Oduu Haaraya

“Oromiyaan yoo Bilisoomte OPDO maaltu itti hir’ataa?

Hawwii Sanyii Leencaa

Opdon akka wayyaaneen faayidaa qofaaf jettee isaan barbaaddu maa beekuu dadhabanii laataa? Utuu dhuguma Opdo akka dhaabaatti ilaalu ta’e maalif Priministeerii opdo keessaa hin filan turee? Utuu dhuguma uummata oromoof yaadu ta’e Muktaar Kedir sanyii warra Daawwaroo ykn Kulloo kontaa maalif Oromiyaa akka bulchu godhuu? Iddoo citee dhukkuba akkuma jedhamu, yeroo ijoollee oromoo irratti waraana labsuu barbaadan ykn rukutu barbaadan jalqaba bulchaan naannoo sanaa itti mallatteessuu waan qabuuf yoo oromoo qulqulluu ta’e danda’ee garaa jabaatee dhala isaatti murteessee waan itti hin mallatteessineef diina afaan bare barbaadanii Oromiyaa akka bulchuuf Oromiyaa irratti ramadu.

Kana opdon maaf beekuu dadhabee callisee ilaalaa? Har’a kan nama dhibu keessa Godina Qellem Kan Bulchaa jiru akaakayyuu minilik kan ta’e Taammirat nama jedhamuudha.‪#‎Tammirat‬ kun Waggaa darbe si’a wal ga’ii geggeessu akkas jedhaa ture: lafti amma uummati oromoo irra jiru kun kan uummata oromoo utuu hin taanee Saba biraa irraa ari’atee oromoon kan qabateedha jechuudhaan diinummaa uummata oromoof qabu ifatti baasee mul’isaa ture. Haa ta’uti Opdon akka wayyaaneen amantaa gonkuma irraa hin qabaannee hin beektu ta’e maalif akkas akka sabashee jibbitee wayyaanee akka jirmaatti dugdatti baattee deemtuuf naaf hin galu. Utuu dhuguma amantaa opdo irraa qabaatani :

tokko Priministeerii Oromoota keessaa filatu turan.

2ffaa Godinoota baayyee irratti Habashaa afaan oromoo bare oromoo akka bulchu hin godhan ture. 3ffaa Yeroo darbe Abbay Tsehayee nuti yoomillee opdo hin amannuu jedhe sababiinsaas jedha opdon baayyeen isaanii ABO dha. Kana malees opdo dudduuba girgiddaa cimaa kan nutti ta’e uummata oromootu jira jedhe. Kanaaf OPDOn posti kana dubbistu hundikee sittin himaa na dhaga’i : wayyaaneen faayida isheef jettee malee akka isheen akka bineensaatti si ilaaltu beeki. Utuu ati miidhaa sabakee wal tajjii isaaniirratti kaaste ABO dha siin jettee amma mana hidhaa si galchiti. wayyaanee si waliin deemuu kan dandeessu yoo isheen gugguufi dhadhaa fi damman sitti fe’adhaa asii baastee meqeleetti naa geessita siin jette, ati lakki hin danda’u xiqqooshee dhaqna koo kana keessa na dhukkuba jetteen kun ilaalcha ABO qaba kanaaf isan dugda isaatti fe’adhe naa baatee deemuu dide jettee Qaallitti si buusti kanaaf opdo uummatakee sii wayya. Uummatakeetti deebi’i Fincila Diddaa Gabrummaa Mootummaa abbaa irree biyyakee Oromiyaa weeraree qabate kana deggerii yoo suusii/araada/ taayitaa qabda ta’es Nu gargaartee oromiyaa bilisa yoo baaste Akka barbaadde Oromiyaa Bilisoomte hogganta. “

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …