Oduu Haaraya

Barri 2011 fi bar-kurneen jalqabu uummata Oromootiif jijjiirama maal fiduu laata?

 

Abdii Boruutiin

Barri tokko dhumee ykn xumuramee barri haaraan yoo jalqabu namootni keessumaayuu faranjootni bara dabre hubachuu fi waa hundaa gamaaggamuu dhaan bara haaraa dhufu keessatti waan tokko tokko jijjiiruuf waadaa godhatu. Fakkeenyaaf, kan bade tolchuu fi fooyyessuuf; kan laafe jabeessuuf; kan hanqate ykn hir’ate guutuuf; balleessa dalaganii dabranirraa barachuu fi muuxannoo gaarii irraa argatanii, balleessi sun akka deebi’ee hin dalagamne ykn hin hojjetamne taasisuuf; walumaagalatti waan bade fooyyessuu qofaa otuu hin taane; waan haaraa, kan jijjiirama tokko agarsiisu hojjechuuf karoorallee baafatu. Nuyi uummatni Oromoo hoo yaada fi karoora akkanaa qabnaa? Hunda caalaa ammoo, Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) kana keessatti jijjiiramni tokko argaminaa laata?

Gaafii isa duraatiin jalqabuu dhaaf, nuyis uummatni Oromoo akkuma ormaa, bara tokko xumurree bara haaraatti yoo dabarru, bara dabre of duuba garagallee hubachuu fi waa hundaa gamaaggamuu dhaan maal akka goone, maal akka dalagne; bara dhufu keessatti maal godhuuf akka yaadnu mataa mataa keenya of gaafachuu qabna. Mataa mataa keenya of gaafachuu yoon jedhu ammoo, jiruu dhuunfaa keenyaa qofaa dhaaf otuu hin taane, dhimma uummat keenyaatiif; dhimma uummata irraa dhalanne kanaatiif dursa kennuu dhaaf, maal akka goone, maal akka hin godhin, maal akka godhuu qabnu, gaafii ofii keenyaaf dhiyeessuu qabna jechuu kooti. Gaafii dhiyeessuu qofaa otuu hin taane, deebii isaallee argachuu qabna jechuu dha.

Dhimma ykn waayee uummata keenyaa yoon jedhu walumaagalatti waayee qabsoo bilisummaa isaa – waayee QBO jechuun barbaade. Kuni kan ta’uu qabu jiruu fi jireenyi uummata keenyaa waan bilisummaa isaarratti hundaa’uufi. Waayeen kuni ammoo gaafii isa lammaffaa kanaa olitti ka’etti na geessa. QBO kana keessatti jijjiiramni tokko argaminaa laata? jennee abdii fi hawwii qofaa dhaan teenyee eeguu otuu hin taane, akka jijjiiramni tokko dhufu Oromoon hunduu gahee ofii taphachuu fi qooda ofii gumaachuu qaba. Kana godhuuf ammoo dura eessarraa kaanee eessa akka geenye; har’a maalirra akka jirru; boru maal akka taanu fi eessa gahuu akka barbaadnu hubachuu qabna. Bilisummaa barbaadnu ykn hawwinu argachuu dhaaf kalessa maaal goone ykn godhaa turre; har’a maal godhaa jirra fi boru maal godhuu qabna jennee of gaafachuunis barbaachisaa dha.

Dhimmi uummata Oromoo fi waayeen bilisummaa isaa har’a yoomiyyuu caalaa gaafii guddaa ta’anii jiru. Maaliif yoo jenne, haalli uummatni keenya har’a keessa jiran yoomiyyuu caalaa hamaa akka ta’e abbaa fedhe jalaayuu waan dhokatuu miti; nu dhiisii kan alagaa dhaafillee ifa ta’e dha. Uummatni keenya, uummatni Oromoo kan biyya abbaa ofii keessatti diinaan ukkaamamee jiru qofaa otuu hin taane, kan gabrummaa fi roorroo jalaa dheessee ykn baqatee biyya olla keessa jiraatullee nagaa dhaan jiraachuu dadhabee jira. Dur akka uummatni keenya biyya keessatti hidhamu, dararamu, ajjeefamee akka bineensaa karaarratti gatamu; akka hidhaan baroota dheeraa fi umurii guutuu irratti murteeffamu dhaga’aa fi argaa turree; har’a garuu kan biyyoota olla fi biyya dhiyoo keessa jiraatanillee rakkoo kana jalaa hin baane.

Karaa biraatiin ammoo, gabrummaan har’aa akka hamaa fi yoomiyyuu caalaa badaa ta’e (gabrummaa gaariin hin jiru) mallattoo addaa qaba. Dur uummatni keenya bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhabee mirgi isaa dhiitamaa ture. Har’a garuu rakkoon dur sun otuu furmaata hin argatin akkuma jirutti taa’ee; siriidhaa kana birallee dabree uummatni keenya humnaan qayee ofiirraa buqq’aa; lafti isaa gurguramaa; walumaagalatti biyyi keenya Oromiyaanillee cicciramee gurguramuu dhaan dumaa jira. Rakkoo uummata keenyaa qofaa otuu hin taane, biyya keenyallee dhabaa jirra jechuu dha. Egaa, dhugaa kana hundaa yoo hubannu, har’a eessa akka jirru; yoo haalli kun akkanumatti kan iti fufu ta’e, badiin maal akka nurra gahu yaaduu hin qabnuu? Maal godhuu qabna, maaltu ta’uu qaba jennee of gaafachuun nurra hin jiruu?

Barri tokko dabree kan biraa dhufaa, dabraa; nuyis tokko, lama,… jennee otuma lakkoofnuu kunoo erga gabroonfataa haaraan Wayyaaneen nutti dhuftee biyya keenya qabattee bar-kurnee lama lakkoofnee jirra. Hammuma yeroon dheeratu gabrummaan kunis hammaachaa deema. Kanuma ijaan argaa fi gurraan dhaga’aa jirru dha. Har’a nu gaye jennee, akkamitti kana keessa akka baanu yaaduu fi karaa bilisummaa ittiin argannu barbaaduun yeroon isaa amma ta’uu qaba. Har’a nu gaye jennee yaaduu qabna yoon jedhu hamma har’aatti tole jennee gabrummaa keessa turre, har’a lakkii jechuu qabna jechuu kiyyaa miti. Nu gaye wanti jennu waa baay’eetu jiru. Wantin kanaa gaditti ibsuu yaalu waayee kanatti xiyyeeffata.

QBO kan laaffise fi galii isaa akka hin geenye kan dadhabsiise jabina ykn cimina diinaa qofaa otuu hin taane, laafina fi dadhabbina mooraa qabsoo keenyaa ti. Sababni inni guddaan laafina mooraa QBO ammoo, laafina fi dadhabbina hogganoota qabsoo kanaa fi tokkummaa dhabuu dha. Hogganaan ykn hogganummaa cimaan tokkummaa fiduu ykn uumuu akka danda’u hubachuun barbaachisaa dha. Hogganaa cimaan rakkoo uumameef dafee furmaata barbaadee argata malee ofiifuu qaama rakkoo ta’ee argamuun isarra hin jiru ykn irraa hin eegamu. Rakkoo tokkoof furmaatni dafee yoo argame, waa hunda qulqulleessa; yoo furmaatni dafee hin argamin garuu rakkoon tokko kan biraa waan dhalchuuf, rakkooleen akka heddooman taasisa jechuu dha. Karaa biraatiin ammoo, waliigaltee dhabuun hogganoota fi qabsaa’otaa rakkoolee gara garaatiif yookaanis rakkoolee bifa adda addaatiif karaa baasa.

Laafina fi dadhabbii mooraa QBOtiif bu’ura ykn hundee kan ta’e, addaanfottoqina Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ti. Erga addaanfottoqinni duraa bara 2001 uumamee kaasee, kaayyoo dhaabbataniif, kan ganama waliin manaa ba’aniif dagatanii; dhibdeelee isaan jidduutti uumamaniif furmaata argachuuf tattaaffii godhuu caalaa; diina dhiisanii walirratti duuluu; beekumsa, dandeettii, qabeenya  fi humna gara gara facaasuu; olola walirratti oofuu fi wal dadhabsiisuun achumaanis qabsoo kana laaffisuun itti fufaa otuu jiruu addaanfottoqinni lammataa bara 2008 mul’ate. Inni lammataa kun siriidhaa rakkooleen aayinaa biraa qaban akka uumaman taasise. Asirratti wanti hubatamuu qabu, yeroo ammaa yeroo yaaliin araaraa fi tokkummaa godhamaa jiru kana, rakkoolee uumaman kaasee yaalii araaraa fi tokkummaa kanatti gufuun akka uumamu godhuufii miti. Kaayyoo barruu kiyyaa gabaabumatti kan dabrerraa akka barannuufi.

Rakkoolee aayinaa biraa kanan jedhu maali? Har’a erga ABOn garee saditti hiramee booda, keessumaayuu bara 2008 booda, rakkooleen hawaasota Oromoo biyya alaa keessatti uumaman kan hamma kana hin jedhamne dha. Gandaan, naannoo  fi amantii dhaan walqoqqooduun caalaatti kan mul’ate baroota (waggoota) lamaan dabran kana keessatti yoon jedhe dhara miti. Rakkoon akkanaa kun ammoo, duula diinaa caalaa diigaa fi balleessaa dha. Yoo cimani fi humna qabaatan ykn horatan, diina injifatanii ofirraa mancaasuun ni danda’ama. Uummata fi hawaasa ofii keessatti garuu yoo rakkooleen akkanaa uumamani fi babal’achaa deeman, kuni rakkoo har’aa qofaa otuu hin taane, rakkoo boru fi egeree ta’uullee malu. Waayeen kun akka laayyootitti ilaalamuu hin qabu; dafee furmaata argachuu qaba.

Kan bara haaraa kana keessatti baduu ykn dhaabbachuu qabu tokko isa kana dha. Tokkummaan yaalamaa jiru tokkummaa qabsaa’otaa, gareelee fi jaarmayootaa qofaa otuu hin taane, kan uummata walqoqqoodu kana deebisee tokkoomsu ta’uu qaba. Otuu miseensotni, deeggartootni fi hawaasni hin tokkoomin; otuu tokkummaan uummataa hin milkaawin, yoo hoggantootni qofaan waliigaltee waliif mallatteessan kuni gahaa hin ta’u. Tokkummaan dhugaa hundeerraa, hawaasa keessatti jalqabuu qaba. Akka ijaarsa manaa hundeerraa jalqabuu qaba jechuu dha. Haa ta’u malee, karaa tokko qofaa dhaan ilaalamuu hin qabu. Karaan biraas hojjechuu ni danda’a. Yoo hoggantooni fi qabsaa’otni waliigalan, fi tokkummaa dhugaa ijaaran, sana booda uummata fi hawaasota tokkoomsuuf hojjechuun ni danda’ama. Rakkoon tokkummaatuu kan dhufe waliigaltee dhabuu hoggantoota qabsoo kanaarraa waan ta’eef, yoo isaan dhugaa dhaan tokkooman, wanti hawaasni fi uummatni wal qoqqoodu kun hin tokkoomneef sababni natti hin mul’atu.

Karaa fedheenuu haa ta’u, bara haaraa kana keessatti rakkoolee uumamaniif furmaatni barbaadamuu qaba. Kanaaf ammoo, Oromoon hunduu dirqama mataa ofii qaba; dirqama lammummaa fi Oromummaatu irraa eegama. Kuni yaada fi karoora bara haaraa ta’uus qaba. Yoo karaa gaariitti deemuuf of jijjiiruu baatne; yoo rakkoolee dhalataniif ykn uumamaniif waliin furmaata hin barbaadne; yoo kanaafis hin yaadne fi ciminaan hin hojjenne, bilisummaa hawwinu ykn barbaadnus achi nurraa fagaachaa deema. Bilisummaan wareegamaan malee kadhaa dhaan akka hin argamne hunduu hubachuu qabu. Yoo tokkooman ykn tokko ta’an, wanti waan waliin barbaadan tokko hin arganneef sababni hin jiru jedheen amana. Barri haaraan jalqabe kun uummat keenyaaf jijjiirama tokko akka fidu, kan dabrerraa barannee kan fuulduraatiif of qopheessuu qabna. Bara haaraa otuu hin taane, kan jijjiirama tokko fiduu danda’u numa Oromoo dha. Jijjiiramni akka dhufu dura nuyis of jijjiiruu qabna; kuni waadaa bara haaraa ta’uu qaba.

Irra deddeebi’ee, rakkoolee mul’achaa jiran kaasee, dubbsitoota barruu kiyyaa ifachuus hin barbaadu. Haa ta’u malee, wanti marsaalee tokko tokkorratti argamu fi PAL TALK irratti dhaga’amu; akkasumas dabree dabree hawaasa keessattillee bakkee tokko tokkotti mul’atu, waan baay’ee nama yaaddessuu dha. Dur dhokatee jiraatullee hin beeku, garuu har’a waayeen gandummaa, naanummaa fi amantii ifatti ba’ee mul’achuu dhaan akka namootni wal qoqqoodan taasisaa jira. Namootni tokko tokko kun Arsii dha; sun Wallaggaa dha, kun Shawaa dha; sun Harari; isaan sun islaama; isaan kun pheenxee dha;…. jechuu dhaan hawaasa keessatti summii Oromummaa diigu fi balleessu facaasaa jiru. Balleessi akkanaa kuni ammoo qabsoo bilisummaa laaffisuu bira dabree egeree keenyafille rakkoo furmaata hin arganneef hundee ijaaraa jira. Waayee diigaan akkanaa kun bara haaraa kana keessatti yoo dhaabbachuu baate, badii daangaa hin qabne akka fiduu danda’u mamiin hin jiru. Kun dubbii oo’isuu miti; dharas miti. Waayeen kun sirriitti hubatamuu qaba. Kan ani Oromoo dha ofiin jedhu dalaga badaa akkanaarraa of eeguu qaba.

Dhumarratti, ammas akkuma dur, akkuman hamma har’aati gochaa ture, dhaamsi ani Oromoo hundaafuu dabarsuu barbaadu, akka jijjiramni tokko uummata keenyaaf dhufu ykn dhufuu danda’u, dura of jijjiiruu qabna. Jijjiiramni mataa mataa kuni ammoo kan jalqabu dhimma dhuunfaa dura dhimma saba ykn uummata keenyaatiif dursa yoo kan kenninu ta’e dha. Yoo waan Oromoo fi Oromummaa diigurraa of qusatne dha; of qusachuu qofaa otuu hin taane, warra hojii diigaa akkanaa dalaganillee diinaan walqixxeensinee ilaaluu qabna; saaxiluus qabna. Erga Oromuummarratti duule; erga tokkummaan ilmaan Oromoo akka hin ijaaramne sababa adda addaa uumee, gufuu itti ta’uu barbaade, namni tokko ani Oromoo dha ofiin jechuun isaa ykn ishiituu mamii keessa waan galuuf, inni ykn ishhiin kun diinaraa adda ta’uu hin danda’u. Hawaasni fi uummatni Oromoo warra badii akkanaa dalagan of keessaa qulqulleessuu qaba. Karaa biraatiin, warri tokkummaa ilmaan Oromootiif keessumaayuu kan qabsaa’otaa fi sabboontota Oromootiif carraaqaa jirtan galanni keessan tokkummaa dhugaa haa ta’u jechuu dhaan barruu kiyya asirratti xumura.

Galatoomaa.

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *