Oduu Haaraya

Waggaa Haaraa Ilaalchisuun Dhaamsa ABO

Amajjii 2014

Miseensota ABO QBO keessatti qooda lammummaa gumaachaa jirtan;
Waraana Bilisummaa Oromoo tarree duraa hiriiruun wareega ulfaataa baasaa jirtu;
Dargaggootaa Oromoo, sirnaa fi diina farra Oromoo irratti finciluun mirga ummata keessaniinffi falmaa jirtan;
Ummata Oromoo, sirna gabrummaa umurii gabaabsuuf qbsoo haqaa gochaa jirtu;

Akkasumas firoottan QBO

Baga waggaa haaraa geessan jechaa, waggaan haaraa 2014 bara ummatni Oromoo bittaa abbaa irrummaa irra aanee bilisummaa isaa fi walabummaa biyyaa itti gonfatu akka tahuuf ABOn hawwaaf. Barri haaraa bara diinni ummatoota cunqurfamoo irratti roorrisaa jiru itti jilbeenfachiisamu, hawwii fi fedhiin ummatootaa itti guutamu akka tahuuf hawwii isaa dabarsa.

ABO ShG fi ABO-QC deebinee kaayyoo tokko, heera tokko, sagantaa siyaasaa tokko, caasaa tokko, hooggana tokko, waraana tokko, tarsiimoo qabsoo tokko, tooftaa tokko, imaammata fi qajeelfama tokko jalatti ABO tokkoomsuuf waligaltee irra geenye Saadaasaa 20, 2012 labsuun keenya waan yadatamu dha. Erga sun tahe kunoo waggaa guuteera.Yeroo kana keessatti deggersaa fi obsi miseensotaa fi ummata keenya irraa argame kan dinqisiifatamuu dha. Hawwii fi fedhiin keenya utuu hin hir’atin, waliigaltee fi tokkummichi akka milkaawuuf tarkaanfiileen fudhataa jirru hanga herregne caalaa yeroo nu gaafatee dhibaawuu mudanneerra. Haa tahu malee gara xumuraatti dhihaachaa waan jirruuf odeessa hawwamu waldhageessisuuf jiraanna. Akeekni tokkoomuu humnoota qabsoo bilisummaa Oromoo itti fufee akka fiixa bahuuf ciminaan kan hojjennu tahuu ibsa waliinii (joint statement) kanaan abbootii fi firoottan qabsoo keenyaa maraaf addeessina.

Waggaan keessa turame dhumatee waggaa haaraatti wayta seenamu kan keessa dabran of duubatti mil’atuun akka matayyaa fi walootti kan raawwatame ilaaluun aadaa waan taheef, bara 2013 haala dhaabni keessa ture, haala ummataa fi kan diinaa ilaallatuun karaa taha. Kan dabre irra deebi’anii ilaaliinii, xiinxaluu fi gamaaggamuun jabina ofii tikfataa fi jabeeffataa laafina mul’ate irratti hojjatuuadhan irra aanuuf gargaara.

Cabiinsi ummata Oromoo jaarraa 19ffaa keessa mudate ummata Oromoo bilisummaa fi walabummaa qofa osoo hin taane, diinotaan namaan gadiitti akka ilaalamu isa taasise. Bittootni bilisummaa isaa irraa mulqan, biyya isaa humna qawween irraa booji’anii walabummaa dhabsiisan, bara baraan bittaa isaanii jalaa akka hin baaneef hammeenyaa fi shirri raawwataa har’a gahan bifa danuu kan qabu tahuu yaadatuu feesisa. Suduudaan humnaan dura dhaabbatuu, keessa qubatuun to’atuu, duula qor-qalbii bal’inaan adeemsisuu, isa qoqqooduun walii isaa dura akka dhaabbatu gochuu fi kkf tooftaalee sirna gabrummaa diriirfatan ummata Oromoo irra bubbulchuuf dhimma itti bahaa turanii fi jiran keessaa hanga tokko.

Ummatni Oromoo hanga gabrummaa jala ture kana keessa mootummootaa fi sirnoota gara garaa argullee hundinuu jijjiirraa maqaa yoo tahe malee kaayyoo fi akeekaan tokko tahuu gochaa isaanii irraa hubata. Kana irraas yeroon inni itti mootummoota Itophiyaan mootummaa kiyya jedhee fudhatee fi itti amanee jalatti bule hin turre. Empaayerri humnaan ijaaramtes humnaan jiraachifamte. Nagaa fi tasgabbii kan hin qabne, shakkii fi kan sodaan jirraatte dha. Nagaa fi tasgabbiin dhabamuun ammoo biyyattiin akka hin guddanneef gaadi’ee hiriira biyyoota addunyaa keessaa isa maayyii keessatti hiriirsee jaarraa 21 kana keessatti illee biyya beela, dhukkubaa fi bodatti hafummaan beekamtu taasise. Lammiin empaayera kanaas bakka dhaqe hundatti namota hagoo irraa kan hafe mataa ol qabatee akka hin jiraanne eenyummaa fi empaayera biyya kiyya jedhu waamuuf illee akka qaanfatu tahe dha.

Mootummaan abbaa irree fi loogummaa sanyii geggeessuun dorgomaa hin qabne Wayyaanee/IHADG ammoo mootummoota empaayerittii bitanii dabrani hunda caalaatti egeree hundaa kan gaaffii jala galche, ummatoota bor waliin ollummaan jiraachuu hanga hin dandeenyeetti wal irraa fageessaa jiru tahuu gochaa isaan olitti ragaa biraa itti barbaaduu hin feesisu. Har’a biyya ykn naannoo bittootni irraa maddaniin alatti bakkootni biroo bakkoota saaminsaa, cunqursaa fi ummatootni itti hiraarfaman tahuu kan empaayera Wayyaaneen bitaa jiru qalbifatee ilaale hundi hubatuu danda’a. Ummatni keenya Baha Oromiyaa lafa isaa irraa ari’amee alagaaf kan kenname bara dhumate kana keessa tahuu ABOn oggaa yaadatu, kanneen biyya isaanii irratti abbummaan isaanii haalamee buqqaafaman hunda gadi itti dhaga’amu ol aanaa tahuu hubachiisaa rakkoo diinni uume kana qolatuuf kan isaaf danda’ame hunda raawwatuu irraa kan boodatti hin deebine tahuu mirkaneessuu barbaada. Kana keessattis ummatni Ormoo marti qooda irraa eegamu akka gumaachu hiree kanaan dhaamsa isaa dabarsa. Bakkootni ummatootni qee’ee isaanii irraa humnaan buqqifamanii ari’amuun lafa dhablee taasifaman,bakkootni jiruu dhablummaan itti babal’atee hojjatanii jiraatuun rakkina ol aanaa tahee keessatti dagaagaa jiru, bakkootni baratanii hojii gadootti bobbaafaman biyyaa fi naannoolee ummattoota cunqurfamoo addatti ammoo Oromiyaa fi ummata Oromoo tahuu kan hin haalamne haqa qabatamaa fi dirreetti mul’ataa jiru dha. Sirni Wayyaaneen diriirfamee fi kaayyoon Wayyaanotaa ummata Oromoo akka diinaatti kan ilaaluu fi fudhatu tahuu irraa har’a Oromiyaa keessatti kan duroomaa fi badhaadhaa jiran alagoota Oromoo akka diinaatti fudhatan, akkasumas kanneen ummata isaanii irraa adda bahanii hambaan quufanii jiraatuu filatan qofa. Kana irraa Oromiyaan kan Oromootaa tahuun hafee kan alagootaa taatee jirti jechuun ni danda’ama. Haala gadadoo fi dhiphuu kana jijjiiruuf qabsoon bilisummaaf adeemsifamu dachaan guddatuun fardii tahuu beeksisaa, ABO ummatni keenya waggaa haaraa kana keessa qabsoo isaa caalaatti akka finiinsu dhaamaaf.

Jiruu dhablummaa, qaala’insa jireenyaa fi wabii jireenyaa dhabanii obboleeyyan keenya biyya ollootaatti jiruu barbaada godaanan salphinaa fi haala namoomaan alaatiin oggaa biyyatti darbataman, mootummaan Wayyaanee loogummaa sanyii irratti hundaa’uun aantii isaaf qabiinsa gaarii fi akka gadi of dhaabaniif tajaajilaa fi gargaarsa barbaachisu gochaa kanneen hafan gaddaan alatti harka qullaa ganda isaaniitti akka deebi’an taasisuu irra dabree farreen keessa jiraachuu malu kan jedhuun bakka gahaniitti akka hordofaman ajajuun gochaa diinummaa fi namoomaan alaa waggaa dhumate kana keessa raawwatame yoomiyyuu mootummaan Wayyaannee Oromoo dararuu irraa kan hin dhaabbanne tahuu mirkaneesse dha. Waan taheef ummatootni cunqurfamoo walii gala addatti ammoo lammiileen Oromoo qaanii fi salphina akkanaa keessaa kan baasu biyyoota alagaa keessatti baqattummaan xiqqeeffamuu fi salphifamuu osoo hin taane madda rakkoo kanaa kutuu waan taheef furmaata maayyii argamsiisuuf ha qabsoofnu jenna.

Mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo walii gala diina godhatee saaminsaa fi cunqursaa adeemsisaa jiru addatti dargaggo Oromoo irratti xiyyeeffatuun tarkaanfiin hammeenyaa fi diinummaa fudhataa jiru diinummaan Wayyaanee kan hundee tahuu mirkaneessuutti dabalee kan dhaloota itti aanutti akeekkate tahuu hubachiisa. Barattoota tattaafata hedduun barnoota ol aanaa dhaqqaban barnoota keessaa ari’uun, jumulaan hidhanii barnoota irraa gufachiisuun, barattoota qaroo fi sabboonoo tahe jedhanii ajjeesuun tarkaanfiilee ummata Oromoo hiyyumma keessatti ittisuuf fudhatamani dha. Bittootni bittaa isaanii itti fufsiisuuf hidhaa, ajjeechaa, ukkaamsuu, arihatamuu fi rakkoolee adda addaa irraan gahan illee ummatni cunqursaa jala jiru adddatti ammoo dargaggoon guca tahee boba’uun fedhii fi hawwii ummata isaa dukkana gabrummaa keessaa baasuuf qabu irraa hin dhaaban. Waan taheefi, dargaggoon Oromoo diina hanga funyaaniitti hidhate, caasaa basaasaa fi tikaan ummatoota hanga maatiitti to’ataa jiru osoo hin sodaanne, Alagaan hin bitamnu! Oromiyaan kan Oromoo ti! Gabrummaa fi gabroomsaan haa dhabaman! Wareegama keenyaan walabummaa Oromiyaa dhugoomsina! Qabsawaan ni Kufa Qabsoon itti Fufa!! jechuun fincilli golee Oromiyaa hunda keessatti finiinsaa jiru kan diina rifaasisaa, ummata Oromoo boonsaa fi hamlachiisaa jiru taheera. ABOn tattaafata dargaggootaa kana dinqisiifata hanga bilisummaan ummata Oromoo mirkanaa’utti akka itti fufuuf kan isaaf danda’amu hundaan kan bira dhaabbatu tahuu hubachiisa.

Mootummaan Wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun hawaasa hunda jeequu kan itti fufe tahuutti dabalee kanneen mirga amantii qaban kabajsiifatuu fi yaalii matootii amantii dhuunfatuun fedhii mootummaa guutuun akka hafuuf gaafatuu irraa kanneen ajjeefaman, reebaman, haqa dhorkatamanii manneen hidhaa keessatti dhama’aa jiran oggaa yaadatamu rakkoon uumame furmaata dhabee hibboo akka tahetti jira. Mootummaan Wayyaanee kanneen mirga isaaniif falmatan hunda shorarkeessummaan yakkee irratti roorrisuu aadaa godhatuu irraa lakkoobsi lammiiwwan yakka dharaa kanaan gidiraa argaa jiran dabaluu malee hin xiqqaanne. Ajeejjaachaan baay’atu, hidhaan jabeeffamu ummatoota gaaffii haqaa kaasuu irraa boodatti akka hin deebisne ABOn hubachiisaa, rakkoon empaayerittii gaaffii ummatootaa deebisuun qofa kan furamu tahuu jabeessee ibsa.

Waggaa irratti waggaan dabalamaa akka dhufeen ummatoota Itophiyaaf kan mirkanaa’e yo jiraate, Wayyaanee jalatti mirgi ummatootaa kan kabajamuu hin dandeenye tahu dha. Haqni caalaatti ukkaamsamee dharri bakka argatuu agarsiisa. Namootni lakkoobsaan yaraa duroomaa ummatni bal’aa caalaatti hiyyoomaaa deemuu mirkaneessa. Aangoo fi mirgi ummataa caalaatti dhiphifamaa aangoon namoota lakkoobsaan hedduu xiqqoo fi dhalootaan naannoo tokko tahaniin dhuunfatamaa deemuu mul’isa. Kanneen hundi mirgaa fi haqni ummataa kan beekamuu fi kabajamu qabsoo qofaan tahuu akeekan.

ABOn qabsoo siyaasaa fi hidhannoo kan raggaafates dhugaa kana irraa ka’ee ti. Bittootni Itophiyaa hangamuu jijjiiramaa oolan, mirga ummatootaa fi dimokraasiif kan dhaabbatan tahuu lallaban gochaan isaanii hundi kan mirga ummatootaa dhiibbatuu fi sirna dimokraasiif faalla tahe abbaa irrummaa dagaagsu, biyyaa fi ummatootaaf dhimmuu fi hojjatuu irra, dantaa dhuunfaa fi murnaaf kan dhaabbatan tahuu hubatuu irraa hidhannoo kaasuun waggoota dheeraaf falme. Falmaa kana keessatti har’a illee qoodni WBO ol aanaa waan taheef WBO bakka jiru maratti tarkaanfii fi boobbaa isaa akka babal’isuu fi finiinsu shakkiin hin jiru.

Har’a ummatni Oromoo roorroo fi salphina irra gahaa jiru keessaa bahuuf ABO abdiin akka eeggataa jiru hubatamaa dha. Eenyu iyyuu caalaa kan dantaa ummata Oromoof dhaabbatee fi falmaa jiru ABO tahuu ummata keenya jalaa dhokataa miti. Abdii fi fedhiin ummata Oromoo kun ammoo QB itti jiramuun fiixa akka bahu hin shakkisiisu. Bittootni har’a jabaa tahanii mul’atan qabsoo ummataan akka honga’an ABOn shakkii hin qabu. Waan taheef diina dhiiga ummataa xuuxee fixee lafee isaa qoqqoraa jiru kana of irraa gatuuf barri haaraa kan jabinaa fi murannoon keessatti qabsaa’uun injifannoo mirqaansaa itti galmeeffannu tahuu qaba.

Waggaa dabre keessa ummatni Oromoo bilisummaa fi walabummaa isaaf, akkasumas kanneen saaminsaaf irratti bobba’an irratti tarkaanfii adda addaa bakkoota gara garaatti fudhataa tureen qabeenyi isaa saamamuu kan hin haayyamnee fi callisee kan hin ilaalle tahuu agarsiisee jira. Kun baranas babal’atee itti fufuu qaba. Jabinni hawaasa keenya keessatti mul’atu kun akka babal’atuuf irratti hojjatuu feesisa. ABOn tarkaanfii kana jabeessuu fi babal’isuuf kan irraa eegamu guutuuf qophii tahuu dhaama.

Ummatni Oromoo duula saaminsaa itti banameen lafaa fi qe’ee isaa irraa ari’amutti dabalee tooftaa gara garaan alagaan biyya isaa irra baayyinaan qubsiifamuun egeree isaa irratti kan xiyyeeffate tahuu gadi faginaan hubatee gochaa farrummaa diinaa kana jabinaan dura dhaabbatuu akka itti fufu ABO hubachiisa.

Abdiin ummata bilisummaaf qabsaa’uu dargaggoo biyyaa ti. Humni haaraa yomiyyuu jijjiirama bu’uraa argamsiisuuf fedhii fi dandeetti itti qabu durummaan QBO keessatti hirmaatuun qooda irraa eegamu gumaachuun fiixa bahiinsa QBO keessatti qooda ol aanaa qaba. Dargaggoon Oromoos kana hubatuun waggoota 8 dabraniif akka murna hawaasaa tokkootti wal gurmeessuun tarkaanfiin fudhataa turan kan QB-tti jabina hore dha. Waggaa dabraa jiru kana keessas dargaggoon Oromoo fincila jalqaban itti fufuun manneen barnootaa, magaalaa fi baadiyyaa keessatti diddaan agarsiisanii fi ummata dammaqsuu keessatti qoodni kennan kan qabsaawotaa fi firoottan qabsoo hunda boonse akka tahe hin falamsiisu. Kun caalaatti jabaatee kan itti fufuu qabu tahuu ABO hubachiisaa gama dhaabaan kan barbaachisu guutuuf jabinaan kan itti fufu tahuu addeessa.

QBO galii isaan gahuuf WBO waggaa dabre keessa tarkaanfii diina irratti fudhateen qabsoon bilisummaa galii isaa hanga gahutti qabsoon kan itti fufu tahuu, diinnis tasgabbaa’ee jiraachuu akka hin dandeenye haala hin mammsiisneen mirkaneessee jira. WBO waadaa ummata isaaf seene kabajaa fi tiksaa tarkaanfii diina irratti fudhatu golee Oromiyaa hunda keessatti kan itti fufu tahuun mirkana. Ummatni Oromoos ilmaan isaa dantaa biyyaa fi ummataaf jecha wareegama ol aanaa baasuuf tarree duraa irratti argaman kana bakka arge hundatti waan barbaachisu hundaan cinaa dhaabbatuu akka itti fufu ABO dhaama.

Mootummaan Wayyaanee waggoota 20 oliif deggersa mootummoota irraa argatuun aangoo irra ture. ABOn gargaarsi mootummaa abbaa irreef argoomamu ummatoota hacuucanii bitu irra waan oolfamuuf deggeruun sirrii akka hin taane deddeebisee hubachiisuun tarkaanfii malu akka fudhatan yaadachiisaa fi gaafataa ture. Ammas ABOn gargaarsi maallaqaa fi tumsi diplomaasii mootummaa farra ummatootaaf godhamu mirgi dimokraasii ummatootaa akka hin kabajamne, mirgi namoomaa akka hin eegamne taasisuudhaan dararaa fi roorroo itti fufsiisuuf kan oolu tahuun hubatamee kanneen mootummaa kanaa tumsan ejjannoo isaanii irra deebi’aniii akka ilaalan gaafata.

Dhuma irratti hundaan olitti mootummaa Wayyaanee kan hanga ammaa gateettii ummatootaa irraa akka hin buune taasisee jireesse ummatoota biyyattii walitti buusuu fi wal shakkisiisuu danda’uu irraa ti. ABOn ummatootni empaayerittii wal irratti osoo hin taane diina waloo irratti xiyyeeffatuu dhaan sosso’uun kufaatii diinaa kan shaffisiisu tahuutti amana. Kun dalagaan mul’atuu dhabuun umrii bittaa abbaa irrummaa waan dheeressuuf diina irratti akka fuulleffatamu ABO dhaamsa isaa irra deddeebiin dabarsa.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Muddee 31, 2013

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ollaa: Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association

IMPORTANT UPDATE: OLLAA is always seeking for opportunities to engage with Oromo communities around the …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *