Oduu Haaraya

Walhubannoon ABO QC fi ABO Shanee Gumii tokkummaa dhugaatti jijjiiramuu baatnan..

 

 

Abdii Boruu tiin

 

 

Haala mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo bar-kurnee lamaan dabranii of duuba garagallee yoo ilaalle, erga Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) bara 1992 mootummaa ce’umsaa Itoophiyaa keessaa bayee jalqabee hanga har’aatti mooraan keenya tasgabbii dhabee rakkooleen bifa adda addaatiin ittifufaa jiru. Kun maaliif ta’uu danda’e jennee gaafii yoo kaasne, deebii quubsaa argachuun waan danda’amu nattihin fakkaatu. Maaliif yoo jedhame, haalli mooraa keenya keessatti uumame kan nuti yaadnu caalaa baay’ee walxaxaa waan ta’eefi. Haala uumame kanaaf eenyutu ittigaafatama? Maddi rakkoolee mooraa keenyaa maali? Tokkummaa dhabuutu ykn tokkummaan laafuutu rakkooleen adda addaa akka uumaman taasise kan jennu yoo ta’e, maaliif tokkummaa dhabne ykn tokkummaan maaliif laafaa dhufe? jennee gaafii biraa kaasuun hin oolu. Diinatu akka tookkummaan keenya laafu godhe moo sababa biraatu jira? Gaafiilee dhuma hin qabne!!!

Bara 2001 yeroo ABOn bakka lamatti bayu, kaayyootu sabab ta’e jedhamee dubbatame. Tokkummaa ABO kan laaffise sababa kana jechuu dha. Haa ta’u jennee haa fudhannu. Bara 2008 gargar bayinsi biraa uumamnaan hogganatu jijjiirama agarsiisuu dide jedhamee; gareen tokko jijjiirama labse. Maqaa Koree Yeroo ABO (KY ABO) jedhuun jalqabuudhaan; warra Jijjiiramaa jedhanii ofbeeksisan. Warri Jijjiiramaa kunis tokkummaa qabsaa’otaa fi gurmuulee Oromoo jechuudhaan Onkoloolessa bara 2009 labsa baasan. Hamman yaadadhutti, yeroo sana tokkummaa qabsaa’otaa jechuurraa kan hafe, waayeen kaayyoo ka’ee hin turre. Jijjiirama labsuu malee jijjiiramni sun maal akka ta’e ifa hin goone turan. Tokkummaan yeroo sana yaalames guddatee humna tokko otuu hin uumin labsa qofaatti hafe. Otuu jijjiiramni guddaan hawwiidhaan eegamuu; jalqaba bara 2010 siriidhaa miseensotni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) hangi tokko Wayyaaneetti harka kennatan. Kun mooraa keenya keessatti gadda uume.

 

Karaa biraatiin ammoo, baruma kana keessa, yaaliin araaraa gareelee lamaan (ABO Shanee Gumii fi KY ABO sana) jidduutti godhamaa ture milkaaye jedhamee Fulbaana bara 2010 ibsi baye. Yeroo gabaabaas ta’u mooraa keenya keessatti xinnoo haalli hamileessaan uumame. Haa ta’u malee, gammachuun kun yeroo dheeraa otuu hin turin, bara 2011 keessa araarri fi tokkummaan yaalame sun akka fashale ibsame. Sababni isaa hanga har’aatitti hin beekamu. Gaafii guddaan asirratti ka’u, sababa kaayyootiini moo sababa taayitaatiin deebi’anii tokkoomuun sun fashaluu danda’e? kan jedhu dha. Kun xiinxala bal’aa waan barbaaduuf, yeroo biraa itti deebi’uun yaala. Amma wanti hubatamuu qabu garuu, sababni isaa waan fedhes haa ta’u; fashaluun tokkummaa yeroo sanaa mooraa keenya keessatti balaa akka fidee dha. Balaan ani jedhu kun maali? Fakkenyota tokko tokko keesuun yaala.

 

Tokkoffaa, warri jijjiirama labsani fi tokkummaa qabsaa’otaa fi gurmuulee Oromoo jedhanii ibsa baasan sun bakkee lamaa saditti hiraman. Murni tokko jalqaba bara 2012 irratti kaayyoo ABO jijjiiree karaa biraa filate. Murni tokko ammas KY ABO jedhamee hafe. Murni biraa ammoo Gurmuu qabsaa’otaa fi Miseensota ABO jedhee ofmoggaase.

 

Lammaffaa, murni duraan miseensota warra Jijjiiramaa sana turan ammoo kunoo yeroo ammaa Waltajjii Marii Oromoo (WMO) jechuudhaan; tarii jaarmayaa haaraa ijaaruudhaaf uummata mari’achiisaa jiran. Sababni warra jijjiiramaa kana gargar baase gaafii kaayyoo ta’inaa laata?

 

Sababni ammas diigumsa tokkummaa (kan warra jijjiiramaa) kana fide waan fedhes ta’u, fashaluun deebi’anii tokkoomuu ABO bara 2011 uumame fi warra jijjiiramaas gara gara baase kun karaa tokkoon kaayyoo mooraa QBO bakkee lamatti hiree jira. Isaan lamaan kunis i) Itoophiyaa diimookraatessuu ykn federaalessuu fi ii) Oromiyaa walaba taate ijaaruu dha. Gaafiin ani asirratti kaasu garuu, dhugumatti mooraa QBO keessa kaayyoo lamaan kana qofaatu jiruu? kan jedhu ta’a. Akkan haala tokko tokko hubadhutti, ana garuu kaayyoo lamaan kana qofaa natti hin fakkaatu. Maaliif gaafii kana akkan kaase fi shakkii qabaadhef ibsuun yaala.

 

Gaafiin kaayyoo tokkummaa uumuuf kan rakkisu yoo ta’e, warri kaayyoo tokko qabna jedhan maaliif tokkoomuu dadhaban? ABO Shanee Gumii fi ABO QC walubatanii kaayyoo tokkorratti akka waliigalan labsanii jiru. Tokkummaa dhugaas ijaaruuf waan deeman fakkaata. Erga kaayyoo tokkotti amananii fi irratti waliigalanitti, sababni biroo yoo hin jiraatne, wanti gara tokkummaa dhugaatti isaani hin ceesisne waan jiru natti hin fakkaatu. Jaarmayoota kaayyoo walfakkaataa qaban kan hafan yoo ilaalle, akka himamutti walabummaa Oromiyaa kaayyoo guddaa waan godhatani fi galiin isaanii kan booddees isuma kana waan ta’e natti fakkaata. Maarree, maaltu tokkummaa kaayyoo tokkoo akka hin ijaarre isaan taasisa? Gaafii taayitaa ta’ina moo tokko kan biraatiin liqimsamuun yaaddoo isaanitti ta’ina laata? Yoo sababni dhugaatti kaayyoo ta’e, silaa amma kaayyoo tokko jalatti tokkummaa hundaa hammatu ijaaruun rakkisaa hin ta’u ture jedheen yaada.

 

Gama biraatiinis yoo ilaalle, warri Itoophiyaa diimookraatessinee ykn feederaalessinee Itoophiyaa haaraa ijaaramtu tana keessatti gaafiin Oromoo deebii argachuu qaba jedhanis, erga kaayyoon isaanii tokko ykn walfakkaataa ta’ee; kaayyo kana jalatti tokkummaa kaayyoo ijaaruun akkasuma rakkisaa hin ta’u ture. Asirratti, ana akka ilma Oromoo tokkootti kan naaf hin galle, warri diimookraatessuu ykn federaalessuu impaayara Itoophiyaa kaayyoo godhatan kun, gaafii uummata Oromoo akkamitti akka hiikanii dha. Karaa itti amananii fi danda’aniin uummata Oromoo gabrummaa jalaa baasuu kan danda’an yoo ta’u, ani Obboleeyan keenya kanarraa rakkoo hin qabu. Haa ta’u malee, gaafiin Oromoo gaafii kolonii tii miti; gaafii diimookraasii ti kan jedhan yoo ta’e, seenaa saba Oromoo kan dur jijjiiranii haaraa barreessuuf deemu moo dhaloota jiru fi kan dhufuuf maal lafa kaayu?

 

Kan ta’es ta’u, kaayyoon biraa yoo jiraate malee, mooraa keenya keessatti kaayyoo lama qofaatu ifa ta’ee jira. Kanaaf, karaa fedheenuu haa ta’u, diina injifatanii saba keenya gabrummaa Habashaa jalaa baasuu akka danda’an, warri kaayyoo tokko ykn walfakkaataa qaban kaayyoo tokko jalatti tokkummaa kaayyoo uumuutu humna Oromoo jabeessuu danda’a malee, gara gara hiramanii; diina dagatanii walirratti duuluudhaan wal laaffisuun uummata keenyaaf bu’aa hin qabu. Hanguma walirratti duuluun; wal dura dhaabbachuun; waliin mormuun ittifufu diinaaf qaawwi babal’achaa deema. Qaawwi babal’achuun ammoo diinaaf ykn warra farra QBO ta’an hundaaf carraa gaarii uuma. Kanaaf warri kaayyoo tokkotti amanan rakkoolee keessa isaanii jiraniif dafanii furmaata argachuudhaan; rakkooleen kun babal’achaa akka hin deemne godhuun hojii sadarkaa duraa ta’uu qaba.

 

Egaa, gara mata duree barreeffama kanaatti deebi’uudhaaf, walhubannoos ta’ee, tokkummaa labsame yeroo adda addaa keessatti arginee jirra. Isaan kun hunduu intarneetumarratti hafan. Kun diinaaf gammachuu saba keenyaaf ammoo gadda ta’e. Tokkummaan ijaaramu, tokkummaa Oromummaa, tokkummaa dhugaa kan humna jabaa uumu ta’uu qaba. Kan mooraa keenya tasgabbeessuu fi cimsu ta’uu qaba. Waldura dhaabbachuuf jedhanii kan tooftaaf jecha uumamu ta’uu hin qabu. Kanaaf, walubannoon ABO QC fi ABO Shanee Gumiitiin labsame fi uummataaf ibsamaa jiru kun daddaffiidhaan gara tokkummaa dhugaatti jijjiiramuu baatnan, akkuman kanaa olitti ibse, gareelee heddoomsuu bira dabree; gaaga’ama guddaa mooraa keenya keessatti akka uumu hubachuun barbaachisaa fi murteessaa dha. Balleessa dabrerraa barachuun yoomiyyuu caalaa amma ta’uu qaba.

 

Rakkoon mooraa Oromoo akka heerragaa kan foormulaadhaan furmaata argatuu miti. Akka salpaatti kan furmaata argatuu miti jechuu dha. Otuu salphaa ta’ee, qaata rakkoolee kana keessaa baanee turre. Haa ta’u malee, mooraa keenya keessatti nagaa fi tasgabbiin akka uumamu fi akkasumas qabsoon kun gara fuulduraatti akka deemu, qabxiilee armaan gadii kana hubachuun gargaarsa ta’uu danda’a:

 

  • Erga kaayyoon qabsoo Oromoo bakkee lamatti bayetti, walitti deebi’anii kaayyoo tokko jalattitokkummaa hundaa hammatu ijaaruun yoo hin danda’amne, tokkummaa kaayyoo bakkee lamaan kanatti ijaaruu. Tokkummaa Oromiyaa walaboomsuu fi tokkummaa Itoophiyaa diimookraatessuu jechuu dha
  • Yoo dhugumatti Oromoodhaaf dhaabbanna jedhan, walirratti duuluu dhaabuu fi hunduu karaa ofiitiin humna jabeessanii, kan dursee humna cimaa uumu fi diina injifachuu danda’uuf tumsa waliif ta’uu
  • Tokkummaa karaa lamaanii kana keessatti, otuu alagaa ykn diina wajjin tumsa uumuuf hin yaalin dura, humna Oromoo jabeessuu. Yoo humna abdachiisaa uuman booda tumsa alaa barbaaduu
  • Tumsa alaa ijaaruu irratti, kan dursa argachuu qabu tumsa ummatota cinqurfamoo barbaaduu dha malee, otuu humna sodaachisaa hin qabaatin Habashoota (cunqursaa) waliin tumsa barbaaduun booddeen isaa kisaaraa fi kufaatii ta’a
  • Tooftaa fi tarsiimoof jedhamees yoo ta’e, abshaalummaan Oromoo saboota ykn uummatoota cunqurfaman ofitti qabee; hiree wal fakkaataa akka murteeffatan taasisuu dha malee, Habshaaf dursa kennuu fi saboota biroo dagachuun balaa guddaa fiduu danda’a
  • Nam-tokkeedhaanis, jaarmayootaanis, tokkummaadhaanis, tumsaanis, karuma fedheenuu haa ta’u humna Oromoo jabeessuu qofaatu injifannootti nu geessuu danda’a
  • Sirna Gadaarratti hundaayuudhaan, hogganummaa keessatti dhaloota haaraadhaaf bakkee kennuu; warri yeroo dheeraa hogganummaa keessa turan/jiran muuxannoo fi beekumsa qabaniin isaan gargaaruu

 

Egaa, qabxiileen kun furmaata qabsoo kanaa ti jechuuf yookaanis ani gorsaa ta’ee qabsaa’otaaf yaada kennuu otuu hin taane, isaan kana hubachuun gargaarsa ta’uu danda’a kan jedhurraa ka’eetani. Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *