Oduu Haaraya

Tokkummaan ykn tumsi humnoota Oromoo, mooraa QBO keessatti, maaliif barbaachisaa ta’a?

Abdii Boruutiin

Dhimma tokkummaa kanarratti yeroo baay’ee waan irratti dubbatame fi barreeffameef, waayee kana irra deebi’ee kaasee dubbistoota barruu kiyyaa ifachiisuu hin barbaadu. Abdii Boruu yeroo hundaa waayee’uma tokkummaa faarsaa? akka naan jedhamullee hin barbaadu. Haa ta’u malee, hamma tokkummaan ykn tumsi humnoota Oromoo hundaa hammatu mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti ijaaramutti dhimma kana kaasuun waan hin hafne dha jedheen amana. Kanaafan waayee kanatti deebi’ee, waan tokko tokko jechuu barbaade. Tokkummaan barbaachisaa akka ta’e, kan ifatti mul’ate har’a miti. Karaa adda addaatiin waayeen kun nutti himamaa ture; artistootni keenya weellisuu dhaan; barreessitoonni keenyas akkasuma dhaamsa dabarsuu dhaan hamma danda’an karaa danda’ame hundaan tokkummaa ilmaan Oromootiif iyyaa turan; ammas iyya kana hin dhaabne; innis ittuma fufa.

Tokkumaa dhaaf iyyuun yookaanis yaamichi tokkummaa dhaaf godhamu maaliif hin dhaabbanne? Maaliif ittifufa? Walumaagalatti, tokkummaan ykn tumsi humnoota Oromoo maaliif barbaachisaa ta’a? Qabiyyeen barruu kiyyaa kan har’aa deebii gaafiilee kanaatti xiyyeeffata. Dubbiin ykn dhaadannoon “Tokkummaan humna!” jedhu yeroo tokko tokko akka laayyootitti ilaalama malee, qabiyyeen ykn hiikni isaa guddaa dha. Qabsoo bilisummaa uummata tokkoo keessatti dhiisii, jireenyuma namaa keessatti illee humna cimaa yoo qabaatan malee, waan barbaadan tokko godhuun rakkisaa dha. Namni tokko diina isaa wajjin wal’aansoo yoo godhu, diina sana injifachuu kan danda’u, yoo humni isaa humna diina isaa sana caale qofaa dha. Diinni lakkoofsaan baay’atee yoo namatti dhufe ammoo, akkasuma lakkoofsaan baay’atanii, waliigalanii tokkummaa dhaan of qopheessanii, yoo wal’aansoo godhan, diina cimee dhufe sana injifachuu danda’u malee, yoo tokkummaan hin jirre, kophaa kophaatti laayyoo’umatti injifatamu jechuu dha.

Fakkeenyi asitti kaase kun salphaa’umatti tokkummaarraa humni akka dhufu; humni kun ammoo injifannoo akka fidu gabaabumatti ibsuuf malee, tokkummaan diina injifachuu qofaatti kan hafu miti. Tokkummaan bu’ura waa hundaa ti; yookaanis tokkummaan waa hunda ta’uu danda’a yoon jedhes dogoggora hin ta’u. Akkamitti ykn maaaliif bu’ura waa hundaa ta’a? Akkamitti waa hundas ta’uu danda’a? Uummatni tokkummaa qabu, akkuma kanaa olitti ibsame, humna cimaa horata ykn horachuu danda’a. Humni cimaa fi abdachiisaan ammoo injifannoo fida; kun karaa tokko dha. Karaa biraatiin yoo ilaalame ammoo, tokkummaan humna cimaa uumee; diina injifatee; sana booda hojii isaa xumuratee kan hafu ta’uu hin qabu; kan akkasitti hafus miti. Waan injifannoo booda dhufuufis akkasuma tokkummaan barbaachisaa fi murteessaa dhas.

Gara QBOtti deebi’uu dhaaf, har’a tokkommaa tokkummaa kan jennu; keessumaayuu tokkummaa qabsaa’otaa, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo yoo jennu, kaayyoon inni duraa, mooraa QBO keessatti humna cimaa ijaarree; tumsa waliif taanee; irree tokkoon diinarratti duullee; injifannee, uummata fi biyya keenya bilisoomsuufi. Sana booda hoo, biyya keenya kan bilisoomte bulchuuf, guddisuu fi dagaagsuuf tokkummaan keenya murteessaa hin ta’uu? Gaafii kanaaf deebii gabaabaa kennuu dhaaf, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, siriidhaa caalaatti kan tokkummaa nu barbaachisu sana booda dha. Kanaafan kanaa olitti tokkummaan waan ijaaramuu sana galii dhaan ga’ee; hojii isaa achirratti xumuruu hin qabu jedhe. Tokkummaan bu’ura waa hundaa ti kanan jedheefi illee sababni tokko kana’uma.

Barruuleen hamma har’aatti, dhimma kanarratti dhiyeesse keessatti, kanan caalaatti irratti xiyyeeffadhe, tokkummaa qabsaa’ota, gurmuulee fi jaaramyoota Oromoo ti. Qabsoo kana cimsuu dhaaf tokkummaan akkanaa barbaachia fi murteessaa taullee, tokkummaa humnoota Oromoo kanan jedhu tokkummaa ilmaan Oromoo hundaa hammatu ta’uu qaba. Ilmaan Oromoo hunduu tokkummaa ykn tumsa mooraa QBO keessatti ijaaramu kanaaf miseensa ta’uu qabu jechu uotuu hin taane, tokkummaan dhugaa, kan qabsaa’ota, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo hundaa hammatu kun, kan uummata Oromoo fi hawaasota Oromoo tokkoomsus ta’uu qaba jechuu kooti; kan nagaa fi tasgabbii buusu ta’uu qaba jechuu dha.

Waayeen tumsa-hunda-hammataa alaa (All-Inclusive-Alliance) yeroo baay’ee ka’aa ture; har’allee hin dhaabbanne; yaadoleen akkanaa ammas bakkee tokko tokkotti mul’achaa jiru. Waayee’uma kana ilaalchisee anis mata duree “Tumsa-hunda-hammataa alaa dura tokkummaan ykn tumsi mooraa QBO keessatti ijaaramuu qaba” http://gadaa.com/oduu/5136/2010/08/04/tumsa-hunda-hammataa-alaa-dura-tokkummaan-ykn-tumsi-mooraa-qbo-keessatti-ijaaramuu-qaba/  fi “Tokkummaa ykn tumsa humnoota Oromootiif iyyuun tumsa-hunda-hammataa alaa diduu miti” http://gadaa.com/oduu/5160/2010/08/12/tokkummaa-ykn-tumsa-humnoota-oromootiif-iyyuun-tumsa-hunda-hammataa-alaa-diduu-miti/ jedhaniin barruulee gara garaa dhiyeessuun kiyya ni yaadatama. Mee waayee kana ilaalchisee gaafii tokko kaasuun barbaada. Tumsa hunda hammataa alaa, kan humnoota diimookraasii Habashootaallee dabalatu, ijaaruuf wanti nama sodaachisu maali? Gaafii kanaaf deebii kennuu dhaaf, waayee kana tokkummaa ykn tumsa humnoota Oromoo wajjin wal bira qabee ibsuun yaala.

Walumaagalatti dubbachuu dhaaf, har’a diina cimaa faashistii Wayyaanee kana dafanii kuffisuu dhaaf, humnoota Wayyaanee dhaan morman hundaa wajjin tumsa uumuun barbaachisaa ta’uu danda’a jedheen yaada. Haa ta’u malee, kana godhuuf wanti nu sodaachisu jiraa? Gaafii kanaaf deebii laman qaba: “eeyyen jira” fi “lakkii hin jiru” kan jedhan ta’u. Tokko tokkoon ibsuu dhaaf, dura “eeyyen jira” kan jedhuunan jalqaba. Deebii kana ammoo karaa lamaanan ilaala. Karaan tokko, akka haala har’a keessa jirru kanatti, waa baay’eetu nu sodaachisu.

Tokkoffaa, mooraa keenya keessa waliigalteen dhabamee; humni gara gara hiramee, laafee waan jiruuf; humni amma qabnus abdachiisaa waan hin ta’iniif, yoo Habashoota wajjin hojjennu; yoo isaan wajjin (waliin) tumsa ijaarru, kufaatii Wayyaanee booda galii keenyarratti rakkoo uumuu danda’u kan jedhu yaaddoon nu keessatti uumama.

Lammaffaa,  akkuma seenaanillee mul’isu, tumsi Habashoota wajjin hamma har’aatti yaalame tokko’umti illee bu’aa nuuf hin fidne; kanaaf, har’as bu’aa fiduu hin danda’au jedhamee dubbatama. Dhugaa dubbachuu dhaaf, waanuma argamee dabre waan ta’eef, kun dhara ta’uu hin danda’u. Kunis yaaddoo biraa ti jechuu dha.

Sadaffaa, garaagarummaa kaayyoo ti. Waayeen kun hubannoo guddaa barbaada. Habashoota wajjin kaayyoo tokkoa akka hin qabne waan nama mamsiisuu miti. Kaayyoon isaanii hafee, nu’umtuu waan kaayyoo tokkorratti waliigalle hin fakkaannu. Kanaaf fakkeenya kennuu dhaaf ammoo, gaafii fi deebii Raadiyoonii Sagalee Oromiyaa (RSO) dhiyoo kana Obboo Galaasaa Dilboo waliin godhe fi mariilee dhimma kanarratti dhiyaatan ilaaluu ni dandeenya.

Afraffaa, Hamma ofii keenyaaf walii hin galletti; hamma wal amanuun hin jiraannetti; hamma waliin mormuun itti fufutti; hamma tokkummaan mooraa keenya keessatti hin uumamnetti; hamma mooraa fi karaan keenya hin qulqulloofnetti; hamma nagaa fi tasgabbiin hin buunetti; kana hundaa akkuma amma jiranitti dhiifnee, tumsa alaa ijaaruun rakkisaa ta’a. Asirrattis sodaatu uumama ykn sodaatu jira jechuu dha.

Karaan biraa ammoo, wanti dagatamuu hin qabne, humnootni Habashaa, kan nuyi waliin tumsa- hunda-hammataa ijaaruu barbaadnu kun, dhuguma kaayyoo fi galii keenya kabajanii; garaa qulqulluu dhaan nu wajjin hojjechuu barbaaduu isaanii yookaanis diinuma walii Wayyaanee kuffisuuf jedhanii tumsa keenya barbaaduu isaanii beekuun rakkisaa dha. Kunis shakkii ykn yaaddoo karaa biraa ti jechuu dha. Egaa, kanaaf, deebiin gaafii kanaa olii sun tokko “eeyyen wanti nama sodaachisu jira” kan jedhu ta’a.

Deebii lammaffaa, “lakkii wanti nama sodaachisu hin jiru” kan jedhu, tokkummaa ykn tumsa humnoota Oromootti na geessa. Yoo waliigalteen jiraatee; nagaa fi tasgabbiin uumamee; tokkummaan ykn tumsi humnoota Oromoo mooraa QBO keessatti ijaarame, humna cimaa fi abdachiisaatu uumama. Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) cimaa fi waabii bilisummaa kan ta’ullee tokkummaa ykn tumsa cimaarraa ijaaramuu danda’a. Yoo kana hundaa qabaatne ykn horachuu dandeenye ammoo, tokkoffaa, nuyi otuu hin taane, ormatu tumsa nurraa barbaada. Lammaffaa, humnootni alaa, keessumaayuu humnootni Habashaa, kan tumsa-hunda-hammataa waliin ijaarru, kufaatii Wayyaanee boodallee rakkoo nurratti uumuuf humna keenya sodaachuu danda’u; galii keenyatti gufuu ta’uu hin danda’an jedheen yaada.

Kanaaf, tokkummaa ykn tumsa ofii, dura  mooraa ofii keessatti ijaaruu fi humna ofii cimsuun barbaachisaa ta’a. Kanaafan anillee kanaan duras, barruuleen lamaan kanaa olitti kaase keessatti sadarkaa sadarkaa dhaan deemuu qabna jedhe. Ammas irran deebi’a, yoo sadarkaan duraa kun hin xumuramini fi hin milkaa’in; kuun alatti hafanii, kan biroo tumsa alaa yoo barbaadan waan furmaata gaarii nuuf fidu natti hin fakkaatu. Waan mooraa keenya keessatti nagaa fi tasgabbiin uumamullee hin fakkaatu jechuu kooti. Yoo kun hin jiraanne ammoo, ammas akkuma dur, diinaaf qaawwa baasuu ykn balbala banuu ta’a. Diinnis yoo carraa kana argate, addaan nu hiree, nu dadhabsiisuu dhaan, qabsoon bilisummaa keenyas akka laafu taasisa. Sodaan kiyya guddaan isa kana dha. Akka sodaan kun hin jiraanne; akka qabsoon keenyas cimu; furmaatni guddaan tokkummaa ykn tumsa humnoota Oromoo ti jechu dha.

Tokkummaan ykn tumsi humnoota Oromoo kan barbaachisaa ta’u, kaayyoon inni duraa (primary objective) humna cimaa uumanii; diina injifatanii; QBO galii hawwameen ga’uu dha. Haa ta’u malee, akkuman kanaa olitti tuqee dabre, tokkummaan keenya kun, kan kana qofaa dhaaf ijaaramu ta’uu hin qabu. Sana birallee dabree, yoo uummatni fi biyyi keenya bilisooman boodas, biyya keenya bulchuuf, nagaan jiraachisuuf, guddisuu fi dagaagsuuf, tokkummaa dhugaa waan barbaadnuuf, tokkummaan dhugaa, kan hundaa hammatu, yoo har’a ijaarame, waa hundaaf bu’ura ykn hundee ta’a jechuu dha. Uummatni tokkummaa hin qabne biyya tokko ijaarratee, mootummaa ofii dhaabbatee nagaan wajjin jiraachuun rakkisaa ta’a. Kanaaf ammoo, akka fakkeenyaatitti otuu hin fagaatin biyya Somaaliyaa ilaaluu ni dandeenya.

Wanti hubatamuu qabu, har’a waliigaltee fi tokkummaa dhabnee; humni keenyas laafe malee, otuu waliigalteen jiraatee, tokkummaas qabaatne, ormatu tumsa nurraa barbaada malee, uummatni Oromoo bal’aan, kan waa hunda qabu, ormarraa gargaarsa hin barbaadu. Qabeenya, beekumsa, barumsa fi dandeettii ormaa olii malee kan ormaa gadii hin qabnu. Ormaa ol malee ormaa gadis hin jirru. Har’a waliigaltee dhabnee, qabsoon keenyas laafuun qaanii guddaa dha. Uummatni miliyoona afurtamaa ol ta’u, humnoota saba bicuutiin bitamaa, gabrummaa hamaa keessa jiraachuun dhiibboo dha. Ormuu nu tuffate, nutty kofle, nu xiqqeesse, ofii gaditti nu ilaale. Dhiibboo fi qaaniin kana caalu jiraaree?? Waayee kana hubachuu yoo dandeenye, tokkummaa dhaaf nu kakaasa malee akkuma ammaa kanatti akka itti fufnu nu hin godhu. Tokkummaan ykn tumsi humnoota Oromoo barbaachisaa qofaa otuu hin taane akka dirqamaatitti illee ilaalamuu qaba.

Dhumarratti, bar-kurnee xumuramuuf deemu kana of duuba garagallee ilaaluu fi hubachuu dhaan; dadhabbiin keenya maal akka ta’e beeknee, bara haaraa dhufu kana keessatti akkamitti akka of jabeessinu hundi keenyaa mataa mataa keenya haa gaafatnu; gadi fageenyaan itti haa yaadnus. Barri haarayaan bara jijjiirama tokko nuuf fidu akka ta’u Waaqayyo/Rabbi nu haa gargaaru jechaa; warra amantii kiristaanaa qabaniif ayyaanni gannoo (Christmas) kan gammachuu; barrii haarayaan 2011 ammoo hundaafuu bara fayyaa, nagaa, gammachuu fi kan hawwiin keenya itti nuuf milkaawu akka ta’u hawwii kiyyaa hundaafuu dabarsuun barbaada.

Galatoomaa.

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *