Oduu Haaraya

QARUUTEE FII WAYYAANEE

QARUUTEE FII WAYYAANEE

Abbaa Urjii

abbaa urjii

Eega wal-dhabbiin hawaasota jiddutti jalqaberraa kaasee, qaruutammaan qaama lolaarraa tokko tahee jira. Iddoo diinni jiru, haala keessa jiru, humnaa fii miya akkam, eessaa akka qaburratti odeeffannoo dhugaa qabaachuun, qophii fii duula irratti godhamuu malees, injifannoo galmooytuufillee murteessa.

Haala qaruutummaa keessatti cimaan, caasaa diinaa keessa karaa nama isaa tiin hulluuqanii haalaa fii karoora isaarratti odeeffannoo arkachuu dha. Kana xiinxala lola Israa’elii fii Hizbullaa jiddutti bara 2006 godhamerraa hubachuun ni dandayama. Lolli ganama Adoolessa 12a, tarkaanfii loltoonni Hizbullaa raayyaa Israa’eel kanneen timjii eegaa jiranitti dhukaasa daguu bananiin jalqabame, haala walitti bu’iinsa ammaan duraa tiin addaatti deemee, Hagayya 14, bara 2006, araar-qaboon dhaabbachuu mudate.

Wanni lola kana kanneen isa duraa tiin adda godhe, waraanni Israa’el, akka aadaa isaa kan duritti, waraana Hizbullaa injifatee, mirgaan galuu dhabuu isaa ti. Kan kana fide, waraanni Yahuudaa baayyina loltootaa fii miya waraanaa kan ammayyaa tiin caalamee tii miti. Ykniis jibbi loltoonni Israa’el nyaapha isaanii tiif qaban bakkarraa sossoohee tii miti. Yo murannoo tahe malee, baayyina raayyaa fii miya lolaa tiin loltoonni Hizbullaa kan Israa’eel-iin wal hin-gitan.

Mootummaan Israa’el, durattumaa, baayyina loltootaa tii fii ammayyummaa meeshaa waraanaa qofaan diina marsee jiru injifachuu akka hin dandeenye ni beeyti. Kanaaf, dhaaba qaruutee isii, Mossad-irratti irkachuu malees, qaruutummaa-rratti amatatti horii Ameerikaa biliyoona lamaa ol baafti. Horii kanaan, mootummaa fii hawaasa Arabootaa keessa caasaa basaasotaa ykn dooyyoo diriirfatteen odeeyfannoo guurratti. Haala kanaaf, Lubnaan qofatti, waggatti, horii Ameerikaa miliyoona dhibba jahaa ol baafti.

Warri Hizbullaa, kanneen Israa’el waliin yaroo hedduu walitti-bu’an, isaanii fii Araboonni niis jaraan daddeebi’anii injifatamuun miya waraanaa malees, haala waraana isaaniirratti sirriin/iccitiin gurra diinaa seenuu tahuu hubatan. Kannarraa ka’uun, caasaa qaruutee tan mataa isaanii dhaabbatanii hulluuyxoota if keessaa mancaasuu fii iccitii eeggachurratti bobbahan. Bobbaa sanii tu lola kanarratti milkoomina fide. Wanni godhame, ji’a sadii lola dura, meeshaa gurguddoo qabanii fii gola hoogganootaa iddoo jirurraa bakka biraatti dhooysaan godaansisan. Akka lolli jalqabamee niis warra diinaaf oduu dabarsan ja’anii hordofaa jiran hunda hidhatti guuran. Haalli kuni, Israa’el ijaa fii gurra dhoorke. Xayyaaraa fii madaafaan iddoon guyyaa guutuu barbadeessaa ooltu, furga’aa (rookkeeta) Hizbullaa-rraa itti dhukaafamu irraa dhaabuu hin dandeenye. Illima duratti dhandhaarame kan himuuf dhabamee, taankonni isii timjii Lubnaan irraa fagaatanii deemuu hanqatan. Iddoo xayyaaraan barbadeessitee loltoota qilleensarraa itti gad buuftu hundatti, loltoonni Hizbullaa akka tuqaatti lafa keessaa itti ol yaa’anii barbadeessan. Wanni biraa hanqatee, caasaa qunnamtii elektroonikaa kan akka raadiyoo, telefoonaa fii TV Hizbullaa qilleensarraa buusuuf ijibbaanni gootelleen milkaawuuf dide. Kan haala kana hunda fide, haala dhaabaa fii waraana Hizbullaa, akkasumatti ammaas, tooftaa isaaniirratti odeeffannoo dhugaa qabaachuu dhaba. Kuni Israa’el hadhaa injifatamuu dhandhamse.

Haala armaa olii kana, hayyootaa fii xiinxaloonni siyaasaa Alastair Crooke fii Mark Perry kanneen ja’aman, maxxansaa Counter Punch ja’u kan Onkololeessa 13, 2006-rratti, mata-duree “How Hezbollah Defeated Israel” ja’uun “On July 28, the severity of Israel’s intelligence failures finally reached the Israeli public.” Jechuun dhibdee Israa’el odeeffannoo dhabarratti mudatte ibsan.

Gama biraa tiin, ammallee, haaluma kanaaf, lola Amerikaan Afgaanistaan keessatti Xaalibaan waliin godhaa jirtu laaluun ni dandayama. Haalli lola kanaa kan hanga ammaa yo xiinxalame, wanni Amerikaa injifannoo hoongeessee, lola bara 2001 jalqabe hanga ammaatti dheereesse, hanqina miya waraanaa fii meeshaa qaruutee odoo hin taane, hir’ina odeeffannoo tahuu tu irraa hubatama.

Akka lolli godhamee Xaalibaan magaalaarraa daggalatti godaaneen, qaruuteen Ameerikaa, CIA-n, bararaa nam-malee, unmanned aerial vehicle (UAV) ykn kan maqaa drone-iin beekkame, kan samii gubbaa waan lafarra sossoohaa fii barruu xixiqqoo hamma gabatee makiinaarratti barreeffamte ifatti arkisiisuun lafa Afgaanistan guutuu tooyachutti seene. Kana malees, maallaqa kintaalaan achi geesseen, hiyyeessa biyyaa kumaatama horiin sobee haala Xaalibaanrratti odeeyfannoo akka funaananiif itti bobbaase. Kana malees, hoogganoota dhaabaa fii ajajoota waraana Xaalibaanitti nama quba laateef horii guddaa akka kennu labse. Muulaa Umar, Duree dhaabaa nama bakka jiru qofa qaceelcheef qarshii Ameerikaa $10,000,000 (miliyoona kudhan) kennuuf irbuu seene. Akkasumaa waliin, Amerikaan, biyyi biyyoota adunyaa keessaa irree hundaa olii qaba ja’amu, waraana isaa malees kan waaheloota NATO, biyyoota afurtamii tokkoo, dabalatee, sa’atti doolaara miliyoona afurii ol baasaa, murattoota Xaalibaan, kanneen yo akkam baayyatan kuma jahatti shalagaman, injifachuu hin dandeenye. Sababni isaas dhabiinsa odeeffannoo ti.

Gama Wayyaaneetti yo seenne, sossooha ummanni Oromiyaa bilisummaaf godhaa jiran ukkaamsuuf odeeffannoon funaannachuun hujii Wayyaaneen halkanii-guyyaa hara-galfii malee irratti bobbahaa jirtu. Haala kanaa fiis caasaa basaasotaa haala adda-addaatti haawasa keessa diriirfattee jirti. Caasaan cimaan tokko kan maqaa Waajjira Nageenyaa fii Mirkanii (Deh’ninnetinnaa Marrajaa) moggaaftee fi. Waajjirri kuni, hoogganicha, Geetaachoo Aseffaa-rraa kaasee, dhibbarraa saddeettamii (80%) ol, Tigrootaan dhunfatamaa dha. Waajjira kanaan, haala ifatti beekkameen alattiis, godinoota Oromiyaa guutuu keessatti, odoo warri bulchiinsaa hin-beeyne caasaa dhooysaa tiin, hojjattoota mootummaa basaasti. Caasuma waajjiruma kanaa tiin, ammaas, manguddootarraa hamma kaa’imaanitti, namoota dhimmi hawaasa isaanii itti hin-dhagayamne horiin bittee, basaasummaarratti leenjiftee, hujii barbaadurratti bobbaafte. Kana malees, Caasaa Feedraalaa kan isiin qofti itti abbaa tiin, damee foolisii keessaan, maqaa Nac-Labaashii-tiin Tigroota biyya guutuu keessa bobbaafattee haala hawaasa keessa jiru tooyatti. Kuni gama biyya keessaa tiin yo tahu, gama biyyaa alaatiis, Imbaasiilee hunda keessatti maqaa Nageenyaa tiin waajjira kanarraa Tigroota ramaddee, hojjattoota tooyachuu malees, sossooha hawaasa biyya alaa jiru keessatti adeemsifamu qoratti. Yoom kana qofa, ammaas, Waajjira Bulchiinsaa fii Nageenyaa jechuun damee bulchiinsa hunda keessatti birkii uummattee, godinaaleerraa hanga araddootaatti caasaa diriirfattee hawwasa basaasti.

Haalli armaa olii hundi isii hanqatee, maatiirraa jalqabee miseensota hawaasa guutuu jiddutti wal-shakkii uumtee, ummanni ooltee-bultee malee akka wal-bira dabru godhuuf tattaafata gootuun, hawaasa guutuu biyyaa haala Takka-Shanee tiin caasuuf ijibbaatti. Waggoota 24-n aangoo biyyaa dhunfatte keessatti adunyaan haalaan if dura tarkaanfattee jirti. Kan tarkaanfii kanaaf sababa tahe guddina teknologii kan gama telefoona harkaa (cell phone) fii interneetiin arkame. Biyyoota hawaasni miidhaa mootummaa irraa walaba tahe keessatti, haallan sab-qunnamtii kuni haalaan aammatamee, hawwasaa fii biyyaas gama guddina ajaa’ibaatti oofaa jira. Hallan sab-qunnmatii kuni fedhii isii dura waan dhaabbatuuf, Wayyaaneen hanga haala tooyannaa isaa mijjeeffattutti biyya seenuurraa dhibeeysite ture. Eega naquun dirqii itti tahe boodaas, waajjiraa fii sharikaa isaa dhunfachuun, babal’ina isaa hamma dandeessuutti dhibeessaa jirti.

Akka gabaasaa Baankii Adunyaa (The World Bank) kan bara 2014 irraa ifatti hubatamutti,  (http://data.worldbank.org/indicator/IT.CEL.SETS.P2), babal’ina telefoona harkaa tiin biyyoota adunyaa keessaa, Xoophiyaan, warra maayyirraa jiran keessa tan torbbaffaa taatee arkamti. Akka gabaasaa kanaatti, lammii biyyaarraa dhibba keessa soddomii lama (32%) qofaa tu telefoona harkaa qaba. Haala kanarratti biiyti irraa maayyii, tan ilmaan adeerran Wayyaanee, Ertiraa dha. Akka gabaasaatti namoota biyya sanii dhibba keessa kan telefoonaa harkaa qabu jaha (6%) qofa. Haalli lammii biyyoota ollaa kan warra Wayyaanee fii Sha’ibiyaan irratti abboomaniin adda. Ummata Suudan keessaa 74%, kan Keniyaa irraa 72% tu qaba. Kana malees, biyya Soomaalee tan heeraan mootummaa hin qabne keesattille, hawaasa keessaa 51% tu telefoona harkaa qaba.

Gama babal’ina interneetii niis gabaasaan biyyatti kan telefoonaa daran fokkota. Haalli isaa faallaa misooma Wayyaaneen haasoytuu callaqqisa. Gabaasaan Internet World Stats, kan bara 2015-ii irraa akka hubatamutti, (http://www.internetworldstats.com/stats.htm), biyyota Afrikaa kanneen babal’inni interneet haalaan duubbatti hafe keessa, Xoophiyaan warra maayyiirraa tan afraffaa ti. Warri isii boodatti haafe fii kan maayyii akkuma reefutti ilmaan adeerran isii ti. Akka gabaasaa kanaatti, ummata Keniyaa keessaa 69.9%, kan Sudan irraa 25.8% internet waliin hidhata yo qabaatan, kan Xoophiyaa garuu 3.7% qofa. Akka gabaasaa kanaatt, biiyti Soomaalee, tan mootummaa hin qabne, tan adunyaarraa hanga Wayyaanee sadaqaa hin arkanne keessa warra jiraatan keessaa 4.7% tu interneet qaba. Akkuma olitti ibsametti, Ertiraa, biyya babal’ina teknologii kanaa tiin hunda duubatti hafte keessatti, warri tajaajila isaa qaban lammii keessa 1.0% qofa.

Wayyaneen akkumaa telefoonaa fii interneet dhunfata isii jalatti nayxee babal’ina isaa tooyachaa jirtutti, waan lammiin biyyaa dhagayuu qabaniis muteessuuf ijibbaata gooti. Kanaaf, ummanni biyyaa oduu dharaa tan isiin bowwaaftuuf malee tan biraa akka hin dhageenye godhuuf  tattaafatti. Kanaafiis TV walba tahan ukkaamsuu fii raadiyoonnan ugguruun hujii isii tahee jira.

Haallan armaa olii kanneen Wayyaaneen warra aangoo isii dura dhaabbatan hawaasa keessaa ittiin adamtu keessaa hamaan kan nama ofii tiin nama basaasamuu ti. Oromoonni haala kanaaf hujiirratti bobbaafte irra hedduun isaanii warra suduudaan Tigroota qofa qunnamu. Jarri kuni, wanni biraa isaan hanqatee, walgayiilee hawaasaarratti anaannatanii haasawuun ummata keessaa kanneen onneen danfitu qoratuuf. Haalli isaanii kuni yaamuu daran amma finiinaa jira. Fincila Diddaa Gabrummaa finiinsuuf jara kana beekuu fii hawaasa keessatti saaxileessuun barbaachisa. Kana godhuuf akkuma warra Hizbullaatti caasaa qaruutee tan mataa ifii qabaachuun barbaachisaa dha. Ammaaf, haala kanarratti hammanumaan ja’a.

 

Oromiyaan ni bilisoomti!

 

abbaaurjii@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *