Oduu Haaraya

Yoo waliigaltee fi tokkummaan hin jiraanne, kaayyoo kamiiyyuu galii hawwameen ga’uun rakkisaa ta’a

 

 

Abdii Boruutiin

 

Waayee tokkummaa qabsaa’ota Oromoo ilaalchisee, yeroo adda addaa keessatti barruulee gara garaa akkan dhiyeessaa ture ni yaadatama. Har’as otuu abdii hin kutatin, waayee’uma kanatti deebi’ee yaada koo dhiyeessuun barbaada. Tokkummaan qabsaa’otaa hawwii uummata keenyaa ta’ullee; akkasumas jaarmayoota fi qabsaa’ota bilisummaa Oromoo tokkoomsuuf, yeroo fi bakkee adda addaatti yaaliin godhamullee; bu’aan hanga ammaatti argame waan nama abdachiisu hin fakkaatu. Tokkummaan hawwame kunis sababoota gara garaatiin otuu hin milkaawini fi hin xumuramin hafuun waan nama gaddisiisu dha yoon jedhe dubbii oo’isuu hin ta’u. Haa ta’u malee, dhimmi kun abdii kutachiisaa fakkaatus, waayee tokkummaa kaasuun waan hafu natti hin fakkaatu. Waayeen kun waan yeroon irraa dabrus miti. Kanaaf, dhimma kanatti deebi’ee, barruu kiyya kana har’aa keessattis waan tokko tokko jechuu barbaade.

 

Mee haa jennu, fakkeenyaaf namootni manaa ba’anii, bakkee tokko ga’uuf waliin deemuu barbaadan, bakkee barbaadan sana walumaan ga’uuf dura waliigaluu qabu. Galiin kun kan hundaatuu ta’uu qaba jechuu dha. Kun tarkaanfii duraa ti. Tarkaanfiin lammataa karaa ittiin deeman ta’a. Bakkeen hunduu ga’uu barbaadan tokko ta’ullee, karaan ittiin deemanii achi ga’uu barbaadan adda adda ta’uu mala. Karaan kun ammoo, karaa gabaabaa fi kutaa ykn karaa dheeraa fi dadhabsiisaa ta’uu danda’a. Gama biraatiin ammoo, karaan kun karaa hin beekamne yoo ta’e, kana ykn sana wayya jedhanii murteessuun rakkisaa ta’uu danda’a. Qabsoon bilisummaa Oromoos (QBO) akka fakkeenya kanaa salphaa ta’uu baatus isa kanarraa adda waan ta’u natti hin fakkaatu. Sirumaa akka fakkeenya kanaatti yoo ilaalame, dogongora hin qabu jedheen yaada.

 

Fakkeenyi kanaa olitti kaase kun waa lama agarsiisa: inni tokko bakkee ga’uu barbaadan ykn karoorfatan kaayyoo yoo ta’u; inni biraa karaa kaayyoo kana galiin ga’anii dha. QBO keessas akkasuma waa gurguddoo lamatu jiru kaayyoo fi karaa kaayyoon kun galii hawwame sana ittin ga’uu danda’u dha. Egaa, qabsaa’ota keenya yoo fudhanne, gaafii guddaan asitti ka’u: “Isa kamirratti walii galu? ykn isa kamtu akka walii hin galle isaan godha?”kan jedhu ta’a. Karaa biraatiin, gaafii: “Kaayyoo dha moo karaatu rakkisaa dha?” kan jedhu ta’as. Wanti nama hin mamsiifne garuu, rakkoon kaayyoos haa ta’u ykn karaa; yoo waan tokkorratti waliigaluu hin dandeenye, tokko ta’anii waliin deemanii waan waliin barbaadan sana argachuun rakkisaa ta’uu akka danda’uu dha. Waayee kanatu mammaaksa “Namni wal sodaatu ykn wal shakku muka tokko waliin hin koru yookaanis laga tokko waliin hin cewu” jedhutti nama geessa.

 

Dhugaa dha, namni waan tokkorratti yoo walii hin galle, wal amananii waliin hojjechuun rakkisaa qofaa otuu hin taane, sirumaa hin danda’amuuyyu ta’a. Kanaaf, waliigaltee qabaachuu fi waan tokko waliin barbaaduun akka tokkooman ykn tokko ta’an nama godha. Waliigalteen bu’ura tokkummaa ti. Waliigalteen tokkummaatti nama geessa jechuu dha. Egaa, mooraa QBO keessatti, garaagarummaa kaayyoo ti moo garaagarummaa karaatu qabsaa’ota keenya waliigaltee isaan dhoowwe? Ani akkan ofii kiyyaa ilaalutti, kaayyoon hundaatuu yoo tokko ta’e, karaan ittiin deeman waliin nama mormisiisullee, furmaata waan dhabu natti hin fakkaatu. Asirratti, tokkoomanii karaa tokko deemuun yoo hin danda’amne, hunduu karaa barbaadani fi danda’aniin deemanii kaayyoo waliin qaban sana galiin ga’uun ni danda’ama jedheen yaada.

 

Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, karaa caalaa kaayyootu murteessaa dha. Yoo kaayyoo tokkorratti waliigalame, karaan kaayyoo kana galiin ga’uu danda’u waan dhabamu natti hin fakkaatu. Akkuman kanaan duras barruulee adda addaa keessatti ibsuu yaale, mooraa QBO keessatti ilaalchi gara garaa mul’achaa akka jiru dha. Kuni ammoo, iccitii otuu hin taane, waan ifatti mul’achaa jiru dha. Mee asitti waan tokko tokko kaasuun barbaada. Kan biraa hafee, mooraa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessatti yoo hubatne, adeemsa siyaasaa adda addaatu mul’achaa jira. Kuun, qabsoo nagaa (non-violent struggle) gaggeessinee; jaarmayoota fi saboota biroo wajjin hojjennee; uummata keenya (uummata Oromoo) faashistummaa Wayyaanee keessaa baafna jedhu. Akkana jechuun ammoo, akka naaf galetti, jaarmayoota Habashaa, kan mirga uummatootaa fi diimookraasiif hojjenna jedhan, wajjinillee hojjechuun akka barbaadamu dha.

 

Karaa biraatiin ammoo, kuun, lakkii nuti humna keenya cimsinee; yoo barbaachisaa ta’e ammoo saboota cunqurfaman; kan nu wajjin kaayyoo walfakkaataa qaban, wajjin hojjennee, bilisummaa keeenyaaf qabsoofna malee, Habashoota waliin hin hojjennu jedhu. Asirratti ilaalcha namootaa kana wal bira qabnee yoo ilaallu, gaafii: “Garaagarummaa kaayyoo ti moo garaagarummaa karaa ykn/fi tooftaa ti?” jedhu akka ka’u taasisa. Deebiin gaafii kanaa waan fedhe ta’us; kana akkuma jirutti dhiisuu dhaan; yaada ykn gaafii yeroo baay’ee sammuu kiyya keessa deddeebi’u tokkon dhiyeessuu barbaada. Waan namootni barreessan yoon dubbisu yookaanis waan dubbatan yoon dhaggeeffadhu, gaafii guddaa ykn cimaa tokko akkan kaasu na taasisa. Inni kunis: “QBO kana keessatti, Habashoota wajjin hojjechuuf yaalii godhuun; impaayarittii dulloomtee kufuuf deemtu tana dhugaa dhaan diimookraatessinee, QBOs galii dhaan geenya jechuun ykn jedhanii yaaduun, ijibbaata xumuraa godhuuf moo kan dabrerraa barachuu dadhabuu dha??” kan jedhu dha.

 

Sababni gaafii kana kaaseef, kan biraa hafee, asuma dhiyoo kana marsaa gadaa.com irratti waan lama dubbise isaan kunis akkan gaafii kanaa olii kana kaasu na taasisan. Inni tokko mata duree “Ethiopa their Ethiopia” jedhuun barruu Obboo Boruu Barraaqaatiin dhiyaate yoo ta’u; inni biraa ammoo, waayee Dr. Nagaasoo Gidaadaa irratti barreeffame dha. Barruun Obboo Boruutiin dhiyaate dhugaatti qalbii nama harkisa. Mata dureen inni filatellee kanuma dhugaa wajjin deemuu dha. Dhugaa dha, Afaan keenyatti yoo hiikamu, “Itoophiyaa Itoophiyaa isaanii” kan jedhu dhara miti. Kaleessas, har’as, borullee impaayarittiin tun kanuma isaanii akka taatu barbaadu. Kanaaf, galgalaa ganama immiyyee Itoophiyaa isaanii weellisu. Har’allee jalqaba bar-dhibbee diigdamii lammaffaa keessatti yaadni isaanii (Habashootaa) waan jijjiirame ykn jijjiiramu hin fakkaatu.

 

Waayee Dr. Nagaasoos yoo ilaalle, tooftaafis haa ta’u yookaanis ammoo, dhimma dhuunfaatiif illee haa ta’u; sababa kanaa Doktorichumaaf dhiisuu dhaan; garuu asii fi achi jechuun; Habashoota jala fiiganii waan hin milkoofne yaaluun; QBO fi uummata keenyarratti gaaga’ama fiduu dha malee bu’aa waan fidu natti hin fakkaatu. Yaadni Obboo Boruu Barraaqaa dhiyeesses akka yaadaatti, amansiisaa (waan waltajjii jiru, waan hundaafuu kan walii ta’uu danda’u tokkorratti walii galuun hundaafuu furmaata walii) ta’uu danda’ullee, dhuguma Habashootni kanatti amananii; yaada fi kaayyoo isaanii jijjiiranii kan hundaafuu ta’u tokkorratti walii galuuf qophii waan ta’an natti hin fakkaatu. Waa baay’eetu isaan wajjin yaalame. Projektiin akkanaa tokkumtuu hin milkoofne. Kanaaf ammoo, seenaatu ragaa ta’a. Dhugaa kanatu “ijibbaata xumuraa godhuuf moo kan dabre irraa barachuu dadhabuu dha” akkan jedhu na taasise malee, tumsa alaa barbaaduun sirrii miti jechuu kiyyaa miti.

 

Ani akka nama tokkootti (akka ilma Oromoo tokkootti) yaadni fi ilaalchi ani qabu, karaa fedheenuu haa ta’u; tooftaa fi tarsiimoo kamiinuu haa yaalamu; uummatni Oromoo gabrummaa hamaa fi faashistummaa Wayyaanee kana keessaa akka dafee ba’un barbaada. Yoo kun hin taane, rakkooleen uummata keenyaa fi badiin biyya keenyaa Oromiyaallee guddachaa fi hammaachaa akka deemu hundaafuu ifa ta’uu qaba. Kanaaf, waan qabsoo kana cimsee uummata keenya gabrummaa keessaa isa baasuu danda’u irratti waliigaluun haal-duree takkallee qabaachuun irra hin jiru jedheen amana. Oromaan, koottaa waan waltajjii ta’uu danda’u tokkorratti waliigalla jennee yaada dhiyeessina ykn isaan affeerra. Ofii keenyaa hoo, maaliif waan waliin qabnu tokkorratti dura walii hin galle? Maaliif akka humni keenya cimu fi abdachiisaa ta’u waliin irratti hin hojjenne? Maaliif sagalee tokko hin dubbanne? Deebii gaafiilee kanaa ilmaan Oromootiif dhiisuun barbaada.

 

Deebii gaafii guddaa kanaa olitti kaase sanaa warra’uma yaada akkanaa qabaniif dhiisuu dhaan, garuu waan natti dhaga’amu tokko jechuun barbaada. Namni akka malee beela’e fi dheebote tokko waanuma argate nyaatee fi dhugee kana qabbaneeffata malee, kana wayya sana wayya jedhee hin filatu; filachuullee hin danda’u. Namni akka malee dhukkubsatu tokkos kun qoricha jedhanii yoo kennaniif, isuma argate sana dafee liqimsee dafee fayyuu barbaada malee, qoricha sana ykn kana wayya jedhee hin filatu. Namni rakkoo hamaa keessa jirus, akkamitti akka kana keessaa ba’u barbaada malee, karaa kana ykn sana wayya jedhee filannoo gara garaa waan yaadu natti hin fakkaatu. Waayeen uummata Oromoos akkuma fakkeenyota kanaa ti. Gabrummaa yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e kana keessaa; akkasumas beela fi gadadoo keessaa dafee ba’ee bilisummaa isaa argachuu barbaada. Kun ammoo kaayyoo hatattamaa ti; ta’uu qabas.

 

Har’a qabsaa’otni fi hoggantootni QBO biyya alaa jiraatanii; asittuu ammoo waliigaltee fi tokkummaa dhabanii; kana birallee dabranii qabsoon kun akka laafu godhuun isaanii qabsoo kanas gaaga’ee, uummatni keenyas akka miidhamu taasise malee, uummata Oromootiif bu’aan hin argamne. Kan haala kanatti fayyadamu fi bu’aas irraa argatu diina keenya Wayyaanee dha. Mooraa QBO keessatti, waliigaltee fi tokkummaa dhabuun umurii bittaa Wayyaanee dheeresse; dheeressas. Diina qofaa otuu hin taane, sabootni ykn uummatootni birootuu nu tuffatan. Kun uummata bal’aa Oromootiif qaanii guddaa dha. Hawaasota addunyaatiif illee waayeen keenya dhiibboo ta’ee jira. Uummatni lakkoofsaan miliyoona afurtamaa ol ta’u; uummatni waa hunda qabu; waa hundaa dhabee, jireenya namaa gadii jiraachuu caalaa qaaniin biraa jiraaree??

 

Barruu kiyya xumuruu dhaaf, akkuma mata dureen isaa jedhu, karaa feene deemuu haa barbaadnu; tooftaa fi tarsiimoo feenu haa yaallu; mooraa qabsoo kanaa keessatti waliigalteen yoo hin jiraanne, tokkummaan uumamuu hin danda’u. Yoo tokkummaan dhugaa hin jiraanne ammoo, kaayyoo kamiiyyuu galiin ga’uun waan danda’amu natti hin fakkaatu. Waliigalteen bu’ura waa hundaa ti. Waliigaluun qabsaa’ota Oromoo ammoo, fedhii otuu hin taane, akka dirqamaatti ilaalamuu qaba. Maaliif yoo jedhame, uummata irraa dhalanne; uummata hidhamaa, dararamaa, ajjeefamaa, biyyarraa baqachaa jiru; bakkee baqatetti illee rakkoo hamaa keessa jiru (fakkeenyaaf uummata Oromoo kan biyya Yaman jiran ilaaluun gahaa dha); uummata qayee fi biyya ofii dhabe; uummata beela fi gadadoo keessa jiru,… ilaaluutu waliigalteen dirqama akka ta’u taasisa. Karaa biraatiin, waliigaltee qabaachuun dhaloota dhufuufillee fakkeenya gaarii ta’uu danda’a; egeree keenyaaf hundee ta’as. Yoo nuti waliigaluu dandeenye, diinni fi alagaanillee nu sodaachuu fi nu kabajuu danda’u. Yoo nuti waliigaltee dhabne garuu, akkuma mul’achaa jiru, diinas ta’ee alagaan haala keenyatti fayyadamanii, kaayyoo ofii galiin ga’uu barbaadu. Oromoon dhugaa kana hubachuu qaba.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *