Oduu Haaraya

Kaayyoon Oromoo bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhabe deebisee argachuuf malee..

 

 

Abdii Boruutiin
Oromoorraa dhaladheef otuu hin taaane, wanti dhugaa ta’e fi ibsuu barbaadu, uummanni keenya (Oromoon) dhalootaan ykn uumaa dhaan daba waan beeku natti hin fakkaatu. Ormaa laachuu fi obaasuu; dhimma ofii dura dhimma ormaatiif dursa kennuu; waayee ofii caalaa waayee ormaatiif of miidhuu; daangaa ofiitiif caalaa daangaa ormaatiif wareegamuu; dhimma ormaatiif lubbuu ofii dhabuu fi kkf. amaloota Oromoo waan ta’aniif, waayee kanatti fayyadamanii, uummata keenya gowwoomsanii, addaan hiranii nu bitaa turan, amma illee itti jiru, borus yoo carraa argatan akkasumatti itti fufuu barbaadu. Kanaaf, diinni keenya Afaan isaaniitiin jecha “yawwaah” jedhu illee nuuf moggaasu.

Gabrummaa bar-dhibbee tokko fi wal’akkaa dhaa ol keessa jirru kana keessatti wanti uummanni keenya gabroonfataa irraa barate yoo jiraate, daba, wal tuffachuu, wal inaafuu, of guddisuu fi of tuuluu, anatu caalaa beeka jechuu, of jajuu fi kkf dha. Isaan kanatu aadaa keenyarratti dhiibbaa godhaa ture, amma illee itti jiru. Isaan kanatu amala keenya jijjiire. Amalli akkanaa ammoo qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti gufuu tokko ta’ee argama. 

Biyyi keenya Oromiyaan akka teessuma isaatti (geographically) handhuura impaayaricha kanaa ti. Saboota fi biyyoota baay’ee dhaan marfamee jira. Kuni ammoo bittaa ykn gabrummaa Habashaa wajjin waa baay’ee nutti fide. Fakkeenya tokko tokko kaasuu dhaaf, sababa kanaan Oromoon saboota biroo wajjin fuudhaa fi heerumsaan akkasumas amantii dhaan walitti makamuu danda’e. Isaan kun ammoo sababoota qabsoo bilisummaa keenyaatti gufuu ta’an keessaa isaan gurguddoo dha. Akkamitti gufuu ta’uu danda’u? Oromoonni tokko tokko kan abbaan ykn haati isaanii saba (uummata) biroo ta’an, dhaloonni isaanii wal’akkaa (half) waan ta’uuf, Oromummaa dhaan boonuurra Itiyoophiyummaa filatu. Dhaloota wal’akkaa yoon jedhu abba fi haati isaanii waan gara gara ta’aniif jechuu kooti.

Karaa biraatiin ammoo amantiin, saba Oromoo keessatti, gahee guddaa taphachaa ture ammas jira. Akkuman kanaan duras barruu kiyya tokko keessatti ibsuu yaale, fakkeenyaaf, amantiin ortodooksii kristaanaa kan gabrummaa Habashaa wajjin dhufe fi kana keessatti illee gahee guddaa taphachaa ture fi jiru, aadaa keenyarratti dhiibbaa guddaa waan godhaa tureef, Oromoonni tokko tokko akka eenyummaa ofii dagatan taasise. Sababa kanaan kan ka’e, isaanis sabboonummaa fi Oromummaa dhaan boonuu dhiisanii itiyoophiyummaatti amanu. Kanaaf egaa, sababoonni gara garaa kun QBO keessatti gufuu ta’uu danda’u ykn ta’an kanan jedheef.

Kan kanaa olitti ibsame hundaa walitti qabuu dhaaf, sababoonni gara garaa kan akka amaloota badaa, kan gabrummaa irraa dhufan; waayeen fuudhaa fi heerumsaa; akkasumas ilaalcha adda addaa kan amantii wajjin walqabate yoo ilaalle, kun hunduu QBO keessatti gahee (role) guddaa taphatu. Kanaaf, hamma rakkooleen akkanaa kuni fi ilaalchi namootaa adda addaa jiraatanitti, Oromoo hundaa Oromummaa tokkoon qofaa walitti fidanii kaayyoo tokkoof hiriirsuun baay’ee ulfaataa ta’a. Diinni keenyas kanatti fayyadamee, akka Oromoon waliigalee kaayyoo tokkoof wajjin (waliin) hin dhaabbanne godha. Kana qofaa otuu hin taane, gara gara addaan nu hiree akka walirratti duullu, wal dadhabsiifnnu kan nu godhu waayee kana tooftaa godhatee ti.

Wanti ani har’a barruu kiyyaa kana dhiyeessuu barbaadeef, yeroo ammaa filannoo as deemaa jiru wajjin walqabsiisanii yaalii Habashoonni godhaa jiran hubachuu waanan danda’eefi. Kaayyoon Oromoo, kan ilmaan Oromoo miliyoonaan lakkaawwaman lubbuu isaanii dhabaniif, kan uummanni keenya har’a illee wareegama kaffalaa jiruuf, bilisummaa fi abbaabiyyummaa humnaan dhabe deebisee argachuu dha. Erga gabrummaa jalatti kufee kaasee, kan uummanni keenya qabsaa’aa ture fi amma itti jirus kanumaafi. Hamma kun argamutti qabsoon kunis itti fufa malee waan dhaabbatuu miti. Humni fe’ee dhufu kana dhaabuu ykn dhabamsiisuu hin danda’u. Dhaloota irraa dhalootatti dabra malee hamma kaayyoon kun galii ga’utti qabsoon kun itti fufa jechuu dha.

Bu’aalee qabsoon bilisummaa Oromoo fide ykn argamsiise keessaa inni guddaan tokko Oromiyaan akka kaartaarratti mul’atu fi addunyaa keessattis beekamu ta’uu dha. Egaa injifannoon kun kan kadhaa dhaan argame otuu hin taane, kan qabsoo hadhaawaa dhaan, wareegama ijoollee Oromootiin argamee dha. Kana ammoo abbaan fe’e, humni fe’e nurraa fudhachuu ykn diiguu hin danda’u. Yaaliin Habashoonni godhan ykn godhuu barbaadan, baay’ee kan nama dinqu dha. Tokkummaa immiyyee Itiyoophiyaa isaaniirratti haal-dureen hin jiru. Hiree uummata Oromoorratti garuu haal-duree uumuu barbaadu. Kana qofaa otuu hin taane, egereen biyya keenyaa maal akka ta’u murteessuu barbaadu. Tuffiirraa, eenyutu maal nu godhaarraa kan ka’e waan ta’eef malee, abbaan fe’e murteessuu hin danda’u. Hiree ofii uummata Oromoo qofaatu ofiif murteeffata; ormi murteessuufii hin danda’u.

Kan baay’ee nama dinqu fi hammam uummata keenya fi human bilisummaa uummata keenyaa akka tuffatan kan agarsiisu, Oromiyaa qabsoo dhaan argame kanaa kutaa kutaatti gargar baasuu fi akka amma jiru kanatti tokkummaan isaa akka itti hin fufne godhuuf yaaduu fi yaaluu isaanii ti. Kun maaliif ta’uu danda’e? Deebii gaafii kanaa ta’uu kan danda’an sababoonni gara garaa jiraachuu danda’u. Tokko tokko ibsuun yaala. Sababni tokko, akkuman kanaa olitti ibsuu yaale, rakkoolee saba keenya keessa jiranitti fayyadamuu isaanii ti. Oromoon tokko tokko waan Oromummaatti hin amannee fi akkasumas ilaalcha adda addaatiin tokkummaa Itiyoophiyaatti waan amananiif Habashootaaf meeshaa (gargaarsa) ta’u. Kaayyoo Oromoo isa guddaa kan walii dhiisanii ykn dagatanii kaayyoo biraatiif jara kana wajjin hiriiru, Oromoo obboleessa fi obboleettii isaanii dhiisanii diina keenyaaf tumsa ta’u jechuu dha.

Sababni biraa ammoo waliigaltee fi tokkummaa cimaa dhabuu qabsaa’ota keenyaa ti. Keessumaayuu, addaan hiramuu fi amma illee (hamma ammaatti) deebi’anii tokkoomuu dadhabuu ABO garee sadeenii fi human bilisummaa kan diina keenya sodaachisu cimaa tokko horachuu dadhabuu keenya hubatanii ti. Humni cimaan kan kaayyoo keenya galii dhaan ga’u, akka uumamuu danda’u Habashoonni nu caalaa beeku. Haa ta’u amlee, hamma waliigaltee fi tokkummaan Oromoo keessumaayuu kan qabsaa’otaa, hunda hammataan tokko hin jirretti, humni isaan sodaachisu fi uummata keenyaaf ammoo waabii ta’uu danda’u waan uumamuu hin dandeenyeef, diinni keenyas kana hubatee nurratti qoosaa jira. Sababni sadaffaan diinni keenya haala addunyaan amma keessa jirtutti fayyadamuu dhaan keessumaayuu firoota isaanii kan ta’an warra dhiyaa maqaa tokkummaa impaayaraatiin gargaarsa argachuu akka danda’an waan beekaniif ykn hubataniifi.

Kan ta’es ta’u, diinni keenya addaan nu hiree, humni keenya akka dadhabu godhuun; tokkummaan Oromoo akka hin ijaaramne waan danda’an, karaa danda’aniin yaalii godhuun isaanii Oromoo dhaaf haaraa miti. Tokkummaa fi humna keenyaan malee addunyaa kana irraayis, keessumaayuu mootummoota warra dhiyaarraa akka gargaarsa hin argannes kanuma beeknu dha. Kan nama gaddisiisu garuu, har’a (amma) illee haalli bitaa fi mirga jiru ulfaataa akka ta’e otuu beeknuu; diinni tokko yoo dabru, kan biraa taraa ofii eegee deebi’ee nu gabroomsuu dhaaf qophaayaa jiraachuu otuu arginuu, tokkoomuu dadhabnee; ammas akkuma dur waliin mormuu keenya dha. Kaayyoon keenya tokko akka ta’e otuu beeknuu garaa garummaa xixiqqoo dhaan kan ka’e waliigaltee dhabuu dha.

Otuu balaa nurra ga’uuf nutti deemaa jiru alaalatti arginuu; diinni tooftaa fi tarsiimoo jijjiiree deebisee nu gabroomsuuf yaalii hundaa godhaa akka jiru otuu hubannuu; Oromiyaan qabsoo hadhaawaa dhaan ijaaramte tun gara garatti hiramuuf akka deemtu diinni keenya waayee kana ifatti nutti himaa otuu jiranuu; waliigallee, tokkoomnee tumsa walii ta’uun dirqama akka ta’es otuu beeknuu; hamma yoomiitti ija diinaa fuulduratti waliigaluu dadhabnna? Deebii gaafii kanaa qabsaa’ota fi jaarmayoota bilisa baasota, keessumaayuu ABO garee sadeeniif dhiisuun barbaada. Isaan qofaa otuu hin taane Oromoon hunduu gaafii kanaaf mataa mataatti deebii barbaaduu fi argachuu qabu. Yoomiyyuu caalaa yeroon tokkummaa barbaachisu amma.

Otuu waan hamaa fi badaan nurra hin gahin dafnee furmaata waliin barbaaduu qabna. Ani gara kiyyaan furmaata ykn mala jedhee kanan dhiyeessu: Tokkoffaa, ABO garee sadeen marii araaraa kan irra jiran milkii dhaan xumuranii, dafanii tokkoomuu qabu. Kun tarkaanfii hatattamaa fi isa duraa ti. Yoo isaan tokkooman booda yoomiyyuu caalaa WBO cimsuu dha.Lammaffaa, Yoo ABO garee sadeen walitti deebi’anii tokkooman booda, ULFO wajjin (waliin) tokkummaa hunda hammataa tokko ijaaruu dha. Loltoota hundaa walitti fidanii caasaa tokko jalatti waraan bilisa baasaa cimaa (WBO cimaa) ijaaruu dha. Kun tarkaanfii lammataa ti. Sadaffaa, hawaasa Oromoo keessatti, keessumaayuu biyya alaa keessatti tokkummaan ilmaan Oromoo akka cimu fi Oromummaan akka guddatu fi dagaagu godhu. Yoo qabsaa’onni fi jaarmayoonni tokkummaa hunda hammataa tokko ijaaran, kun tokkummaa ilmaan Oromoo hundaafuu fakkeenya ta’a.

Afraffaa, kun kaayyoo keenya, sun kaayyoo keenyaa miti jedhanii otuu waliin hin mormin ykn karaa walitti hin cufin, warra biyya keessatti bilisummaa Oromoof jedhanii walaba ta’anii socha’an wajjin hojjechuu, wal gargaaruu fi tumsa walii ta’uu dha. Kun qabsoo keessa fi alaan cimsuu dhaaf barbaachisaa dha. Tokkummaa cimaan ijaaramuu fi waraanni sodaachisaa fi abdachiisaan duuba akka jiru yoo beekan, diinni keenyas akka barbaadan nurratti ta’uu ykn/fi waan barbaadan godhuu hin danda’an. Yoo nuyi waliigaltee dhabnee, walumaan mormuu qofaa ta’e garuu, akka makmaaksa Oromoo “Ofiifuu ni duuti, maaliif of huuti” jedhanii nutti kofluu fi nutti qoosu. Kana qofaa dhaan hin hafan; humna danda’ame walitti qabatanii, qindeessanii nu bituuf halkanii fi guyyaa irratti hojjetu; kanuma godhaa jiranis dha. Yoo keenya laafaa deemu, humni isaanii cimaa deema jechuu dha.

Dura Oromian autonomy harkatti galfanne sana booda walabummaa Oromiyaa barbaadna otuu jennuu, diinni keenya siriidhaa kan amma argamee, Oromiyaa teenyaa diiguuf waan deemaniif, otuu biiftuun ammas nutti hin lixne yeroo dhaan mala fi furmaata haa barbaadnu. Furmaanni tokkummaa cimaa hunda hammataa fi qabsoo hidhannoo cimaa dha. Kana waabiin keenya. Kan kanarraa hafe, kana booda humna ofii malee orma abdachuun gowwummaa dha. Oroma wajjin tumsa ijaaruun waan hin oolle yoo ta’e illee, dura ofiif tokkoomuu fi humna ofii cimsuu dha. Tumsi biraa kan barbaadamu sana booda ta’uu qaba jechuu kooti. Kan dabrerraa haa barannu. Kaayyoon Oromoo bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhabe deebisee argachuu dha malee, kan argate fi ijaarrate sanaa deebisee diiguu miti.

Galatoomaa.      
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *