Review Overview
Gabrummaa fi cunqursaa dabalatee rakkinaa fi gidiraa dhala namaa irra gahaa turee fi jiru hundaaf sababootaa fi maddeen gurguddoo tahan keessaa tokko ofittummaa dhala namaa kan daangaa hin qabnee dha. Osoo ofittummaa dhala namaa isa daangaa hin qabne kana dhabamsiisuun danda’amee, addunyaan dhala namaa hundumaaf iddoo jireenya jannataa fi qananii tahuu ni dandeessi. Waa’een kanaa hedduu bal’aa fi gadi fagoo, kan kitaabban hedduun irraa barreeffamuu danda’an waan taheef, isa hanganumatti dhaabee gara yaada ijoo barreeffama kiyyaatti dabruun filadha. Ummatni keenya (Oromoon) humna Habashootaa kan gargaarsa Warra Adii (Warra Baar-gamaa) argateen mohatamee gabrummaa jalatti kufuun seenaa gaddisiisaa tahu illee, seenaan gaddisiisaan akkasii baasa addaa kan Oromoo qofa mudate miti. Ummatootni Addunyaa kanaa irra hedduun isaanii jaarraa hedduudhaaf alagaadhaan gabroomfamanii akka turan seenaan ragaa baha waan taheef. Haa tahu malee yeroo ammaa Impaayera Itoophiyaa irraa kan hafe addunyaa bakkoota kaan hundatti waa’een gabrummaa/colony seenaa tahee dabree jira. (waa’ee gabrummaa harka wayyaa jalaan ykn. Indirect Colonial System yoo dubbanne malee jechuu dha.) Impaayerummaan Itoophiyaas qabsoo diddaa gabrummaa ummatoota gabroomfaman (keessattuu Oromoo) irraa isa mudateen akka maleetti madaawee jal-bultii dhabamuu/awwaalamuu isaa irra gahee akka jiru dhugaa dirreetti mul’atuu dha. Bilisummaa, Nagayaa fi Mirgoota Dimokiraasii Oromoo fi ummatoota Impaayera Itoophiyaa keessatti hidhamanii jiran hundumaa gonfachiisuuf guutummaatti dhabamsiifamuun sirna Impaayera Itoophiyaa fala tokkicha filmaata biraa hin qabnee dha. Waan taheef dhabamsiifamuun Impaayerummaa Itoophiyaa sabaa fi sab-lammoota achi keessa jiraataniif gammachuu guddaa fi abdii hegeree jireenya isaanii ti. Nam-tokkee fi murnoota dhukkuba ofittummaa dhala namaa kan daangaa hin qabne olitti jennu kanaan dhibamanii rakkataniif garuu, waa’een dhabamsiifamuu sirna Impaayerummaa kun hedduu rifaasisaa, yaaddessaa fi gaddisiisaa qofa osoo hin taane akka waan Jireenyi Addunyaa kanaa dhumachuuf deemuutti fakkaatee itti mul’ata. Waan taheef waa’ee qabsoo bilisummaa Sabootaa (keessattuu waa’ee QBO fi Oromummaa) arguu fi dhagahuun eebicha daran itti hadhaawa. Akeekni barreeffama gabaabduu tanaa nam-tokkeewwan akkasii keessaa tokkoo lama maqaa dhawuudhaan eenyummaa isaanii namuu hubatee sochii fi gochaa diigaa isaanii akka jala bu’ee hordofu akeekuu dha. Namootni barreeffamoota dhimma QBO ilaalchisuun marsaalee interneetii adda addaa irratti mamaxxanfaman hordoftanii dubbistan akkuma quba qabdan, dhihoo kana namni maqaan isaa Dr. ‘Fiqiree’/Fiqiruu Tolossa jedhamu dhimma ODF wajjin wal qabsiisee Dr.Bayaan Asoobaatiif xalayaa tokko barreessuu isaa ni yaadattu. Barreeffama nama sanaa akkan dubbisee hubachuuf yaaletti qabiyyeen isii tan akkaataa itti of ajjeesan ODF gorsitu dha. “Akkan beekuttin of ajjeesa jette jaartiin haada miilatti dhawattee jalalii garbuutti of hiitee.” Isa jedhan tokko dhageessanii jirtuu laata? Baatiilee muraasa dura dhaabni maqaa ODF jedhuun ijaarame bu’uuressitoota isaa keessaa hangi xiqqoon tokko namootuma bu’uuressitoota ABO turan tahuu fi kaayyoo ABO duraan ittiin masakamaa turres dhiisnee/lagannee jirra jechuun isaanii yeroo dhagahame mooraan humnoota Habashaa kanneen Impaayerummaa Itoophiyaa tiksuuf carraaqanii gammachuudhaan guutame. Tarkaanfiin hoogganoota QBO duraanii keessaa gariin isaanii ODF dhaabuudhaan fudhatan kun hiikaan isaa haada mormatti dhawatanii of fannisuu/ajjeesuu dha jedhanii waan hubataniif gammadan. Maaltu itti aana? (maaliin gadi bahan?) jedhanii oggaa hordofan garuu, jarri maqaa dhaabaa haaraa baafachuu malee Qubee, Alaabaa, Oromiyaa, Jecha Itoophiyaan Impaayera jedhu……kkf. amma iyyuu gadi hin lakkisne jechuu hubatan. Yeroo kana isaan keessaa tokko (‘Fiqiree’/Fiqiruu Tolossa) aaree “Duuba of ajjeesuun yoom akkanatti taate? Kuni hoo mammaksuma jaartii isa “Akkan beekuttin of ajjeesa.” Jedhu sana fakkaattee.” Jedhee lafaa ka’e. “…..Waan akka Qubee, Alaabaa, Oromiyaa….fi kkf sun gaarii mitii sana sana of irraa dhiisaa, of ajjeesuun akkasitti dafee dhugooma waan taheef…” jedhee Dr.Bayaaniif (maqaa kiristinnaa Bayyanaa Suubaa jedhu waliin) barreessee ergeef. “Daandii hantuutni baaste irra bofti mana namatti seena.” moo maal? Akka jedhamu (Mammaaksa kana dagadheeraa yoon dogoggore warri beektan na qajeelchaa) xalayaan Dr.Fiqiruu kan akkaataa of ajjeechaa ODF gorsu kun, hundeeffamuu ODF sababsatee Dr.Bayaaniin riqicha godhatee haa dhufu malee, kan inni ajjeesuuf irratti xiyyeeffatu Oromummaa fi QBO tahuun isaa sab-boontota Oromoo jalaa waan dhokachuu danda’u waan hin taaneef sab-boontota ilmaan Oromoo bakka adda addaa jiran irraa dheekkamsaan qolatame. Yaadota bifa kanaan sab-boontota Oromoo irraa darbataman keessaa tokko kan namni maqaa isaa Y.Jamaal (B.B) jedhamu Amaarinyaadhaan barreessee dha. Xalayaan Y.Jamaal (B.B) kun ammoo namoota Habashaa kan Dr.Fiqiruu Tolossa waliin ejjennoo fi ilaalchaan wal fakkaatan hedduu aarsitee jibbaa fi hammeenya garaadhaa nuuf qaban akka bulgaafataniif gumaachite. Kanneen akkanatti jibbaa fi hammeenya garaadhaa nuuf (Oromoof) qaban bulgaafatan keessaa tokko nama Geetaachoo Raddaa jedhamu dha.
Barreeffama Geetaachoo Raddaa kan barreeffama kiyya kanaaf ka’umsa tahe guutuu isaa xumura barreeffama kiyyaa kana jalatti kaa’ee waanin jiruuf dubbisuu dandeessu. Sana dura garuu, yaadaa/ilaalchaa fi ejjennoo namni kun QBO fi walumaagala dhimma Oromummaa irratti qabu kan barreeffama isaa kana keessaan ifatti mul’atu ilaalchisee waan natti dhagahamu xiqqoo jechuun fedha.
Namni kun (Geetaachoo Raddaa) akka barreeffama isaa armaan gadii kanaa fi kanneen biroo inni amma duras yeroo adda addaatti barreessu irraa hubatamutti waa’een sab-boonummaa Oromummaa fi QBO nama kamuu caalaa isa waan yaaddessee fi hirriba dhorke fakkaata. Dhugaa kana caalaatti hubachuuf barreeffama isaa armaan gadii kana qofa osoo hin taane waan namni kun yeroo adda addaatti barreessaa turee fi jiru warri quba hin qabne hanga isiniif danda’ame barbaaddanii (‘search’ gootanii) akka dubbistan gadi jabeesseen isin gaafadha.
Leellistootni sirna Impaayerummaa Itoophiyaa hedduun Oromummaa fi QBO irraa yaaddoo fi sodaan qaban maali? Gaaffii jettuuf namootni hedduun “Ejjennoo ABO isa Walabummaa Oromiyaa ykn. ‘Oromian Independence’ gaafatu sana qofa waan jibbaniifi.” Jedhu. Waan namtichi kunii fi fakkaattotni isaa hangi tokko yeroo adda addaatti barreessan irraa akka hubatamutti garuu, wanti jarri mormuu fi dura dhaabbatu guutummaadhuma jireenya Sabummaa Oromoo (Oromummaa) dha malee ilaalcha siyaasaa (ideology) waliin hidhata hin qabu. Fakkeenyaaf Dhaabotni Siyaasaa Oromoo biyya keessatti Heera Wayyaanee jalatti gurmaawanii sosso’an kanneen akka OFDM fi ONC (yeroo ammaa OFC tahanii jiru) gaaffii walabummaa/’independence’ Oromiyaa kaasanii hin beekan. Jibbiinsi hadhaawaan namni Geetaachoo Raddaa jedhamu kunii fi fakkaattonni isaa jara sanaafis qaban garuu kan ABOf qaban irraa homa takka adda addummaa hin qabu. Osoo mormiin jiru ilaalcha siyaasaa irratti hundaawa tahee silaa Dhaabotni siyaasaa Oromoo kan Kaayyoo fi Galii siyaasaa gara garaa qaban hundi bifa tokkichaan akkamitti mormamu?
Itoophiyaan Impaayera (Mana hidhaa Sabootaa ti). Saboota achi keessatti gabroomfamanii/hidhamanii jiran keessaa tokko Oromoo dha. Kanaaf nuti (Oromoon) akka Sabaatti sirna Impaayerummaa kana jalaa of walaboomsinee mirga Sabummaa keenyaa guutuu gonfachuu feena jedhee Oromoon of ijaaree falmachuun yoo cubbuu dha jedhamee mormame,
Lakkii Itoophiyaan Impaayera mitii, Nuti hundi walumaanuu Itoophiyaanota, Garuu akkuma lammiiwwan Itoophiyaa hundaa nuti Oromoonis tokkummaa Itoophiyummaa jalatti sabummaa keenyaan of gurmeessinee mirga polotikaa keenyaaf falmachuu feena jedhanii Oromummaadhaan ijaaramuunis yoo sanumaan qixa cubbuutti fudhatamee mormame,
Nam-tokkees tahe murni filmaata armaan olii lachuu Oromoof hin quudhineef Oromoon maal akka tahu barbaada??? Nam-tokkeewwan ejjennoo akkasii qaban, kan Oromoodhaan “Nu waliin jiraattees nuun qixa mirga polotikaa gaafachuu hin dandeessu, Nu irraa bilisoomuus hin dandeessu…” jechaa jiran keessaa tokko nama kana (Geetaachoo Raddaa) ti. Kun yaadaa fi ilaalcha maal irraa maddu? Wallaalummaa?, Of-tuulummaa?, Ofittummaa?, Maraattummaa?? Wanti namni kunii fi fakkaattotni isaa qaanii tokko malee ifatti dubbachaa jiran “Oromoon Oromummaadhaan ijaaramuu hin qabu.” ejjennoo jedhuu dha. Polotikaas tahe dhimma kamiifuu Oromoon eenyummaa Sabummaa ofii irratti hundaawee gurmaawuun jarreen akkanaa biratti akka cubbuu ol’aanaatti fudhatamaa jira. Garuu maaliifi ? Oromoon akka sabaatti ijaaramee aangoo polotikaa sadarkaa sabummaa isaatti isaaf malu yoo gonfate kuni rakkina maalii fida jettanii dura dhaabbattu? Jedhamanii yoo gaafataman deebisaan amansiisaan isaan kennuu danda’an jiraa? Dhukkuba ofittummaa dhala namaa daangaa hin qabne jennuun dhibamanii “Ana Malee!” jechuu irraa yoo tahe malee sababaan amansiisaan isaan ejjennoo isaanii kanaaf dhiheessuu danda’n gonkuma hin jiru.
Qabsoon nuti gaggeessaa jirru (QBO) hundeen isaa bilisummaa ummata keenyaa (Oromoo) haa tahu malee gaafa galma isaa gahu itti bahi (result) xumura isaatii ummatoota ollaa Oromoo jiraatan hundumaaf bilisummaa, nagayaa fi dimokiraasii argamsiisuu keessatti qooda ol’aanaa qabaata jedhamee amanama. Hawwiin keenyas ofii keenyaa fi ummatoota ollaa keenyaa qofa osoo hin taane dhalli namaa hundumtuu bilisummaa fi nagaya keessa akka jiraatuu dha. Ummatoota hegeree gaarii akkasii hawwinuuf keessaa tokko ummata Amaaraa ti. Gitni bittuu Habashaa kan jalqaba sirna Impaayerummaa Itoophiyaa gadi dhaabe gita bittuu ummata Amaaraa kana keessaa bahe yoo tahe illee, Qabsoon Bilisummaa Oromoo fi ABOn, Bilisummaa fi nagaya, akkasumas, jireenya sabummaa Oromoof gufuu fi yaaddoo kan tahe sirna Impaayerummaa Itoophiyaa dhabamsiisuu irratti qiyyaafachuu malee, takkaa ummata Amaaraas tahe ummata kamiinuu jimlaatti diinomsatee ykn. akka ummata koloneeffataatti ilaalee fi ramadee hin beeku.
Namni kun (Geetaachoo Raddaa) garuu ABO fi QBO qofa osoo hin taane walumaa gala Oromoonii fi Oromummaan akka waan diina ummata Amaaraa tahaniitti dhiheessuuf yaala. Ofii isaa ammoo akka waan Ummata Amaaraaf waardiyyaa dhaabbateetti of dhiheessuu yaala. Har’a ummatni Amaaraa fi Oromoon ummatoota ollaa walii fi wal keessas qubatanii jiraachaa jiranii dha. Hariiroon ummatoota kana lamaanii inni dabre tolaa fi hamaan isaas seenaa dha. Isa tolaa isaatti dhimma bahanii isa hamaa godaannisa isaa dhinsuudhaan ummatootni kun bilisummaa, nagayaa, kabajaa, jaalalaa fi wal-qixxummaadhaan yoo tole/danda’ame waliin yookaan ollummaa gaariidhaan akka jiraatan taasisuun seenaa dhalootni har’a jiru dalaguu qabu dha. Nam-tokkees tahe jaarmayaan ykn. murni kamuu ummata isa tokkoof waan dhimmamu of fakkeessaa kan ummata isa kaanii garuu mirga qofa osoo hin taane jireenya isaa iyyuu kan haalu yoo tahe namni, jaarmayaan ykn. murni sun diina/farra ummatoota lamaanii qofa osoo hin taane bilisummaa ummatootaa fi nagaya naannawa kanaa hundaaf inni farra/gufuu dha.
Jireenya Oromummaa haaluu fi xiqqeessuuf ‘formula’n Geetaachoo Raddaa itti gargaarame hedduu nama kofalchiisa. QBO hangam akka isa yaaddessee fi gara maraachuutti isa oofaa jirus namatti agarsiisa. Akka cuunfaa ‘Formula’ isaatti Oromoon kan lakkoofsi isaa akkana baay’ateef ummatoota biroo lolaa fi haala adda addaan ofitti dabalee Oromeessee Afaanii fi aadaa isaa barsiiseeti. Dhiirti Oromoo tokkichi niitii hedduu (kan lakkoofsa hin qabne) fuudhuudhaan, ilmaan hedduu (dhibbafaa) garayyuu walitti haree guddifachuudhaani. Haalli kun yeroo dheerina keessa warra dhiiga Oromoo qulqulluu qaban xiqqeessaa deema. Kanaaf har’aan tana ummata Oromoo jedhamee Afaan Oromoo haasawu keessaa osoo lakkaawamee Oromoon qulqulluun 1-5% irraa gadi taha.
Lakkoofsa keenya kan Geetaachoon nuuf tilmaame kana baay’ina lakkoofsa Oromoo kan yeroo ammaa 40,000,000 ol taha jedhamuun oggaa herregnu 400,000 – 2,000,000 jechuu dha. Hangumti kun jiraachuu keenya amanee nuuf quudhuu isaatiifuu haa galatoomu akka hin jenneef ammoo afaanuma kana jedheen itti fufee akkas jedha: “…I would be surprised if there is any Ethiopian oromo who claims 100 % pure oromo ethnicity,….” Hiikaan isaa: “Yeroo ammaan tanaa Itoophiyaa keessaa namumti tokko kan ani Oromoo qulqulluu dha ofiin jedhu yoo argame hedduun raajeffadha.” Kkkkk. Amma namni akkanatti haasawu kun maraatuu moo fayyaa dha jettu ?
Saayinsii hawaasummaa dhala namaa, argaa-dhageeytii fi seenaadhaan akka hanga ammaa beekamutti ummatni tokko ummata isa irra guddaa taheen liqimsamee achi keessa dhabamuun ni jira. Akka Geetaachoo Raddaa amma nutti himutti ammoo Ummatni guddaan tokko ummata isa irra xiqqaa liqimsee kanuma ofii liqimse kana keessa badee dhabamuunis ni jirti.
Kan nama raaju, namni tokko yaada maraattummaa akkanaa barreessee maxxansuu isaa miti. Maraataan tokko dhagaa fi eeboo gabaa walakkaatti darbachaa fi manneen guggubaa yoo deeme nama hin ajaa’ibu. Garuu akkana gochuu irratti yoo deggertoota/tifozo qabaate dhimmichi dhimma biraa (kan maraattummaa caalaa hamaa) taha. Yeroo yaadni jallaan eenyuufuu hin tolle akkanaa mooraa Habashootaa keessaa dhagahamu, isaanuma keessaa ka’ee “Lakkii kun nuufis tahe eenyuufuu hin toluu dhaaphu!” jedhee kan sagalee isaa dhageessisu arguu dhabuun hedduu nu yaachisuu qaba. Nama kana qofa ammoo osoo hin taane namootni akka Prof. Geetaachoo Haile, Prof. Mesfin Weldamariam, Dr.Birhaanuu Naggaa, Andaargaachoo Tsigee….fi wkf. Hedduun yaadumaa fi ejjennoo fakkaataa kanaa akka qaban yeroo adda addaatti kitaabban, media fi wal-tajjiilee adda addaa irratti argaa fi dhagahaa jirra. Kan namoota maqaa dhawaman kanaas tahe kanneen ammaaf maqaa isaanii hin dhawin hundaa irratti ragaa dhiheessuun yoo feesise gara fuul-duraatti hunda tokko tokkoon dhiheessuun ni danda’ama.
Oromoon sabummaa isaatiin ijaaramee mirga polotikaa hanga har’aatti sarbame falmachuun isaa maaliif jarreen akkanaa biratti akka cubbuutti fudhatamee mormama? gaaffii jettu irraa ka’uudhaan gaaffiilee bu’uraa jajjaboo nuti of gaafannee deebisaas itti kennuu danda’uu qabnutu jiran. Isaanis:
- Dhuguma QBO fi Oromummaan akka jarri kun ibsanitti waan hammeenyaan deemanii fi ummatoota Oromoo hin tahiniif yaadessoo ykn. sodaachisoo dhaa? Dhugumattuu waan jibbamnuuf fi waan sodaatamnuuf ykn. waan ummatootni biraa nu irraa yaadda’aniif qabnaa?
- Lakkii nuti waan jibbamnuuf hin qabnuu, namoota alagaa olola nu irratti oofan kanneentu hammeenyaa fi ofittummaa mataa ofii irraa ka’uudhaan nu jibbee olola nu irratti oofaa? Yoo akkasii namoota alagaa kan haqa keenya (haqa qabsoo ummata keenyaa) nuuf hubatee nu bira goruudhaan warra yaada maraattummaa akkanaatiin olola dharaa nu irratti oofu kana of irraa faccisuu irratti nuuf tumsu hangam qabna? Habashootuma keessaas taanaan namootni yaadaa fi ejjennoo haqa irratti hundaawe madaalawaa (rational) qabaachuudhaan haqa qabsoo bilisummaa ummata keenyaa irratti nuuf quudhan maaliif mul’achuu dadhaban?
- Nu warra bilisummaa Oromoof qabsoofnutu haqa QBO alagaa fagoo fi dhihoo hunda biratti hanga malu beeksifachuu irratti (hojii diplomacy) homaa hin hojjetinii? Oromummaa ittisuu irratti malee Oromummaan orma biratti akka karaa qajeelaa taheen fi bal’inaan hubatamuuf Oromummaa beeksisuu/dhaadhessuu (Advertise gochuu) dadhabnee? Dhalli Oromoo hundi bakka jiru hundatti gaaffii isa kana jabeessee of gaafachuudhaan deebisaa isaa irratti hojjechuu qaba. Waa’ee keenya, waa’ee ummata keenyaa fi waa’ee haqa QBO bakka geenye hundatti nama hundatti beeksisuudhaan hubannoo qajeelaa, deggersa, mararfannoo fi jaalala akka nuuf horatan gochuun hojii qabsoo hedduu barbaachisaa dha.
- Lakkii kanneen asii olii hundi sababa mitii, hariiroo humnoota Habashaa (Itoophiyummaa) fi humnoota QBO gidduu ilaalchisee haalli deemaa turee fi jiru kun waanuma tahuu male ykn. aaduma/normal dha.
Akeekni ani barreeffama kana dhiheessuuf, gaaffiilee armaan olii of gaafannee, deebisaa isaaniis bilchinaa fi bayyanootaan itti barbaadnee, diinaa fi fira, gufuulee fi haallan mijjatoo jiran hunda sirriitti addaan baafachaa, waan gochuu qabu yeroo isaatti gochaa tarkaanfachuun barbaachisaa akka tahe akeekuufi. Kanatti dabalee, hammeenya hammeenyumaan, arraba arrabumaan, jibbas jibbumaan deebisuu hin qabnu kan jedhu ejjennoo kiyya gadi jabeessee ibsachuun fedha. Sun aadaa keenya miti. Guddinaa fi qaroominas miti. Milkaawina QBO shaffisiisuuttis hin gumaachu. Nuti dhukkuba ofittummaa dhala namaa isa daangaa hin qabne kan madda rakkinoota addunyaa isa guddaa tahe irraa jabeessinee of eeguu qabna. Aadaa wal dhageeytii fi wal kabajuu, hoodaa fi safuu dhala namummaa fi aadaa dimokiraatawaa sirna Gadaa keenya durii deebisnee dagaagfachuuf yaaluu qabna. Yoo akkas goone goone akeeka eebbifamaa QBO dafnee galmaan gahuu dandeenya. Gaafa sanatti milkoofne ammoo, of bira dabarree, warri dhukkuba ofittummaa dhala namaa daangaa hin qabneen dhibamanii rakkatan illee dhibee kana irraa akka fayyaniif qooda ol’aanaa nu irraa eegamu gumaachuudhaan isaan wal’aanuu dandeenya.
Xumura:
Akka hubannaa kiyyaatti, yeroon ammaa yeroo sab-boonummaan Oromummaa fi QBO bifa gara garaatiin humna dambalii callisaa fi dhokataa taheen suuta suuta humnaa fi shira diinota isaa liqimsee irra aanaa jiruu dha. Dambaliin galaana QBO ariitii akkamiitiin akka isaan irra gara galaa jiru nu caalaa diinota keenyatu dafee arga. Rakkinoota xixiqqaa mooraan QBO keessa ofiitti qabus nu caalaa isaan warra ala irraa as ilaalutu hubata yoo jenne soba hin tahu. Kanaaf:
- Jeekkaraa fi waywaatni isaanii QBO sadarkaa duubatti deebisuun hin danda’mne irra gahuu fi Oromoon jal-bultii Bilisummaa isaa dhaqqabuu arguu irraahi.
- Dhugaa dirreetti mul’atu amananii osoo itti hadhaawuu liqimsuudhaan gochaa shiraa fi diinummaa irraa abdii kutachuu didanii hanga maayyiitti wixxifachuun ammoo rakkinoota xixiqqoo mooraa QBO keessatti mul’attutti dhimma baanee hanga dandeenyu gufachiisuu qabna jedhanii murteeffachuu irraa tahuu danda’a.
Yaadaa fi ilaalcha, akkasumas, ejjennoo siyaasaa hammeenyaan guutame akkanaa (kan bilisummaa, nagayaa fi hariiroo ummatootaa irratti miidhaa fi balaa guddaa hordofsiisu) namootni tarkaanfachiisan eenyufaa akka tahan sirriitti jala buunee beekuunii fi adeemsaa fi gochaa hammeenyaa isaanii fashalsuun, rakkinoonnii fi kufaatiin siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee hanga ammaatti Ummatoota Impaayera Itoophiyaa keessa jiraatan irrattii fi naannoo isaaniitti dhaqqabe akka gara fuula duraattis daran hammaatee itti hin fufnee fi bilisummaan ummatootaa, nageenyi waaraan, sirni bulchiinsa haqaa (dimokiraasiin dhugaa) fi guddinni waloo naannawa kanatti akka mirkanaawu taasisuuf qooda ol’aanaa qabaata.
Hubachiisa: Mata-duree barreeffama kiyyaatiif waa’ee lakkoofsaa sana haa filadhu malee xiyyeeffannoon kiyya waa’ee lakkoofsaa sana osoo hin taane waa’ee ejjennoo fi ilaalcha dhimma lakkoofsa keenya ibsuu kanaan duuba jiruu (Akka ofii feenetti ijaaramnee eenyummaa fi jireenya sabummaa keenyaa tikfachuuf mirga akkuma Saba kamiittuu qabnu akkuma mulqamnetti akka hafnuuf ijibbaata taasifamu irratti) akka tahe qabiyyee barreeffama kiyyaa guutuu irraa hubattanii jirtu jedheen abdadha. Nagaatti !
“Only Free Men/‘People’ Can Negotiate, Prisoners Cannot Inter Into Contract.” Nelson Mandela
Waxabajjii 06, 2013