Oduu Haaraya

Qaanqee qabsoo bilisummaa uummata bal’aa humni kamiiyyuu dhaamsuu hin danda’u

 

Abdii Boruutiin

Haalli addunyaa kanaa yeroo dhaa yerootti jijjiiramaa waan deemuuf, qabsoo bilisummaa uummata tokkoo daddafsiisee kan biraa ammoo haa tursiisu malee, uummatni gabrummaa jala ykn keessa jiru kana keessaa ykn jalaa ba’uun hin oolu. Gabroonfataanis, carraa gaariitti fayyadamee; haalli mijaawaan uumameefii; karaa adda addaatiin humna isaa cimsee, umurii bittaa haa dheereffatu malee, kufaatiin isaas gaaf tokko akka hin hafne waan nama shakkisiisuu miti. Qbsoo bilisummaa uummata bal’aa, kan akka ibiddaa boba’aa deemu, dhaamsuuf yoo danda’ame sirumaa dhabamsiisuuf haa yaalamu malee, kana humni kamiiyyuu dhabamsiisuu hin danda’u. Ni tura, baroota dheeraa fudhata; yookaanis dhaloota tokkorraa dhaloota biraatitti dabra malee, qabsoon bilisummaa galii isaa otuu hin geenye hin hafu; injifatnoon xumuraas kan uummata bal’aa ta’a jechuu dha.

 

Naannoo’uma keenya naannoo gaafa Aafrikaa yoo fudhanne, haalli addunyaa yeroo sanaa, akka tasaa fi carraa ta’ee, haala qabsoof tolu ta’ullee, qabsoon uummata bal’aa Eertiraa mootummaa Mangistuu, kan humni fedhee kuffisuu hin danda’u jedhameef sana, moo’atee, boodarra walabummaa ofii argate. Wayyaaneen illee haala yeroo sanaatti fayyadamtee, biyya keenya qabattee, kunoo har’a bar-kurnee lama bifa biraatiin nu gabroomsaa jirti. Gabrummaan ishii ammoo siriidhaa kan dur caalaa hamaa ta’ee argame. Uummata olla keenyaa kan biraa, uummata Suudaan Kibbaas yoo ilaalle, qabsoo hadhaawaa keessa dabranii; wareegama meeqa itti kaffalanii; kunoo har’a jalabultii walabummaa isaanii keessa jiru. Guyyaa gammachuu, guyyaa biiftuun haaraa baatu eeggachaa jiru. Humni kamiiyyuu qaanqee bilisummaa isaanii otuu hin dhaamsin as ga’ani.

Gara qabsoo bilisummaa Oromootti deebi’uu dhaaf, uummatni bal’aa fi sabni guddaan akkanaa, qabsoon bilisummaa isaa qancartee; humnoota saba bicuutiin gabroonfatamaa jiraachuun dhiibboo dha. Haa ta’u malee, yeroo tokko tokko yoon taa’ee itti yaadu, kan qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) laaffise yookaanis galii isaa akka hin geenye taasise, jabeenya fi cimina diinaa qofaa miti. Kan diina keenya jabeessu fi cimsu laafina mooraa keenyaa fi gantuulee mooraa kana keessa dhokatanii diinaaf hojjetanii dha. Rakkoon keenya akkuma baay’ina fi bal’ina keenyaa ti; akkuma nuyi lakkoofsaan baay’ee taane, rakkooleen keenyallee akkasuma baay’ee dha jechuu dha. Hamma garaaf kaattuu fi garaaf bultuun nu keessa jirtutti; hamma diinaaf bitamtuu fi diina jala kaattuun, diinaaf ergamtuun nu jidduu jirtutti; hamma mooraan QBO warra akkanaa kana ofkeessaa qulqulleessutti, qabsoo kanatti gufuuleen waan baay’ataniif, galiin QBOs turuu danda’a jechu dha. Galiin isaa haa turu malee, qabsoon kun ni dhaabbata ykn ni dhabama jechuu miti.

Dhiyoo kana gaafii fi deebii Televiziyoonii Oromiyaa jedhamu (OTVn) Liichoo Bukuraa wajjin godhe tokko bilisummaa.com irratti argeen ture. Namtichi kun qawwee qabsaa’onni Oromoo bilisummaa uummata isaaniitiif jedhanii qabatanii ittiin wareegaman fuudhee; harka diinaatti galchee; QBO ganee waggaa tokko booda gadi ba’ee fuula isaa mul’isuu dhaan; qaanii takka malee diina isa biteef olola oofaa jira. Maal nama dinqaree? Sareenuu kan waan tokko itti darbeef duttii mitii? Gara biraatiin kan nama ajaa’ibu garuu, dhugaa addunyaanillee hubatte dhoksee; ijji isaa qofaan waan dhugaa argite fakkeessee, filannoo Wayyaaneen ofumaaf qopheessitee, ofumaaf injifadhe jettee xumurte sana baay’ee gammachiisaa dha jechuu isaa ti.

Kana qofaa miti; kan nama ajaa’ibu, uummata Oromoo fi uummatoota cunqurfamoota biroo, kan qawwee Wayyaanee faashistii kanaan ukkaamamanii; Impaayara tana keessatti humnaan akka loonii walitti qabamanii jiran, tokkummaa filatanii jiraatan jechuu isaa ti. Sagaleen uummatootaa waan dhaga’ame fi fedhiin isaaniis waan eegame fakkeessee; gooftolee isaa Wayyaanota gammachiisuuf qaanii tokko malee afaan guutee dubbata. Asirratti wanti hubatamuu qabu, uummatootni waliin jiraachuuf fedhii hin qaban jechuu kiyyaa miti. Uummatootni nagaan waliin jiraachaa turan, gara fuulduraas waliin jiraachuu ni danda’u. Haa ta’u malee, mootummaan Wayyaanee, mootummoota Impaayara Itoophiyaa dabraa dhufan caalaa tokkummaa sabootaaf waan gaarii akka hojjete fakkeessee odeessuu isaatu nama dinqa.

Uummatni Oromoo erga gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee hamma har’aatti qabsoo bilisummaa hadhaawaa kana keessatti bu’aa ba’ii baay’ee keessa dabree as gaye. Gantuunis kan qabsoo kana keessatti mul’ate har’a qofaa miti. Warri diinaan bitamani fi diina tajaajilan kaleessas baay’ee turan; har’as akkasuma baay’eetu jiru; borullee hin dhabamani. Diinas ta’ee isaan kunis har’a qabsoo kana waan laaffisan itti fakkaata malee, qabsoo bilisummaa dhaamsuu fi galii isaarraa hanbisuu hin danda’an. Qabsoon akka ibiddaa boba’aa deemu kun diinas ta’ee ergamtoota isaa gubee akka galii issa ga’u mamiin ykn shakkiin hin jiru. Warri har’a diina jala kaatanii uummata ofiirratti daba dalagan kun, booll’a isaaniif qotamee qophaaye arguu danda’uu laata?

Uummatni cunqurfame fi gabrummaa jala jiru, humnaan ukkaamamee yeroo dheeraa tura malee, warraaqsi isaa gaaf tokko cancala gabrummaa fi cunqursaa kutee, gabroonfataa fi cunqursaa akka galaanaa akka fuudhee deemu mamiin hin jiru. Dhugaan kun kan addunyaa kana keessatti mul’ate fi ammallee mul’achaa jiru dha. Obsi uummataa yoo daangaa dabre fi akka bishaan daffee yoo irragate, maal godhuu akka danda’u, otuma hin fagaatin asuma ardii Aafrikaa keessa, uummatni Tunisiyaa maal akka godhe, akka fakkeenyaatitti ilaaluu ni dandeenya. Kanaaf, qabsoon ykn warraaqsi uummataa oolee bula malee gaaf tokko gabroonfataa fi cunqursaa akka jilbiiffachiisu shakkiin hin jiru jechuu dha. Warri garaa ofiitiif jedhanii; uummata fi saba ofii gananii; gabroonfataa tajaajilanis badiin isaaniis gooftolee isaanii wajjin akka ta’u hubachuu qabu.

Impaayarri Itoophiyaa, biyya humnaa fi dhiigaan ijaaramte; biyya hiddi gabrummaa keessatti cime; karaa fedheenuu haa ta’u biyya diimookraasiin dhugaa keessatti ijaaramuu fi mul’achuu hin dandeenye; biyya abbaan irree keessatti dhufaa dabran; biyya fedhiin uummataa keessatti hin eegamne; biyya humnootni saba bicuu harka olaanaa qabaachaa turani fi ammas jiran; borullee jiraachuu malan waan taateef, biyya tokkummaa dhugaatiin jiraachuu dandeessu hin fakkaattu. Uummatni mana hidhaa qayee ofii godhate; uummatni nagaan ba’ee nagaan galuu hin dandeenye; uummatni qayee fi lafa isaarraa humnaan buqqa’aa jiru; uummatni beelaan akka baala mukaa harca’aa jiru; uummatni biyaa dureettii isaa keessatti jireenya namaa gadii jiraachaa jiru; qabsoo hadhaawaa kana itti fufee bilisummaa ofii argachuu barbaada malee, Impaayara sirna gabroonfataatiin dulloomtee kufuuf deemtu tana keessatti tokkummaan dhugaa jira ykn jiraachuu danda’a jedhee waan amanu natti hin fakkaatu.

Uummatni Oromoo duris taanan uummatoota biroo wajjin nagaan jiraachaa waan tureef; ormatu dhufee mirga isaa dhiite malee, daangaa dabree orma waan hin tuqiniif; bilisummaa fi abbaabiyyummaa humnaan dhabe deebisee argachuuf qabsaa’a malee, mirga uummatoota biroo waan hin tuqneef, bilisummaa fi walabummaa ofii yoo argate booda; yoo fedhii isaa ta’e, uummatoota ykn saboota biroo wajjin gamtaa dhaan nagaan jiraachuu ni danda’a. Kan bilisummaa fi walabummaa booda dhufu filannoo uummata bal’aa keenyaa ti; kanaaf haal-dureen hin jiru. Bilisummaa fi walabummaan uummata Oromoo garuu dirqama dha. Kaayyoo fi galii kanarratti asi fi achi jechuun hin jiru. Karaa biraatiin garuu, uummatni keenya hiree mirga ofii ofiif murteeffachuu danda’ee; kana keessatti walfaanummaa saboota Itoophiyaas kan filatu yoo ta’e, fedhii uummataa kana dura dhaabbachuun hin danda’amu.

Haa ta’u malee, uummatni keenya bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhabe deebisee argachuuf yookaanis mirgi hiree murteeffannaa isaa akka mirkanaawu, maaltu godhamuu qaba? Gabaabumatti, kun akka mirkanaawu dura mootummaa faashistiin Wayyaanee kun kufuu qaba. Hamma Wayyaaneen Finfinnee keessaa hin buqqaanetti; karaan kamiiyyuu bilisummaa fi walabummaatti nu geessuu hin danda’u. Wayyaanee hundee ishii wajjin achii buqqisuu dhaaf ammoo, humna cimaa ishii jilbiiffachiisu uumuun barbaachisaa dha. Gaafiin asirratti ka’u garuu, humna cimaa akkanaa akkamitti uumuu dandeenya? kan jedhu dha. Humna cimaa uumuu dhaaf karaan adda addaa jiraachuu danda’ullee, karaa ykn filannoo (option) sadi asitti dhiyeessuun barbaada.

 

Karaa ykn filannoo tokkoffaa: Humnoota bilisummaa Oromoo cimsuu dha. Kana godhuu dhaaf, humnootni Oromoo hunduu keessumaayuu bilisa baastonni kan akka ABO fi ULFO tokkummaa hunda hammatu tokko ijaaruu dha. Kanaaf ammoo tokkummaan bakkee adda addaatti yaalamaa jiru kun milkii dhaan xumuramee; sana booda humni bilisummaa abdachiisaan mooraa QBO keessatti uumamuu qaba jechuu dha.

 

Karaa ykn filannoo lammaffaa: Humnoota bilisummaa Oromoo fi humnoota bilisummaa saboota cunqurfamaa waliin tumsa humnoota bilisummaa uummatoota cunqurfamaa ijaaruu dha.

 

Karaa ykn filannoo sadaffaa: Humnoota bilisummaa saboota ykn uummatoota cunqurfamaa fi humnoota diimookraasii biroo wajjin tumsa-hunda-hammataa (All-Inclusive-Alliance) ijaaruu dha.

 

Asirratti humnoota diimookraasii biroo kanan jedhu, humnoota diimookraasii dhugaatti amanan; kan kaayyoo saboota cunqurfamaa dura hin dhaabbanne; warra mirga hiree murteeffannaa sabootaatti amanani fi kanallee kabajaan fudhatan; warra qabsoo hidhannoo gaggeessan jechuu kooti. Maaliif yoo jedhame, kana booda qabsoo hidhannootiin malee Wayyaanee jilbiiffachiisuun waan hin danda’amneefi; karaan biraa waan ijibbaatame natti fakkaata.

 

Asirratti wanti hubatamuu qabu, waan tokko (yaada tokko) barreessuu fi dubbachuun salphaa dha; waan jedhame ykn dubbatame sana hojiirra oolchuun garuu baay’ee ulfaataa dha. Filannooleen (options) sadeen kanaa olitti dhiyeesse kun tokko’umti isaallee salphaa miti. Wanti biraa hafee, tokkummaa humnoota Oromoo mooraa keenya keessatti uumuunuu qormaata guddaa dha. Qormaata duraa kana yoo hin dabarre ykn hin xumurre ammoo, kan itti aanee dhufu mirkaneessuun ulfaataa ta’a. Dhugaa dubbachuu dhaaf, har’a waldhabbii, araara fi tokkummaa jechaatuma yeroo dheeraa dabarsinee jirra; qabeenya, beekumsa fi dandeettii qabnu hundaa qabsoo kanarra oolchuu dhiifnee, waan biraarratti yeroo fixaa jirra jechuu dha. Otuu tokkummaan dhugaa jiraate fi waldhabbii fi araaramuurratti yeroo fixuu baatnee, qaata tarkaanfii tokko gara fuulduraatti deemnee turre.

 

Yoon akkana jedhu, yaalii araaraa fi tokkummaa godhamaa jiru kana qeequu fi warra yaalii kana godhanillee hamilee cabsuu kiyyaa miti. Wantin jechuu barbaade, araara buufnee; tokkummaa hawwamus  ijaarree; gara qabsoo cimsuutti deemuu qabna; yeroon dhaabbattee nu hin eegdu; qabsoo finiinsinee uummata keenya gabrummaa jalaa baasuu qabna; yeroon isaallee amma jechuu kooti. Erga kaayyoo tokkoof dhaabbatani, tokkummaan kaayyoo kana galii dhaan ga’uuf ijaaramu ammoo,tokkumma dirqamaa ti malee kan fedhii tii miti. Tokkummaan akka heerraga foormulaa dhaan kan hojjetamuu miti; kutannoo, murannoo fi obsas ni barbaada. Kaayyoon inni ijaaramuuf ammoo hunda caalaa murteessaa dha. Yoo kaayyoo tokkorratti walii hin galamne, tokkummaa uumuun baay’ee rakkisaa ta’uu danda’a.

 

Kaayyoon uummata Oromoo ykn kaayyoon QBO inni guddaan bilisummaa fi abbaabiyyummaa deebisanii argachuu ta’ullee, kaayyoon hatattamaa, kan hunduu dafanii amma irratti walii galuu qaban, Wayyaanee kuffisuu dha. Yoo Wayyaaneen kufte malee, wanti barbaadamu fi yaalamu hunduu milkaawuu hin danda’u. Kanaaf, qabeenya, humna, barumsa, beekumsa fi dandeettii qaban hundaa qindeessanii Wayyaanee kuffisuuf qabsoo kanarra oolchuun yoomiyyuu caalaa barbaachisaan amma. Yoo akkanati hojjetame, nuyis akkuma olloota keenyaa guyyaan biiftuun bilisummaa fi walabummaa itti nuuf baatu fagoo hin ta’u.

Galatoomaa.

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *