TAA’EE wal MORMIIN KA’EE HIN BEEKUU BAR!)jedha mucaa istiidiyoorratti wajjin haasa’uttu. eeyyee jecha isaa kanarraa kaayyoon isaa dheebuu dhaangoo ti alee dheebuu uummata oromoo rakkoo jalaa baasuu akka hin taane haalaan hubanneerra. haa ta’uu tii ammas kaayyoon ABO hin hafu galma’a ga’a hadaraa keessan waan seenaa duratti ,uummata duratti hin bareedne hin godhiinaa hayyoota keenya dhiisaa sin hin fayadu , anatu caalaan haa hafu , wal dhagahaa maaloo oromiyaan saamamtee dhumaa jirti osoo isin achii walirratti waraana labsitanii maaloo maaloo maaloo maaloo maaloo yoo walii galteedhaan walitti deebitani oromoof o0romiyaaf hojjettani. tole warro ODF nuti injifannoo uummanni oromoo argaterraa kaanee waan inni dhbe irratti qabsoofna jettani garuu uummani oromoo waggaa hedduun duras gaaffii bilisummaa ti hardhas gaaffii bilisummati mee maali inni isin qalqaloof qomaaxaa gootanii? homaa miti koottaa galaa biyyattii yoo isin OPDO dhaa gadiitti uummata oromoo keessatti hin ilaalamiin haftaniif maal nuun jette barattoonni oromoo jettu koottaa walumaan ilaalla isa. kana osoo hin gahiin garuu maaloo yoo oromiyaan akka bilisoomtuuf hojjenne wal taanee. wal gufachiisuu , wal dadhabsiisuu wal morkii , anatu caalaa dhiisaa(X10000)
    hadraa afaan summii gootaniis wal hin arrabsiinaa , dhaabaa lafeen ilmaan oromoo keessatti cabde , dhiigni isaaniikeessatti dhangalaate kaanis mana hidhaatti tortoraa jiruu irratti xurii yookaan dhoqqee akka faalaa jirtan sirriitti hubateera uummaanni oromoo

    nuti barattootni oromoo kuni marii keenya irratti warra biyyatti galla jedhaniif yoo bilisumma oromoo fi oromiyaa fidanii hin dhufiin tahee fi dhaaba mootummaa wayyaanee waliin akkuma OPDO TII JIRAACHUUF deemu kan yoo kan fidan taate murteee lafa keenye ni qabna. innis dursa osoo waan biroo hin haasa’iin luubbuu ijoollee oromoo maqaa qabsoon dhumtee, lafe cabde, kan mana barumsaatii dhumte akka nuuf kanfalan gaaffiin uummta oromoo irraa akka kaatu labsii keenya dabarsaa jirra . maaliif jennaan osoo isaan hardha ODF JEDHAN KUN MAQAA QABSOO ABO KANAA LAFAA HIN KAASNE TAHEE YOO BILISUMMAAN HAFTEYYUU yookaan dhibdeyyuu lubbuun ilmaan ijoollee keenyyaa kan maqaa dhaaba kanaan dhumtee ni nuuf jiraata ture kan jedhu irratii hundaafneetu dha.Dubbiin baayyateef harreetti hin fedhaniittii
    Akka dhaamsa baratoota bakka buutota yuuniversiittii kanaattii amma yeroo gabbaa baatti gara ABO ttii deebi’uu dhaan garaadhaan foqoqaa tii jilbaan daa’imaatii gadi of buusaatii gaabbii guddaa keessa galaa tii dhaqaa mooraalee yookaan jaarmiyaalee ABO dhiifama gaafadhaa n ammas dhaamsa keenya isa guddaa dha.

    HUBACHIISA moraaan dhaaba kamuus ta’e deeggaraan dhaaba kamuus maqaa walii dhahuun wal arrabsuurraa of qusadhaa

    beekan.haramayaa@gmail.com

    horaa bulaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *