Oduu Haaraya

Oromoo fi Oromiyaa gabrummaa keessa tursiisuuf ammas itti qophaayamaa jiraa?

 

Abdii Boruutiin

Barruu kana sagaleen Falmataa Roorrootiin

Yeroo tokko tokko dabree dabree waan tokko tokko ilaaluuf yoo ta’e malee, anillee “Facebook” tti fayyadamuuf yeroos ta’ee, dhugaa dubbachuudhaaf,  fedhiillee hin qabu. Haa ta’u malee, marsaa kanarratti akka tasaa waan tokko argeen, sababa kanaan barreeffama kana dhiyeessuu barbaade. Inni kunis, jaarmayaan Tigray People’s Democratic Movement (TPDM) Afaan keenyatti yoon hiiku: Sochii Diimookraasii Uummata Tigraayi kan jedhamu, loltoota kumaatamaan lakkaawaman leenjisee akka eebbisiise kan agarsiisu ture. 

Kumaatama ta’uu isaaniitiif ragaa qabaachuu baadhullee, xinnaatanis baay’atanis, humnootni kun ammas Oromiyaa teenya gabrummaa keessa tursiisuu fi olaantummaa Tigree ittifufsiisuufis waan qophaayan ta’uu malu jedheen yaada. Humnootni kun, Oromiyaa gabrummaa keessa tursiisuuf kaayyoo akkanaa qabaachuu akka malan wanti ifatti mul’atan hin dhabamne. Tokkoffaa, alaabaa gabroonfataa (alaabaa impaayarittii) ol kaasanii mul’isuu yoo ta’u; lammaffaa, sirbi ykn weedduun fiilmii kanarratti duubaan dhagayamu, dhaamsa maalii akka qabu hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu.

 

Sirba: “ba innaateem Abashaa, ba abbaateem Abashaa, aandi naat Itoophiyaa iska macarrashaaHaadha tiyyaanis Habashaa, abbaa kiyyaanis Habashaa, (kanaaf) hanga xumuraatti Itoophiyaan takka, jedhuun dhaamsa cimaa fi kaayyoo ifa ta’ee, shakkii hin qabne dabarsanii jiru. Kun ifaa ifatti kan mul’isu, humnootni kun mootummaa Wayyaanee kuffisanii aangootti kan dhufan yoo ta’an, mirgi hiree murteeffannaa uummata keenyaa fi egereen Oromiyaa gaafii guddaa keessa akka galuu dha. Humnootni kun, olaantummaa Tigree ittifufsiisuuf waan qophaayan ta’uu malu kanan jedheefis, akka hubannoo kiyyaatti, jarreen kunis tooftaadhuma walfakkaataa Wayyaaneen itti fayyadamtetti fayyadamanii; maqaa tokkummaa Itoophiyaatiin sabaa fi sab-lammoota hammatanii garuu sana booda akkuma obbolaawwan isaanii (Wayyaanotaa) olaantummaa aangoo harkatti galfachuuf waan deeman waan fakkaatuufi. Karaa biraatiinis yoo ilaalme, jaarmayootni lamaanuu (TPLF fi TPDM) maqaadhuma uummata tokkootiin ijaaraman. Garaagarummaan isaan jidduu jiru, tokko bilisummaa (walabummaa) uummata isaaniitiif yoo ka’u; kan biraa garuu maqaa diimookraasiitiin of mul’isuu isaanii qofaa dha.

 

Wanti biraa, sochii jaarmayoota lamaanii keessattuu wanti argamu, lamaan isaaniituu Eertiraadhaan deeggaramuu isaanii ti. Wayyaanotas, kan humna cimaa ta’eefii Finfinnee isaan qubachiise bilisabaastota Eertiraa yoo ta’an, humnootaa haaraa kanas kan ciminaan gargaaraa jiru Eertiraadhuma akka ta’e hubatama. Kanaaf, adeemsi jaarmayoota lamaaniituu walfakkeenya baay’ee akka qabu ifa dha. Walfakkeenya adeemsaa qofaa otuu hin taane, kaayyoon isaaniitiis garaaagarummaa waan qabu hin fakkaatu. Wanti hubatamuu qabu garuu, kana booda Oromoon humna ofii jabeessee; diina injifatee; bilisummaa fi abbaabiyummaa isaa deebisee, hanga hin argatinitti, humni kamiiyyuu aangootti dhufee; handhuura Oromiyaa Finfinnee yoo qabate, gaafiin mirga keenyaa awwaalamuuf akka deemu fi Oromiyaan dhiiga fi lafee Sabboontotaatiin ijaaramte tunis kaartaarraa haqamuuf akka deemtu shakkii akka hin qabnee dha. Kun sodaatanii wal sodaachisuuf otuu hin taane, balaa nutti deemaa jiru alaalatti arguu danda’uu dha.

 

Shakkiin biraa kan ani qabu, Wayyaaneedhumtuu gara lafa jalaatiin jara kana (TPDM) jabeessaa waan jirtu natti fakkaata. Maaliif yoo jedhame, jaarmayaa sochii cimaa akkanaa (keessumaayuu gara hidhannootiin) qophii guddaa godhaa jiru kana, Wayyaaneen gaaf tokkollee maqaa isaanii kaasuun ishii waan hin dhagayaminiifi. Jaarmayoota qabsoo hidhannoo gaggeessan kan akka ABO fi ABBO (ONLF) akkasumas jaarmayaa Ginbot 7 jedhamu, hunda isaaniituu maqaa shororkeessitootaatiin galgalaa ganama yoo kaastu, jaarmayaa obboleewwan ishii kana garuu balaaleffachuudhumti ishiituu hin hubatamu. Wayyaanotni, kufaatiin isaanii yoom akka ta’u beekamuu baatullee, aangoorra turuu akka hin dandeenye waan beekaniif, olaantummaa Tigree ittifufsiisuuf; obboleewwan isaanii kana bakka isaanii buufachuuf, lafa jalaan isaan qopheessuuf shira xaxuu malu jedheen yaadas. Egaa asirratti ragaa qabatamaan jiraatee otuu hin taane, haaluma deemaa jirutu shakkii kana uuma jechuu dha.

 

Rakkoo jiru fi balaa namatti deemaa jiru hubachuu qofaa otuu hin taane, gaafiileen asirratti ka’uu qaban: Yeroo Habshootni olaantummaa Habashaa faarsaa; humna ofii cimsaa jiran kanatti, Oromoon maal godhaa jira? Maal godhuus qaba? fi kan kana fakkaatanii dha. Yeroo ammaa sababa sochii barattoota keenyaatiin, tokkummaan uummata Oromoo yoomiyyuu caalaa gammachiisa haa ta’u malee, kan baay’ee nama gaddisiisu fi yaaddessu garuu, ammallee karaa adeemsa siyaasaatiin jaarmayootni keenya gara gara faffaca’anii; humni Oromoos sababa kanaan akka laafee jiru hubatama. Akka ilaalcha kiyyaatitti, wanti Oromoon seenaarraa barachuu fi haala impaayara Itoophiyaarraa hubachuu dadhabe tokko, har’allee yeroo qawween biyya bulchaa jirtutti, qabsoo karaa nagaa yaaduu fi isa kanarratti yeroo, beekumsa, dandeettii fi qabeenya Oromoo balleessuu dha. Biyyattii sana keessatti, karaa nagaatiin jijjiiramni ummataaf tolu dhufuu akka hin dandeenye seenaatu ragaa ta’a. Kun otuu beekamuu, dhugaan kun ifa ta’ee lafarra otuu jiruu, ammas karaa hin taane deemuudhaan umurii gabroonfataa dheeressuuf yookaanis gabroonfataa dabaree eeggatee dhufuuf jiruuf haala mijeessuuf karaa hin taane deemuu keenya dha.

 

Kan humnaan, qawweedhaan bilisummaa nurraa fudhatee; biyya keenyarratti abbaa biyyaa fi abbaa qabeenyaa ta’e, humnaan malee karaa nagaatiin nurraa ka’uu akka hin dandeenye maaliif hubachuu dadhabna? Dubbii gabaabsuudhaaf, karaan bilisummaa keenyatti nu geessuu danda’u qabsoo hidhannoo jabeessuu qofaa dha jedheen amana. Kanaaf, warri (jaarmayootni) karaa qabsoo hidhannootti hin amanne, tokkummaa yaamuun isaanii akkamitti waliin hojjechuufi? Akkamitti waliin deemuufi? Karaa tokkoon gabroonfataa wajjin tumsa uumuuf yaadaa ykn yaalaa, karaa biraatiin ammoo humna mooraa ofii cimsuuf yaaluun akkamitti waliin deema? Har’a ijoolleen teenya karaa nagaatiin gaafii mirgaa kaasanii sababa kanaan kuun mana hidhaatti guuramanii dararamaa fi du’aa; kuun ammoo irbaata rasaasaa ta’aa yeroo jiranitti, jaarmayootni Oromoo warri har’allee karaa nagaatiin qabsoofnee mirga keenya argachuu dandeenya jedhan, haala keessa jirru hubatanii jiruu laata?? Tokkummaa uumuuf hawwiin kan jiraatu yoo ta’e, tokkummaan uumamu kun kan qabsoo hidhannoo hin jabeessine yoo ta’e, akka amantaa kiyyaatitti, bu’aa fi jijjiirama tokko fiduu hin danda’u.

 

Tokkummaan yeroo ammaa gamaa gamanaa yaamamaa jiru kun, tokkummaa dhugaa, kan qabsoo hidhannootti amanu fi isa kanas cimsee mooraa keenya keessatti humna Oromoo abdachiisaa ta’e uumuu kan hin dandeenye yoo ta’e, eessanuu nu gayuu waan danda’u natti hin fakkaatu. Tokkummaa uumuuf yaamicha godhuu dura, tokkummaan hawwamu kun akkamitti firii qabaachuu akka danda’u dursanii itti yaaduun baay’ee barbaachisaa dha. Yoo kana hin taane, akkuma kanaan duraa, yaalii bu’aa hin fidne ta’ee hafuu danda’a. Kun yaaddoo kiyya dha. Asirratti wanti hubatamuu qabu, ani jaarmayaa tokkotti hirkadhee kan biraa komachuuf otuu hin taane, walumaa galatti, haala keenya gamaaggamnee kan ilaallu yoo ta’e, qabsoo hidhannoo fi hunma waraanaa qofaatu galii hawwinutti nu geessuu danda’a jedhee waanan amanuufi. Uummatni Oromoo, akkuma kutannoodhaan ka’anii kunoo meediyaa walabaa OMN dhugoomsanitti, akkasumas tokkummaa fi kutannoodhaan ka’anii Waraana Oromoos ijaaruu fi cimsuun waan hin danda’amneef sababni ni jira jedhee hin yaadu. Humna keenyatti amanuu fi kutannoo qofaa nu barbaachisa.

 

Egaa, gara xumuruu barreeffama kiyyaatti deemuuf, Habshootni, kan nu nyaachaa jiran quufanii otuu hin deemin, kan biroo beelayanii; nu nyaachuuf hamuummachaa akka jiran; kanaafis humna isaanii (humna hidhataa) jabeeffachaa akka jiran hubatnee; Oromiyaa teenya badiirraa oolchuuf; mirga hiree murteeffannaa uummata keenyaas mirkaneessuuf, humna mooraa keenyaa cimsuun, keessumaayuu waraan keenya ijaaruu fi jabeessuun waan filannoo biraa hin qabne ta’ee mul’achaa jira. Kanaaf, Tokkummaan Oromoo kan dhugaa lafarra jiru kana hundeeffatee, humna mooraa keenyaa jabeessu fi cimsu ta’uu qaba malee, tokkummaa waraqaarraa kaayamee, maqaadhumaaf taa’u ta’uun bu’aa takkallee hin fidu. Dhumarratti, dhaamsi ani carraa kanaan dabarfachuu barbaadus, jaarmayootni Oromoo waliin haasa’aa; karaa humni keenya (humni waraanaa) itticimuu danda’urratti waliin hojjedhaa; wal hin sakaalinaa; walgayii yaamuu fi ibsa ejjannoo dabarsuu qofaatti hin hafinaa; waan yaaddan, waan karoorfattan, kan humna keenya cimsuu danda’u yoo ta’e, isa kana hojiidhaan agarsiisaa.

 

Galatoomaa!

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

 

 

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …