Oduu Haaraya

Eenyutu eenyu eega, eenyutu eenyurraa waa eega?

 

 

Abdii Boruutiin
“Uummanni Oromoo si eega; ati ammoo sagalee isaa ta’uu qabda. Ani nama tokko waanan ta’eef, hiriira irratti argamus argamuu baadhus homaa miti hinjedhin. Dhugaa dha, ati nama tokko garuu nama wanti tokko irraa eegamu dha.” Dubbiin kun yaamicha (barreeffama) Prezidaantiin Waldaa Qormaata Oromoo (WQO) Dr Haile Hirpha, Oromoota Ameerikaa kaabaa jiraniif (jiraataniif) Afaan Ingiliziitiin dabarsan keessaa kanan fudhadhe fi Afaan Oromootti hiikuu yaale dha. Yaamichi Afaan Ingiliziitiin barreeffame kun Caamsaa 17 bara 2010 gadaa.com irratti maxxanfamee ture. Warri yaamicha kanaaf owwaattanii, hiriira nagaa kanarratti argamtanii, uummata sagalee hin qabneef, sagalee keessan dhageessistan, dirqama Oromummaa waan agarsiiftaniif jiraadhaa, fayyaa ta’aa; galanni keessan bilisummaa Oromoo haa ta’u.

Mata duree barruu kanaatiin waayee gara garaa kaasuun barbaada. Inni tokko, filannoo Itoophiyaa, kan sanbata guddaa (dilbata) dabre godhame yoo ta’u, inni lammaffaan waayee Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) ilaalchisee waan tokko tokko kaasuufani. Akka marsaalee (website) tokko tokkorratti argame fi meediyaalee tokko tokkorraa dhaga’ametti Wayyaaneen akka moo’achuuf deemtu dha. Kun durumaanuu beekamaa waan ta’e fi filannoo otuu hin jalqabin dhume (xumurame) waan ta’eef, waan baay’ee nama dinquu miti. Biyya nagaa fi diimookraasiin dhugaa jiru keessatti filannoon dhugaa godhama malee, biyya akka impaayara Itoophiyaa, biyya abbaa irree keessatti, dhugaa dhaan wal dorgomanii dhugaa dhaan injifachuun waan hin danda’amnee dha. Mootummaa faashistii kana irraa eenyutu waa eega?

 

Uummanni Oromoo akka saba tokkootti gabrummaa Habashaa jala jiraatu illee, akka jiruu fi jireenya isaatti yoo ilaalle, bakka lamatti baasuu ni dandeenya. Isaan kunis uummata Oromoo kan biyya (Oromiyaa) keessa jiran fi warra biyya alaa jirani (jiraatani) dha. QBO kana keessatti, qabsoo hadhaawaa kan godhaa jiru; kan miidhaa guddaan irra ga’aa jiru; kan hidhamu, dararamu, ajjeefamee karaarratti gatamu; kan qawwee diinaatiin uukkaamamee jiru; walumaa galatti kan mootummaa faashistii kanaan miidhamaa jiru, uummata Oromoo kan biyya keessa jiru dha. Uummanni kun, uummata ba’ee galuu dadhabaa jiru; kan qayee ofirraa humnaan buqqifamaa jiru; kan booyee imimmaan irraa hin qoorre; waaqa/rabbi malee kan gargaarsa tokko hin qabne; humna diina irraa ittisu kan hin qabne; uummata amma illee adunyaa kanarratti hiraanfatame dha.

Uummata Oromoo kan biyya alaa jiran (jiraatan) yoo ilaalle, isaanuma kanaa bakkee lamatti baafnee ilaaluu ni dandeenya. Isaanis warra biyyaa olla ykn biyya dhiyoo keessa jirani fi warra biyyoota Awuroopaa, Ameerikaa, Austraaliyaa  fi kkf keessa jirani dha. Maaliif akkan bakka lamatti baase, ibsuun yaala. Oromonni biyya olla kan akka Somaaliyaa, Jibutii, Keenyaa fi biyya dhiyoo kan akka Yaman keessa jiraatan, Oromiyaarraa haa baqatan malee, biyyootuma kana keessattuu nagaa argatanii jiraachuu hin dandeenye. Jiruun isaaniis akkuma warra Oromiyaa keessa jiranii ti; achittis ba’anii galuun sodaachisaa ta’aa jira. Kuun hidhamaa fi dararamaa; kuun ammoo diina fi gargaartuu isaatiin qabamanii akka biyyatti deebi’an godhamaa jiru. Jireenyi isaaniis bakka hundattuu hadhaawaa ta’aa jira.

Warri biyyoota biroo keessa jiran, keessumaayuu warri Awuroopaa, Ameerikaa fi Austraaliyaa,… keessa jiraatan, wanti biraa illee yoo hafe, jireenya nagaa keessa jiru. Ba’anii galuun isaanii sodaachisaa miti; qawwee diinaatiin ukkaamamanii hin jiran. Nagaan ba’anii galu; waan barbaadan godhuu danda’u; mirgi isaanii hin dhiitamu; hiriira illee ba’anii sagalee ofii dhageessisuu danda’au. Walumaagalatti, warra biyya keessa jiran wajjin yoo madaalaman, garaa garummaa guddaatu jira jechuu dha. Wanti wajjin (waliin) qaban garuu akka uummata ykn saba tokkootti gabrummaa Habashaa jala jiraachuu fi bilisummaa waliin barbaaduu dha. Kan waliin qaban inni guddaan ammoo “eenyummaa – Oromoo ta’uu” dha.

Wanta Oromoon hunduu, kan biyya keessa jiranis ta’e, kan biyya alaa jiraatan, waliin qaban fi waliin barbaadan “eenyummaa” fi “bilisummaa” ilaalchisee, gaafiilee tokko tokko kaasuun barbaada. Oromoon hunduu akka eenyummaa isaaniitti, akka Oromoo tokkotti, wal jaalatuu, wal mararfatuu, walii nawuu? QBO ilaalchisee ammoo, qabsoo kana galii dhaan ga’uuf eenyutu eenyu eega? Eenyutu eenyurraa waa eega? Gaafii isa duraatiif deebii barbaaduu dhaaf, dubbii akka makmaaksaa tokkon yaadadha.“Rakkoon walitti nama fida; wal bira nama dhaabbachiisa; akka wal jaalatan, wal mararfatani fi walii na’an nama godha; hunduu rakkoo tokko ykn walfakkaataa waan qabaniifi” jedhama. Uummanni keenya warri biyya keessa jiranis akkuma waayee dubbii ykn makmaaksa kanaa ti. Gabaabumatti, akka uummata tokkootti, akka wajjin (waliin) qawwee faashistii jala jiranitti, akka rakkoolee waliin qabaniitti, akka eenyummaa isaaniitti wal jaalatu, wal mararfatu, waliif nawu jedheen yaada.

Uummata keenya warra biyya alaa jiran, keessumaayuu warra Ameerikaa, Awuroopaa,… jiraatan yoo ilaalle, akka yaada kiyyaatti, wal jaalachuu, wal mararfachuu fi walii nawuu dhiisi, akka eenyummaa ofii, akka Oromoo tokkoottuu waan wal ilaalan natti hin fakkaatu. Yoon akkana jedhu ammoo, Oromoota warra Oromummaatti amananii, wal jaalatan, wal mararfatan fi walii na’an warra biroo wajjin walitti makuu kiyyaa miti. Tokko balleesseef kan biraa yakkamuu hin qabu. Walumaagalatti, wanti ani jechuu barbaade, akkuma jiruu fi jireenyi adda adda ta’e, karaa waayee kanaatiinis (deebii gaafii duraatiif) warri biyya alaa jiran akka warra biyya keessa jiranii natti hin fakkaatu jechuu kooti.

Waayeen kun maaliif akka mamsiisaa natti fakkaatef, fakkeenyota tokko tokko kaasuun ni danda’ama. Hawaasota Oromoo biyya alaa keessatti, rakkooleen gara garaa akka mul’achaa jiran kanuma argamu fi beekamu dha. Kutaa, naannoo fi amantii dhaan wal qoqqooduun; kan kanaan ka’e olola walirratti oofanii waliin mormuun, wal nyaachuun, wal dadhabsiisuun dhugaa ifatti mul’achaa jiru dha. Egaa, waayee kana, kan waa hunda gaafii keessa galchu. Shakkiin kiyyas asumarraa ka’eeti. Hamma rakkooleen akkanaa hawaasa keessa jiranitti; hamma duulli balleessaan akkanaa walirratti godhamaa jirutti; hamma Oromummaan hin gudannetti; hamma waliigalteen hin jirretti; QBO dhiisi dhimmaa salphaa tokkoofuu waliin dhaabbachuun waan hin danda’amnee dha.

Eenyummaa ofii fi dhimma ofii dagachuu; uummata irraa dhalataniif quuqamuu dadhabuu; otuu uummanni ofii rakkoo hamaa keessa jiruu, dhimma dhuunfaatiif dursa kennuu caalaa badaan waan jiru natti hin fakkaatu. Jaalannus jibbinus, dhugaan jiru garuu, kan hawaasa Oromoo biyya alaa keessatti mul’atu, waayee kana dha. Akkuman jalqaba barruu kanaarratti ibse, wanti biraa illee yoo hafe, yaamicha hiriira nagaa, kan Dr. Hailen Oromootaaf dabarsan dhaga’anii, Oromoo meeqatu hiriira irratti argame? Oromoo meeqatu otuu dhaga’anuu hafan? Guyyaa tokko biyya ykn magaalaa tokko ilaaluu dhaafuu bakkee tokkoo ka’anii bakkee biraa deemuu barbaadu ykn danda’u. Sa’aatiin hiriira kanaaf dabru illee waan faayidaa hin qabneefuu baduu danda’a. Maal ta’a uummata ofii kan sagalee hin qabneef, gaaf tokko ba’anii sagalee ofii yoo dhageessisan?

Gaafii lammaffaa kanaa olitti ka’e, qabsoo bilisummaa kana galii dhaan ga’uuf: Eenyutu eenyu eega? Eenyutu eenyurraa waa eega? jedhuuf, kan bilisummaa barbaadu hunduu qabsoo kana cimsuu dhaaf gahee ykn qooda ofii gumaachuu qaba. Karaa danda’ameen, beekumsaan, barumsaan, dandeettii dhaan, humnaan, qabeenyaan gargaarsa godhuu qaba jechuu dha. Haa ta’u malee, qabsoo kana keessa fi alaan cimsuu dhaaf, bakkee hundattuu qabsoo gaggeessuun barbaachisaa ta’us, qabsoo biyya keessatti godhamutu jijjiirama, bu’aa fi injifannoo guddaa agarsiisuu danda’a jedheen amana. Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) illee bara 1991 injifannoo guddaa kana agarsiise, qabsoo biyya keessatti waan cimsee tureefi. Qabsoon biyya alaatti godhamu faayidaa hin qabu jechuu kiyya akka hin taane hubachiisuun barbaada.

Wanti ani qabsoon biyya (Oromiyaa) keessatti ta’uu qaba jedhuuf,tokkoffaa, balaa hamaan kan ga’aa jiru uummata keenya kan biyya keessa jiranirra waan ta’eef, isaanis kana jalaa ba’uu dhaaf qabsoo hadhaawaa godhaa jiru; diinni irratti duulamuu qabus kan jiru achuma biyya keenya keessa dha. Dabballoota fi jala kaattuu biyya alaatii qabaatu illee diinni hidhatee qawwee dhaan uummata keenya ukkaamsaa jiru biyya keessa jira jechuu dha. Lammaffaa, biyya alaa, keessumaayuu Awuroopaa, Ameerikaa, Austraaliyaa,… keessa taa’anii too’annoo fagootiin (remote control) keessumaayuu qabsoo hidhannoo cimsuun baay’ee rakkisaa dha. Sadaffaa, uummanni biyya keessa jiran waliigaltee fi tokkummaa qabaachuu danda’u jedhee waanan yaaduuf, warra biyya alaa jiraatan caalaa isaan gurmeessanii qabsoo kanaaf qopheessuu fi hiriirsuun ni danda’ama jedheen yaada. 

Uummata Oromoo kan biyya alaa jiran, hoggantoota QBO dabalatee, hundumaa yoo ilaalle, QBO kanaafuu ilaalcha adda addaa waan qaban fakkaatu. Kan waliigaltee fi tokkoomuu isaan dhoowwus sababni tokko kana jedheen yaada. Hamma waan waliin qaban tokkorratti waliigalanii, kanas galii dhaan ga’uuf waliin hin qabsoofnetti, waliin mormuun, wal dadhabsiisuun ittuma fufa; kuni ammoo QBO kanatti gufuu ta’a. Akkan ofii kiyyaa yaadutti, uummanni Oromoo biyya keessa jiru baroota dheeraa (waggoota kudha sagal) ABOn dhufee nu bilisoomsa jechaa abdii dhaan waan eegaa turani fi amma garuu abdiin kun waan hir’achaa deeme natti fakkaata. Waanan kana jedheef yeroo biraan itti deebi’a.

Gaafii eenyutu eenyu eega? Eenyutu eenyurraa waa eega? jedhuuf deebii kennuu dhaaf, uummanni keenya kan biyya keessa jiran hidhamaa, dararamaa, ajjeefamaa, wareegama hamma kana hin jedhamne kaffalaa, qabsoo hadhaawaa godhaa jira. Kan inni hawwaa ture fi ammas jiru, qabsaa’onni tokkoomanii, kaayyoo tokkoof “bilisummaa” dhaaf harka walqabatanii, humna cimaa horatanii, uummata keenya bakkee jirutti isa dhaqqabanii, gabrummaa keessaa akka isa baasanii dha. Warri biyya alaa jiran ammoo, yoo bilisummaa barbaadan, uummata keenya kan qabsoo hadhaawaa keessa jiru fi falmataa jiru kana bira dhaabbatanii waan danda’an, karaa danda’aniin tumsa ta’uu dha. Qabsaa’onni fi hoggantoonni ammoo alaala taa’anii qabsoo kana cimsuun keessumaayuu biyya alaa taa’anii qabsoo hidhannoo cimsuun akka hin danda’amne, ana caalaa waan beekanif dhugaa kana hubachuu danda’u jedheen amana. Kanaaf, waliigaltee fi tokkummaa uumanii tarsiimoo qabsoo kanaarratti hojjechuu qabu.

Dhumarratti, akkuma argamu fi hubatamu, qabsoo hidhannootiin, humna cimaa dhaan malee diina faashistii kana filannoo fi karaa biraatiin buqqisanii achi darbuun waan hin danda’amnee dha. Kan filannoo qopheessu, kan humnaan (of)filachiisu, filatamu, injifadhe jedhee labsus diina’uma. Biyya nagaa fi diimookraasiin hin jirre keessatti filannoon dhugaa ni ta’a jedhanii yaaduun of gowwoomsuu dha. Kan dabre irraa baratamuu qaba. Humna malee kan humnaan dhufe wanti biraa deebisuu hin danda’u. Wayyaaneen humnaan biyya keenya qabatte, humnaan malee bakkee dhuftetti hin deebitu. QBO galii dhaan ga’uuf qabsoon hidhannoo yoomiyyuu caalaa barbaachisaa dha. Karaan biraa illee yoo yaalame, qabsoo hidhannoo duubaan cimsuun waabii ta’uu danda’a. Injifannoo argachuu dhaaf kun murteessaa dha. 

Galatoomaa.
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *