Oduu Haaraya

Shororkeessaan Eenyu?

Baarentuu Gadaa Irraa

Shororkeessaan eenyu?  isa akkamiititu shororkeessadha?  Isa
walqixxummaaf falmu, isa  mirga saba isaaf  qabsaawu, isa
dimookiraasii dhugaaf dubbatu moo isa  biyya namaa weeraree mirga
uummamaa fi dimookirsii namaa  sarbee saamicha gaggeessu dha?   isa
dhugaaf dhaabbate moo abbaa irree   waraana amma funyaanitti hidhate
bobbaasee maaf mirga keessan gaafattan jedhee nama fixuudha? Eenyu
shororkeessan?  Isa ajjeechaan haa dhaabbatu jedhee dhugaaf falmu moo
?  Isa  barataa, barsiisaa, daa’amaa guddaa, jaarsaa jaartii
karaarratti rashanuudha? Eenyu shororkeessaan isa mirga abbaa
biyyummaa isaaf falmu moo? Isa sisaamu malee jedhee ajjeechaa
raawwatuudha? Kami shororkeessaan?
Gaafiin kun gaafii wal xaxaa fi wal nama mormisiisuu miti, nama gorora
liqimsee mitii daa’imti sabiyyiin kan deebiftuudha. Eeyyee gaafii ifaa
fi eenyuuyyuu salphaatti deebisuu danda’uudha.  Shororkeessaan isa
uummata  biyya isaa irratti bahaa gala dhorku, murna ykn mootummaa
fedhii uummataa malee humnaan aangoo qabatee isin bulchu malee
jedhuudha, Shororkeessaan isa  uummata mirga isaaf falmu ajjeesudha.
Gooleessaan isa qabeenya uummataa afaan qawween irra dhaabbatee saamuu
fi saamsisuudha. Shorkeessaan isa xiqqaa guddaa, dhiiraa dubartii
waraana itti bobbaasee  karaarratti ajjeesisuudha, Shorkeessaan isa
mirga namaa uukkaamsee nama fixuu fi hidhee dararuudha. Shorkeessaan
isa mirga uumaaa fi dimookiraasii namaa uukkaamsuudha. Hiikni
shorkeessaa inni beeknuu fi addunyaan irratti walii galu kana.  Murnas
ta’e  mootummaa yakkoota akkanaa saboota irratti rawwatu
shororkeessadha. Kanaaf uummanni Oromoos Wayyaaneedhaan
shororkeessituudha jedha, kanaaf  irrattis qabsaawaa ture, qabsaawaas
jira. Wayyaaneen murna uummata Oromoo irratti yakka shororkaa
raawwachaa turteedha.
Wayyaaneen shorkeessituudha. Wayyaaneen murna humnaan aangoo qabattee,
aango kanarra turuuf ammoo shororkaa raawwachaa jirtuudha.  Saboota
biyyattii addatti ammoo uummata Oromoo mirga isaaf falamatu irratti
yakka raawwachaa turte. Jumlaan ajjeesaa, hidhaa fi dararaa turte,
ittis jirti. Wayyaaneen saamaa jiraachuuf jecha yakki uummata Oromoo
irratti hin raawwatin hin jiru.
Uummanni Oromoo guyyaa Wayyaaneen aangoo  shiraa fi afaan qawweetiin
qabatteerraa kaasee akkuma dura dhaabbateetti jira, murna saamichaaf
aangoo humanaa fi shiraan qabattee ta’uu waan  dursee hubateef
kaleessaa amma har’aatti kunoo  falmii walirraa hin cinne irratti
gaggeessaa jira. FXG dabalatee  ilmaan isaa qabsaawoonni/qeerroon
qabsoo xumura gabrummaa irratti gaggeessaa jiru. wareegama kaffalmaa
tureeniis kunoo uummanni Oromoo injifannoolee cucculuqoo gonfateera.
Murni mootummaa ofiin jettu Wayyaaneen  FXG fi qabsoo hidhannoo
uummanni Oromoo dhaaba isaa ABO fi ilmaan isaa qeerroo waliin irratti
gaggeessu kana dhaamsuuf  yaaliin hin taasisiin hin jiru.  Ilmaan
Oromoo sabboontoota saba isaaniif quuqaman  kumootaan hidhaa, kanneen
mirga abbaa biyyummaa Oromoof qabsaawan, ajjeesaa fi dararaa turtee
jirti.  Kanneen eessa buteen isaanii dhabames danuudha. Walumaa
galatti haa milkaawuu baatuuf malee wayyaaneen humnaan qabsoo uummanni
Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaaf taasisu ukkaamsuuf yaaltee jirti.
Haa ta’uutii Uummanni Oromoo addatti ammoo sabboontonni qabsaawoonni
qaroon sabaamirga Oromoon uumamaan qabuuf falmaa  turan , ammas
falmaa isaanii caalatti cimsanii falmaa jiru malee akka Wayyaaneen
kajeelte qabsoo isaanii hin dhaabne.  Maqa balleessiin
shororkeessitoota jechuun gaggeessaa turtee fi hidhaa ajjeechaanis
duubatti isaan hin deebifne.  Saba Oromoo aamamaa jiru, saba Oromoo
mirgi isaa cabee dhiitamaa jiruuf  caalaatti falmaa jiru.
Wayyaaneen  dargaggoota qeerroo, qabsaaoota Oromoo mirga saba isaaniif
qabsaawaa turanii fi jiraniin shororkeessitoota jechaa turteetti,
hedduus kanaan yakkitee ajjeeftee jirti, mana murtii ishii kan
fakkeessiittis dhiheessitee du’aa amma humrii guutuu itti murteessaa
turtee jirti. Kanneen  eessa buuteen isaanii dhabame, kanneen biyyaa
baqachifamanis akkasuma lakkoofsa hin qaban. Har’a garuu  uummanni
Oromoo of ittisuurraa gama haleellatti cehee jira. Qabsoo mirga abbaa
biyyummaa gaggeessaa jiruun Wayyaanee shororkeessaa jira.  Kunoo osoo
hin jaalatin dirqamtee  holola sodaarra madde hololaa jirti.
Dhiphattees akuma argaa fi dhagahaa jirru  kanneen hartee hidhaa turte
gadi dhiisaa jirti. FXG uummanni Oromoo waggoota hedduuf gaggeessaa
ture, qabsoon  ABO /qeerroon finiinaa ture  firiin muldhacha jira.
Eeyyee uummanni Oromoo wayyaaneen holola sobaa fi sossobaa adda adda
gaggeessitus didee fincila itti fufeera. Kunoo lagannaa gabaa, uggura
geejjibaa, hojii dhaabuu gaggeessuun sirnicha caalatti dhiphisaa jira.
Wayyaaneen ofii shororkeessituu taatee uummata Oromootiin addatti
ilmaan isaatin Shororkeessaa jechaa turte har’a saaxilmatee qaana’aa
jirti. Salphachaa jirti, qabsoon Oromoo qullaa isii dhaabaa jira.
Miseensonni  dhaaba goleessituu tanaas kanneen OPDO ta’uun  tajaajilaa
jiran dabalatee yeroon itti addabaabaayi dhugaatti dhihaatanii kan
harka isaanii argatan fagoo miti.  Shakkii malee qabsoon keenya cimee
itti fufnaan dhidhimni Wayyaanee hin oolu.
Akkuma hunduu beekuu fi quba qabuu murni gooleessituun tun fakkeessiif
yeroo ammaa kana  hidhamtoota hike, tarkaanfii akkanaa fi akkasii
fudhachaan jira jechaa jirti.Jaalattee osoo hin ta’in dirqamtee ilmaan
sabootaa addatti sabboontoota Oromoo dharaan yakkitee  manneen
hidhaatti  waggootaaf  guuraa turte jaalattee osoo hin taane
dhiphattee  hiikaa jirti.  Murni  gooleessituun tun osoo du’aa jirtuu
maqaaf jira jechuuf namoota dirqamtee hiikaa jirtu kana yoo unka
qopheessitee nuti shororkeessitoota turre, ammaan achi itti hin
deebinu jedhaatii mootumma kiyyaaf mallatteessaa jechaa jirti. Haa
ta’uutiii gama kanaaniis hin milkoofne.   hidhamtoonni hunduu
shorkeessaan kan mirga uummattootaa sarbee, sabbooontoota  hidhaa fi
ajjeesaa,  dararaa fi saamicha  gaggeessaa jiru jechuun harkatti
busheessaniiru. Qaanessaniiru. Caalaatti akka dhiphattu taasisaniiru.
jaalttee osoo hin ta’in dirqamtee  hidhamtoota  muraasa ta’anis hiikuu
itti fuftee jirti.  Kun ammoo  Oromoof  injifannoodha, kun ABOf
injifannoodha, kun qeerroo bilisumaa Oromoof innifannoodha.
Amma mootummaan faashistiin,murni Shororkeessituun waggoota 26n
darbaniif uummata Oromoo goolaa turte dhumafii jira. Guyyaan itti
dhidhimtu dhihaachaa jira.  Dhaabni  sabboontoota haqaaf qabsaawaniin
shorkeessitoota jechaa turte sobduu ta’uun, shorkeessaan ishii ta’uun
addunyaaf ifa ta’eera. Kun ammoo kufaatii ishii saffisiisaa jira.
Guyyaa kufaatii ishii  kana caalaatti saffisiisuu fi dhiheesuuf ammoo
qabsoo itti jirru  qabsoo roga maraa, FXG ABO/qeerroon durfamu gama
maraanuu akka cimu waan nurraa eegamu bahachuu qabna.  Amma murni
shorkeessituun tun gateettii ummata keenyarraa butuutti qabsoon keenya
caalaatti cimuu qab.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …