Oduu Haaraya

Tokkoomanii wajjin qabsaa’uun hunda caalaa fi murteessaadha

 

 

Abdii Boruutiin
Walitti dhufanii waliin haasa’uun gaarii dha; waliigaltee uumanii wajjin hojjechuun caalaa dha; tokkoomanii waliin qabsaa’uun ammoo hunda caalaa fi murteessaa dha; kan uummanni Oromoo barbaadus isa kana dha. Gaheen ykn qoodni artistoonni Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) kana keessatti taphatan ykn gumaachan baay’ee guddaa dha. Warri qabsoo kanaaf wareegamani illee seenaan isaan hin dagatu. Artistoonni keenya, akka gamtaattis ta’ee akka nam-tokkeetti, qabsoon kun akka cimu; Oromummaan akka guddatu akkasumas tokkummaan ilmaan Oromoo akka ijaaramu fi cimu tattaaffiin isaan godhan kan akka laayyootti ilaalamuu miti. Kana hunda caalaa ammoo araarri fi tokkummaan qabsaa’otaa, keessumaayuu kan ABO garee sadeenii, akka milkaa’u, qophiin Waldaa Artistoota Oromoo (WAO) dhiyoo kana godhe qabsoo kana keessatti akka guddaatti ilaalamuu qaba.

Qophiin kun ammoo walitti dhufanii haasa’anii kan addaan deeman; walitti dhufanii kan sirban, ragadan fi dhiichisan, walumaagalatti kan ittiin bashannananii addaan deeman qofaa otuu hin taane, qophii dhaamsa qabu, qophii kaayyoo qabu, qophii bu’aa tokko fidu ta’uu qaba. Bu’aan kun ammoo inni guddaan “tokkummaa qabsaa’otaa” ti; tokkoomuu ABO garee sadeenii ti; araaramuu fi waliigaltee isaanii ti. Kun hundee ykn bu’ura cimina QBO ti. Tokkummaa dhaan malee qabsoon kun cimuu hin danda’u; tokkummaa dhaan malee humna horachuun hin danda’amu; humna malee diina injifachuunis waan hin danda’amnee dha. Kun sirriitti hubatamuu qaba. Kanaaf, tokkummaan humna, humni ammoo injifannoo dha. Injifannoon tokkummaarraa dhufa jechuu dha.

Araarri fi tokkoomuun Adda Bilisummaa Oromoo garee sadeenii, kan yeroo ammaa yaalamaa jiru kunis, haasa’umatti akka hin hafne; kan uummanni keenya hawwii guddaa dhaan eegaa jiru kun akka milkaawu; duulli walirratti godhamaa ture akka xumuramu fi duulli kana boodaa diina keenyarratti qofaa akka ta’u ykn godhamu; hunduu kan dabreef dhiifama waliif godhanii, amma kaayyoo uummata Oromoo tokkorratti walii galanii, kanas galii dhaan ga’uuf akka waliin qabsaa’an; ABOn tokko ta’ee bara 1991 injifannoo guddaa fide sun ammas deebi’ee tokko ta’ee injifannoo xumuraatiif qabsoo bilisummaa kanaaf boqonnaa (chapter) haaraa seenaa QBO keessatti banuu qaba. Carraan ammaa kun isaan dabruu hin qabu. Amma nu gaye jechuu qabu; walumaan mormuu dhaan yeroo fixuun dhaabbachuu qaba. Tokkummaan uummanni keenya barbaadus amma ijaaramuu qaba; yeroon isaa illee amma.

Gara biyyaatti deebi’uu dhaaf, akkuma beekamu, Wayyaaneen filannoo ishii injifattee (injifadhe jettee!!) waggoota shanan dhufan bittaa gabrummaa itti fufuu dhaaf qophaa’aa akka jirtu dha. Gara mormitootaatiin (gara humnoota diimookraasiitiin) wanti kana booda godhamu ammaaf ifa ta’uu baatus, jarmayoota keenya OFC ilaalchisee waan tokko tokkon yaada. Wanti tokko kan hubatamuu qabu, Wayyaaneen humnaan qawwee dhaan, qabsoo hidhannootiin biyya keenya qabattee, kunoo hamma har’aatti uummata keenyatti roorrisaa jirti. Akkuma isaanuu kanaan duras dubbachaa turan; akka keenya lolaatii waan barbaaddan argadhaa jechaa turan; jarri kun humnaan malee, karaa biraatiin biyya keenya irraa waan deeman natti hin fakkaatu. Kanaaf, diina kana injifachuu dhaaf qabsoon hidhannoo yoomiyyuu caalaa barbaachisaa dha.

Jaarmayoota keenya kan biyya keessaa, OFCtti deebi’uu dhaaf, otuu filannoon sun kan dhugaa, kan diimookraasii ta’ee ture fi isaanis filannoo kana injifatani, uummata keenyaaf bu’aan tokko argamuu ni danda’a jedhee yaadeen ture. Kan ta’e ta’ee, kan dabres dabree, amma gaafiilee: Kana booda maaltu ta’uu ykn godhamuu danda’a? Maaltu ta’uu ykn godhamuu qaba? fi kkf ka’uu danda’u. Deebii gaafiilee akkanaa ammoo laayyoo’umatti argachuun salphaa hin ta’u. Waa baay’ee xinxaaluu fi gad-fageenyaan itti yaaduu nama barbaachisa. Jaarmayoonni keenya illee (OFCn) waayee kanarratti akka hojjetani fi gara fuulduraatiif tarsiimoo gara garaa illee qabaachuu danda’u jedheen yaada; yoo carraan isaaniis akkuma filannoo bara 2005 boodaa akka warra CUD ta’e malee.

Akkamitti waan hin taane, waan hin milkoofnne yaadda naan jechuu dandeessu yookaanis kan ani yaadus waan hojiirra hin oolle ta’uu danda’u illee, yaada tokko kaasuun barbaada. Isa kanas kanaa gaditti ibsuun yaala. Duraan dursee garuu jaarmayoota Oromoo kan walaba ta’anii bilisummaa dhaaf hojjetan yoo ilaalle, walumaagalatti, bakkee lamatti baafnee ilaaluun ni danda’ama. Isaanis humnoota diimookraasii fi humnoota bilisummaa ti. Humnoonni diimookraasii kan qabsoo hidhannoo malee karaa biraatiin biyya keessatti socha’an, kan akka OFC fi kkf dha. Humnoonni bilisummaa ammoo jaarmayoota bilisabaasota kan akka ABO fi ULFO ti; warra qabsoo hidhannootti amanani fi isa kanas gaggeessanii dha. Akka yaada kiyyaatti, tooftaa, tarsiimoo fi kaayyoon galii booddee isaanii adda adda haa ta’u malee, wanti humnoonni hunduu waliin qaban “biisummaa Oromoo” ti jedheen yaada. 

Wanti waliin qaban erga “bilisummaan Oromoo” ta’e ammoo, isa kana waliin argachuu dhaaf wajjin hojjechuun barbaachisaa dha; yoo tumsa waliif ta’an, injifannoo waliin argachuu danda’u jechuu dha. Gaafiin asirratti ka’u garuu, akkamitti wajjin hojjechuu danada’u? kan jedhu dha. Kanaaf ammoo karaan ykn filannoon (options) gara garaa fi haal-dureen illee jiraachuu danda’u. Akka ilaalcha kiyyaatti, haal-dureen ani dhiyeessu walitti deebi’anii tokkoomuu ABO garee sadeenii ti. Kun maaliif haal-duree ta’a? Yoo ABOn hin tokkoomnne; yoo isaan walii hin galle; yoo isaan wajjin hin hojjenne; yoo rakkoon isaan jidduu jiru akkanumatti kan itti fufu ta’e, jaarmayoonni hafan illee isaan wajjin hojjechuu waan barbaadan natti hin fakkaatu. Yoo ABOn walii hin gallee, isaan wajjin hojjechuunuu rakkisaa ta’uu danda’a jechuu dha. Kanaaf, jaarmayoota biroo wajjin hojjechuu dhaaf ykn jaarmayoonni biroo akka isaan wajjin hojjetan, ABOn tokkoomuu ykn waliigaltee uumuu qabu jechuu dha. Kanaafan kun haal-duree dha jedhe.

Yoo haal-dureen kun milkaawe booda, jaarmayoonni (humnoonni) hunduu waliin qabsaa’uu dhaaf karaan ykn filannoon shan, kanan armaan gaditti dhiyeessu, hojjechuu danda’u jedheen yaada. 

Filannoo tokkoffaa: ABO garee sadeen tokkoomsuu; ABO tokko ta’e fi ULFO walittibaqsanii akka jaarmayaa tokkootti ijaaruu; yoo danda’ame hundaa ABO tokko godhuu; kana jalatti Waraan Bilisummaa Oromoo (WBO) cimsuu dha. Kun jaarmayaa bilisa baasaa tokko qofaa ta’a jechuu dha.

Filannoo lammaffaa: ABO garee sadeen tokkoomsuu; ABOn tokko ta’e fi ULFOn akka tumsaatti akka wajjin hojjetan godhuu. Waraan bilisa baasaa tokko kan tumsa kana jalatti socha’u ijaaruu fi cimsuu. Kun ammoo jaarmayoota bilisa baasota lama ta’u jechuu dha. 

Filannoo sadaffaa: Akka filannoo tokkoffaa ta’ee; jaarmayaa bilisa baasaa tokko (ABO+ULFO) fi humnoota diimookraasii (OFC) wajjin tumsa ijaaruu. Kun tumsa jaarmayaa bilisa baasaa tokkoo (humnoota bilisummaa) fi humnoota diimookrasii ti jechuu dha.

Filannoo afraffaa: Akka filannoo lammaffaa ta’ee; tumsa jaarmayoota sadii ABO tokko, ULFO fi OFC ijaaruu dha. Kun tumsa jaarmayoota bilisa baasota lamaa kan humnoota bilisummaa fi humnoota diimookraasii ti.

Filannoo shanaffaa: Akka filannoo tokkoffaa ta’ee; kanatti OFC dabaluu dhaan jaarmayoonni hunduu walittibaqanii akka humna bilisummaa tokko ta’an godhuu jechuu dha. Asitti jaarmayaa bilisa baasaa tokko fi waraan bilisa baasaa, kan jaarmayaa tokko jalatti socha’u tokko qofaatu jiraata jechuu dha. Filannoon kun akka baay’ee ulfaataa ta’u fi sirumaa kan hin danda’amne akka ta’u naaf gala. Haa ta’u malee, yoo fe’iin jiraate, yoo kaayyoo tokkorratti waliigalan wanti hin danda’amne hin jiru.

Egaa, Abdii Boruu yaada hin taane ykn hin danda’amne kaasa naan jettanis, yaadni ani qabu filannoolee asitti dhiyeessa kana dha. Haa ta’u malee, gaafiileen asirratti ka’uu danda’an: Filannoo kamtu gaarii dha? Rakkooleen jiraachuu danda’an maali? fi kkf dha. Akka yaada fi hawwii kiyyaatti, otuu danda’ame, kan humna cimaa uumuu danda’u fi dafee bilisummaa fiduu danda’u, filannoo shanaffaa dha. Kun hunda caalaa fi murteessaa dha. Kanatti aanee akka filannoo gaarii lammffaatti kanan ilaalu, filannoo sadaffaa dha. Filannoon kun gaarummaan isaa humnoota bilisummaa hundaa (ABO+ULFO) waan walittibaqsuuf; humnoota diimookraasii wajjin tumsa cimaa mooraa QBO keessatti waan ijaaruuf, tarsiimoo gaarii uumuu danda’a jedheen yaada. Kan kanarraa hafanis hunduu filannoo badaa miti. Waliigalanii wajjin hojjechuu danda’uunuu bu’aa tokko otuu hin fidin hin hafu.

Yoo filannooleen biroo illee milkaa’uu baatan, filannoo tokkoffaan filannoo dirqamaa ta’uu qaba. Kun QBO cimsuu dhaaf, uummata keenya dafanii gabrummaa jalaa baasuu dhaaf, filannoo haal-duree hin qabne ta’uu qaba jechuu dha. Barruu kiyyaa kanan yeroo tokko dhiyeesse keessatti, “tokkummaan uummanni Oromoo barbaadu, tokkummaa dirqamaa, kan kaayyoo tokkorratti bu’ureeffamuu dha” kanan jedhes akka filannoo tokkoffaa asitti dhiyeesse kanaa ti. Erga kaayyoo tokkoof dhaabbatani, wanti haal-duree uumu hin jiru ykn jiraachuu hin qabu jechuu kooti. Rakkooleen jiraachuu danda’an maali? kan jedhuuf, tokkoffaa, ABO garee sadeen deebisanii tokkoomsuu dhaaf halli amma jiru hammam abdachiisaa fi sadarkaa kamirra akka jiru beekuu dha. Waliigaltee fi tokkoomuun isaanii milkaa’uu fi milkaa’uu baachuu; sadarkaa kamirras akka ga’an beekuun amma nama rakkisa jechuu kooti. 

Lammaffaa, yoo ABOn tokkoome boodayyu ULFO wajjin walittibaqsanii akka jaarmayaa tokkootti ijaaruun rakkisaa ta’uu danda’a. Gaafiilee baay’een ka’uu danda’u. Walittibaquun hafee wajjumaanuu hojjechuun hammam abdachiisaa akka ta’u beekuun nama rakkisa jechuu dha. Sadaffaa, akka amma jiranitti, humnoonni Oromoo kan biyya keessa jiran kan akka OFC qabsoo hidhannoo malee socha’aa jiru. Kanaaf, jaarmayoonni kun tarsiimoo ofii jijjiiranii; qabsoo hidhannootti amananii; humnoota bilisummaa wajjin walitti baqanii yookaanis ammoo tumsa ijaaranii wajjin hojjechuu dhaaf fe’ii fi kaayyoo akka qaban beekuun rakkisaa dha. Kaayyoon galii booddee adda adda waan ta’uuf, humnoonni bilisummaatuu jara kana wajjin hojjechuu dhaaf fe’ii qabaachuu isaanii beekuunis akkasuma rakkisaa dha. Egaa, rakkoolee gurguddoon, kan filannooleen kanaa olitti dhiyeesse keessatti mul’achuu danda’u kana jedheen yaada. Rakkooleen biroo illee jiraachuu danda’u; kan ani asitti ibse qofaa miti jechuu kooti.

Dhugaa hunduu hubachuu qaban garuu, humnoonni bilisummaas keessumaayuu ABOn tokko ta’anii ykn tokkummaa ijaaranii; humna cimaa horatanii; irree tokkoon diinarratti yoo duulan malee, kophaa kophaa qabsaa’anii yoomiyyuu diina injifachuu akka hin dandeenye dha. Humnoonni diimookraasiis kan akka OFC karaa nagaatiin socha’anii, filannoo dhaan diina kana injifachuun akka hin danda’amne waan hubatan natti fakkaata. Filannoon diimookraasii, kan dhugaa dhaan waldorgomanii injifachuu danda’anis akka hin godhamne ana caalaa isaan amanuu danda’u jedheen yaada; kanuma ija isaaniitiin arganii dha. Kanaaf, kana booda karaa kamtu nu baasa, karaa fi tarsiimoo kam wayya jedhanii yaaduu qabu. Mooraa QBO keessatti humna Oromoo waliin uumuuf, hunduu waliin mormuu dhiisanii wajjin hojjechuu qabu. Hunduu kan dhaabbatan uummata tokkoof waan ta’eef, dhimma kanarratti waliigaltee uumuu qabu.

Dhumarratti, kan waliin deemuu danda’u yoo akkanatti waliin deeme ykn wajjin hojjete malee, wanti waliin barbaadan sun “bilisummaan” argamuu hin danda’u. Uummanni ykn sabni bal’aan akka Oromoo humna jabaa dhabee, humnoota saba bicuutiin gabrummaa jalatti uukkaamamee jiraachuun qaaniiguddaa dha. Waayee namaaf hin galle; kan nama dinqu kana bira illee dabree kan nama gaddisiisu dha. Ormuu nutti kofle; nu tuffate; jiraachuu keenyaa nu hiraanfatan. Waayeen kun sirriitti itti yaadamuu qaba. Ammas irran deebi’a waliigaltee fi tokkoomuun Adda Bilisummaa Oromoo bu’ura waan hundaa ti; cimina Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ti. Cimni WBO ammoo waabii bilisummaa Oromoo ti. Kana malee abdiin biraa waan jiru natti hin fakkaatu.    

Galatoomaa.
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *