Oduu Haaraya

Afaan Hojii Woyyaaneetiifi Isiin Dhageettu, Afaan Qawweeti; Oromoolle Afaan Qawwee Qofaan Woyyaanetti Haasawuun Dirqama.

(VOICESFORVOICELESS.BLOGPOST.SE.COM)

Yaa Oromoo, qabsoo bilisummaa biyya tokkoo keessatti gargaarsi biyyoota alaa ni barbaachisaadha yoo jennee of gaafannee, deebiin jiruu eetii (eeyyee) ta’a; garuu eenyurraa, akkamiin, yoom, fi ani maali biyya sanirraa barbaadaa, biyyi sun ammoo maal anarraa barbaaddi waan jedhaa dagachuu hin qabnu. Ani akka nama lafaa dhufaa tokkotti waan tajjabe qaba. Nuuti, biyyi faranjii dimookitaawa waan taateef akkuma biyya isaanii dimookiraasii dhugaa waan nuuf hawwituufi waan nu badhaastu natti fakkaata ture. Garuu, sana booda faranjoonni faayidaa isaaniitiif yoo hojjaan (dhaabbii) isaanii gabaabaa ta’ee, nuuti duunee isaan reeffaa keenna gubbatti bahanii hojjaa dheereffatanii faayidaa isaanii fagotti argan ta’e, akka nuuti ajjeefamnee tuulamnuuf feeti.

Namni uumamaan ofittoodha-of jaalata. Daa’ini xiqqaan afaan hin beeknelle, waan itti calalaqeefi itti bareedee hundumaa ofitti harkisa, namni biraa akka irraa tuqu hin fedhu ni booha. Gama biraatiin, biyyi kamiiyyuu faayidaa biyya isii dursiti. Biyyi faranjiille akkasuma. Yoo nuuti of hin bilisoomsin, faranjiin nu hin bilisoomsitu. Faranjiin nama humnaafi tokkummaa hin qabne hin feetu yookiin hin jaalattu. Faranjiin nama humna qabu, kan isaan walii galuun faayidaa isaanii eeksisuuf barbaaddi. Diinni keenna nurra humna kan qabuufi faranjiin michoomeera yoo ta’e, faranjiin dantaa isii eegachuufi, akkasuma faayidaa dabalataa tarii boru nurraa feetuuf jecha, yookiin akka maqaan isaanii hin badneef yookiin nulle isaanirratti beekkannee akka isaan hin jibbineef, afaaniin diina keenna san nu wajjiin abaaraa, garuu faayidaa isii eegsifachuuf jecha harka lafa jalaatiin diina keenna cimsiti.

Kanumaan wal-qabatee, dimookiraasii sobaa biyya Itoophiyaa keessa akka jiruufi dimookiraasiin dhugaa akka hin jirre fanjiin ni beekti. Gaafa Dargiin kufelle, Tigiroonni Tigirayiifi Erteraalle, akkuma Oromoo qabsoo godhaa turan bilisoomane, bilisummaan Oromoo ammoo gufatte duubatti deebite. Oromoon silaa bilisoomuu kan irra ture, faranjoonni lixaa gaafa (ganfa) Afrikaa, keessumattuu Itoophiyaa irratti Raashiyaa jalaa bilisoomte…biyya faranjiitti, mootummaan karaa sirrii ta’een uummataan filaatamulle, yeroo tokkoo tokko mootummaanis fedhii uummataatiin ala bahee ifaa ifatti hojjachuu ni sodaata, harka lafa jalaatiin male. Maaliif jennaan, maddi galii diinaagdeefi aangoo mootummaa kanneen uummata waan ta’eef. Kanaafuu, yeroo hedduu mootummaan faranjiille, ifaa ifatti waan hedduu hojjata osoo hin taane, dhaaba basaasaa hedduu dhaabuudhaan waan uummanni isaanii hin beekne, mootummoonni silaa nuuti akka fakkeennaatti fudhannulle sadarkaa waan uummanni isaanii hinfeeneefi hinbeeknee hojjatanirralle genyeerra.

Akka fakkeennaatti, biyya Itoophiyaa keessa dimookiraasiin akka hin jirre mootummoonni lixaa dhiibaafi dhibbatti, ykn guutumaa guututti beekan. Garuu mootummoonni alaa kunneen dantaa isaanii biyya Itoophiyaa keessattifi naannoo gaafa Afrikaa sanitti eegachuuf, Itoophiyaa qabachuu waan barbaadaniif, yeroo garaa garaatti maallaqa guddaa Itoophiyaaf kennaniifii gargaaraa jiran. Filannoon sirriin akka Itoophiyaa keessatti gaggeeffamee hin beekin, faranjoonni numa beeku. Garuu warri lixaa dantaa isaanii dhabuurraa, akkasuma uummanni biyya isaaniille, “maallaqa nuuti kiisaa keenyaa gibira baasnee kenninuun abbootiin irree maaliif gargaartaanii?” akka hin jenneen filannoon fakkeessii kun akka adeemamuuf barbaadan…

Oromoon hedduun filannoofi woyyaanuma wajjiin hojjachuun akka hin danda’amne duraanuu barane. Garuu namoonni itti fakkaatee marsa shaniif ykn waggootaan 25f jaannan (curruuqan)ille, barumsa waan fudhatan natti fakkaata. Shan Oromoo biratti hiikaaf kabaja addaa qaba. Baalliin Gadaa Oromoolle shan…marsa shaniin oli maqaa filannoo sobaatiin sobamuun gahee, falliifi malli biraa itti soqamuu qaba. Filannoo Itoophiyaa keessatti bara 2015 keessa filatame akka fakkeenyaatti yoo ilaalle, dargaggeessi dhalataan qubee cunqursaa woyyaanee keessatti dhalatee abbaa malee guddate, yeroo kamiiyyuu caalaa hadheeffate irra caalatti woyyaanee kuffisuuf paartii KFO (Kongireensii Federaalawa Oromoo) duukaa hiriiruudhaan guutuu Oromiyaa keessatti Woyyaanee rifachiisan. Woyyaaneen, filannoo sobaa fakkeessiif gootu, tarii osoo fakkeessuu saree of hin nyaachisu jechuudhaan, miseensota, kaadhimamtoota, dorgomtootaafi taajabdoota paartii KFO ajjeesuu, hidhuufi doorsiisurraa darbanii sagalee uummataa loltuufi milishoota itti bobbaasuu akka saamaa turan ragaan uummata bal’aadha.

Sada duraayyuu, gaafa duulaa nu filadhaatiif uummanni, keessumattuu dargaggeessi iddoo garaa garaatti bahee paartii Koongireensi Federaalawa Oromootiif deegarsa kenne, uummata raajechiisee, woyyaanee rifachiise. Uummanni deegarsa paartii kanaatiif, Amboo, Shashamanneefi Bulee Horaatti bahee riikeerdii ykn sadarkaa guddaan galmaa’e. Akka ragaa uummata biraa aragannetti, kallattii Oromiyaa hunda keessatti saamichi sagalee uummataa, hidhaan, doorsifniifi kkf guutuu biyyaa keessatti Oromootaafi mormitootarratti raawwatamaa ture. Guyyaa jalabultiifi gaafa filannoon adeemsifametti garuu, waan faallattu mul’achuu eegale. diraamaa Woyyaaneen maqaa filannootii hojjatte tokko akka fakkeenyatti kaasuu fedha: naannoon sun Godinaan Boorana jedhama; uummanni garuu Gujii Lixaati. Magaalaan Bulee Horaa jedhama.

Akka ragaan qabataamaan keessa beektotarraa argame mul’isutti, msagaalaa Bulee Horaa kana keessaa Buufata filannoo saddeetti ture; achi keessaatti, qaamoleen mootummaa osoo filanoon hin gayin duratti, buufata filannoo hundumaratti sagalee kuma tokko tokko (1,000×8=8,000) qopheessan. Sagalee uummanni kenne soogidda bishaan ergan taa’e, sagaleen qophoofte kunneen laakka’amte. Bifuma wal-fakkaatuun, Aanaa Bulee horaa keessatti kan argaman gadoota baadiyyaa 38 keessatti, bifuma wal-fakkaatuun sagaleen kumni tokko tokko (1,000×38=38,000) hiramee filannootti seename. Gandoota Filannoo sadi keessatti uummanni opdo dura dhaabbachuun sagalee sirriin keennatanii, booda immoo jalaa baleessan malee, gandoota 35 keessatti hannii opdo gufuun tokko osoo isaan hin mudatiin hojiirra oole.

Gandoota aanaa Bulee Horaa 38 keessaa, ganda Dibbisaa Oggoo jedhamurratti uummanni ija jabaatee opdo dura dhaabbachuudhaan sagalee isaanii eegatane keessatti, namoonni opdo file, namoota 73 qofa ture. ganda biraa aanaa Bulee Horaa jalatti, uummanni gandoota Toomaa Meexxii fi Maaxee Boosoo keessatti opdo dura dhaabachuudhaan sagalee isaanii to’annoon eegatanii,ganda Meexxii Toomaa keessatti opdo’n sagalee 37 qofa argatte. Ganda Dibbisaa Oggoo keessatti immoo, opdo-woyyaaneen sagalee 73 qofaa argatte. Ganda Maaxee Boosoo irratti sagalee 110 qofa aragatte opdo’n. Aanuma Bulee Horaa jalatti kan argamu, ganda Cabbii Magaadaa keessatti, sagalee kuma tokkoo kan opdo qopheeffatteen alatti, paartiin Madirek-kongireensiin Federaalawa Oromoo sagalee 321 caalmaa argamsiisee waan tureef, qodaalli opdo filannoo hachisiisuuf gubbaarraa dhufe, opdo ganda san bulchaniin, “isin hiina, sagalee madirekii kana dabalaa milikita itti godhaatii hojiin alaa taasisaa…” jechuudhaan ajaja itti kenne.

Kaadiroonni opdo gandaas ajaja fudhachuudhaan sagalee KFO-madireke aragate 873 dabalanii milikita itti godhuudhaan hojii ala godhan. Saamicha sagalee, uummataatiin alattille, aanuma kana, ganda Roophii Magaadaa keessatti, kaabiineen mootummaa tokko dargaggeessa tokko rasaasa shuggixiitiin dhahee madeesse. Haalli, yunivarsiitoota Itoophiyaa keessattis raawwatamelle, kanuma fakkaata; yunivarsiitii Bulee Horaatiifi Jigjigaa keessatti barattoonni Oromoo filannoo fakkeessii san dura dhaabachuu yaalanii turan, garuu dumarratti barattootumatti miidhame. Fakkeenni kun, guutuu biyya Itoophiyaa bakka bu’uu dande’a. Osoo filannoon hin jalqabinuu, woyyaaneen gandoota hunda keessatti dhibeentaa 85 (%85) oliin, hannaanis ta’e moo, waliin dhahuun akka injifachuun irra jiraatu, durattu akka karoorfatanii turan keessa beektonni baasanii saaxilan.

Guyyaa filannoolle sanu agarre. Anille, bara 2010tti yeroo gaazexeessaa ta’ee gabaasa dhibee natti uumee gabaasuuf dirree filannootti bobba’elle kanuma arge. Finalloon bara 2015 kunille, akkasuma ta’e. kan nama gaddisuu garuu, filannoo hatuu qofa osoo hin taane, hidhaafi ajjeechaan filannoon dura turelle, mootummaan erga filannoo saamee injifachuusaa labsateen duuba, iddoo baay’etti deeggartoota, miseesotaa, taajjabdootaafi dorgomtootaa paartii Kongireensii Federaalawa Oromoo-Madirek adamsuudhaan doorsisuu irra darbee, hidhuufi ajjeesutti jira. Abbootii qabeenyaa paartiile mormituu deeggaraa turan addamsuudhaan achi buuteen isaanii dhabamaa jira.

Akka fakkenyaatti, loltoonni mootummaa gaafaa 6.6.2015 godina Shawaa Lixaa naannoo Incinniitti, dargagoo Baatiruu Sorraa yoo ajjeessan, dargaggoo hedduu ammoo ukkaamsuudhaan achi buuteen isaanii dhabamaa jira. Uummanni ammoo, “namni nuuti filannee nu haa bulchuu; dargagoon keenna nuuf haa deebi’anii…” jechuudhaa iddoo garaa garaatti dheekmasiifi mufiin uummataa akka dabale himameera. Wallagaa Bahaatti namni Magaalaa Naqqamteetti paartii Kongireensii Federaalistii Oromoo bakka bu’uun dorgomee ture, Obboo Taarikuu Dassalenyi Dabaalaa, doorsiniifi mana kireeffatee keessa jiraatu keessaa, mootummaan namoota isaaf mana kireessaniif doorsisuun hanga dhiibame baafamuuttifi hedduu doorsifamaan sodaachaa akka jiru, yaada inni gaafa 7.6.2015 Oromiyaa Miidiyaa Neetiworkiif kennerraa hubachuun danda’ameera. Achuma godina Wallaga Bahaa keessatti, magaalaa Siree keessatti paartii Kongireensii Federaalistii Oromoo bakka bu’ee kan dorgome, barsiisaa Qanaasaa Ragaasaa manaa isaa irratti diiguudhaan baqatee iddoo biraa akka jiru, bakka bu’aan paartii Kongireensii Federaalistii Oromoo Wallagaa bahaafi dorgomaan Magaalaa Naqqamtee Obboo Taarikuu Dassalenyi Dabaalaa dubbateera.

Keessumattuu, erga dubbii maaster pilaanii kaatee Oromoon ka’uun qeeramsaa woyyaane’ee eegee qabee gadi dhiisee asi, woyyaaneen Oromoo kan durii caalaa rifattee woreerte. Amma duuba, woyyaaneen namootaa isaan rifaachiiseefi itti aarte hundumaa tokko tokkoon guurtee dhabamsiisuuf deemti. Keessummattuu namoonni isaan quba itti qabanii turan, amma tokko tokkoon adamsan. Oromoon isaan mormeen alaayyuu, warruma dantaa wayyaanee keessatti hojjatu opdo Abbay Tsahaayyeen itti dhaadatelle dhumni isaanii amma waan ta’eef waliin Oromoo waliin qabsoof ka’uu qaban. Nama dammaqe jalaa fuudhanii fuudhanee qalan waan ta’eef, Oromoon dammaqe dalla woyyaaneen itti ijaartee keessaa fuutee ayyaana ayyaanaan qalattu keessaa bahuu qaba. Woyyaaneen balleessaa isiin balleessitee hamaa ta’uu waan beektuuf, akkasuma qabeenyaa ijaaratte saniifille akka sareen dhalte ilmaan isheerratti nama nyaattuufi, akkasuma aangoon isi’ii haarkaa baanaan wabii waan hin qabneef, woyaaneen gonkumaa (Abadan, ijjimaa) aangoo qawwee malee gadi hin dhiistu; dimookiraasiifi wal-qixxummaatti hin amantuu.

Kanaafuu, yaada qofaan afaanfaajja’uun tunkinee gara itti goran wallaalanii taa’uu hin haada ofiin rarraasan lubbutti of dhahuudha. Wareegama bilaashaa kafaaluufi taa’anii qalamuun hin ta’u. Uummannille ka’uu qaba, dudduubeen uummatalle of sirreessee ka’uu qabu. Uummanni baay’innaan miliyoona 45, uummata miliyoona 6 tiin akkamiin gagroomaa? Kun akka addunyaattuu qaanii guddaadha. Uummataa Itoophiyaa sabaafi sab-lammootaa 80 olii keessaa nuuti wal’akkaan ol yoo jennu, akkuma keessi Oromoo boonu, uummanni baay’inaan miliyoonaa 45, akkamiin miliyoona jahaan gabroomaa, jechuun ormi yoo gaaffii gaafatu, keessi Oromoo xiiqeffatee aaruu qaba.

Tokko ergee namarraa eeguu hin qabu. Namni hundinuu kallattii adda addaatiin qabsoof lafaa ka’uu qaba. Teenyee nama eeguu hin qabnu. Mirga keenyalle namarraa eeguun nurra hin jiraatu. Lafa qonnaa roobaa gannaa keessa, dura abbaa maasitu (fichaattuu) maxarisee bahee qotatee, birraa yeroo aduu taa’ee asheeta nyaata. Garuu gaafuma qonna gannaa, yoo abbaan qotee bulaa cimaa ta’eefi namoota wajjiin walitti dhufeennaafi jaalala gaarii horate, ormille daboo ykn goottalee itti bobba’uun ni gargaara. Abbaan maasii (fichaa) garuu, yoo mana taa’ee afaan qofaan daboo yoo gaafate, eenyutti itti dhufaa? Qotee bulaa masiluufa (baaldhabaa)fi dadhabaa eenyutti jaalataa?

Mirga keenna faranjiifi dhaabbilee mirga namuummaa biyyota faranjii irraa eeguu hin qabnu. Faranjiin dantaa mootummaa isii eegachuuf jecha, biyyuma ofii isaaniitii bulchaa jiraaniifu yeroo tokkoofi tokko ifa miti. Gaafa waxabajjii 6,2015 gabaasaa oduu Oromiyaa Miidiyaa Neetworkiif hojjachuuf osoo odeeffannoo miidiyaalee keessa abuuraa jiruu, oduu ana ajaa’ibsiise tokko gaazeexaa beekamaa biyya Ingilizii ‘the Telegraph’ jedhamu toora interneetiirratti argee; afaan Ingilizii irraa gara afaan Oromootti hiikee hojjadhe. Odeeffannoon achirra ture: “haleelaallaa shororkeessitoonni fulbaana 2011, Ameerikaa irraatti raawwatan, biyyi Saa’ud Arabiyaa maallaqaan deeggaruun harka keessaa qabdi; dhimma kanarratti, bulchiinsi Buushiifi Obaamaalle qorannoo walitti fufaa gaggeessaniin gabaasa waraqaa qorannoo iccittii fuula 28 harkaa qaban. Haa ta’uu malee, dantaa mootummoota Ameerikaafi Saa’uud Arabiyaa eguuf jecha iccitii kana uummata Ameerikaatiif ifa osoo hin godhin dhoksanii irra taa’anii waan jiraniif, gaabaasni qorannoo kun uummata Ameerikaatiif akka ifa taasifamuuf dhiibbaan bulchiinsaa Buushii irratti dhihaataa jira…” jedha.http://www.telegraph.co.uk/…/US-report-claiming-Saudi-Arabi… liinkii yookiin hidhata kanarraa ka’uudhaan oduun Oromiyaa Miidiyaa Neetworkiif hojjadhe kan armaan gadiiti:

Haleelaallaa shororkeessitoonni fulbaana 2011, Ameerikaa irraatti raawwatan Saa’ud Arabiyaan harka keessaa qabdi jedhame. Haleellaa raawwatame san Saa’ud Arabiyaan maallaqaan deeggaruu ishii gabaasa waraqaa qorannoo icciittii bulchiinsii Obaamaa ifaa akka godhuuf dhiibbaan itti dhihaachaa akka jiru himame.

Ji’a Fulbaanaa bara 2011 akka laakkosfa faranjootaatti, haleellaa shororkeessitoonni ganama Kibxataa gamoowwaan wiirtuu daldala Addunyaafi Ameerikaarratti raawwaataniin qabeenyi guddaan maallaqaa doolarri biliyoona kudhanii barbadaa’ee, lubbuun namoota 2,996 galafatameera.

Haleellaa garee shorkeessitootaa Alqaa’idaa Osaamaa Billaadiniitiin qindeeffamee raawwatame jedhame sanirratti, shorkeessitoonni xiyyaarota (rophiloota) imalaa hedduu danqanii butanii gamoon (fooqiin) walitti buusuun guggubuun xiyyaarota akka meeshaa waraanaatti itti gargaaraman. Xiyyaaronni butamanii gamoo ykn fooqiin walitti busuun akka boombiitti namaafi qabeenya itti gubuun fixan sunille, Xiyyaarota[1] Ameerikaati. Haleellaa shororkeessitootaa raawwatame saniif hoogganaan Alqaa’idaa yeroo sanii Osaamaa Billaadiin itti gaafatamummaa fudhaachuun akka labsee turelle ni yaadatama.

Gaazeexaan beekaamaan biyya Ingilizii ‘the telegraph’ jedhamu maxxansaa isaa kaleessaatiin, shororkeessitoonni xiyyaarota Ameerikaa danqanii butuudhaan akka boombiitti itti gargaaramanii namoota kumaatamootaafi qabeenna biliyoonota galaafatan 19, biyya Saa’uud Arabiyaa irraa akka dhufanii turan gabaaseera.

Ameerikaanille bara 2012 irraa eegaltee qorannoo iccittii taasisaa turte kan fuula 28 qabu akka of harkaa qabduufi, ifa akka hin taasisin gabaasni kun himeera. Saa’ud Arabiyaan haleellaa Shororkeessitoota san keessaa akka harka qabduufi, bulchiinsii Buushiifi Obaamaa ille dantaa walitti dhufeenna mootummoota Saa’ud Arabiyaafi Ameerikaa qofa eeguuf jecha iccittii kana dhoksaa akka turan gareen haleellaa shorkeessitootaa kanaan miidhaan irra gahe hedduun amantii qaban jechuun ‘the telegraph’ addeesseera.

Akka gabaasaa ‘the telegraph’ kanaatti, haleelaallaa shororkeessitoonni fulbaana 2011, Ameerikaa irraatti raawwatan Saa’ud Arabiyaan Haleellaa kana maallaqaan deegaruun akka harka keessaa qabduufi gabaasa waraqaa qorannoo icciittii fuula 28 qabu, bulchiinsii Obaamaa ifaa akka godhuuf dhiibbaan itti dhihaachaa akka jiru gazeexaan kun gabaaseera.

Maatii haleellaa shorkeessitoota Fulbaana 2011 miidhaan irra gaheef gorsaa kan ta’aniifi, akkasuma dura bu’aa dhaabaa Gamtaa Haqaafi Farra Shorkeessummaa jedhamu, Terry Stranda akka jedhanitti, “Saa’uud Arabiyaan haleellaa shorkeessummaa Ameerikaarratti raawwatame kana maallaqaan gargaaruu isiiti miti kan nama dinqisiisu” jedhan. Akka yaada Terry Stranda tti, kan isaan ajaa’ibsiisee, “deeggarsa maallaqaa Saa’uud Arabiyaan Shorokeessitoota Ameerikaa haleelaaniif goote adoo hin ta’in, maallaqni hidda dhiigaa shororkeessitooti” jedhan. Osoo maallaqa guddaan deeggaramuu dhabaatanee, shorkeessitoonni haleellaa Fulbaana 2011 ykn 9/11 jedhamu kana Ameerikaarratti danda’anii hin raawwatan turan” jedhaneeran.

Yaa Oromoo, ani duraan ilaalcha dogongoraa qaba ture; amma garuu of sirreesseera. Yaadni dogongoraa ani duraan qabu ture sunille: akkuma gaafaa nuuti ijoollummatti namni humnaan nu caalu yoo nu miidhe dhufnee abbaa, haadhaa, bobboleessaafi obboleettii angafatti himannutti, waan woyyaaneen uummata Oromoo goote, yoo faranjitti himanne, faranjiin waan woyyaanee adabdu natti fakkaata ture. Akkasuma, dhaabbonni mirgoota ilmaan namaatiif dhaabbataniifi, miidiyaan biyya alaa yeroo rakkina Oromoo dabarsanu, faranjiin ganamasaa Woyyaaneerratti waan tarkaanfii fudhattu natti fakkaaka ture. Garuu akkasii moti.

Faranjiin namni dantaa isii eegeefii jennaan, sirumaayyuu dantaa isii saniif jecha irree nama sanii ni cimsiti. Garuu nuuti, cimnee of ijaarree osoo nama isiin qabatte san raasne, faranjiin dantaa isii eegsiisuuf jecha gara keenya deebi’uudhaan, “maal isinii goonaa? Maal isin gargaaraa?” jechuudhaan kan haala nuuf mijeessuu isheedha. Nama laafaa ormaa dhiisaatii haati deettee (deesse) iyyuu hin jaalattu. Iddoo baay’etti, yaada yeroo hedduu Dr. Mararaa Guddinaa jedhan sammuu koo keessa deddeema: “Faranjiifi waaqni nama jajjabaa ofiisaa gargaare qofa gargaaran…” kan jedhuudha. “yoo abbaan hin iyyatin ormi namaaf hin birmatu” jedha Oromoon.

Yaa Oromoo dhaga’i, fiixinsaa sanyii Oromoorratti qiyyaate kan Abisiniyaanotaa (Habashootaa), Minilikiin duraafi duubaalle dandamanne; kan Woyyaane hardhaa immoo san caalaa beeka! kan Woyyaanee hardhaa, akka vaayirasii eedsii (HIV-AIDS) dhaabbitti nu fixaa jiraa beeka. Woyyaaneen, bifa ammayyawaatiin nu fixaa jirti. Nama ijaan arginu nurraa ijeessanee hin dhiisne, habashoonni eenyummaafi afaan keenya nurraa ajjeessaa jira. Gaafa Awuroppaanonni, keessumattu abuurtichi lammii Xaaliyaanii Kiristoofer Kolomboos (Christopher Columbus) jaarraa shan dura biyya Ameerikaa dhaqee argee koloneeffattoota Awuroppaa itti hin yaaminiin dura, lammiin durii dulloo lafa biyya Ameerikaa hardhaa irra jiraachaa turan, Hindoota Diimaa (Red Indians) jedhaman miliyootaan jiraataa turan, amma akka bosana ciramee badee, baduun dhabamuutti jiran.

Hindoota Diimaa (Red Indians) kunneen biyya isaairraa dhabamsiifamaneran yoo jennu,baduun ajjeefamanii baduu qofa osoo hin taane, eenyummaa, afaan, aadaa, amanta, lafaa…isaanii dhabuu of keessaa qaba. Mee nama Oromoo kan, “Ani Finfinneetti dhaladhe waan ta’eef Afaan Oromoo hin beeku…” jedhu yaadadha. Osoo Oromoon nama san qofa ta’ee jiraatee, Oromoon lafarraa bade jechuudha; akkuma Hindoota Diimaa Ameerikaa durii dulloo kana. Jaarraa tokkoo oliif wanti habashoonni nurratti raawwataa jiranille kanuma. Diinummaa kana kan nutti fidee, tokkooffaa lafaafi qabeenna keenna. Yoo seeraan hin qabatin, qabeenni keeti diina sitti bita.

Hanga gadaan keenya qawwee Awuroppaatiin cabee asitti, baay’inni keenna diina nuuf bite malee takka nu hin fayyadne. Ormi baay’ina keenna kana akka sa’a boroochuu leencaa dhaga’ee dhaabbitti fincaan keessaa yaa’utti, habashoonni baay’ina Oromoo kana akkasitti ilaalanii nu fixaa turan; hardhalle ittuma jiran. Yoo nuu hin jabaanne ta’e, borulle ittuma fufan. Tigireen dhufaatiin isii duraan qabeennuma saamtee, “hanga waggaa 30 tti yoo saamne nu gahaati, sana booda of dandeennaa, dhagaan keennalle warshatti jijjiirama…” ilaalcha jedhan san amma hanga hamma keenya arganii jijjiiranii, eenyummaa keenna lafarraa balleessuun, higa bara baraatti nu bituuf akka karoorfatan, karoora maaster pilaanii isaan Oromiyaa iddoo adda addaatti ciciruuf baasaaniifi indaastiriifi kampaanota daldalaa isaan duraan Maqaleefi Tigraay qofa keessatti ijaaraa turanii, amma ammoo gara jidduu gala biyyaa keessaatti babal’ifachaa jiranirraa hubachuun ni danda’ama.

Gama biraatiin, filannoo woyyaaneen fakkeessite dhiheessitu kun dhugaa nutti fakkaatee, yoo uummanni girrisee ka’u, “dhugaa isinitti hin fakkaatin. Nuuti aangoo kana dhiigaan fidne waan ta’eef, dhiiga malee hin kenninu. Yoo dhiira taatan akka nuuti lollee dhiigaan arganne lolaa dhiigaan argadha…” jedhaa jiran. Maaliif jennaan, woyyaaneen nu’uun walii walii keenna walirratti ijaartee jirti. Loltuulle taanaan, kan miilaan lole fanjirraa ijjatee kaasee du’uufi, kan Tigireef jecha qoma yookiin laphee isaa rasaasaaf kennu irra jireessi loltuun Oromoodha. Yoo itti malachuu dabaanne, kan du’ulle Oromoo ta’a, kan ajjeesulle Oromoo ta’a…

Ana kan na gaddisiisu, waan isaan jedhaa jiran dhaga’anii, Oromoonni karaa opdo tiin Tigiree wajjiin hiriree, dhaaduma Woyyaaneen dhaadattu san uummata Oromootti gara galanii dhaadatan. Waan nama gaddisiisa garuu, Woyyaaneen dhaaba opdo kan mataa ofiitiifuu uumte ni sodaatti; opdo sodaatti osoo hin taane, maquma Oromoo jedhu san, duuba opdo tti sodaatti. Woyyaaneen, opdo daandii isaanitti muldhisee saamsisu malee, opdo mirga Oromootiif dubbatuufi, opdo aantummaa Oromoo qabu hin fedhanu. Woyyaaneen, opdo akkuma farda gaariitti itti fayyadamtee, gaafaa inni humna fixate of keessaa baastee darbiti. Yaa Opdo, iddoo olaanurra iddoo bulanutti caala, akkuma general Taaddasaa Birruu galgala keessan miidhakfadha.

Yaa Oromoo warri opdo taatan, Juuneeddii Saaddoo ammaa irraa baradha; seena Goobana Daacee yaadadha, akka inni itti du’e ammoo qoradha… Yaa opdo, woyyaaneen fixeensa qofaan si buufatti; akka kondomiitti dhibeen Oromoo akka isaan hin ajjeesneef isinitti gargaaramtee, booddee boolla kositti isin darbiti. Faayidaa isaan yeroof isinitti darbatan sani hin ilaalila. Asi irratti, waa yaadadhe. Duri haati tiyya yeroo harkuu elmattu beeka. Harkuu jechuun saanni dhalee yoo waatiin jalaa duute, haati sa’aa hanga saanni deebi’e korma argate dhalutti, aanaan hin dhabu jechuudhaan, waatii san qaltee foon keessaa baastee gogaa san marga goggogaa itti naquudhaan waatii fakkeessitee sa’a dura keetti.

Gogaan jabbii haraan yookiin margi itti seekkame naqame sun tolee jedhama. Saanni harkuu elmamu sun, akka tolee waatii fakkaatuu san hin shakkineef, tolee san boolee (amoolee), ashaboo ykn soogidaa irratti firfirsan. Toleen jabbii sun, tokkeessoo waatii fakkaatti. Lammeessoo, saanni amoolee tolee waatii fakkaattu iirraa arraabaa jira. Sadeessoo, haati sa’aa aannan elmachaa jirti. Garuu haqiifi dhugaan jirtu, saannille yeroodhaafi waan arraabu saniin gowwoomeera; toleen sun dhala taateef sanyii sa’aaf hin dabarsituuf. Bifuma walfakkaatuu, yaa opdo, woyyaaneen karaa keessaniin faayidaan isiin Oromoof buustu tokko natti hin mul’atu. Faayidaa adda addaa kan yeroo qofa isiniin dura qabuun, isinuma mataa keessanu nama cimina qabu, akka horii tokko tokkoon isin qalti; gaafa isin sodaatteefi gaafa sin shakkitu. Namoonni hedduun ammoo, faayidaa yeroo san jibbeeti miti, kan woyyaanee irraa baqatee falmuun; hidhamuun, ajjeefaamuufi kan biyyaa baqataniif; jarri kun hegeree boruu tan Oromootiif farra waan ta’aniif, hardha irra dhaabachuun balaa boru sabarratti raawwatamaa jiruufi aggaamamee jiru waan arganiif.

Yaa opdo, gaarii mana ormaarraa godoo (gosee) mana ofii wayya. Tolaa nama ormaarraa hamaa nama ofii wayya. Bareedduu haadha ormaarraa fokkiftuu haadha ofii wayya. Yaa Oromoo, kana booda kan nu baasu, Oromoon kamiiyyuu wal-balaaleffatuu osoo hin taane, wal-gorfachuun wal-jajjabeeffatee, kan dogongorelle tiirsinee badii amma duraa caalaa hin balleessineef, gorsinee ofitti qabachuun humna waliif ta’uu qabna. Nuutinu yoo teenyee wal-madeessinu taane, ormi ammoo naqarsa ta’e, madaa keenna keessa bu’ee dhukkuba nutti ta’uun yoo inni nu ajjeesu hin argannu. Kana booda, maqaa Oromummaafi dantaa Oromiyaa qofaan waliin ka’utti nurra jiraata.

Filannoo soballe argine, nama afaan qawweetiin namatti haasawu, afaan qubaatiin itti haasawanii hin danda’anu. Yaa Oromoo, mana barumsa qawwee galuun barbaachisaadha. Namni mana barumsa qawwee galee, afaan qawweetiin nu doorsisuufi nu gurguratti jiru, kan nurraa dhaabatu yoo nuuti ilmaan keenna mana barumsa qawwee galfanne qofaadha. Kan iyyannoofi xalayaan keenna nurraa fudhatamee dubbifamuun rakkinni keenna furmaata hataattamaa argatu, afaan hojii saniin xalayaa yoo barreessine qofaadha. San malee, yeroo gubuufi qabeenya qisaasuu ta’a; akkasuma, “ana nyaataa cal’isi…” mammaaksa gowwaa mammaakuun osoo arginuu dhaabbitti nyaatamuudha.

Afaan hojii Woyyaanee, afaan qawweeti. Kanaafu dhimmi keenna akka nuuf raawwatamu yoo barbaanne, dirqama afaan qawwee barree, afaan qawweetiin itti haasawuufi xalayaa itti barreessuu qabna. Nama afaan qawwee malee, afaan Abbaa Gadaa hin beekne, afaan Oromootiin itti haasawuun hin taatu, afaan qawwee male. Faranjiille ‘simaabaloo’f woyyaaneetti ergannaalle, woyyaaneen afaan qawwee malee afaan ‘simaabaloo’ faranjiille hin beeknu jette. Kanaafuu, xabaqaa afaan qawwee beekulle, itti bituudhaan guddaafi xiqqaan keennalle jalaafi irraan afaan qawwee barsiisuudhaan dhimmi keenna hataattamaan akka nuuf raawwatamuuf afaan qawweetiin, namoota afaan qawweetiin hojii hojjatutti wacuu qabna; sani malee wayyaaneen afaan Oromoo hin beektu hin dhageettulle, dhage’uufille ta’ee barachuuf fedha hin qabdu…

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *