Baach (baat)
Morom-mul’istuun tuni, himmeen uunkaa sharxiidhaa qaban keessatti hirmaatti. Akkagara fi’ilummaadhhaa waan qabduufiis, matima adda addaatiif uunkaa adda addaati qabdi. Kunii hormaata issiiratti mul’ata. Akkaataa hima keessatti itti hirmaattu ibsuu dura, hormaata morom-mul’ilstuu tana haa laalluu.
Baadhu, Baattu, Baatu, Baannu, Baattan, Baatan
Hubannoodhaaf himmen kanaa gaditti aanu laali…
Deemuu baadhu, maal na goota?
Deemuu baattu, si tuma.
Ar’aatana dhufuu baatu, kitaaba saa dhabe
Daftee galuubaattu, ni tumamti.
Yoo nyaachuu baanne , akkamiin jiraanna?
Maallaqa kiyya naa deebisuu baattan, isiniin himadha.
Afaan Oromoo beekuubaattan, akkaamiin malaggaa dabran.
Morom-mul’istuun fi’ila uunkaa sharxiidhaa qabutti maxxantu tuni, uunkaa wahenna si’aneefi qaatee mul’isuus ni qabdi.
Dufubaatu Silaa dhufubaate
Dhuf baattu Silaa dhufubaatte
Rafubaattu Silaa rafubaatte
Yoo rafubaatte Silaa rafuubaatte
Galubaattu Silaa galubaatte
Yoo galu baatte Silaa galubaatte
Yoo deebisuu baatte Silaa deebisuu baatte
Dhufubaadhu Silaa dhufubaaadhe
Dhufubaanne Silaa dhufubaanne
dhufu baattan Silaa dhufu baattan
( )U baattu yoo( ) uu silaa ( ) uu baattee
Dhufubaattu Yoo dhufubaatte Silaa dhufbaatte
Galubaattu Yoo Galubaatte Silaa Galubatte
Fuudhubaattu Yoo fuudhubaatte Silaa fuudhubaatte
Deebisubaattu Yoo deebisubaatte Silaa deebisubaatte
Nyaachubaattu Yoo nyaachubaatte Silaa nyaachubaatte
Argachubaattu Yoo argachubaatte Silaa argachubaatte
Qabamubaattu Yoo qabamubaatte Silaa qabamubaatte
Baraubaattu Yoo barubaatte Silaa barubaatte
Barsiisubaattu Yoo barsiisubaatte Silaa barsiisubaatte
Barachubaattu Yoo barachubaatte Silaa barachubaatte
Barachubaattu Yoo barachubaatte Silaa barachubaatte
Kanneen asii olitti dhihaate kun hundee fi’ila jechuudha.
Himni dhaamsa bifa gaaffiitiin qindeeyfame, hima iyyaafateeysa jedhama. Himni uunka kana qabu hundi asxaa gaaffiitiin ( ? ) xumurama.
Fk.
Hangatuun nideemtii?
Abbaankee bobbahee?
Haaswa keessan fixattanii?
Aadde Faxumaa jechuun isiidhaa?
Umriin saa waggaa kudha-saddeetii?
Obboo Tuujiin boru galgala dhufaa?
Kitaaba ergifatte sun hindeebistuu?
Maqaan intala teetii Kadijjaa?
Haati tee aadde Iftuudha?
Bineessi buburreen kun, qeerransaa?
Qaadhimaan kee kami?
Ar’a guyyaan maali?
Obboo Robaan eenyu?
Fijaan (mindaan) ji’atti argattu meeqa?
Manni obboleessa keenyaa eessa?
Kaleessaafi dheengadda maalif nurraa hafte?
Yoom deemti?
Akkamjirtu?
Gaafam, eessattifi sa’aa meeqatti wlgarra?
Maaltu natti sikaase?
Himmeen digdamman armaan olii, irra deebi’i laali. Jechoonni xumura himmeen kanneenirra jiran, sagalee bifa kamii akka qabaniis xiinxali. Himmeen kurnan duraatiifi kurnan boodaa garaagarummaa sadarkaa sagalee birsaga maaheessaatiin mul’attu qabaachuu isanii hubadhu. Jechoonni himmeen kurnan dura ittiin xumuraman, sagalee dheertuudhaan xumuraman. Himmeen kurnanuu jechoota sagalee dheertuu qabaniin guduunfaman jechuudha.
Hubannoodhaaf, jechoota xumura himmeen kurnanirra jiran asiin gaditti tarrifnee haalaallu.
1 Nideemtii?
2 Bobbahee?
3 Fixxattanii?
4 Isiidhaa?
5 Kudha-saddeetii?
6 Dhufaa?
7 Hindeebistuu?
8 Kadijaa?
9 Iftuudhaa?
10 Qeerransaa?
Jechoonni kunneen, iyyaaafateessumma himmeen kurnaaniiti mul’isan. Kuniis, sagalee maaheeysarraa qabaniin ibsan. Sagalee dheertuu saanii gara sagalee gabaabdutti yoo jijjiire ammo, uunkaa jechhootaa qofaamiti, uunkaan himmeeniitiis nijijjiirama. Himmeen uunkaa gaaffiidhaa qabaatan tahuun isaanii ni hanqata. Hima torbaffaa malee, kanneen biraa hundi gara eyyeeysummaatitti geeddaramu. Mallattoo gaaffii (?) xumura himmenirratti kaayuu qoftiin, himmeen sunneen uunkaa iyyaafateesummadhaa hin qabaachiftu.
Himmeen jechoota sagalee gabaabduudhaan xumuramanii uunkaa gaaffiidhaa qabaniis nijiran kana hubachuudhaaf, himmeen lak 11-20 haa ilaallu.
Kami? Maali? Eenyu? Meeqa? Eessa? Maalif hafe? Yoom deemti? Akkamjirtu? Sa’aa meeqatti wlgarra? Maaltu?
jechoonni tarree xumuraarratti hiriira galan hundi sagalee gabaabduundhaan xumuraman. Himmeen sunneen ammoo, jechoota uumamuma isaaniitiin ” jechoota gaaffii” jedhaman ofkeessa qaban. Saba kanaafiis, sagalee birsaga maaheeysaa dheerreeffachuun isaan hinfeesisu. Jechoonni gaaffiidhaa qubsuma ( urgee, fuula) fedherra, jechuuniis, dura, jidduu ykn xumura himaarratti qubachuun nimala. Isaanumti hima keessa jiraachuu qoftiin hima sun hima gaaffiidhaa nitaasisa. Himmeen akkasiitiis mallattoo gaaffiidhaa qofa itti daballa.
Jechoonni ’jechoota gaaffii’ jennuun hedduudha. Hubannoodhaaf hammatokko asii gaditti tarrisna.
Hoggaa xumura himaarra qubatu Maali?Eenyu? Yoomi? Meeqa? Kami?Tami? Eessa? Eecha?
hoggaa xumura Himaarra hinqubanne Maal………. Eenyu……..Yoom……..Meeqa…..Kam……Tam….Eessa…..
Jechoonni gaaffiidhaa, maxxntoota garagaraa maxxanfachuudhaan yookiin isaanumti jechoota biraarratti maxxnuudhaan yknn makamuudhaan hima keessatti hirmaatti.
Fk maalif…, maaliin…..,maalitti,….maalirraa….maaluma…,maalirratti…,maalfaa….kkf
Eenyu ( eennu)?
eenyuun (eennuun)…
eenyuuf (eennuuf)….,
eenyutti (eennutti)
eenyurra (eennurraa)……
eenyurraa (eennurraa)…
eenyuma (eennma)…..
eenyurratti (eennuratti)….
eenyufaa (eennfaa) eenyuree (eennuree)…..kkf
Kam ? kamiin? (tamiin?)
kamiif? (tamiif?)
kamirraa? (tamirraa?)
kamuma? (tamuma?)
Akkam? (attam, asham?)
Hammam? (Hagam)
Bakkam? Biyyam?
Garam? Gamam?…
kamitti? kamfaa?
Hanqam?) kkf
Jechoonni ’eessa’ (eecha) ’yoom’ ’meeqa’ jedhamaniis haaluma akkanaati qaban. Barnoota kutaa knaatiis dogongorakaraa kanaan mul’atan sirreessudhaan goolabna.
Dogongora Sirrii
Yoom dhuftaa? Yoom dhufta?
Kun maalii? Kuni maali?
Maalfeetaa? Maalfeeta?
Garam deemtaa? Garamdeemta?
Gatiin meeqaa? Gatiin meeqa?
Eessa bultaa? Eessa bulta?
Akkam taatanii? Akkam taatan?
Maalif hingaafannee? Maalif hingaafanne?
Akkamitti hindhufnee? Akkamitti hindhfne?
Maalif hindeeminii? Maalif hindeemin?….kkf