Oduu Haaraya

Walittibaqinsa, Tokkummaa,Tumsa (Waa Taa Taa) Kutaa duraa

Abdii Boruutiin

Kutaa duraa: Qormaata guddaa bara haarayaa 
Hunda dura baga bara haarayaa 2010 geessan. Barri haarayaan kan nagaa, fayyaa fi gammachuu isiniif haa ta’u. Mata duree “Tokkummaan jaarmayoota fi qabsaa’ota Oromoo akkamitti ijaaramuu dandaa?”jedhu jalatti isa kutaa duraa”Gaafii guddaa yeroo ammaa” jedhee jalqabuun kiyya ni yaadatama. Gaafii guddaan kun deebii guddaa barbaada. Deebiin kun ammoo salphaa hin ta’u. Isa kana argachuu dhaaf qormaata guddaa keessa dabruun waan hin oolle dha. Innis bara haarayaa wajjin jalqabee jira. Kanaaf qormaata guddaa bara haarayaa jedhee barruu har’aa jalqabe.

Akkuman barruu kiyya kan kana duraa keessatti kaase walittibaqinsi, tokkummaa fi tumsi sadeenuu Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti barbaachisaa dha. Yoo ijaaramani fi hojii irra oolan garuu sadeen isaaniitu sadarkaa ofii eeggatanii wal duraa duuba ta’uu qabu. Inni duraa tokko otuu hin ijaaramin fi hojii irra hin oolin kan biraa (kan isa boodaa) dursee ta’uu hin danda’u. Yoo kan godhamu illee ta’e galii hawwamuun kan namaan ga’u natti hin fakkaatu. Kanaaf karaa sadi: Walittibaqinsa ®  Tokkummaa  ®  Tumsadeemuun barbaachisaa dha jedhe. Karaa sadeen kana deemuu dhaaf ammoo hojii sadarkaa sadii nu barbaachisa jechuu dha.

Sadarkaa tokkoffaan (kan duraa) ABO walittibaqsuu (deebisanii tokkoomsuu) fi/ykn cimsuu dha. Kuni akkamitti ta’uu akka danda’u gara booddeen itti deebi’a. Sadarkaa lammaffaan ABO cime wajjin (waliin) qabsaa’ota, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo (kan walaba ta’anii bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiif qabsaa’an) hundaa walitti fidanii tokkoomsuu dha. Yoo kuni milkaawe fi xumurame booda sadarkaa itti aanutti dabarra. Kuni ammoo sadarkaa sadaffaa gaafii tumsaa ti jechuu dha. Barruun kiyya kan har’aa kan xiyyeeffatu sadarkaa tokkoffaa (duraa) irratti.  

Manni gamoon (building) tokko yoo ijaaramu dura bakkee hundeen (fundament) isaa itti ijaaramutu qoratama. Bakkeen kun tolaa dha moo tolaa miti? jedhamee, rakkooleen adda addaa kan umrii mana ijaaramuuf deemuu kanaa gabaabsuu danda’an maal akka ta’an dura sirriitti qoratamu jechuu dha. Yoo kuni qoratamee dhume fi rakkoon jiraachuu akka hin dandeenye mirkaanawe booda waayeen bifa fi cimina hundee mana kanaa ka’a. Kuni maaliif barbaachisaa ta’a? Manas ta’ee waanumti ijaaramu hunduu (any building structures) hundee (fundament or/and foundation) gaarii fi cimaa irratti yoo hin ijaaramin wanti ijaaramu sun umrii dheeraa qabaachuu hin danda’u; dafee jiguu ykn diigamuu danda’a jechuu dha.

QBO keessatii waayeen tokkummaas kanuma. Tokkummaan hundee gaarii fi cimaa irratti hin ijaaramnne umrii dheeraa qabaachuu hin danda’u. Sadarkaa itti aanutti (tumsatti) dabarra yoo jenne illee otuu ofii keenyaaf tokkummaa cimaa hunda hammataa tokko hin qabaatin jaarmayoota biroo wajjin tumsa yoo dhaabnne warra tumsa waliin dhaabnnu sanatti ba’aa ta’uu dha malee wal cimsinee, wal gargaarree, humna jabeessinee galii hawwamee ga’uu hin dandeenyu. Kanaaf hunduu sadarkaa ofii eeggatanii dhufuu (ta’uu) qabu jedhe.

Egaa sadarkaa duraatti deebi’uu dhaaf: gaafiin asitti ka’u: Akkamitti ABO tokkoomsuu (walittibaqsuu) dandeenya ykn/fi akkamitti cimsina? kan jedhu dha. Otuu gaafii kanaaf deebii hin barbaadin dura mee waan tokko (dhugaa tokko) haa yaadannu, haa hubannus.

Dhugaa dubbachuu dhaaf ABOn abdii uummata Oromoo ABO har’aa otuu hin taane isa kan bara 1992 duraa ti yoon jedhe waanan dogoggore natti hin fakkaatu. Kanaaf illee dhiifama naaf godhaa. QBO keessatti bu’oolee gurguddoo kan fides isuma kan bara sana duraa ti. 

Oromiyaan akka addunyaa irratti beekamtu kan godhe, mataa ol qabannee Afaan keenyaan dubbachuuf sana bira illee dabarree ittiin barreessuu akka dandeenyu kan nu taasise; har’a uummata Oromootiif homaas godhuu baatu mootummaan naannoo Oromiyaa illee akka ijaaramu kan taasise fi bu’oolee gurguddoo kana fakkaatan kan fide ABO isa bara 1992 duraa ti. Sana booda hoo? 

Erga ABOn mootummaa ce’umsaa Ethiopia keessaa baye hamma har’aatti QBO keessatti bu’aan takka illee ifatti hin mul’anne. Kan argine fi arginu yoo jiraate gara gara faca’uu, jaarmayoota heeddoomsuu, ABO bakka saditti hiruu, wal arrbasuu fi wal abaaruu, diina dhiisanii walrratti duuluu, humna wal dadhabsiisuu sabab kanaan QBO qancarsuu fi dinni ammoo yoomiyyuu caalaa akka cimu godhuu dha. Kan kana irraa hafe bu’aan uummata Oromootiif argame hin jiru. Hoomtuu hin hojjetamnne, tattaafiin hin godhamne jechuu otuu hintaane bu’aan argamee ifatti baye takka illee hin jiru jechuu kooti. ABOn har’aa qeerensa waraqatarraa ta’ee jira. Amannus amanuu baannus uummanni Oromoo ABO har’aa irraa abdii waan kutate fakkaata. Waanan kana jedheef yeroo biraan itti deebi’a. Waggoota kudha saddeet (umrii dargaggeessa cimaa tokkoo) keessatti jijjiiramni fi bu’an tokko illee argamuu dadhabuun baay’ee gaddisiisaa dha. 

Jaarmayaa bilisa baasaan tokko sagalee uummata isaa yoo hin dhaga’in, uummanni inni dhaabbatuuf hidhamaa, dararamaa, ajjeefamaa, biyya abbaa isaa keessaa ari’amaa, dubartoonni humnaa fi gargaarsa hin qabne diinaan gudeedamaa imimmaan isaanii gadinaqaa yoo jiran kan hin dhaqabne, kan bira hin geenye, kan rorroo kana irraa hin ittifne maquma uummata kanaa qabatee taa’uu fi yeroo fi umrii fixuun hiikni isaa maali? Kana gaa gaddisiisaa dha kanan jedheef. Kan dabre silaa dabree, bishaan gadinaqame (dhangala’e) haruun waan hin danda’amneef mee ammumaa of duuba garagallee waa hunda haa hubannu, kan dabre irraa barachuu haa yaallu.    

Akkuma dhiyoo kana meediaalee gara garaa irratti argine fi dhageenye (kanaaf yoon ragaas qabaachuu baadhe) bilisa baasaan saba Ogaadee ONLF loltoota wayyaanee irratti injifannoo argateen magaalota torba qabe jedhee akka labse kan yaadatamuu dha. Kuni dhugaa ta’uu fi ta’uu baachuu waanan beeku hin jiru. Haa ta’u malee sochii akkanaa agarsiisuunuu uummata isaaniitiif hamilee guddaa dha jedheen yaada. Yoo yaammannu kan nu dhaga’u, kan waabii nuuf ta’u jira jechuunuu waan guddaa dha jechuu kooti. 

Jaarmayoonni bilisa baasaan keenya hoo maal godhaa jiru? Maal hojjetu? Yeroo bilisa baasaan saba Ogaadee magaalota torba qabanne jedhan, keenya ammoo walgayii torba godhatu, ibsa torba baasu, raadiyoonii gara garaa irratti barruulee torba dubbisu, gaafii fi deebii hojii irra hin oollee torba godhu, jechoota torbaan wal arrabsu, wal abaaru, PALTALK torba irratti wal nyaatu. Lakkaawamee hin dhumu. Bu’aan uummata Oromoof argame garuu duwwaa dha. Oromoo, kan keenyaa ajaa’iba, lakkaawamee kan dhumus miti. Ormuu nutti koflle, nu tuffate. Ani waanan jedhu hin beeku.

Mee kan ta’es ta’ee gaafii kanaa olitti kaase ittan deebi’a. Barruulee kiyya kan gara garaa keessatti hawwii guddaa koo jechuun ABO garee sadeen walitti deebisanii tokkoomsuu otuu hin kaasin bira dabree hin beeku. Akkuma sirbaa weellisaan ture. Amma garuu yoon gadifageenyaan itti yaadu hawwiin kun waan milkaawu natti hin fakkaanne. Kan ta’es ta’u ABO cimsuu fi sadarkaa tokkoffaa jedhame xumuruu dhaaf filannoo saditu jiru. Filannoo sadaffaa jedhee kanan yaadu yoo filannoo tokkoffaa fi lammaffaan hin milkoofnne kan ta’uu qabu waan ta’eef har’a asitti hin kaasu, yeroo biraan itti deebi’a. Filannoo tokkoffaan, ammas sanumattan deebi’a, ABO garee/murna sadeen walitti deebisanii tokkoomsuu (walittibaqsuu) dha. Akka haala amma jiruutti kun ulfaataa dha jedhamuu danda’a ta’a. Akka ilaalcha kiyyaatti garuu yoo nuyi ulfaataa goon malee ulfaataa fi waan hin danda’amnne ta’uun irra hin jiru. 

Kanaaf, ABO garee sadeenuu: fe’ii fi dhimma keessan yoo dura aansitan malee, yoo uummata Oromootiif dhaabbanna jettan, yoo kaayyoo dhugaatiif qabsoofttan, kaayyoon kuni ammoo kan hunda keessanii yoo ta’e fi kanatti amantan, wanti waliigaltee isin dhoowwu waan jiru natti hin fakkaatu. Dhibdeeleen isin jidduu jiran cimoota yoo ta’an illee furmaata argachuu tu qormaata guddaa ta’a malee addunyaa kana irratti rakkoon malaa fi furmaata hin arganne hin jiru. Yoo maqaa’uma kana qabanneetuma teenyee yeroo fi umrii fixna jettan malee, kaayyoo dhugaa fi galii booddee kan waliin barbaaddan yoo qabaattan, tokkoomtanii qabsoo dhugaa waliin finiinsuun haalduree tokko illee hin qabu. Kanaaf walitti deeb’aa tokkoomaa, tokkummaa itti aanee dhufuuf hundee cimaa ta’aa, ABO tu hangafaa jaarmayoonni quxusuun isin laalanii tokkummaa dhugaa isin wajjin (waliin) akka ijaaran, fakkeenya gaarii ta’aa, nu gaye jedhaa uummata dhaabbanneef jettan kana ilaalaa, rakkoolee isaa hubadhaa. Egaa qormaanni guddaan qabdan tokko kana. 

Filannoo lammaffaa jedhee kanan yaadu dhibdeelee isin jidduu jiraniif furmaata dhabdanii, waliigaltee godhuu yoo dadhabdan kan ta’uu qabuu dha. Yoo waliigalteen dhabame, yoo ABO garee saden tokkoomsuun (walittibaqsuun) dadhabame, gareen tokko cimee, QBOf kan yaade, kan karoorfate, tooftaa fi tarsiimoo gaarii dha jedhee itti amane sana qabatee uummata Oromoo amansiisee, amansiisuu qofaa otuu hin ta’in hojiirra oolchee agarsiisee, jijjiirama tokko fidee, xinnaatu illee bu’aa tokko mul’isee, akka uummanni Oromoo isa duuba hiriiru godhuu dha. Gabaabumatti waldorgommii godhee waan dubbatame dafee hojii dhaan agarsiisee, bu’aa fidee garee tokko caalee argamuu dha.

Asirratti wanti hubatamuu qabu yaadni kiyya kun akka walirratti duultan ykn akkuma amma jirtanitti gara garatti akka haftan kan godhu akka hin taane dha. Kaayyoo fi qabiyyeen yaada kiyyaa filannoo tokkoffaan kanaa olitti kenne yoo hin milkoofnne filannoon biraa waan natti hin mul’aneef, waldorgommiin qabsoo finiinsu fi uummata keenyaaf bu’aa fidu akka godhamuufi. Waldorgommii kana keessatti ammoo gareen hunduu hojii caalaa, kan yeroo gabaabaa keessatti bu’aa uummata Oromoof fidu dalaganii argamuu dha malee akka amma ammaatti godhamaa ture fi jiru kanatti wal irratti duuluu fi karaa walii cufuun hiika hin qabu, jijjiirama fi bu’aas hin fidu. Duulli balleessaan akkanaa dhaabbachuu qaba. Waldorgommiin kun jijjirama fi qabsoo kana keessatti bu’aa ifatti mul’atu kan fidu ta’uu qaba jechuu dha.

Gareen tokko akkanatti cimee, hojiin inni dalagu amansiisaa ta’ee mul’ate fi bu’aan argamaa yoo deeme uummanni Oromoo hunduu garee cimaa kana duuba hiriira. Yeroo kana ammoo gareen dadhabe kan bu’aa tokko illee hin agarsiifnne kufaa deema. Egaa qormaanni guddaa lammaffaan kana dha. Filannoon biraa hin jiru. Taa’anii yeroo fixuun dhaabbachuu qaba. Uummanni Oromoos amma nu gaye jechuu qaba, jechuu qabnna. Jechoota biraatiin ibsuu dhaaf: “Yookaan qabsoo finiinsuu yoo dadhaban keessaa of baasuu ykn irraa of kaasuudha. Waayee kana gadifageenyaan hubachuu dhaan kaleessa eessa fi akkam turre, maal goone; har’a eessa fi maal godha jirra; gara fuulduraa hoo maal goona, maal taana, maal barbaadnna, maaltu nurraa barbaadama, eegama fi kkf of gaafachuun barbaachisaa dha. Uummanni Oromoo of ifatee jira. Waggoonni kudha saddeet kan bu’aa malee dabran xumuramuu fi barri haarayaan jalqabe bu’aa tokko agarsiisuu qaba. Egaa walumaagalatti qormaanni guddaan bara haarayaa kan beekumsi, muuxannoo fi dandeettiin keessan itti madaalamu jalqabee jira.

Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti kana booda carraa baay’een waan hafe natti hin fakkaatu. Carraan amma jiru: yeroo ammaa yeroo gaafiin tokkummaa bakka hundatti ka’aa jirutti; tokkummaa dhaan malee QBO cimuu akka hin dandenye ifatti bayee mul’atetti; tokkoomanii harka walqabatanii irree tokkoon diina ofirraa buqqisanii galii booddee ga’uu danda’an malee kophaa kophaa qabsaa’anii injifachuun akka hin danda’amnne hubatametti, godhamuu kan qabu tokkummaa dhugaa fi cimaa hunda hammataa tokko ijaaruu dha. 

Kanaaf ammoo filannoo kamiinuu haa danda’amu (otuu filannoo tokkoffaa ta’e gaarii dha) dura ABO cimsuu dha. Kun akkuma kanaa olitti ibsame sadarkaa duraa ti. Sadarkaan kanatti aanu (sadarkaa lammaffan) qabsaa’ota, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo (kan walaba ta’anii bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiif qabsaa’an) hundaa walitti fidanii tokkummaa dhugaa cimaa tokko ijaaruu dha. Waayee kana barruu kiyyaa kutaa itti aanaa (kutaa lammaffaa) keessatti itti deebi’a. Ammasitti nagaatti.

Abdii Boruuaboruu@gmail.com

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …