Oduu Haaraya

Qubeen Afaan Oromoo mallattoo bilisummaa ti, dhalootni qubee ammoo abdii egeree ti

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Waggoota afurtama dura, yeroo Afaan Oromoo raadiyoonii cabsa jedhanii dubbatan sana, Afaan keenya haala sana keessaa bahee, sadarkaa har’aa kanarra ni gaha jedhee eenyutu yaade? Afaan Oromoo, barreessamuun isaa hafee akka hin dubbatamnellee kan dhiibbaan irratti godhamaa ture, sun har’a kunoo qubee ittiin barreessamu argatee; Afaanolee biroo wajjin addunyaa kanarratti ni mul’ata jedhees kan yaade jiraa? Galanni qabsoo bilisummaa Oromoof (QBOf) haa ta’u, kunoo qubeen teenyas erga hojiirra oolte, waggaa diigdammaffaa ishii kabajuuf jirti. Wanti guddaan hawwaman – bilisummaa Oromoo fi walabummaan Oromiyaa – galii isaanii ga’uu baatanillee, bu’aalee gurguddoo QBOn nuuf argamsiise keessaa inni guddaan tokko qubee teenya “mallattoo bilisummaa” kan taate dha.

 

Afaan keenyaan barreessuuf, akka dheebonnee fi beelofnee eegaa turre sanatti, silaa Oromootni hunduu erga qubeen dhalatte booda, mallattoo bilisummaa keenyaa kanatti fayyadamnee ittiin katabuu qabna turre. Dhugaa haa dubbannu yoo jenne garuu, har’a Oromoota meeqatu qubeetti fayyadamanii ittiin barreessaa jiru? Meeqatu ittiin barachuu fi ittiin katabuuf yaalii godhu? Waggoota diigdamman kana keessatti, kitaabota meeqatu qubee dhaan barreeffaman? Hog-barruu Afaan Oromoo guddisuuf hangam yaaliin godhame ykn godhama? Bar-kurnee lamaan dabran kana keessatti, Afaan keenya akka Afaan tokko guddachuu qabutti, guddatee ykn guddachaa jiraa? Yoon gaafiilee kana asitti tarreessu, yaalii godhame ykn godhamu tuffachuu fi hanqina ykn hir’ina jirus komachuuf otuu hin taaane, haala keessa jirru akka hubatnuufi.

 

Karaa biraatiin yoo ilaalame garuu, waan hir’ate ykn hanqate dubbachuu qofaa otuu hin taane, waan hanga har’aatti dalagametti gammaduu fi ittiin boonuus qabna. Erga qubeen hojiirra ooltee kaasee tattaaffiilee nama boonsisantu godhamaa jiru. Afaan Oromoo naannoo Oromiyaatti bakkee Afaan Amaaraa bu’ee; mana barnootaa sadarkaa duraa (elementary school) irraa jalqabee hanga sadarkaa ol aanaatti Afaan Oromootiin (qubee dhaan) kennamaa jira. Digirii ol aanaanillee (Ph.D) Afaan keenyaan qubee dhaan barreeffamaa jira. Mootummaa uummata Oromootiif hin dhaabbanne, mootummaa sobaa (fake government) ta’ullee, mootummaa Oromiyaa kan ofiin jedhu kunis qubeetti fayyadamee ittiin hojjechaa jira. Akka meeshaatti itti fayyadamee kanaan nu miidhaa jirus, diinnillee qubee fi Afaan keenya baratee; kanaan Oromoo of fakkeessee uummata keenyarratti shira xaxaa jira. Kuni hunduu sadarkaa qubeen har’a irra geesse ykn jirtu agarsiisu jechuu dha.

 

Waayee qubee har’aaf asumarratti dhaabuu dhaan, gara dhaloota qubeetti (qubee generation) itti deebi’ee waan tokko tokko jechuun barbaada. Dhalootni qubee abdii egeree saba Oromoo akka ta’an waan nama mamsiisuu miti. Hawaasa ykn biyya tokko keessatti dargaggootni abdii egeree hawaasichaa ykn biyyaa akka ta’an kun eessumattuu dhugaa waliigalaa ti. Haa ta’u malee, egereen saba ykn uummata keenyaa kan murtaa’u dhaloota qubee qofaa dhaan otuu hin taane, dhalootni hunduu (kan kaleessaas, kan har’aas, kan boruus) itti gaafatama akka qaban hubatamuu qaba. Maal jechuu kooti? Dhugaan hubatamuu qabu tokko, dhimma saba ykn uummata bal’aa tokkoo dhiisii jireenyuma ilmaan namootaa keessattillee balleessi ykn dogoggorri otuu hin godhamin hin hafu. Adeemsi siyaasaas akkanumatti ilaalamuu qaba; kan kana gaggeessanis ilmaanuma namootaa waan ta’aniif jechuu dha.

 

Haa ta’u malee, beekumsi namaa kan madaalamu, balleessa dalagamee dabrerraa barachuu danda’uu dha. Gabaabumatti, beekaa fi gamantu waan dabrerraa barachuu danda’a jechuu dha. Gara qabsoo bilisummaa keenyaatti deebi’uu dhaaf, fakkeenyaaf, yoo dhalootni dabre balleessa tokko dalagee jiraate, balleessa dalagame sanaaf ittigaafatama fudhatee; gara fuulduraa dhalootni itti aanee dhufu balleessa sana hubatee; waan sanarraa baratee; dogoggora ykn balleessa dalagame sana akka sirreessu godhuu dha. Dhalootni itti aanee dhufu ammoo, balleessa dalagamee dabre sana komachuu qofaa otuu hin taane, waan bade sana sirriitti hubatee; barumsallee irraa argatee; kan bade qajeelchuun ykn sirreessuun dirqama isaa akka ta’u hubachuu qaba. Kanaafan dhalootni hunduu waayee kanarratti ittigaafatama qabu jedhe.

 

Qabsoon bilisummaa keenyaa bu’aa bayii meeqa keessa dabree as ga’ullee, har’as sana keessaa ba’uu dadhabee; kunoo qormaata guddaa keessa jira. Dhibdeen ykn waldhabbiin qabsoo kana keessatti uumames hidda baasee cimaa dhufe malee, wanti fooyya’e hin jiru. Kun dhugaa eenyyuu jalaa hin dhokannee dha. Sababni guddaan waldhabbii ammoo, ilaalcha siyaasaa fi adeemsa qabsoo kanaa akka ta’un amana. Sababooleen biroo, kan qabsaa’ota Oromoo walittibuusan jiraatanillee, kan mooraa QBO keessatti dhibdee guddaa uume ilaalcha siyaasaa ti jechuu kooti. Isa kanatu har’allee akka waliigalteen hin uumamne taasisa. Isa kanatu amala qabsaa’otaallee jijjiiree; rakkoon akkanaas aadaa akka ta’u godhe. Asirratti aadaa yoon jedhu, aadaa Oromoo bareedaa fi boonsisaa gaafii keessa galchuu otuu hin taane, aadaa oftuulummaa, aadaa anatu si caalaa beekaa, aadaa kiyyatu caalaa isa kana wayyaa,… jechuun barbaade.

 

Aadaan akkanaa kun ammoo, baay’ee diigaa fi kan balaa guddaallee fiduu danda’u waan ta’eef, yoo dafee furmaata hin argatin, guddachaa fi babal’achaa deema; dhaloota dhufuttillee dabruu danda’a. Waan dabrerraa baratanii; kan fuulduraa sirreessuun dirqama ta’uu qaba. Dhaloota dhufuuf fakkeenya gaarii ta’uun; mooyxannoo gaarii isaaniif dabarsuun; karaa gaarii akka qabatan taasisuun; dirqame dhaloota dabree fi kan har’aallee ta’uu qaba. Dhalootni qubees wanti isaan dhaloota dabrerraa (dhaloota isaan duraa irraa) barachuu qaban kana malee, aadaa badaa barchuun egeree uummata keenyaa miidha. Dhugaan kun hunda birattuu hubatamuu qaba. Gama tokkoon aadaa fi safuu Oromoo bareedaa qabna jechaa; gama biraatiin faallaa kanaa dalaguun hunda keenyaa gaaga’uu ykn miidhuu danda’a jechuu dha.

 

Hawaasa ykn biyya tokko keessatti guddinni siyaasaa, diinagdee fi kan biroo kan babal’achaa deemu, waan dhalootni tokko hundeesserratti dhalootni itti aanee dhufu jabeessaa fi cimsaa yoo deemu dha. Dhalootni dabru tokko kan dhufuuf waan gaarii lafa kaayee dabra jechuu dha. Yoo dhalootni dabru waan gaarii lafa kaayee hin dabrin, dhalootni itti aanee dhufu waan irratti hundeeffatu tokko dhaba. Guddina teeknoolojiillee yoo ilaalle, kan dhalootni dabre bu’ureesse tokkotu dhaloota itti aanuun xinxalamee ykn qoratamee, babal’achaa deema. Farnajiinillee kan guddachuu dandeesse karaa kanaani yoo jedhame, dogoggora waan qabu natti hin fakkaatu. Egaa, walumaagalatti, dhalootni dhufu kan dabrerraa waa dhaala jechuu dha. Kuni ammoo dhugaa waliigalaa fi adeemsa’uma hawaasa tokko keessatti mul’atuu dha.

 

Qabsoo bilisummaa Oromoo yoo ilaalle, dhalootni dabrani fi kan har’aas wareegama hamma kana hin jedhamne itti kaffaluu dhaan injifatnoolee tokko tokko nuuf argamsiisanii jiru. Keessumaayuu qabsoo hadhaawaan hanga bara 1991tti godhamaa ture injifatnoolee gurguddoo akka argamsiise seenaatu ragaa ta’a. Kanaaf, dhalootni qubee, akka dhaloota isaan duraa, haala walxaxaa fi ulfaataa keessatti qabsoo kana hundeerraa jalqabuu isaan hin barbaachisu. Injifatnoolee hamma har’aatti argaman kana hundee godhatanii; kan hafe argamsiisuuf qabsoo kana cimsuu danda’u jechuu dha. Karaa kanaan yoo ilaalame, dhalootni qubee dhaloota isaan duraa caalaa haala mijaa’aa keessa jiru jechuu ni danda’ama. Wanti hubatamuu qabu garuu haalli isaan keessa jiranis ulfaataa dha malee salphaa akka hin ta’ini dha.

 

Dhalootni qubee qabsoo kana karaa gurguddoo lamaan cimsanii galii hawwametti geessuutu isaanirraa eegama:

 

· Tokkoffaa, injifatnoolee hanga har’aatti arganne fi harka keenyatti galfanne kana jabinaa fi ciminaan eeggachuu ykn tikfachuu dha. Injofatnoolee kana keessa inni guddaan tokko, Oromiyaa dhiiga ilmaan Oromootiin ijaaramte tana, xinaatee yoo xinnaate akka amma jirtu kanatti tikfachuu dha. Afaan keenya akka guddatu fi waalta’u; akkasumas aadaan keenya akka babal’atu fi guddatu godhuu dha.

 

· Lammaffaa, diina nama-nyaataa, Wayyaanee faashistii kana hundee isaa wajjin buqqisanii achi darbuu dhaan; uummata keenya gabrummaa yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e kana keessaa baasanii; dhiibbaa alaa tokko malee hiree ofii ofiin murteeffachuu akka danda’u taasisuu dha. Biyya isaa Oromiyaarratti abbaa biyyaa fi abbaa qabeenya isaa akka ta’u qabsoo bilisummaa isaa kana galii hawwameen ga’uu dha.

 

Dhalootni qubee, kaayyoo kana galii hawwametti akka geessani fi abdii egerees akka ta’an waan nama mamsiisuu miti. Kanaaf ammoo qabsoo Qeerroon Oromoo biyya keessatti godhaa jiran, kan akka ibiddaa boba’aa jiru ragaa quubsaa ta’uu danda’a. Dargaggoonni Oromoo, harka isaanii duwwaa diina hamma funyaaniititti hidhate kana dura dhaabbatanii falmii isaan godhaa jiran dhuguma abdii egeree akka ta’an mirkaneessa. Ittigaafatama lammummaa fi Oromummaa isaanii hubatanii wareegama guddaa kaffalaa jiraachuun isaanii uummata keenyaafis abdii guddaa ta’a jechuu dha. Dhalootni qubee abdii egeree ti kanan jedhes dhugaa kanarraa ka’eetani.

 

Yeroo Qeerroon Oromiyaa biyya keessatti qabsoo hadhaawaa godhaa jiran kana, Oromootni hafan keessumaayyuu warri biyya alaa jiran maal godhuu qabu? Isaanirraa hoo maaltu eegama? Har’a, dargaggoota keenya bira ykn isaan waliin dhaabbatanii biyya keessatti falmii godhuun yoo dadhabamellee, alaalas jiraatanii waa baay’eetu godhamuu danda’a. Wanti biraallee yoo hafe, xinnaatee yoo xinnaate, biyya aambaatti waliigaltee uumanii tokkummaa ijaaruun; sagalee tokko dubbachuun; diina fuulduratti wal nyaacuu dhiisanii; irree tokkoon diinarratti duuluuf; humna mooraa ofii jabeessuun dirqama ta’uu qaba. Kuni ammoo tarkaanfii isa duraa ti. Yoo tarkaanfiin kun milkaawe fi tokkummaan ilmaan Oromoo keessumaayuu kan qabsaa’otaa uumame, warra biyya keessa jiraniifillee abdii ta’uu waan danda’uuf, akka hamileen isaanii cimu taasisa.

 

Biyya keessattis ta’ee biyya alaatti, hunda caalaa, hundeen waliigaltee fi tokkummaa Oromummaa dhaaf dursa kennuu dha. Akkuman yeroo tokko barruu kiyya keessatti http://gadaa.com/oduu/3228/2010/04/08/oromummaan-kan-walii-fi-dura-dhufu-yoo-ta%e2%80%99u-amantiin-garuu-kan-dhuunfaa-fi-booda-dhufu-dha/ ibsuu yaale, Oromummaan kan walii (kan hunda keenyaa) waan ta’eef, kun eenyummaa keenya dha. Eenyummaa keenyatti amannee (amanuu qabnas) isa kanaaf yoo dursa kennine, garaagarummaan nu jidduu jirullee dhiphachaa deema. Oromummaan eenyummaa, aadaa fi seenaa keenya. Isa kanatu walitti nu fida; isa kanatu walitti nu qaba; isa kanatu dhimma walii ti. Namootni dhimma tokko waliin qaban ammoo, akka waliigaltee uuman taasisa. Waliigalteen bu’ura tokkummaa ti. Tokkummaan humna; humni cimaan injifatnoo fida;injifatnoon ammoo galii hawwametti nama geessa.

 

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …