Oduu Haaraya

Sareen Habashaa moo allaatiin biyya abbaa ofii yoo nama nyaatte wayyaa?

Review Overview

User Rating: Be the first one !

Tumsa Kaayyoo Bilisummaa Oromoo (TKBO) irraa
Onkololeessa 2005

Habashaan biyyuma isaa keessatti illee jireenya dimookraatawaan jiraatee hin beeku. Erga biyyoota ollaa koloneeffatee empaayera tolfateemmoo irree saatiin irra jiraate. Empaayerri hundu akkasumatt jiraatan. Halagaaf demokraasii shaakaluun uumaa saanii waliin hin deemu. Sabooti demookraatawuuf carraa kan argatan erga empaayrerooti bososanii kufaniiti. Empaayera Habashaa bosose kanas kufaatii saa jarjarsuu malee kabeebsanii tursuuf yaaluun saba Oromo irratt daba tolchuu taha.

Baroota dhihoo as murni empaayericha kabeebsee tursuuf carraaqu mooraa QBO keessatti dhiibbatee as bahuun isaa beekkamaa dha. Murni halagaa dantaa nurraa qabu, kan ofiin bulummaa Oromo hin deggerretti gale kun, Wayyaanee garaa laaffifatee saba Oromoof bu’aa tokko illee osoo hin galmeessin diina jalatt hojjechuuf kara-karaan jaarsa bobbaasaa jira. Biyyi inni kooluu itt gale, Norway jedhamus, jara kana harka kennachiisuuf qooda guddaa taphataa jira. Kan Norway raasaa jiru mirga Oromoo osoo hin tahin tokkumaa Itoophiyaati. “Warabessa maal nyaadhu jedhuu fi jaartii yaa waaq na nyadhu jettutu walitt dhufe” akkuma jedhamu kanneen ABO keessa taa’anii kiyyoo Habashaa keessa galchuuf wixxifataniif ayyaanatu argame. Mallasaanis, heera dur didanii deeman yoo fudhatanii fi qabsoo hidhannoo laganne jedhanii yoo kakatan, yakka yeroo darbee hojjetaniif akka “firdibeetiitti” deeddeebi’uu hin rakkanne karaa itti dandahamu ilaaluufii nin yaala” jedhee abdii kenneef. Akkasiin, North America keessa deemanii “haasaa nagaatti jirra; mootummaan addunyaa rakkoo keenya hubatee Wayyaanee irratti dhibbaa gochaa jira; …” fi kkf jechuun maallaqa funaannachuutti bobba’an.

Murni kun, osoo bu’aa tokko ummata saaniitiif hin buusin “deebinee Habshaa jalatt bulla” jedhaa jira. Qaanii tokko malee, “kaayyoon ganama qabsaawota manaa basee sun kan yeroon itti darbe; galmee seenaatti haa dabalamu” nun jedhaa jira. Mirga guutuu altokko gaafachuu irra gumaa-gumaan yoo gaafanne nu hin dhorgatan jedhee mirga duulaan argame kabajchiisuu diidaa jira. Jarri kanaan dura ABO diiguuf karoorfatan amma bakka garaa saanii gahanii Oromoo Itiyoophiyaatti deebisanii gurguruuf kolomsiisaa jiru. Amaaraa moo Tigrawyitu caalaa nuu kenna jedhanii gabaa abuurutti jiru. Hariiroon jara lamaan, Amaara fi Tigree, gidduu waan hin calalleef garamitt akka goran isaan dhibuu malee sirnicha fudhachuuf murteeffatanii jiru. Kanneen dagamanii duukaa yaa’aa jiraniin Itiyoophiyaa keessatti yoo humna cimaa taane waan barbaannu gochuuf qoolloo duwwatu nu dangaha jedhaniin. Oromoon qabsoo dheeraa akka nuffe himuun harka kennatee kaayyoo itti dhume akka dhiisu gorsuunis ergama saanii keessaa tokko. Kanaan biyyatti deebi’anii kara Boolee galuun Oromiyaa koloneessotaa waliin qircachuuf batattisaa jiru. Hundaafuu hin milkaawan. Qabsoo malee kan boojuu dhiigaan argate dabarsee kennuuf hin jiru.

Isaan tahee jarri isaan kooluu itt galuuf batattisan takkaa demokrasii shaakalanii hin beekani. Habashaan ammallee Oromoon isaan qixxee nama tahuu saa hin fudhanne. Kanaaf, angoos qabeenyas hin hiruuf. Isaanuu kan irratti walfixan maal taanaan nama maqaa abbaa biyyaa isaa dhahatu ofitti dabaluu? Oromoon hafee waliifiyyuu yoo humnaan tahe malee waliigalteen baallii walirraa fuudhanii hin beekani. Kanaaf ifaajiin Shanee Gumii Asmaraa harka kennachuu fi ummata guddaa akka Oromoo kana salphisanii hamilee cabsuu taha.

Egaa, Shaneen Gumii qabsoo fudhate Asmaraa galee kanaan as bahaa jira. Kun qara lama qaba – karaa tokko diinota Oromoo irraa aarii Oromoo caamsa, karaa biraammoo qabsoo Oromoo fashalsiisee lafaa ka’uuf akka bara bayyee itt fudhatu abbala. Tarsimoon jara kanaa Oromoo Habasheessuu yeroo tahu tooftaan saanii Itiyoophiyaa demokratawaa keessatti gaaffiin Oromoo fala argataan nama gowwoomsuu dha.

Kana bakkaan gahuufi baruma kana Kora waammatanii sagantaa kayyoon saa bilisummaa tahee jijjiraniirani. Murni Shanee Gumii jedhamu kun, ofuma isaatii kora kan jedhee moggaafatee, namoota yaada isaan wal fakkaataa qaban waammatee, sagantaa dhaabaa kan kaayyoo bilisummaa irratti hundaawe jijjiire. Saganattan Shanee Gumii inni haaraan, qabsoo Oromoo fiixaan baasuuf osoo hin tahin halaga gammachiisuuf kan yayyabame.

Waan amma jedhan kana didanii kan mootummaa keessa bahan yoo tahu sababa saatiin lubbuu meeqatu bade; nama meeqatu biitteen dhibame; meeqatu hidhaatti itti roorrifamaa jira; meeqatu jireenyaa fi qabeenyasaa itt dhabe; jannoota turoo meeqatu qaanii kana hin baannu jedhanii osoo lolanii kufani. Dhiheenyuma kana illee ajaja kanneen amma “nagaa haasofna” jedhanii jalatti lola gaggeessaniif Wayyaaneen du’i itt murame guyyaa saanii eeggataa jiran jiru .

Hogganooti mogooleen bu’e akka abba tokkootaatt biyya saaniiti galuun hamaa hin qabu. Maqaa ABOtin garuu diina waliin jaarsummaa taahuu fi harka itti kennachuuf mirga hin qabani. Jarsummaan ilaalamuu fi murtoon irra gahamu kan dantaa Oromoo eegu tahuu hundi irratt walii galuu qaba. Wal dhabdeen nagaan furmaata hin argatin kan jedhu hin jiru. Garuu furmaati argamu kan mirga Oromoo hin tuqne, kan saba boonaa kanatti salphina hin fidne, tahuu barbaachisa.

Mootummaa Cehumsaa jedhanii waliin dhaaban sanaan walduukaa cehuullee hin barbaadne. Galtooti yeroo hundaa humni alaa akka isaan gargaaru dandahu himatu. Humni alaa jedhan kunis haaraa miti, jaruma Cehumsa keessaa diina Oromoo waliin sadee isaan ariisise. Bara sana itt male malee, akka isaan hin gargaarree beeku. Ammas yoo tahe nama of gargaaruu dandahu qofa gargaaru malee bu’aa malee santimii diimtu tokko illee hin baasani. Jarri isaan itt gadoodaa oolan nuffannii waan Wayyaaneen jettu akka fudhatanii galan dhiibaanii jiru. Yoo galan PDO amanamaa tahuuf dorgomuu malee, dhaaba ofirratt irkataa sana kan baalaa fi muki leellifate, ABO deebi’ani tahuun hin jiru. Yookan immoo keettoo halagaa tahanii hanga saxilamanitt iyyaatii dabarsaafii jiraatu. Hireen saanii kana irra hin darbu. OPDO malee maqaa Oromootiin kan sosso’an ammaaf dhaaba lamatu jira, lachanuu Itiyoophiyaanota. Inni tokko amma banka’ee. Kan caffate bahe dura tahaan saanii kayyoo Oromo jallisee ofirrootaan michoome jedhanii haddheessuun filmaata haaraa gaggeessine jedhani. Jarri sirna Habashaa keessa dhaqnee seenna jedhan hammana jechuu ni uggu laataa? Garagarummaan saanii maal fa’i? Garagarumaan saanii alatt dhaaba Oromoo diiganii galuu dha. Garagarummaan saanii dhaaba Oromoon akka ayyaanaati ilaalu xureessuu dha. Garagarummaan saanii kittallayyoo diinaa jedhani Oromoo kayyoo saanii gad hin dhiisin erga maqaa balleessanii ofii kittillayyoo diinaa isa dhugaa tahani as bahuu dha. Akkuma saanii Oromoo Itiyoophiyeessuu yala jedhamu illee inni biyatt uumame yaada daddaaqina hin agarsiifne. Bilisummaa Oromootti akka amanus labsee jira. Kanaaf isaan caalaa saba saatti haana jechuu dha. ABO eenyu yoo galtuu gochuu hin dandahu. Hanga qabsaawaan tokko hafutt kaayyoosaa ol kaasee labsaa jiraata. Kanaaf yoo isaan keessaa itt baha deemsa kana, kan hin hubatin jiraatan, osoo salphina kana hin unatin akka of xiinxalan gaafanna.

Isa duuba Korri sabaa loogii hin qabne akkaataa filamee qajelfama hunda ilaalu kennu dandeessisuu irratt walii galuu dha. Dubbii Kora Sabaa hin loogneen gahuu malee furmaati biraa hin jiru. Kan kora sabaa akkaan hin filamneen ramadame seerawummaa hin qabu. Diqaalaa kan jedhan sana taha. Kan seeraan hin moggaafamin immoo nama hin dhaalu. Yoo nan dhaala jedhe jeeqama hin feesifine guddaa hawaasa keessatt kaasuu dandaha. Isaanis sabnis miidhamuu dadaha; hamileen hanga yoonaa ol kahee tures cabuun ni mala. Kunimmoo halaga malee eenyuunu hin gargaaru, kanaaf yeroon of sirreessuu kan caalu hin jiru. ABOn of tokkomsuun dhaabota Oromoo tokkoomsuu gargaara. Dhaabota Oromoo keessa isa guddicha waan taheef qulqullinnisaa qulqullina tokkumaa dhaabota Oromoo taha. Tokkummaan saas tokkummaa dhaabotaa qofa ososoo hin tahin tokkummaa Oromootiif anjaa qaba.

Kan wal calalee dhihaate hunduu kaayyoo ganamaa kan bilisummaati geessu duuba hiriiruutu irraa eegama. Tooftaa, toftaa jechuun, malbulcha harka bartuun qabanii tarsimoo gaaga’uun yoo dhaabbate wayya. Jaallannus jibbinus hanga Oromoon harka halagaa jalaa bahutti qabsoon hin dhaabbatu. Ibdi waggaa soddoma dura qabsiifame ni dibame malee hin dhaamne. Boba’aan ergasii tuulamaa jiru daangaa hin qabu. Qabsiifamee kan durii caalaa balali’uun yeroo inni diinota keessaa fi alaa barbadeessu fagoo hin tahu. Oromoon bara baraan hoggana halaalaa dhaadatu eeggataa hin hafu. Kanaaf kan sin hooggana jedhu biyyati deebi’ee jireenya saa jiraatee roorroo irraa faccisuu qaba. Kunimmoo kan dandahamu ashakarri tahanii osoo hin tahin nakkarii yoo tahan qofa. Kana malee hooggana haalatu dhalcha, Oromiyaafis haalli jiru hoogganoota haaraa baasuun waan hin olle. Biyya jeeqamte harka maratee taahuu hin dandahu. Qabsaawoti kaayyoo waliin jiran turoonis kanneen galuuf batattisan caalu. Kanaaf Oromoon ammalee kophaa hin hafu. Kan kaayyoo saaniitiif tumsan hedduu dha. Waliin dhooftuu fi booressituun osoo keessa galtee, qabsoon caalaa calalee gad baha ture.

Oromoon kan ofii malee kan nama biraa hin barbaadne. Mirga dhabe deeffachuuf dhiiga lolaasaa yoona gahe. Biyyi kamuu biyya Oromoo keessatt olhaantummaa akka qabatu demokratawaan fedhu hin jiru. Danuu seenaa tahee mootummooti alaa finnaa Itiyoophiyaa akka leellisan hin haalamu. Seenaan darbe isa ammaa irratt dhiibbaa akkamalee tolchuu hin qabu. Kanaaf akeeka fi kutannoo ofii humnoota halagaa sirriitt qayyabsiifachuun qooda qabsaawotaati. Qaamni hoogganaa amma galuuf jedhu waa’ee kana dhiisee waa’ee Itiyoophiyaa demokratessuu jara waliin mari’ataa bahe. Akkasitt dubbiin Oromoo karaatt hafte. Humnoota alaatt, bilisummaa keenya maaliinu akka hin jijjire yoo himanne malee, ilaalcha kanaan dura qaban akka jijjiratan dhimmi isaan dirqisiisu hin jiru. Kan waan barbaadnu beeknu nuyi malee isaan miti.Waan barbaadnu immoo tola hin argannu. Hawwa ummaticha bilisummaa barbaaduu dura gufuu kaa’uuf eenyu mirga hin qabu.

Humnoota alaa waliin wal ulfeessinee walqixxummaan wal irratt hirkannee jiraachuun akka. Nagaa buusuus akka nu gargaaran gaafachuun sirrii dha. Kan ofii dubbanu, kan waan tole jennu kenninee, waan barbaadne fudhannu nuyi. Mirga namummaa keenyaa kana eenyuttu dabarsinee kennu jechuun nuti ummata of dandahe miti jechuu dha. Hanga kanneen bilisummaa fedhan keessaa nammi tokko hafett gaaffiisaa yk gaaffiisee kan afaanitti kutuu dandahu hin jiru. Kanaaf eenyu iyyuu harka eenyuunuu ibda qabachuu barbaaduu osoo hin tahin dubbiinsaa, kuunnoo golee Oromiyaa hunda keessa, kan ofiinbulummaa saatiif lolatu waan jiruuf danqaraa itt taatanii hariiroo keessaa fi alaa jala hin balleessinaa jenna. Meeshaa dhiiga ilmaan Oromoon argame hirkistanii hin galinaa jenna. Maqaa saatiinis harka hin kennatina. Hangi onneen isin gane maqaa biraa baafadhaa malee ABOn ammallee abbaa qaba jenna. Gabaabaatt kan ittiin deemtan kun qabsoo Oromoo kolaasa, tokkumaa Oromoo laaffisa, abba tokkee keesanitt bala hidhaa fi du’aa fiduu dandaha, madaalli humnaa cunqurfamtoota irraa gara ofirrootaatt duuffisa jenna. Akkuma OPDO, Oromoo isin hin deggerre guraaruuf adeemtu jenna. Kanaaf OPDO qofti hin gaha jenna. Ofii salphattanii Oromoo qaanii hin bane keessa hin galchinaa jenna. Kara Boolee harkka kennachuu irra harki goota Oromoo eenytuu hin kennamu jedhaa. Karaa lafaa obbolaa keessaniin mari’a dhaa ummatatt makadhaa jenna. Achiin dhaqanii waan dhufu simachuun ulfina qabaa isiniin jenna. Tokkummaa Oromoo irratt daba hojjetan qajeelchaa jenna. Oromoon tokkumaasaa yoo eege malee bilisummaa hawwaa jirate hin argatu. “Gorsa didda malee du’a hin diddu” akkuma jedhamu, diddanis deemaa, kan Habashaatti gale dhukkufatee du’ee waan hin beekneef, keessanis adda hin tahu. Saree Habashaa moo allaatiin biyya abbaa ofii yoo nama nyaate wayya laata? filachuun kan keessani! Oromo yoo tahe tokkummaasa jabeessee gara bilisumaatt ni joga’a.

Injifannoo ummata Oromoof

Qabsoon itt fufa bilisummaan ni dhufa!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …