Oduu Haaraya

Tokkummaan jaarmayoota fi qabsaa’ota Oromoo akkamitti ijaaramuu danda’a?

 

Abdii Boruutiin

Kutaa shanaffaa –  WTT (Waa  Taa  Taa?)
Quboonni sadeen kun maaliif dhaabbatu? Maal agarsiisu, maal jechuu dha?Waa Taa Taa?– Waa ta’ittaa laata jechuu ta’inaa? W T Tn dhaaba haaraa kan ani ijaaruuf deemu dha. Namni na wajjin ijaaruu barbaadu jiraa? Xinnoo isin taphachiisuufanii hin yaadda’inaa, hin rifatinaa. Otuu dhuguma jaarmayaa haaraa dha isiniin jedhe iyyuu, gara tokkoon jaarmayoota heddoomsuun bu’aa hin fidu jedha, karaa biraatiin garuu dhaaba haaraa ijaaruu barbaada, Abdii Boruu hin maraatee? akka jettan mamiin hin jiru. Lakkii, ani hin maraannes, kanas hin godhu, kan kana godhuu yaadu ykn yaalu duraa nan dhaabbadha, nan mormaani. Yeroon ammaa yeroo jaarmayoota ijaaramanii jiran hundaa walitti fidanii tokkummaa dhaaban malee yeroo jaarmayaa haaraa barbaadnii miti. Quboonni sadeen kun jechoota sadi kan barruu kiyyaa har’aa keessatti kaasuuf deemuuf dhaabbatu. Isaaniis W=Walittibaqinsa, T=Tokkummaa fi T=Tumsa dha. Mee jechoota kanas tokko tokkoon ilaalla.      

Jechi “walittibaqinsa” jedhu jecha haaraa kan bara 2009 dhalate natti fakkaata. Walittibaquun duraan Afaan Oromoo keessatti hin beekamu ykn hin jiru jechuu koo otuu hin taane waayee Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti kan ifatti mul’ate dhiyoo kana jechuu kooti. Onkoloolessa 31 bara 2009 qabsaa’onni, gurmuulee fi jaarmayoonni Oromoo tokko tokko kan walaba ta’anii QBO keessa jiran walitti dhufanii tokkummaa akka utuban ykn ijaaraa akka jiran kan yaadatamu dha. Jechi walittibaqinsa jedhus kan ifatti mul’ate sanuma booda. Akka yaada kiyyaatti (akka naa galetti) waayee tokkummaa ilaalchiseewalittibaqinsi hiikni inni agarsiisu qabsaa’ota, gurmuulee fi jaarmayoota gara garaa walitti fidanii akka jaarmayaa tokkootti, hoggansa tokko jalatti ijaaruu natti fakkaata.  

Jechi “tokkummaa” jedhu akka hamma har’aatti beekamutti, hiika lama agarsiisuu danda’a. Karaa tokkoon walittibaqinsa wajjin wal fakkaata. Kanaaf yeroo tokko tokko walittibaqinsi illee tokkummaa jedhamee dubbatama. Karaa biraatiin ammoo fakkeenyaaf akkuma yaadannu Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (ULFO) yoo ilaalle jechi tokkummaa jedhu asitti walittibaqinsa irra tumsa waan agarsiisu fakkaata. Egaa jechi kun hiikni isaa akkuma itti fayyadamnutti ykn akkuma inni bakkee tokkotti of mul’isuu ti jedheen yaada.

Jechi “tumsa” jedhu Afaan Ingiliziitiin” alliance” kan jedhu yoo ta’u, kuni ammoo jaarmayoonni gara garaa waliin hojjechuu fi wal gargaaruuf yoo walitti dhufanii ijaaramanii dha. Jaarmayoonni tumsa tokko keessa jiran kan walaba ta’an, sagantaalee fi hoggantoota adda addaa qabanii dha. Waliin hojjechuu fi wal gargaaruuf waliigaltee tokko godhatu malee sagantaa fi kaayyoo tokko qabatanii waliin hin ijaaramani. Kaayyoo tokko kan qabaatan illee yoo ta’e kun kaayyoo yeroo (temporary goal) malee kaayyoo galii booddee (end goal) ta’uu hin danda’u. ULFOn garuu kaayyoo galii booddee waan qabuuf tumsa biroo irraa adda ta’a. Kanaaf tumsa caalaa tokkummaa agarsiisa. Kuni ammoo mooraa QBO keessa waan ta’eefi.   

Jechoota sadeen kana walitti fidnee, wal bukkee dhaabnee, firooma (relationship) isaanii yoo illaalle, walittibaqinsi tokkummaa ta’uu ni danda’a. Hiikni inni ifatti baasee mul’isu “tokkoomuu” waan ta’eefi. Tokkummaan garuu akkuman kanaa olitti jedhe lamaanuu – walittibaqinsa fi tumsa  waan agarsiisu fakkaata. Tokkummaan tumsa ta’uu ni danda’a (fakkeenyaaf ULFO ilaalaa), tumsi garuu tokkummaas walittibaqinsas ta’uu hin danda’u.

Walittbaqinsa – tokkummaa – tumsa akka tarree kanaatti yoo ilaalle jechoota jalaa fi baddaa (lower and upper terms) agarsiisanii dha. Akkana jechuun akka guddina fi bal’inaatti walittibaqinsa tu dura dhufa, itti aanee tokkummaa, achumaan tumsa jechuu kooti. Walittibaqinsa → tokkummaa → tumsa. Kunkaraa sadi agarsiisa. Yoo walittibaqinsi fi tokkummaan akka tokkotti fudhatame ykn ilaalame walittbaqinsa/tokkummaa, achumaan tumsa jechuu dha.Walittibaqinsa/tokkummaa → tumsa. Kuni ammoo karaa lama agarsiisa.  

Mee gara qabiyyee isaaniitti deebi’uu dhaan: Kamtu QBO keessatti barbaachisaa dha? Gabaabumatti sadeenuu barbaachisaa dha. Erga sadeenuu barbaachisaa dha jennee fudhannee ykn itti amannee gaafiileen itti aanan ammoo Kamtu dura ta’uu qaba? Akkamitti ijaaramee, hojii irraa oolee galii barbaadamuun nama ga’a? kan jedhanii dha. 

Kan dura ta’uu qabu walittibaqinsa ykn/fi tokkummaa dha. Haa ta’u malee karaa kam deemuu wayya? Karaa sadiWalittibaqinsa →Tokkummaa → Tumsamoo karaa lamaWalittibaqinsa/Tokkummaa → Tumsa deemuu wayya? Ani kanan yaadu karaa lama deemuunis ni danda’ama garuu karaa sadeen deemuu wayyan jedha. Maaliif? Gaafii kanaaf deebii kennuu dhaaf ABO haa fudhannu. Otuu danda’ame kan ta’uu qabu dura ABO murna/garee sadeen walittibaqsuu (walitti deebisanii tokkoomsuu) dha. Yoo kuni milkaawe ABOn ni cima, tokkummaa itti aanee dhufuuf hundee cimaa tu ijaarama jechuu dha. Kanatti aanee kan dhufuu qabu qabsaa’ota, gurmuulee fi jaarmayoota biroo ABO wajjin(waliin) walittibaqsuu ykn tokkoomsuu dha.  Hubadhaa, akkamitti hundee cimaa irratti ijaaramee tokkummaan babal’achaa fi cimaa akka deemu!

Akka hawwii otuu ta’ee sadarkaa kana irratti gaa kan jaarmayoonni siyaasaa Oromoo – kan walaba ta’anii bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiif qabsaa’an – hunduu walitti dhufanii kan tokkooman ykn tokkummaa cimaa tokko kan dhaaban.

Yoo sadarkaan kun milkaawe fi xumurame booda gaafiin tumsaa ka’uu danda’a. Sadarkaan kun otuu hin xumuramin, otuu jaarmayoonni Oromoo (kan walaba ta’anii bilisummaa fi walabummaa dhaaf qabsaa’an) hunduu hin tokkoomin tumsa biraa barbaaduun waan galii hawwameen nama gahu natti hin fakkaatu. Fakkeenyaaf, mee sadarkaa jedhame kana xumurre, innis nuu milkaawe haa jennu. Amma gaafii tumsaa yoo kaafnnu, gaafiin ka’uu qabu: Eenyu wajjin tumsa dhaabnna ykn dhaabuu dandeenya? Kan jedhu dha.  Gaafii kanaaf deebii kennuu dhaaf dura waan tokko tokko haa yaadannu. 

Karaa tokkoon akkuma hundi keenyaa beeknu yeroo ammaa jarmayoonni siyaasaa Oromoo baay’ee tu jiru. Isaan kanas, kan OPDO irraa hafan, garee lamatti hirree ilaaluu ni dandeenya. 

Garee 1ffaa: Jaarmayoota walaba ta’anii bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiif qabsaa’an  kan akka ABO garee sadeen, FIDO, GABUO, AWO, UOPLF

Garee 2ffaa: Dhaabilee Oromoo kan Oromiyaa keessa jiran, kan gaafii mirga Oromoo kaasan garuu Ethiopia keessa akka federaalaatti jiraachuu barbaadan fakkeenyaaf OFC (OPC fi OFDM)

Gareen kun lamaan kan waliin qaban gaafii bilisummaa uummata Oromoo ti.

Karaa biraatiin ammoo jaarmayoota uummata ykn saba biroo kan bilisummaa uummata

isaanii fi (walabummaa biyya isaaniitiif?) qabsaa’an kan akka ONLF, SLF fi kkf.  Kan isaan

kana waliin qabnu ammoo diina tokkoon loluu fi bilisummaa uummata keenyaa barbaaduu 

dha.

Egaa akkuman kanaa olitti kaase sadarkaan tokkummaa yoo xumurame booda eenyu wajjin (waliin) tumsa dhaabnna (dhaabuu dandeenya) kan jedhuuffilannoo (options) sadi tu jiru. Tokko dura mooraa QBO cimsina yoo jenne jaarmayoota (dhaabilee) Oromoo biyya keessa jiran waliin (wajjin) tumsa ijaaruu dha. Garee 1ffaa fi garee 2ffaa waliin tumsuu jechuu dha. Kuni filannoo tokkoffaa (first option) dha. Yoo kuni illee (kaayyoon adda addaa jiraachuu waan maluuf) rakkisaa kan ta’u ta’e, jaarmayoota saba biroo wajjin (waliin) tumsa ijaaruu dha. Kuni filannoo lammaffaa (second option) dha. Kan biraa ammoo yoo danda’ame dura mooraa QBO, sana booda jaarmayoota saba biroo waliin tumsa godhuu dha. Kuni filannoo sadaffaa (third option) dha. Gabaabsuu dhaaf:

  • Filannoo tokkoffaa:  Oromoo Garee 1ffaa → Oromoo garee 2ffaa
  • Filannoo lammaffaa: Oromoo Garee 1ffaa → Saba biroo
  • Filannoo sadaffaa:  Oromoo Garee 1ffaa → Oromoo garee 2ffaa→  Saba biroo

 

Yoo dadhabamee malli biraa dhabame, yoo diina keenya dafnnee ofirraa buqqifnna jenne, (yoo kan danda’amu ta’e jechuu kooti) filannoo afraffaan(fourth option) humnoota deemookraasii fi mirga uummatootaaf dhaabbatan, kan sagantaa amansiisaa qaban jennee itti amannu fi kan gaafii bilisummaa uummata keenya hin faallessine wajjin (waliin) tumsa godhuun ni danda’ama ta’a. Kuni filannoon biraa dhabamee, diinni ammoo nurratti cimaa yoo dhufe kan barbaadnu ta’uu qaba jechuu dha. Ani akka hawwii kiyyaatti filannoo afraffaan otuu barbaachisaa ta’uu baatee ittan jira. Waayee kana gara fuulduraa itti deebi’ee bal’inaan ilaaluun yaala.

Otuu akka bal’ina uummata keenyaa, akka qabeenya fi baay’ina keenyaa ta’e, otuu waliigalteen jiraatee mooraa QBO keessatti tokkummaa cimaa qabaannee, achumaanis humna cimaa horachuu dandeenyee ormatu tumsa nurraa eega malee nuyi ormarraa tumsa takka illee hin barbaadnu turre.

Egaa filannoon ta’uu danda’an jedhee asitti dhiyeesse kun sadarkaa gaafii tumsaa irra yoo geenye dha. Otuu achi hin ga’in dura hunda caalaabarbaachisaa fi murteessaan tokkummaa qabsaa’otaa, gurmuulee fi jaarmayootaa cimaa tokko ijaaruu dha. Ammas irran deebi’a isa kanaaf ammoo hundee cimaa ta’uu kan danda’u walittibaqinsa (walitt deebi’anii tokkoomuu) ABO garee sadeenii ti. Jaalannus jibbinus, ulfaataas ta’u, danda’amus danda’amuu baatus kuni dhugaa fi filannoo bira dabruu hin dandeenye dha jedheen amana. 

Akka yaada, ilaalcha fi hubannoo kiyyaatti yaaliin amma godhamaa jiru, kan Onkoloolessa 31 bara 2009 utubame kun jalqaba gaarii fi karaa sirrii natti fakkaata. Rakkoo guddaan as jiru ykn jiraachuu danda’u garuu ABO walittibaqsuun waan ulfaataa ta’uuf tokkummaan ani hawwu (kan Oromoo hundi illee hawwan) waan dafee milkaawu natti hin fakkaatu. Yeroo dheeraa fudhachuu danda’a jechuu kooti. Waayee kana yeroo biraa ittan deebi’a.

Akkuma kan dabre irraa muuxannoo argachuu dandeenyu fi dhugaan jiru illee ragaa ta’uu danda’u, otuu ABOn hin tokkoomin, otuu tokkummaan qabsaa’otaa, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo hunduu hin ijaaramin, mooraa QBO dhiifnnee tumsa biraa yoo barbaadne kun milkaawuu akka hin dandeenye dha. Kanaaf ammoo fakkeenyaaf tumsa bilisummaa fi deemokraasii Afaan Ingiliziitiin AFD jedhamu kan bara 2006 ijaarame yoo ilaalle otuu ABOn hin tokkoomin, otuu tokkummaa cimaan mooraa QBO keessatti hin ijaaramin, ABO garee tokkoon qofaa waan ijaarameef, sirumaa akka Oromoon wal irratti duulan taasise malee bu’aan inni uummata Oromoof agarsiise hin jiru.

Akkuman kanaa olitti jedhe otuu hunda dura tokkummaan qabsaa’otaa, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo hundaa tu ijaaramee (sadarkaan duraa milkii dhaan xumuramee) jiraate, sana booda ammoo waliigaltee tokkoon tumsi AFD kun dhaabbatee jiraate, xinnaatu illee jijjiirama tokko fiduu ni danda’a ture jedheen amana. Kanaaf tumsa dura tokkummaa dhugaa cimaa ijaaruun barbaachisaa dha jedhe. ULFOs yoo ilaalle kan ijaarame waggoota kudhan dura bara 2000 ture. Haa ta’u malee humnni jalqaba irratti abdatame sun homaa bu’aa tokko otuu hin fidini, otuu jijjiirama tokko hin agarsiisin as gaye. Kanaaf sababnni tokko ammoo ABO garee lamatti achumaanis saditti hiramuu fi dadhabuu dha.

Dhumarratti otuun barruu kiyya kan har’aa hin xumurin dura waan tokko beeksisuun barbaada. mata duree “Tokkummaan jaarmayoota fi qabsaa’ota Oromoo akkamitti ijaaramuu danda’a?” jedhu jalatti kutaalee gara garaa mata duree adda addaatiin barreessuun kiyya ni yaadatama. Barruun kun kutaa shanaffaa fi isa dhumaa ti. Kana booda ammoo mata duree Walittibaqinsa, Tokkummaa fi Tumsa jedhu jalatti waayee W T T (Waa Taa Taa) barruulee gara garaatiin dhiyeessuun yaala. Akkuman jalqaba barruu kanaa irratti waa ta’ittaa laata? jedhe, Waa Taa Taa? mee waan inni ta’u ilaalla na wajjin hordofaa. Galatoomaa.

Amma walitti deebinutti, barri haarayaan 2010 kan nagaa, fayyaa, gammachuu fi kan tokkummaan ilmaan Orommoo illee itti cimu akka nuuf ta’u hawwii koo isiniif dabarsuun barbaada. Nagaan turaa.
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *