Oduu Haaraya

RAKKOO SIYAASAA TOOPHIYAA KEESSAA HIDDAAN FURUUN WANTI JIJJIIRAMA FIDUU DADHABSIISE

1-Madda Rakkoo Fi Yaada Furmaataa Waldhabu
A-Rakkoo
Gurmuun hawaasaa madda rakkoo akeekuu irratti bakka lamatti ykn
3tti qoodama.
1-Sirna Gabrumma /colony/
2-Sirna Cunqursaa/opreession/ fi
3-Haga Dargii gurmuu /Nafxanyaa/ -gabrummaa Wayyaanee as sirna cunqursaa godhuu kajeela.
Haga ammaa madda rakkoo siyaasaa biyya teennaa yoo kaasu gariin sirnaGabrummaa /colony/ hobbaafatuun Bilisummaa,Walabummaa fi Birmadummaa biyya dhaalame deebisee gonfatu’ jedha.
Gurmuun Nafxanyaa akkuma humna gabroonfataa biraa Biyyaa fi Hawaasa olla duula waraanaa itti bobbaasuun jaalalaa /karaa nagayaa
A-Karaa siyaasaa fi waraanaatii tummsa alagaa argatuun if ijaaree itti duuluun
B-Biyya /biyyoota olla/ biyya seenaa aadaa fi kanniin faa walitti hidhata hin qabne,
C-Waraanaa fi lolaan qabeenna,fi lubbuu namaa balleessuun,
D-Mirga uumaa fi namaa cabsuun nagaya borressuun haga yakka waraanaan hawaasa sanyii kutuu /genocide/ fi gosa gabaabsuu /ethenic cleansing/,
E-Meeshaa hawaasa tuuta duuchaan dhabamsiisu fi lubbuu hobbaasuun /Weapon of Mass Distiraction-WMD and Biological Weapon/ fixuun
F-Biyya, maqaa afaan, aadaa, seenaa hoggana karaa hawaasa, diinaggee, siyaasaa fi waraanaa biyya bulchu /mootummaa/ qabu,
G-Duudhaa abalootee handhuuraa akka hawaasaa fi biyyaatti beekamuun /foundation/ harkaa diiguun
H-Humna laafaa /defenseless/ osoo haguma dandawuun biyya, qabeennaa fi nama ufii lolaan ittisu cabsuun,
I- Eega biyya qabatee /dhaale/ sirna gabrummaa fi gabroonfataa irratti diriirsuun ‘Empaayera Toophiyaa’ ijaaratuun
J-Mirga dhaloota abbaa biyyaa ‘baalaa hagar’ jedhu saamuun lammii lammataatti gammuree bulchuun
K-Aadaa,afaan,seenaa amantii handhuuraa hallanyaa fi abalootee ibsu akka hin guddifanne dhoorguun bakka sanniin maraa humnaan /irreen/ kama gurmuu /sirna/ gabroonfataa Amaarriffaa akka baratu ammallee bishaan itti facaasuun /Kirstinnaa kaasuu/ amantii jijjiiruu /conversion/ walumaa gala Amaarsuu fi Kristaanssuun
L-Sirna gabrummaa /gabroonfataa/ gurmuun xiqqaan /minority/ haada dhiigaa-foonummaa Abashaa /Amaaraa fi Tigree/ qabu Nafxanyaa-Wayyaanee ammaa humnaa hawaasaa gurmuun guddaa /majority/ bulcuun
M-Akkasumatti humnaa fi qawween tokko kaan dhabamsiisaa /garagalchuun irratti dhaalaan wal jijjiiraaruu,
N-Diddibaa-qurcaa/ painting change/ malee Jijjiirama hiddaan rakkoo siyaasaa furu /fundamental change/ fidu dhabuun
O-Seenaa yakka Seeraa /historical injustices/ waakkatuu /lagatuun/ malee amanuun fudhatuun badii yakkaraawwatame araaraa fi nagaya /peace and recouncelation/ hawaasa /biyya/ walitti fayyisuu diduun
P-Gaafii siyaasaa diddaa, ittisaa fi falmaa hawaasaa /biyyaa/ roorroorraa madde qajeelaan furuu manna yakkaan raguu, waakkatuu, humnaan ukkaamsuu fi kanniin fakkaatuun uf ittisuun dadhabuu faa akeeku.
Ammallee gabroonfataa sirna /system/ malee sanyii, bifa, warra Adii /Faranjii// Araba fi galaana gamaa /fagoo dhufuu qofa akka hin taane ibsuun mormu.
2- Faallaan ammoo rakkoo ‘’Cunqurfamu hobbafatuun Walabummaa /mirga/ walqixxummaa dhugoomsatuu godhamuun yaada ittisaa deebisa. Sanumaan gaafiin siyaasa saboota /Saba Oromootuu dabalee/ gaafii “Walabumma ykn dhiitamuu mirgaa” jedhutti gammuree keenna.
Akkasumatti Seenaa Yakka Seeraa /Historical injustices/ duula sirna gabrummaa Abashaatii fi ‘Empaayera ijaaruu kaasee gurmuu sirna gabroonfataa irratti waljijjiiruun garee sirna Nafxanyaa-Wayyaanee amma biyya qabattee raawwatamaa arma dhaqqabe weaakkata. Homa sanuu maqaa dhawuu sadaa godhee lagata, akka hin kaafne kadhata, balaallefataa balaallefachiisuu bira dabarsee sodaachisuu fi humnaan ukkaamsuu filata.
3-Gurmuun sadeessoo ammoo akka bara Nafxanyaa Amaariffaa barattuu fi dalaguu Wayyaaneen Tigriffaa buusuu dhabuu, afaan ufiitiin baratuu, dalaguu, naannayaan uf bulchuu, jaarsa akka Girmaa W/Goorgis harkaan barcumarra teesiftee akka suuraa yoo ufii qabdee kaafte malee bakka keettee hin kaane akka Oromoon gurmuu guddaa biyya bulchu qofaa mitii biyyaa /hawaasa/ reeffi bulchu jiru fakkeessuun salphisuu fi kanniin faa laakkaya.
B-Yaada Furmaataa
Akkuma rakkoo yaada furmaataa irrattillee wanti gurmuun garaagaraa dhiyeessu walii faallaa akka asiin duubaa taya.
1-Gurmuun Duraa Gabrumma jedhee amanuu fi fudhatu Bilisummaa, Walabummaa fi Birmadummaa biyyaa karama fedheen deebisee gonfatuu
2-Gurmuun Cunqursaa jedhu gareen yaada rakkoon furu osoon taane
dhalootaan itti dhiyaatuu fi barbaadu akkuma Gareen Nafxanyaa fi Tigree wal garagalchuun bakka walirraa dhaaluun biyya irratti wal jijjiiruu akka hawaasa /biyya/ maraa ‘Walabummaa /mirga walqixxummaa’ gonfachiisu godha.
3-Gurmuun sadeesso yoo hawwiin hallanyaan guutameef rakkoon biyyaa /hawaasa cufaa ‘Bilisoommaan ykn Walabummaan’ furamtetti amanuu fi fudhatuun akka homaa gaafatuu /furmaata san caalu/ hin barbaachifne godhuun lallaba.
4-Kanniin malee Gurmuun Yaada Tarkaanfataa addaa akka tarkaanffii Jijjiirama Hoggana ABOtiin gurmuu tumsaa fi tokkummaa ijaaruun uumaa fi aadaa olantummaa garee akka tokkoon biyya irratti wal jijjiiruu dhaalaan arma dhaqqabe hiddaan furutti amana.
jajjaboo2011@gmail.com

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …