Oduu Haaraya

#‎Second Round Oromo Protest To Be Continued‬

Breaking News: Oduu Ammee
=========================
 Guyyaa har’aa,27-12-2015, Oromiyaa bakka adda addaa keessatti Fincilli Diddaa Gabrummaa Kan marsaa lammaffaa haala ho’aa ta’een beellama Fincilli diddaa gabrummaa guyyaa boruu,28-12-2015 godhamu deemu dursee taasifamaa akka jiru ibsame.

Keessattu Fincilli Univarsitii Ambootti guyyaa kaleessaa jalqabe Shororkeessitoota motummaa wayyanee kan maqaa AGAAZII jedhamuun waammamu heelakooptraan barattoota Yunivarsitii Amboo marsuun isaa barattoota Oromoo Yunivarsitoota 34 keessatti argaman dallansiisee akka barattoota Yunivarsitii Ambootif birmatan kakaasera.

Karaa biraa hogganootni KFO abbaa quba Shani 7 Baqqala Garbaa, Dajanee Xaafaa, Dassitaa Diinqaa fi kkk dabalatee kadhimamtoota fi miseensootni Dhaaba KFO jedhama seera malee mana hidhaatti guurramani bishaan danfisani qaama isaanirratti naquun akka belbelani boqonnaa dhabaa jiran hidhamtoota akka malee miidhamuun taa’uu hin dandeenye, dhaabbachuus hin dandeenye, ciisuus hin dandeenyee fi dubbachuullee hin dandeenye ijaan arguun keenya waan meeqaf akka nu kakaasaa jiru hunda keenyaafu ifaaf bilisa waan ta’eef dubbii dheeressuun nu hin barabaachisu. Incinniitti Fincila ho’aa jirun walqabatee namootni 102 akka hidhaman himama.

Wallagga Bahaa, Wallagga Dhihaa, Shawaa Dhihaa, Shawaa Kaabaa, Walloo KAMISEE, Harargee Lixaa fi Bahaa, Arsii Lixaa fi Bahaa, Gujii fi Borana, Ilu Abbaa boora fi Asoosarratti qophiin FDG guyyaa boruu godhamuuf karoorfame mootummaa wayyaanetti mataa dhukkubbii qoricha hin qabne ta’eet jira. FDG maalif wayyaanee boqonnaa dhoowwee jettanii yoo kan gaafattan ta’e deebiin kunoo akkasi.

Wayyaaneen waggaa 24 dura QUMXAA fi BARABAASSON Oromiyaa Seentee turte:
1. Naannoon Tigraayii ammaan tana Faabrikaa 54 qabdi
2. Nannoo Tigraayii buufata Xayyaaraa Idul-Addunyaa 5 qabdi
3. Janaraalota 60 amma biyya keessa jiran keessa Jeneraalotni 59 Tiigredha.
4.Abbooti murtii mana murtii olaanaa 54 keessaa 50 Tiigredha.
5.Yeroo ammaa Miliyenarootnni 22,000 kan FinFinnee keessatti fooqii Tarree galxhanii ijaaraa jiran Hundi Tiigreddha.
6. Itoophiyaa keessatti biliyeeneroota 10 argaman keessa ALLAAMUDDIN malee sagal Tiigredha. Azab Masfin fi Intalti Mallas Zeenaawwi sadarkaa lammaffaafi torbaffaarratti argamu.
7. Yeroo ammaa Oromoon Miliyoona shanii ol ta’an kan digirii fi Dippiloomaman eebbifaman hojii hin arganne. Garuu Tiigreen Miliyoonni 5 kan digirii fi dippilomaa hin qabne hojii dhabanii hin beekan.
Kana argaa Oromoo yoo callifne lafarraa nu balleessani borurraa qabnee Fincila marsaa lammaffaa kana yaa fininisinuun dhaamsa lammuummaati.
‪#‎MasterPlanHafusAmmaBoodaWayyaaneenHinBullu‬
‪#‎WeSayNoToNotOnlyToMasterButToWoyaneToo‬

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …