Leelloo Sabaa irraa
Qabsoon bilisummaa Oromiyaa, Adda Bilisummaa Oromootiin(ABO) hoogganamu, sa’a irraa sa’atti, guyyaa irraa guyyaatti, ji’a irraa ji’atti, akkasumas, waggaa irraa waggaatti, gabbataa, cimaa fi babal’achaa deemee ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa qabsoof hiriirsee yeroo kamuu calaatti amma, finiinee shaffeessaan gara galma bilisummaatti fiigaa jira.Egereen, hawwiin, abdii fi akeeki ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa, yeroo kamuu caalaa amma, ifee mul’atee abdachiisaa ta’ee jira. Hawwiin, abdiin, akeekii fi fedhiin ummatni Oromoo fi ummattooti cunqurfamoon hundi mootummaa bilisa kan mataa isaanii dhaabbachuuf baroota dheeraaf wareegama qaqqaalii itti baasan, shakkii tokko malee bakka gahuuf akka deemu yeroo kamuu caalaatti amma ifatti beekameera. Bilisummaan ummattoota kanaa, “yoo osoo hin taane, yoom” kan jedhutti tarkaanfatee jira.Walumaagalatti, qabsoo ummatni Oromoo fi ummattootni cunqurfamoon baroota dheeraaf osoo wal irraa kutini fi hin nuffin geggeessaa jiran, yeroo kamuu caalaatti amma, bilisummaa dhaluuf dorrobee jira.
Sadarkaa duraan argamee fi dhagahamee hin beeknetti, qabsoon ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa, yeroo ammaa kana, humna siyaasaa fi waraanaa cimaa ta’ee guyyaa ummattooti kun :bilisummaa, dimookraasii, nagaa, badhaadhina fi gammachuu itti argatan shaffeessaan gabaabsaa jira. Haa ta’u malee gama birootiin, mootummaa Wayyaanee/Ixoophiyaa, dhaaboti siyaasaa Amaraa biyya keessaa fi ala jiran, dhaabota Oromoo ergamtuu Amahaaraa ta’an (OPDO Amahaaraa) fi mootummooti Ameerikaa fi Awurooppaa, ummattoota kana: lafa isaa irraa buqiisanii saamaa ,ergachaa, hojjisiifachaa, dafqaa fi humna isaatiin duroomaa fi gabaatti baasanii gurgurachaa turan, sochii ummatni Oromoo fi ummattooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa shaffeessaan gara bilisummaatti gegeessaa jiran duratti gufuu darabuun karaa irraa maqsanii umurii aangoo mootummaa bulguu fi nama nyaataa Ixoophiyaa/wayyaanee/Habashaa, ummattoota cunqurfamoo kana irratti dheeressuuf shiroota haaraa fi kaardii dullacha awwaala keessaa baasanii dhimma itti bahuuf ogguu isaan dhidhiitatan arguutti jirra.
SHIRA 1ffaa:
Shirri 1ffaan, akka waan ABO caalaatti ummata Oromoof yaadanii fi qabsaawanii of fakeessanii:Adda Bilisummaa Oromoo, hooggana, imaammataa, murtii isaa fi sochii qeerroo irratti olola oofuu dha.Sochii bilisummaa Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo impaayera Ixoophiyaa hudhee kokkee isaa qabee jiru keessattuu kan hoogganu Adda Bilisummaa Oromoo ta’uu amanuudhaan, hunda caalaa, qabeenyaa jiru irratti dhangalaasuun, ABO irratti duula olola maqa- baleessii oofuu tarkaanfii duraa fi isa hangafaa taasifatuuf mootummaan Ixoophiyaa karoora baafateera. Duula olola dharaa :ABO, akeeka, hooggana, imammata fi murtii isaa irratti oofuuf ammoo ofii akka tigree fi akka mootummaa wayyaaneetti yoo oofan ummatni Oromoo akka irraa hin fudhatne waan beekaniif, Oromoota miseensa fi hooggana ABO turan garuu, akeeka fi heera dhiiga jaallaniitiin barreeffame irra sababa ejjetaniif seeratti dhiyaachuu baqatanii dhaabaa ala waan of godhaniif: ABO, hooggana fi seera isaaf jibbansa guddaa qaban, akkasumas, “ani duunaan coqorsi hin biqilin” jedhan waa’ila godhachuuf lafa qotee bulaan Oromoo irraa buqqisee gurgurachuun maallaqa kuufate dhangalaasuun bitatee ABO irratti bobbaafachuuf qophaahaa jira.Isaan kun hedduun isaanii, Oromoota biyya alaa maadheeffatan keessaa oggaa ta’u: teessumaa yaamuun, media irratti bahuun, website irratti barreessuun, raadiyoo dhuunfaa banatuu fi kan banatanii jiran dhimma bahuun, ABO, qeerroo, fi qabsoo ummata bal’aa Oromoo irratti olola oofuuf deemu. Olola kanaanis, ummata Oromoo: burjaajessuu, afaan fajjeessuu, hamilee inni ammaan tana haga funyaaniitti qabu cabsuu, akkasumas, ABO fi ummata Oromoo gidduutti garaagarummaa uumanii dhaabicha laaffisuun umurii mootummaa wayyaanee gateettii fi dugda ummata Oromoo irratti dheeressuu dha.
SHIRA 2ffaa:
Tigrooti, G-7 fi Arbenyoochi yeroo kamuu caalaa amma dhoksaan walitti dhufanii marihachuutti jiru. Akeeki walabummaa Oromiyaa ABO’n durfamu akka bakka gahuuf deemu yeroo kamuu caalaa amma mirkanaawaa waan jiruuf, kun yoo ta’e, Ixoophiyaan Tigree fi Amaarri aangoof irratti wal dorgamu jiraachuu hin danda’u. Waan kana ta’eef, Tigrooti fi dhaaboti Amaahaaraa, G-7 fi Arbenyoochi jedhaman, dursa, Ixoophiyaa jiraachisuuf, qabsoo bilisummaa Oromiyaa irratti waliin qabsaawuu akka qaban dhoksaatti dubbatanii akkaataa itti waloon Oromo irratti duulan irratti waliigalanii jiru. Amina shaffisaa, ummatni Oromoo ittiin gara walabummaa Oromiyaatti fiigaa jiru kana dhaabuuf akka Tigree fi Amahaaraatti kallaattiin hojjechuu waan hin daneenyeef, quunnamtii G-7 fi Arbenyoochi, Oromoota tokkummaa Ixoophiyaatti amananii fi ABOtti gufuu ta’uu danda’an waliin qabu dhimma bahhun G-7 fi Arbenyoochi keessaan maallaqaan bitanii : teessuma ummataa yaamuun, barruun, media fi kkf dhimma bahanii: ABO, akeeka walabummaa Oromiyaa inni bakkaan gahuuf qabsaawu, imaammata, murtii fi jaarmaa qeerroo irratti olola diiggaa oofuun ABO fi ummata Oromoo gidduutti garaagarummaa uumuu, hamilee ummata Oromoo cabsuu fi dandeettiin Oromoo, tokkummaan mootummaa wayyaanee irratti akka hin qiyyaafatne godhuun umurii aangoo Ixoophiyaa/wayyaanee/Habashaa gateettii fi dugda Oromoo irratti dheeressuu dha. ABO fi ummatni Oromoo, wayyaanee dhiisee wal loluu irratti akka qiyyaafatu godhuu dha. G-7, ESAT TV irratti sagantaa Afaan Oromoo kan eegaleef, akeeka kana bakkaan gahuuf ta’ee, Oromoota bilisummaa Oromiyaatti waan hin amanneef ABO irraa jibbansa hamaa qaban walitti qabachuutti jira. Isaan kun, yeroo adda addaatti, ESAT TV irratti bahanii : ABO, akeeka isaa, qabsoo walabummaa Oromiyaa kan ummata bal’aa Oromoon haamatame fi sochii qeerroo xiqqeessuu ykn ammo akka abbaa itti ta’anitti ololachuuf deemu. Isaan kun, OPDO Amaharaa ti.
SHIRA 3ffaa.
Shirri 3ffaan ammoo, shira mootummaan wayyaanee/Ixoophiyaa, Ameerikaa fi Awurooppaa waloon ABO, qabsoo walabummaa Oromiyaa fi sochii qeerroo irratti hojjetuuf karoorfatanii jiranii dha. imaammata bara qirchannaa ardii Afriikaa Oromoo irratti baafatan sana haga ammaa hordofaa akka jirani fi jibbansa hamaa kan shanyummaa irratti hundaawe Oromoof akka qaban, dhummaati ummata Oromoo irra gahe irratti yaada isaan kennatan caalaa raga biroon hin jiru. Biyyoota adda addaatti nammi tokko yoo ajjeefame sadarkaa mootummaatti kan balaaleffatamu ogguu ta’u, Ameerikaa fi Awurooppaa biratti, garuu, lubbuun Oromoo, hanga lubbuu tisiisaa illee akka hin geenye,akkasumas, dantaa wayyaanee/Ixoophiyaa/habashaa fi kan isaanii tikfachuu malee, Oromoon yoo miliyoonaan dhume dhimma isaanii akka hin taane ibsa “haasaaabbaa fi ilmaa fakkaatu” isaan baasan irraa hubatuun ni danda’ama. Bara Minilik Oromoo miliyoona 5 fixe, callisanii ilaaluu qofaa osoo hin taane, gorsaa akka turan sanitti, ibsi isaan baasan, Oromoon maaliif ajjeeffamaa osoo hin taane, ajjeechaa Wayyaaneen geggeessaa jirtu saaxilamuun irra hin turre kan jedhu fakkaata. Ajjeechaan kun, Oromoo irratti osoo raawwataa jiruu, dhiigi daa’imman Oromoo karaa irraa osoo hin qoorin fi haati daa’iman Oromoo, rasaasa Ameerikaa fi Awurooppaa irraa Wayyaanee/Ixoophiyaaf fe’ameen dhumanii, gadda osoo hin xumuratin, mootummaa nama nyaataa wayyaaneef haaratti gargaarsa maallaqaa doolara miliyoonaan lakkaawamu akka kennaniif labsan. Ameerikaa fi Awurooppaan, leenjistoota farra riphee lolaa mootummaa Ixoophiyaaf/wayyaaneef erguun, akkaataa itti mootummaan Ixoophiyaa qabsoo bilisummaa Oromiyaa cabsu irratti leenjii haarawaa kennaafii jiru. Mootummaan Wayyaanee/Ixoophiyaa, fira isaanii waan ta’eef: ajjeechaa, hidhaa, dhiitamma mirga dhala namaa fi saamicha mootummaan kun geggeessaa jiru, dantaa Ameerikaa fi Awurooppaa kan tiksu akka ta’etti fudhatnii jiru. Kun osoo: Chaayinaa, Raashiyaa, Eritrea, Zimbaabuwee, Burundii, Sooriyaa, Kooriyaa Kaabaa ta’ee akkasitti bira hin darban turan.
Diigamuu Impaayera Ixoophiyaa, kan ummattooti cunqurfamoon: ajjeechaa, hidhaa, saamicha, dhiitama mirga dhala namaa, hiyyummaa, beela, daara, dhukkuba, salphinaa fi tuffatamuu irraa ittiin boqotuuf deemaniif yaadda’uu malee, du’a ummata Oormootiif gaddaa fi yaaddoo cimaa Ameerikaa fi Awurooppaa irraa hin dhageenye. Kun hundi, saba Oromoo jedhamuuf jibbansa hamaa akka isaan qaban kan garsiisuu dha. Kana qofa osoo hin taane, Oromoota hannisaan keessaa badde, rakkoo garaa isaanii malee rakkoon ummata Oromoo itti hin dhagahamne, akkasumas, saba isaanii ganuun, haadha fi abbaa isaanii ille ganan walitti qabanii ijaaruun maqaa jarmaa siyaasaa kennaniif, ABO dura dhaabuun irree Oromoo laameshuuf tattaaffiin isaan godhaa turan qabsoo bilisummaa Oromiyaa akeeka isaa irraa dhaabuu waan dadhabeefi, mootummooti Ameerikaa fi Awurooppaa, dhaaba haaraa, ABO fi qabsoo walabummaa Oromiyaa gufachiisuuf caalaatti ni hojjeta jedhanii yaadan maallaqa ramaduufiin ijaaruuf namoota leenjifatanii fi media bananiifii qopheeffatanii jiran. Isaan kun, yeroo gabaabaa booda, biyya alaa taa’anii dhaaba ijaarratuun lola faranjooti akka banamu barbaadan, faranjoota bakka bu’anii ABO iratti labsuuf deemu. Isaan kun, saroota dallaa faranjii dura dhaabbatanii: ABO, qabsoo bilisummaa Oromiyaa fi sochii qeerrootti dutanii, ciniinuu waan hin dandeenyeef, dha. Sarooti kun, eergaa faranjoota irraa fudhataniin, ABO fi sochii qeerroo irratti duuluun dhaaba maxxannee Ameerikaa fi Awurooppaa ta’anii, lafa qotee bulaan Oromoo irraa buqqifame irratti investment goggeeffataa jiran akka tiksaniif barbaadu.
SHIRA 4ffaa.
Qabsoon walabummaa Oromiyaa ABO’n geggeeffamu, daangaa/gidaara: gosaa, naannoo, amantii fi gitaa mootummaan Ixoophiyaa/Wayyaanee Oromoo gidduutti sararuuf/ijaaruuf gannoota dheeraaf hojjete caccabsee, ummata Oromoo biyya keessaa fi ala jiraatu hunda walitti dhangalaasuun :sagalee tokkoon, dhaadannoo tokkoon,dhaaba tokko jalatti, akeeka tokkoof, ummatni Oromoo golee Oromiyaa mara keessa jiru tokkummaan akka ka’u godheera. Kun, jaarraa 16ffaa asitti, injifatnoo yeroo jalqabaaf argamee dha. Kun ta’uun isaa, Oromoo gargaar qooduun bargaanfatee aangoo irra turuuf kan mootummaan Wayyaanee/Ixoophiyaa karoorfate objuu qofatti kan hambise waan ta’eef , tooftaa dulloomaa ummatni Oromoo harkatti tufe haaromsee dhimma itti bahuuf yaaluunis mul’ataa jira. Kunis, qabsoo bilisummaa fi haqaa ummatni Oromoo irree tokkichaan geggeessaa jiru kana fudhatama dhabsiisuu fi gargar qooduuf jecha, qabsoo amantii Isilaamaa akka ta’etti dhiyeessuuf yaaluu dha. Ummati Oromoo,“biyyi kan waloo, amantiin ammoo kan dhuunfaa” akka ta’e, akkasumas,maddi salphinaa fi tuffatamuu Oromoo, gabrummaa Ixoophiyaa/wayyaanee jalatti kufuu qofa akka ta’uu akka gaariitti waan amanuuf, daangaa amantii hunda caccabsee, tokkummaan gara galma walabummaa Oromiyaatti fiigaa jira. Addi Bilisummaa Oromoo, amantii hunda walqixa kabaja’ mirga Oromoon hundi waan fedhetti amanuuf qabu wabii ta’eefi tiksa. Akeeki Adda Bilisummaa Oromoo, mootummaa walaba Oromiyaa, amantii kamiifuu hin baabsine gadi dhaabuu dha.
Walumaagalatti, yeroo ammaa, yeroo qabsoon ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa, mootummaa walaba kan saboota dhaluuf dorrobee jiru kanatti, bifa armaan oliitiin mootummaan wayyaanee waraabessa afur armaan olii dhimma bahuun dorroba sana gatachiisuuf karoorfatee hojjechuutti jira. Ummatni Oromoo fi ummattootni cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa, mootummaa walaba kan mataa isaaniitti heerumuuf kaadhimamanii ogguu jiran kanatti, shiroota armaan olii afraniin, mootummaan Wayyaanee/Ixoophiyaa, ummattoota cunqurfamoo walabummaatti heerumuuf kaadhimamanii jiran kana butee gudeeduun Ixoophummaa irraa dhalchuuf socho’aa jira. Taankii fi xiyyaarri, akkasumas, waraanni kummi hedduun mootummaan wayyaanee ijaarrate fi hidhachifamee saboota kana irratti bobbaafame, ABO fi akeeka walabummaa Oromiyaa galii isaa irraa dhowwuu akka hin dandeenye, shirooti kunis akeeka kana galma isaa irra dhowwuu hin danda’an. Haa ta’u malee, ummatni Oromoo fi ummattooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa hundi, shiroota afran, diinni, qabsoo isaa, walabummaa dhaluuf dorrobee jiru ittiin gatachiisuuf karoorfatee jiru kana dursee beekee, balaa isaan qabsoo isaa irraan gahuu danda’an dammaqiinsaa fi gootummaan dura dhaabbatee fashalsiisuuf qophaahuu qaba. Qabsoon ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa, ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaaf: bilisummaa, nagaa, badhaadhinaa fi gammachuu dhaluuf dorrobee oggaa jiru kanatti, dorrobi kun akka gatatuuf shiroota bifa armaan oliitiin mootummaan wayyaanee/Ixoophiyaa hojjetu, dammaqiinsaan hordofee, caccabsee fi lafatti dhidhiitee irra tarkaanfachuun, fiigicha gara bilisummaatti godhaa jiru itti fufee, madda shiroota kanaa kan ta’e, mootummaa Ixoophiyaa/Wayyaanee bakkaa buqqisee, mootummaa walaba kan mataa isaa daddaffiin labsachuu qaba.
Injifatnoo Ummata Cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa hundaaf !
Oroomiyaan ni bilisoomti !