Xalayaa Oromummaa: Adda Dimookraatawa Oromoof (ADOf)
Abdii Boruutiin
Duraan dursee nagaan Obbolummaa fi Oromummaa isin haa gahu. Akkuma yaadatamu, dhiyeenya kana jaarmayaa PG7 jedhamu waliin waliigaltee akka mallatteessitan ni beekama. Isuma sana waliin kan walqabatu barreeffama gabaabaa tokko mata-duree “Waliigaltee ODF fi PG7 ilaalchisee gaafiilee deebii argachuu qaban” jedhu dhiyeessuun kiyyas ni yaadatama. Xalayaan tiyya tunis gara qabiyyee ishiitiin barreeffama sanarraa adda hin taatu. Haa ta’u malee, akkan isiniif barreessu kan na taasisan dhimmoota hedduu dha. Dhimma namoota tokkoo lamaa otuu hin taane, dhimma saba Oromoo fi qabsoo bilisummaa isaa ilaallatu waan ta’eef, addatti dhaamsa kana isniif erguu barbaade.
Gara ijoo dubbiitti otuu hin seenin dura, wantin ibsuu fedhu, karaa danda’amu hundaan QBO kana keessatti gahee keessan taphachuu fi qooda keessan gumaachuuf tattaaffiin isin gootan kabajamuu qaba. Akkan hubadhutti, qabsoo tana galiin gahuuf, karaalee adda addaa fi tooftaalee garagaraatti fayyadamuu akka barbaaddanis ni beekama. Tooftaa fi tarsiimoo siyaasaa adda addaatti dhimma bahuun gamnummaa siyaasaa akka ta’e, kun dhugaa waliigalaa ti. Diina waloo tokko kuffisuuf jedhamee jaarmayoota gara garaa waliin tumsa uumuunis akkasuma waan haaraa miti; kana godhuun barbaachisaa ta’as. Haa ta’u malee, isin caalaa beekuu baadhus, tumsa uumuu irratti ofeeggannoo guddaa barbaachisa. Tooftaa fi tarsiimoo yeroo gabaabaatiif jennee, kan yeroo dheeraa irratti rakkoon akka hin uumamne gadi fageenyaan xiinxaluun murteessaa dha.
Gara jaarmayaa waliigaltee waliif mallatteessitaniitti, PG7, yoon deebi’u, jaarmayaan kun fedhii saboota impaayarittii sanaa guutuuf otuu hin taane, hawwiin isaanii inni guddaa fi hangafti, karaa danda’amu hundaan impaayarittii tana tokkummaa ishii jiraachisuuf warra halkanii fi guyyaa hojjechaa jiran akka ta’en hubadha. Kana birallee dabree, otuu akka fedhii fi hawwii isaanii ta’eefii, warra sirna dulloomaa durii sana deebisanii ijaaruu barbaadan akka ta’anis waan nama mamsiisu natti hin fakkaatu. Akka hubannoo kiyyaatitti, isaan Oromoo waliin tumsa ijaaruu kan barbaadan, kaayyoo isaanii bakkaan gahachuuf jedhanii, nutti fayyadamuuf yoo ta’e malee, dhugumatti kaayyoon QBO galii barbaadamu akka geessu hawwaniitii miti. Mee hubadhaa, yeroo hundaa jaarmayoota Oromoo kan gara garatti hiraman keessaa tokko tokko barbaadanii ofitti qabuuf yaalan malee tokkummaan jaarmayoota Oromoo isaaniif diinummaa dha.
Kan biroo dhiisnee, waanuma yeroo dhiyoo kana ta’e yoo kan yaadannu ta’e, jaarmayaa “Jijjiirama” jedhamee ABO irraa kophaatti bahe waliin sirbaa akka turan; hoggantoota tokko tokko miidiyaa isaanii irratti affeeruudhaan harka walii rukutaa fi walfaarsaa akka turan dhugaa lafarratti mul’atee dha. Gareen ABO tokko, kan Jeneraal Kamaal Galchuutiin hogganamaa ture bara 2012 kaayyoo fi sagantaa ABO jijjiirre jedhanii yeroo labsan sanatti, wanti mooraa Habashootaa keessatti mul’achaa ture waan hirraanfatamuu miti. PG7 yeroo sana ABO jijjiiramaa sana waliin tumsa ijaaruuf yaalii akka godhanis ni yaadatama. Haa ta’u malee wanti irra gahame hin beekamu. Sana biraayyuu dabree, kunoo ABO gareen Generaaal Kamaaliin hogganamaa ture sun, maqaa haaraas moggaafatee (Kallacha Walabummaa Oromiyaa – KWO), kaayyoo jijjiirre jedhan sanas deebisanii haaromsuudhaan walabummaa Oromiyaatiif akka qabsaa’an labsanii jiru.
Maaliif ta’uu danda’een gaafii biraa ti. PG7 tu of keessaa isaan baase moo jaruma keenyatu waayee isaanii hubatanii; gara mooraa QBOtti deebi’an? Maarree, jaarmayaa PG7 kana keessatti wanti jijjiirame maaltu jira jettaniiti; isinis dabaree keessan eeggattanii waliin hojjechuuf waliif mallatteessitan? Wayyaanee diina waloo kana kuffisuu alatti, kaayyoo QBO ilaalchisee maalirratti waliigaltaniiti, waliigaltee fi tumsa kana mallatteessitan? Kan keessanii kana maaltu adda taasisa? Gaafiilee kanaa fi kan kana fakkaatantu barreeffama yeroo dabree sana akkan dhiyeessu na taasisanii turan. Gaafiilee deebii argachuu qaban kanan jedhes achirraa ka’eetani. Shakkii ani jara kanarraa qabutu gaafiilee hedduu na keessatti uuma. Waayee kana akkamitti saba Oromootiif ibsuu dandeessu?
Wanti hubatamuu qabu tokko, jaarmayootni habashootaa tumsa Oromoo kan barbaadan karaa lamaani. Karaan tokko, warra kaayyoo QBO ifa hin taasifne fi kanarratti cichina hin qabne barbaadu. Karaan biraa ammoo, jaarmayoota Oromoo, kan gara gara faffaca’anii; humna laafaa ta’an barbaadanii ofitti qabuu yaalu. Kuni ammoo itti fayyadamuuf akka ta’e abbaa fedhe jalaayuu waan dhokatuu miti. Jaarmayoota Oromoo tokkoomee humna ta’e (innuu yeroo ammaa hin jiru malee) isa kana waliin hojjechuu hin fedhan. Humni Oromoo jabaan kaayyoo isaanii dura waan dhaabbatuuf, humna akkanaa arguus hin barbaadan. Waayee kana isinitti himuun barbaachisaa miti. Waanuma isinuu keessa isaa beekatanii fi hubattanii dha jedheen amana.
Oromoon otuu humna jabaa hin horatin; otuu sirriitti itti hin qophaayin; Habashoota waliin waliigaltee uumuun dogoggora seenaa akka ta’e fi har’a maaliirraan akka nu gahe, Konfaransiin London sun ragaa ta’uu danda’a. Kan yeroo sana waliigaltee sana mallatteesses inni tokko Hogganaa ol’aanaa ADO har’aa ti. Akkamitti kan dabre sanarraa barachuun dadhabamee dogoggorri lammaffaan dalagama? Har’as dhiibbaa mootummoota warra dhiyaatu jira jechuu dhaa? Dhiibbaan yoo jiraate ammoo, lakkii jechuun ni danda’amaa bar. Hiree saba keenyaa kan murteeffatu nuyi malee, alagaan hanga yoomiitti nuu murteessuuf jedhee dhiibbaa nurratti uuma?
Kan biraa ammoo, kan caalaatti dhiibboo natti ta’e, yeroo ammaa yeroo uummatni keenya kutatee ka’ee; bilisummaa goonfachuuf wareegama ulfaataa kaffalaa jiru kanatti; mooraa QBO keessatti yoo danda’ame, tokkummaa jaarmayoota keenyaa yoo kun hin danda’amne tumsa ijaaruun gaafii bilbiltuu ta’aa otuu jiruu; kana illee dhugoomsuuf waliigaltee fi walhubannoorra geenye jechaa otuu jirtanuu; koreen tokkummaa/tumsaa uumamee hojjechuuf jira jettanii dubbachaa otuu jirtanuu; kana bakkaan otuu hin gahin, maaliif tumsa alagaa brbaaduu deemtan? Yeroo ABO irra kophaatti baatanii jaarmayaa haaraa ijaarrattan, nuti qabsoo hidhannoo hin gaggeessinu jettanii ibsaa hin turree? Har’a maaltu dhalateeti, mooraa QBO keessa warri qabsoo hidhannootti amanan otuu jiranuu isaan waliin hojjechuu (tumsa waliif ta’u) dhiistanii; xinnaatus jaarmayaa qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiru waliin tumsa biraa barbaaduu deemtan? Isa kana akkamitti laaltu? Miila tokkoon mooraa keenya keessa dhaabbachaa; kan biraatiin mooraa Habashootaa keessa seenuu hin ta’uu? Gaafiilee dhuma hin qabne!!!!!
Akkuman kanaan duras yeroo baay’ee irra deddeebi’ee barreessaa ture, tumsi ijaaramu sadarkaa sadarkaadhaan yoo ta’e gaarii dha jedheen amana. Sadarkaan duraa, tokkummaa yookaan tumsa mooraa QBO; kan itt’aanu tumsa jaarmayoota sabaoota cunqurfamoo waliin ijaaramu yoo ta’u, yoo kun milkaaye fi cimee humna amansiisaa uume booda, Habashoota waliin tumsa hundaa hammatu ijaaruutu silaa karaa murteessaa dha jedheen yaada. Mana keenya otuu hin qulqulleessin; humna mooraa keenyaa otuu hin jabeessin, bu’aa maal nuu fiduu danda’a jettanii jara kana waliin tumsa ijaartu? Sochiin warraaqsaa kan uummatni keenya godhaa jiru kun isaan sodaachisee; yaada isaanii akka irra deebi’anii hubatan yoo isaan taasise malee, Habashootni isuma durii sanaa bar!! Shira fi gamnummaa siyaasaa isaan taphachuu barbaadan isin jalaa waan dhokatu natti hin fakkaatu.
Xalayaa kiyya xumuruudhaaf, akka ilma Oromoo tokkootti dhaamsi ani isiniif dabarsuu barbaadu (fudhachuu ykn dhiisuun mirga keessan ta’ee) humna jabaa fi amansiisaa otuu hin qabaatin, waliigalteen isin jaarmayaa kaayyoo QBO hin fudhanne waliin gootan kun gaaga’ama fiduu waan maluuf, seenaa dabre irraa barattanii; waayee kana keessa deebitanii akka ittiyaaddan isin gaafadha. Bu’aa fiduu danda’a jettanii, booda siriidhaayyuu faallaa kanaa ta’ee akka hin argamne; isinis seenaa xuraaye akka hin galmeessine waayee kana sirriitti ittiyaaduun barbaachisaa dha jedheen amana. Wayyaanee nama-nyaataan, kan hanga funyaaniitti hidhatee jiru kun, akkuma mootummoota isa duraa, innis kufuun isaa waan ooluu miti. Yoom akka ta’u beekuun rakkisaa ta’ullee, kufaatiin isaanii waan dhiyaate fakkaata. Waan dabruun hin oolleef, dogoggora seenaa hin hojjatinaa. Ilmaanuma abbaa fi haadha tokkoo waliin tumsa waliif ta’uutu wabii Oromoo fi Oromiyaa ta’uu danda’a. Oromummaatu dursa argachuu qaba.
Oromoon yoo makmaaku: “Lagni (galaanni) darbuuf jedhu si hin fudhatin; jaarsi du’uuf deemu si hin abaarin” jedha.