Oduu Haaraya

Seenaa Gabaabduu Obbo Aammad Sheekh Usmaan Qawwee

 

(Abbaa Abdii)

Baha Oromiyaa keessatti iddooleen seena qabeessa tahan heddu. Lola diddaa gabrummaa tiif Calanqo, harshifiif Goda Wanjii, magaalaaf Biyyoo Kharaabaa warra maqaan dhawamu. Iddooleen kun hundi, seenaa dinqifamoo odeeyfamee hin-dhumne dhagayamee hin quufamne qabu.

Dur-dur, gaafa bilaash (sabiil) Carcar malee hin-jiru ja’amee, afran-qalloon itti godaanamaa ture, Biyyoon Kharaabaa madiinaa magaalotaa turte. Jihaa saylan Biyyoo Kharaabaa nama naqan keessaa tokko kan gama Yakkaa-rraa dhufu.

Yaroo sanitti, akkuma Biyyoon warra daldala bunaa biratti beekamtetti, Yakkaas warra ilmii amantii Islaamaa barbaadan biratti beekkamtu turte. Bu’urri kanaa, Sheekh Usmaan Qawwee ti. Sheekh Usmaan ilma Aadam Bullaalee ti.

Aadam Bullaalee, gateeysa, biiflummaa fii jeeynummaan hawaasa isaa keessatti beekkame. Lammiin Afran Qalloo, bulchiinsa gabrummaa diddaaf, waraana Turkii/Masrii fii kan Minilik waliin lola godhan hundarraa, nama qooda fudhate. Duula hunda keessa seenee,  akka qawwisaan midhaan shuummoo okkotee guutuu keessaa odoo hin bilchaatin hafutti, kan hiriyoonni hedduun biraa wareegaman, du’a oole. Akki san maqaa qoosaa Qawwee ja’uu badhaase. Akkasiin, Aadam, ilmi Bullaalee Wadaay, Qawwee Bullaalee tahee, akka waraanni Minilik biyya dhunfateen, Moominaa Buraalee fuudhee, bara 1892 keessa, Usmaan dhalche.

Usmaan Aadam, jeeynummaa abbaa malees, nama faxina, dafee waa hubatuu fii baratu tahe. Haalli isaa kuni, joolummaan, isaa toora umrii bara kudha afurii, barnoota amantii Islaamaa tan naannoo dhalootaatti kennamtu xumursiise. San booda, ilmii dabalataaf, Daawwee, biyya Walloo, tan yaroo sanitti madiinaa barnoota amantii Islaamaa turte, dhaqe.

Usmaan Aadam, bara kudha saddeetiif Daawwee keessatti barnoota kennamu dhugaa bahee, Sheekhummaa muudamee, barnoota amantii Islaamaa hawaasa keessatti babal’isuuf, bara 1924 keessa, baha Oromiyaa, godinaa Humbannaa, konyaa Oborraa aanaa Jaajaa dhaqe. Lammiin Jaajaa, warri barnoota amantii malees, dheebuu limaay qaban, hayyuu Rabbi fideef irratti gaggaban. Hatattamaan zaawiyyaa jaaraniifii, intala isaanii fuusisan.

Sheekh Usmaan Qawwee, Hubata, iddoo itti dhalatee fii aanoonni isaa jiran irraa fagaatee, waan barate barsiisutti seene. Odoo hin turin, Qur’aanaa fii Hadiisa biratti, barnoota Fiq’hii (Shari’aa Islaamaa) kan barsiisuun beekkame. Darasoonnii haala isaa kana dhagayan, kanneen biraa tiif odoo oduu dabarsanuu, warri barnootaaf itti dhufan dhibbaatamaan lakkaawamutti seenan. Kuni guyyuma guyyaan, maqaa isaa malees, hadraa fii dirree barnoota itti kennu bal’isaa dhufe.

Haala kanaan, oduun Sheek Usmaan gurra darasootaa bira dabartee, tan Garaaddanii fii Damiinnanii seentee, Ussoo Alii Sharoo, aanaan gosaa, if biratti galchuu barbaade. Yakkaa, naannoo itti dooginyoo, ganda maqaa isaa tiin moggaafametti, zaawiyyaa lamadaa dhaabeef. Sheekhni, akka Yakkaa dhaqeen, Aaminaa Khaarruu fuudhee, warra lamadaa hore.

Hadraan Sheekhaa tan Yakkaa, daftee akkuma tan Jaajaatti oowwutti seente. Darasoonni barraa-baharii Sheekh Usmaan iyyaafachaa gama Yakkaa dhangala’utti seenan. Baroota lama keessatti, darasoonni Sheekaa, heera-malee, dhibba jahaa fii torba jiddutti lakkaawaman. Haalaa akkanatti jiru, bara 1928 keessa, Yakkaa, ganda Ussoo Alii Sharoo keessatti, Sheekh Usmaan Qawwee fii Aaminaa Khaarruu irraa, Aammad Sheekh Usmaan Qawwee dhalate.

Aammad, akka ilkaan cabsuu jalqabeen, joollee darasoonni abbaa barsiisanirraa tokko tahe. Akka isaanirraa fixateen, darasootaa waliin abbaarraa barachutti seene. Odoo sanitti jiruu, fedhiin isaa barnoota amantii caalaa, og-barruu Arabiitti madaalaa dhufte. Ogummaa kana cimsachuuf, tuftii abbaa tiin, toora bara 1953-ii gama Dirree Dhawaa, iddoo barnoonni akkasii arkamutti, sossoohe.

Aammad Sheekh Usmaan, akka Dirree Dhawaa seeneen, waan dhaqeef malees, haala biyyaa tiin fudhatame. Dhimma Dirree bu’eef hordofaa, konfoleessummaa jalaa if baasuuf, warroome. Amata booda, Joohara, ilmoo isaa tan angafaa, hore. Joohara booda, bultiin hookkaraan xaxamtee duraa diigamte. Garuu, Aammad, haala mudateen bultiirraa abdii hin- kutanne. Bara 1959 keessa, shamarree Aammad Muummad Galmoo fii Aaminaa Alii, Faaxumaa Galmoo, fuudhee, bultii lamadaa jalqabe.

Yaruma tana, Aammad, sharikaa baaburaa tan Dirree Dhawaa keessatti hujii arkate. Haala hujii tanaa waliin wal-qabateen, bara 1964 keessa, Jabuutii dhaqe. Jabuutiitti, hiree hojjataa mootummaa Faransaayii, tan yaroo sanitti biyya bulchaa turtee, tahe. Akki san if duuba deebi’uu hanqise. Akka qubateeniis, bara 1968 haadha warraa, faaxumaa Galmoo, if biratti godaansise.

Gaafni kuni, gaafa, baaburri Adooleessa bara 1901-rraa kaasee Jabuutii fii Dirree Dhawaa jidduu deemaa jiru, magaalota lameen jiddutti seedata cimsee, hawaasa Oromiyaa fii Jabuutii walitti kaleesse. Haala sanirraan kan ka’e, Oromoonni daldalaaf magaalota lameen jidduu daddebi’anii fii kanneen Jabuutii iddoo qubasumaa godhatan heddomaachaa dhufan.

Jalqaba bara torbaatomootaa-rraa kaasee, haalli Jabuutii jijjiiramaa dhufe. Sossoohinsi diddaa bulchiinsa gabrummaa Faransaayii, kan ummata Iisaa tiin godhamaa jiru, cimaa dhufe. Wal’aansoon tuni, Oromoota magaalaa Jabuutii qubatan keessaa garii onnachiisutti kaate. Sab-boonummaa Sossooha Afran Qalloo tan keessatti daboolamte irraa willee futtaase. Jara kana keessaa gariin, bara 1973-rraa kaasee, Oromummaa isaanii ifatti beeysisuu jalqaban. Bakka barcaaf walitti dhufanitti haasoyni sab-boonummaa tahe. Bara 1974 keessa, akka  Elemoo Qilxuu faan bosona Carcar keessatti qabsoo hidhannoo jalqabaniin, haasoyni barcaa gubbaa maalummaa bira kutee, kan wal’aansoo Oromoo tii fii if gurmeessuu tahe.

Bara 1977, gaafa Jabuutiin gabrummaa Faransaayii jalaa baatee mootummaa bilisaa dhaabbattu, hiree arkamtetti dhimma bahuun, Oromoonni hammi tokko, jaarmaya tooyannaa fii hidhata dooginyoo Habashaa jalaa walaba tahe, kan maqaa Caayaa Oromoo magaalaa Jabuutii ja’amuun beekkamuuf jiraatu heeraan dhaabbatan.

Yaroo sanitti, Oromoonni magaalaa Jabuutii keessa qubatan hedduullee tahan, abuurama Caayaa Oromoo irratti, warri itti miseensoomuun Oromummaa isaanii ifatti beeysisan qubaan lakkaawaman. Haala kanaaf sababni heddu. Guddaan sodaa doorsisa mootummaa xophiyaa ti.. Kaan, jibbaa fii tuffii ummanni Iissaa Oromoof qaban irraa kan ka’e, maalummaa ifii dhooysuu dha. Dhiibbaa haallan kanaa fii kanneen biraa tiin injifatamuu dhabnii, Oromummaa isaanii ifatti baasuun wareegama barbaachisu warri baasan seena qabeessota. Sab-boonota sanirraa, Aammad Sheek Usmaan Qawwee, kan yaroo sanitti Abbaa Abdii tahe, tokko.

Seenaa jaaramuu Caayaa Oromoo Jabuutii keessatti, Abbaa Abdii waliin warri hujii seena qabeeysa galmeeysaniin maqaan isaanii galmee seenaa qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa keessatti barreeyfamuu qabu, Abuubakar Khaalos, Yuusuf Ibraahim Daawud, Hassanee Gamoo, Aadamee Yuusuf (Dhaga Affeel), Yaaqubee, Ibraahim Khaliilee, Abdulmajiid Raaree, Muumee (Qaxii), Abdallaa (Yaquulii), Abuubakhar Aammed (Bakharee), Mahammad Husseen fii Abdusalaam Yuusufi.

Caayaan Oromoo Jabuutii tan namoota kudha sadeen armaa olii tiin bu’uramte, murannoo fii hoogganummaa Abbaa Abdii faan, yaroo gabaabduu keessatti, miseensotaan badhaate. Odoo hinturin, damee manguddoo biratti, tan haawwanii, shamarranii fii dargaggootaa horte.

Akkuma Caayaan Oromoo Jabuutitti dhaabbatteen, Oromiyaa fii ummata isii dhunfachuuf dorgommiin godhamtu, mootummaa Soomalee fii tan Habashaa jiddutti lola kaafte. Lolli kuni, ummata Oromiyaa jalaa gubbaan ibiddaaf saaxile. Soomaaleen jalaan, Dargiin gubbaan, madaafa haraaniin lammii Oromiyaa baareeysan. Xiqqaa fii guddaa, namaa-sa’aa garaa rooraasanii qe’ee gugachiisan. Manguddoon, Sheekkotiin, hayyoonni, haawwan kaa’imman walii-galatti ummanni gandaa guutuun, odoo hin feene, qe’ee itti dhalatanii guddatan irraa biyyaa fii hawaasa hin beeyne, kan Somaalee fii Jabuutiitti, baqatan. Warra baadiyyaa malees, Oromoota magaalota keeysa jiraniis, Soomaalee gargartaniin waan araraasutti seenaniif, ummannii keenya, ija cufatanii, dukkana biyya ambaatti ija dhiiban.

Warra karaa Jabuutii baqataniif, Abbaan Abdii faan makhtuuta/mukukkula tahaniif. Qoma malees, alaa fii mana isaanii bananiif. Ifii gubachaa, lammii fira if duratti abdachaa karaa hin seeniniif dukkana jiruu ibsaniif. Manaa fii mooraan Abbaa Abdii kan baqattootaa tahe. Namoonni isa hin beeyne kan firummaa walii in himanne, mana isaa iyyaafatanii karra itti dhadhawutti seenan. Abbaan Abdii, haadha warraa, kan itti dhufe hunda akka obboleeysaa fii abbaatti simatee, qorii waliin qooddachutti seene. San malees, kan dhibameef qoricha, kan rakkateef mala dhawaa, kan du’eef khafana barbaaduun, lafa qabrii qotuu fii tajaajila reeyfaaf barbaachisu godhanii heeraan awwaaluu dirqama  godhate. Awwaala boodaas, warra fira hin qabneef fira tahee, manaa fii mooraa isaatti taajiyaa kan taa’uuf tahe.

Gama biraa tiin, jalqabarraa kaasee, qabsaawota naannoo sanii fii biyya san keessaan hujii wal’aansoo bilisummaa Oromiyaa gaggeeysurratti bobbahaniif, Abbaan Abdii dahoo fii irkoo ture. Gargaarsi qabsaawotaa fii baqattootaaf godhu, akkasumattillee murannoon bilisummaaf qabu kuni, diina biratti beekkamee, yaroo jilli ol-aanoo mootummaa Xophiyaa, biyya Jabuutii abuuruuf dhufan mara, hamma achii deemanuu, Abbaan Abdii barbaadamee hidhaa qe’eerraa fageeysuu tiin araraafamaa ture.

Haala armaa olitti ibsamaniin, Abbaan Abdii, bara 1976, gaafa baqattoonni duraa magaalaa Jabuutii seenan irraa kaasee, bultii fii maatii isaa hadiyyeessee, hara-galfii malee, arjummaa hambaa hinqabneen, kan beelawe beela baasaa, kan dhukkubsate hadhaadhiyyaa, kan du’e awwaalaa, lammii isaa gargaaraa akka ture, Oromoonni haala baqattummaa tiin biyya Jabuutii keeysa dabranii fii ammallee jiran marti ragaa bahu.

Abbaan Abdii, qulus-qulusii umrii waliin dhuftuun odoo rakkatuu, bara dabre, ji’a Fuulbanaa, haadha warraa, dhabe. Haala sanirraa if jajjabeeysaa odoo jiruu, ji’oota jibir dura dadhabee siree mudate. Maayyiirratti, ilmaan bira jiraniin tajaajilamaa odoo jiruu, akkuma haadha warraatti, bilisummaa Oromiyaa tan akkaan hawwu odoo ijaan hin arkin, biyya baqattoota Oromoo kumaatama keeysatti gargaaraa turetti, umrii 87-tti, Ebla 05, bara 2015, gara fuula Rabbii deebi’e.

Abbaan Abdii, nama hojjaa fii sammuun guddaa, ulfaataa, dadaa fii lola keessatti hamtuun afaanii hin baane. Nama haalli hamaan fedhe, iftiina fuularraa  hin fuune. Sab-boonaa, obsi guddaa – hamileen cimtuu, fii nama hujii isaa tiin malees, haalaa fii amala isaa tiin ummata Oromiyaa boonse.

Abbaan Abdii, umrii dheertuu biratti, obboleeyyan soddomii afuriin nama badhaadhe. Gama isaa tiin, Abdi malees, abbaa Jooharaa, Hiddii (Fooziya), Usmaan, Sa’iida, Aniisaa fii Aaminaa ti. Haatuhu malee, Abbaan Abdii abbaa joollee jahaa qofaa miti. Warra akka kiyyaa, kaneen kaa’imummaan biyyaa baqatanii, mana isaa akka mana warra ifiitti yaroo fedhan seenanii, waan jiru nyaatanii, keessa burraaqaa turan hundaa fiis abba.

Rabbiin Jannata hundaa olii tiin haa qanani’u!

Abbaa Urjii

 

 

 

 

 

 

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ollaa: Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association

IMPORTANT UPDATE: OLLAA is always seeking for opportunities to engage with Oromo communities around the …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *