Oduu Haaraya

Dafanii bilisummaa argachuuf, karaa kamtu nu baasa? jedhanii of gaafachuun yoomiyyuu ..

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Warraaqsa uummataa, kan Aafrikaa kaabaatti jalqabee gara biyyoota jiddugaleessa bahaatti deemaa jiru, ilaalchisee yeroo ammaa meediyaalees ta’ee intarneetarratti waa baay’eetu dubbatamaa, dhaga’amaa fi argamaa jira. Anis gama kiyyaan sochii uummatootaa kana wajjin walqabsiisee dhimma kanarratti barruulee adda addaa dhiyeessuun kiyya ni yaadatama. Barruu dhiyoo kana baase tokkorratti, akkan yaada namoota tokko tokkoo hubadhetti, waanan warraaqsa akkanaatiin mormu yookaanis barruun kiyya sun waan kana faallessu fakkeessanii barruu sanarratti yaada dhiyeessanii turan. Haa ta’u garuu, kun dogoggora yaadaa ti malee, barruun kiyya sun qabiyyeen isaa waan warraaqsaan mormu ykn faallessu hin agarsiisu. Qabiyyee fi dhaamsi isaallee warraaqsa tasa impaayara Itoophiyaa keessatti, ta’uu danda’u tokkoof of qopheessuu ykn itti qophaawuu qabna kan jedhu dha. Ijjannoon kiyya kun akka dubbistootaaf ifa ta’un barbaada.

 

Of qopheessuu ykn itti qophaawuu qabna jechuun maal jechuu dha? Asirratti, itti qophaawuu kanan jedhu, warraaqsaaf of qopheessuu qofaa miti; qabsoo bilisummaa keenyaa cimsuufis ta’ee waanuma hundaafuu haala tolfachuu jechuun barbaade. Haala tolfachuu kan jedhu ammoo, waa baay’ee of keessaa qaba. Kana keessaa inni tokko fi murteessaan, mooraa keenya keessatti nagaa fi tasgabbii uumanii; tokkummaa qabsaa’otaa, tokkummaa dhugaa, kan kaayyoo fi galii tokkoof ijaaramee; humna abdachiisaa mooraa keenya keessatti uumu ijaaruu dha. Haa ta’u malee, dhugaan jiru, wanti dhara hin taane fi wanti iccitii hin qabne; yeroo ammaa haala akkanaa keessa hin jirru. Tokkummaan uummatni Oromoo hawwullee dubbachuu, barreessuu fi yaaluu irraa kan hafe, wanti hojiirra oolee mul’ate hin jiru. Tokkummaan akka ijaaramu yaalamaa jira ta’a malee, wanti irra gahame fi ifa ta’ee beekamu hin jiru jechuu kooti.

 

Yoo nagaa fi tasgabbiin uumamee; waliigalteen jiraatee; tokkummaan hawwamus uumamee; humni mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) cimuu baate, warraaqsaaf of qopheessuus ta’ee walumaagalatti qabsoon bilisummaa keenyaas cimee; galii hawwames ga’uu akka hin dandeenye hubatamuu fi hundaafuu ifa ta’uu qaba. Waan dabrerraa barachuu danda’uun beekumsa fi dandeettii guddaa dha. Mooraa QBO keessatti waliigaltee dhabuun; waliin mormuun; wal dura dhaabbachuun; diina dhiisanii walirratti duuluun; humna, qabeenya, beekumsa fi dandeettii gara gara facaasuun; yeroo dhaa yerootti qabsoo kana akka qancarsaa deeme otuu beeknu fi arginuu, maaliif kan dabrerraa barachuu akka dadhabnu sirumaa naaf hin galu. Hamma yoomiitti haalli keenya kun akkanumatti itti fufa? Hamma yoomiitti har’a, boru, iftaan,… jechaatuma yeroo fixna?

 

Waliin mormuun, wal dura dhaabbachuu fi karaa walitti cufuun, jaarmayaas ta’ee garee tokko cimsee kan biraa hin laaffisu. Yoo waliin mormuu fi wal dadhabsiisuun jiraate, hunduu laafaa deemu malee, tokko laafee kan biraa hin jabaatu jechuu dha. Kana jidduutti kan jabaatu fi cimu diina qofaa dha; kan gaaga’amu qabsoo keenya; kan miidhamu uummata keenya; kan bu’aa irraa argatu diina fi alagaa dha. Jaarmayoota keenyas ta’ee qabsaa’otni keenyas bu’aa takkallee kanarraa argachuu hin danda’an. Walumaagalatti, yoo mooraan keenya laafaa deeme, qabsoonis qancaraa deemti malee, Oromoo dhaaf bu’aan tokko hin argamu. Maaliif waayeen kun nuuf galuu dida? Maaliif hubachuu dadhabna? Jaarmayootni keenya, dhuguma QBOf dhaabbatu moo waa biraatu duuba jira? Alagaa waliinillee waliigaluun otuu danda’amuu, Oromoon – ijoolleen haadha fi abbaa tokkoo, kan kaayyoo tokko qaban, kan galii tokko barbaadan, maaliif waliigaluu dadhabu???

 

Akkan hubadhutti, yeroo ammaa mooraa QBO keessa yaadni adeemsa siyaasaa gara lamatti ba’ee waan mul’atu fakkaata. Adeemsa qofaa otuu hin taane, galii QBO illee ilaalchisee, ilaalchi adda addaas waan jiru fakkaata.

 

  • Inni tokko, yaada ykn ilaalcha walabummaa Oromiyaarratti hundaa’e yoo ta’u, Oromiyaa walaboomsuuf tokko taanee; lollee injifatnee; uummata keenya bilisoomsinee; biyya walaba taate fi mootummaa walabaa ijaarrachuu qabna yaada jedhu dha. Asirratti ilaalcha fi karaa adeemsaa qofaa otuu hin taane, yada galii booddeellee ifa godhu fakkaata.

 

  • Inni biraa, galii booddee banaa godhee dhiisuu dhaan; tooftaalee fi tarsiimoolee gara garaatti fayyadamnee; diina hamaa Wayyaanee kuffifnee; waan sana booda dhufuuf filannoo uummata bal’aa Oromoo taasifna yaada jedhu natti fakkaata.Tooftaalee fi tarsiimoolee yaadaman keessaa inni tokko humnoota alagaa wajjin hojjechuu barbaaduu fi diina waloo Wayyaanee faashistii kana kuffisuuf tumsa alaas ijaaruuf yaaduu fakkaata.

 

Egaa, asirratti yaada lamaan kana keessaa isa kamtu gaarii dha? Karaa kamtu dafee bilisummaatti nu geessa ykn geessuu danda’a? jennee gaafiilee kana kaasuun waan hin hafnee dha jedheen yaada. Haa ta’u malee, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, yaada kanatu gaarii dha kan biraa gaarii miti; yaadni lamaanuu gaarii dha yookaanis yaadni lamaanuu gaarii miti jedhanii gabaabumatti gaafiilee kanaaf deebii kennuun baay’ee nama rakkisa. Gaafiilee salphaa’umatti deebii argachuu danda’anii miti. Gadi fageenyaan itti yaaduu fi waa hunda bu’aa-qabeessa fi bu’aa-dhabeessa (bu’aa-qabeenya fi bu’aa-dhabeenya) isaanii gamaaggamuu nama barbaachisa jechuu dha.

 

Ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, haalatu baay’ee ulfaataa fi walxaxaa ta’e malee, otuu danda’amee karaa tokkoon, adeemsa tokkoon “walabummaa Orommiyaa” argachuu kan dandeenyu ta’e; kun hawwii kiyya qofaa otuu hin taane, hawwii uummata bal’aa Oromoo akka ta’en ykn ta’un yaada. Haalli ulfaataan kun ammoo karaa lamaan mul’ata: Inni tokko, haala keessumaayuu yeroo ammaa mooraa keenya keessatti mul’atu yoo ta’u; inni biraa haala addunyaa ti. Jaalannus jibbinus; amannus amanuu baannus; fudhannus fudhachuu baannus; galii hawwame kana ga’uun yeroo ammaa baay’ee rakkisaa dha. Haalli ulfaataan kun galii hawwame kanaaf akka tolu, dura haala mooraa keenyaa fooyyessuu qabna; kun sadarkaa duraa ta’uu qaba. Otuu haala mooraa keenyaa hin tolchin waayee haala addunyaa haasa’uunuu hiika hin qabu. Haalli mooraa QBO yoo fooyya’e fi wanti barbaadamu hunduu yoo guute; yoo akkanatti humni cimaa fi abdachiisaan uumame, haala addunyaa gara galanii ilaaluun gaaf sana dha.

 

Haalli ofii yoo tolfame, uummata bal’aa miliyoona afurtamaa ol ta’e dhiisii, uummatni lakkoofsaan kanaa gadi ta’eeyyuu, haala addunyaa rakkisaa fi ulfaataa ta’e keessattillee wanti bilisummaa barbaadu hin arganneef hin jiru. Yoo ofii ciman addunyaanillee nama wajjin dhaabbatti; nama deeggarti. “Laafaan ykn dadhabaan fira hin qabu, jabaan fira hin dhabu” jedhaa mitiiree Oromoon yoo mammaaku! Gaafiileen asirratti ka’uu qaban garuu, akkamitti haala keenya fooyyessina? Akkamitti mooraa keenya keessatti humna keenya cimsuu dandeenya? Kana godhuu dhaafillee hunduu qophii dhaa?fi kkf dha. Ammaaf gaafiilee kana akkuma jiranitti dhiisee; gara yaada lammataatti deebi’ee waan tokko tokko jechuun barbaada.

 

Akkuman kanaa olitti tuqee dabre, yaadni lammataa (inni biraa) galii booddee ykn galii xumuraa QBO banaa godhee dhiisuu qofaa otuu hin taane, galii’uma kanallee akka galii yeroo gabaabaa fi galii yeroo dheeraatti  waan ilaalu fakkaata. Kun tooftaa karaa tokko yoo ta’u, tooftaa fi tarsiimoon karaa biraa, humnoota alagaa (humnoota Habashaa dabalatee jechuu dha) hundaa wajjin hojjechuu fi tumsa-hundaa-hammatullee ijaaruuf waan yaadamu fakkaata. Asirratti wantin dubbistoota barruu kiyyaa hubachiisuu barbaadu, kun akka hubannoo kiyyaatitti, yaada dhuunfaa kiyyaati malee, odeeffannoo gahaa fi ragaa qabu argadhee, achirraayis ka’eetii miti. Yaadni akkanaa kun garuu ifa bahaa ykn ifa ta’aa akka jiru maddi tokko tokko ni agarsiisa.

 

Akkuman kanaa olitti gabaabumatti ibse, yaada lamaan kana keessaa isa kanatu gaarii dha; isa kana wayya; inni sun gaarii miti,  jedhanii murteessuun baay’ee nama rakkisa. Yaadni lamaanuu bu’aa-qabeessa fi bu’aa-dhabeessa qabu. Haa ta’u malee, yaada lamaanuu walbira qabanii ilaaluu fi hubachuu dhaan, yaada ykn karaa kamtu dafee bilisummaatti nu geessa jedhanii yaaduun keessumaayuu yeroo ammaa baay’ee murteessaa dha. Yaadolee kanarratti waliin haasa’uun, waliin mari’achuu fi yaada kamtu uummata keenyaaf bu’aa fiduu danda’a; yaada kamtu bilisummaa nutti dhiyeessuu danda’a, jedhanii walgaafachuun ofillee gaafachuun barbaachisaa qofaa otuu hin taane, dirqamallee ta’uu qaba jedheen amana. Kun egeree uummata keenyaa fi biyya keenyaa waan murteessuuf, dhimmoota kanarratti waliin mari’atanii; waliigaltee tokkorra ga’uun dirqama ta’a jechuu dha.

 

Kan kanarraa hafe, ammas akkuma dur; har’as akkuma kaleessaa; karaa kana, karaa sana; kaayyoo ganamaa, kaayyoo guyyaa, kaayyoo galgalaa jechaatuma kan waliin morminu yoo ta’e, diinnis kan dur caalaa jidduu keenya seenee addaan nu hiruu dhaaf carraa gaarii waan argatuuf, kan bu’aa irraa argatus diinuma malee, Oromoon bu’aa takkallee irraa hin argatu; kun sirriitti hubatamuu qaba. Haalli akkanaa eessanuu nu ga’uu hin danda’u. Kan jidduu kanatti gaaga’amu qabsoo keenya; kan miidhamu uummata keenya; kan gurguramee dhumu biyya keenya Oromiyaa dha, biyya ijaarrachuu hawwinuu dha; kan beela fi gadadoo keessa turu uummata bal’aa Oromoo ti; kan injifatu fi umurii bittaa dheereffatu Wayyaanee dha. Uummata fi biyya keenya Oromiyaa yaaduu qabna. Jiruu fi jireenya dhuunfaa har’aa otuu hin taane, egeree uummata keenyaa fi dhaloota dhufu ilaaluu qabna. Kana godhuun ammoo dirqama hundaa ti; dirqama lammummaa ti; dirqama Oromummaa ti.

 

Dhugaa dha, har’a Wayyaanee faashistii kana hundee ishii wajjin buqqisanii achi darbuu dhaaf; kan ishii dhaan morman, diina ishii hundaa wajjin hojjetanii ishii kuffisuun barbaachisaa dha. Diina hamaa kana kuffisuuf, tumsa-hundaa-hammatu ijaaruunis akkasuma barbaachisaa ta’a.Haa ta’u malee, akkuman kanaan duras barruulee adda addaa keessatti ibsuu yaale, alagaa wajjin hojjechuu yookaanis tumsa-hunda-hammataa alaa barbaaduu dura mooraa ofii qulqulleessuu fi humna ofii jabessuun waan bira dabruu hin dandeenya dha; dirqamas ta’uu qaba jedheen amana. Kanarratti ijjannoon kiyya hin jijjiiramne. Yoo dura mana keenya (mooraa keenya) hin qulqulleessine; yoo tokkummaa ykn tumsa humnoota Oromoo ijaarree humna mooraa keenyaa hin cimsine, qabsoo kanarra gaaga’amni ga’uu akka danda’u fi galiin hawwamellee gaafii keessa galuu akka danda’u yaaduu fi hubachuun barbaachisa dha.

 

Akka barruun kiyya dheeratee dubbistoota hin ifachiifne, barruu kiyya kan har’aa asumarratti xumuruun barbaada. Gaafiileen kanaa olitti kaase:Akkamitti mooraa QBO keessatti nagaa fi tasgabbii uumna? Akkamitti haala mooraa keenyaa fooyyessina? Akkamitti mooraa keenya keessatti humna keenya cimsuu dandeenya? fi kkf irratti barruu itti aanee dhufuun yaada koo dhiyeessuun yaala. Dhumarratti garuu, dhaamsi ani Oromoo hundaafuu, keessumaayuu qabsaa’otaaf, dabarsuu barbaadu: yeroon waliin morman; yeroon wal dadhabsiisan; yeroon karaa walitti cufan; yeroon humna walii laaffisan; yeroon diinaaf karaa baasan; yeroon diinaaf qaawwa uuman; yeroon diinaaf balbala banan dabree; dafnee bilisummaa barbaadnu argachuuf karaa kamtu nu baasa jennee of gaafachuu fi kanaafillee deebii argachuun yoomiyyuu caalaa amma ta’uu qaba.

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *