Oduu Haaraya

Uummata biratti argamanii fincilaaf (warraaqsaafi) kakaasuu dha malee…

Abdii Boruutiin

Warraaqsi uummataa yookaanis fincilli diddaa roorroo addunyaa kanarratti sochii bifa haaraa ta’aa waan jiru ykn ta’uuf waan deemu fakkaata. Kanaaf ammoo waan uummatootni Aafrikaa kaabaa, kan akka uummata Tunisiyaa fi uummata Misraa godhan akka fakkeenyaatitti ilaalamuu ni danda’a. Sochiin ykn warraaqsi uummatootaa kun biyyoota birootti ce’uu akka danda’u yaadama; waan hin hafnes fakkaata. Gaafiin yeroo ammaa ka’u fi yaadni hunda birattuu mul’atu garuu warraaqsi uummatootaa kun achuma biyyoota ollaa Misraatti ce’ee, gara biyyoota jiddugaleessa bahaatti dabra moo, gara biyyoota ardii Aafrikaa biroottis dabrina laata? kan jedhu dha. Kan ta’es ta’u, oolee haa bulu malee, biyya roorroo fi gabrummaan jiru keessatti warraaqsi uummataa bifa kamiinuu haa ta’u, gaaf tokko mul’achuun hin oolu. Yoom akka ta’u garuu abbaan fedhee beekuu hin danda’u; kun waan tasa ta’uu danda’uu dha. Abbaan irree fi gabroonfataanis boombii (dhoowaa) yeroorra akka taa’an waan nama mamsiisuu miti.

Warraaqsi uummataa kan dhalatu, gabaabumatti ibsuu dhaaf, yoo rakkooleen adda addaa uummatarratti heddoomani fi cimaa deeman; yoo mirgi ilma namaa dhiitame; yoo roorroo fi gabrummaan uumatarra turani fi jiran; akkasumas jireenyi uummataa hammaachaa deemee, obsi uummataas yoo daangaa dabre dha. Haa ta’u malee, roorroo fi gabrummaan hammaachaa deemuun qofaa fincilli ykn warraaqsi uummataa salphaatti akka uumamu godhuu hin danda’u. Fincilli ykn warraaqsi akka argamu fi fiixallee ba’uu danda’u (akka milkaawu) waa baay’ee barbaachisa; qophii bal’aa barbaadas. Yoo sirriitti itti hin qophaa’amne, qaanqeen warraaqsaa kun abbaa irreetiin ykn gabroonfataa dhaan dafee dhaamuu danda’a. Warraaqsi kan guyyaa beekamaan tokko qabameefii karooraan ta’uu miti; waan tasa ta’uu dha. Akka inni milkaawu garuu qophii karoorfachuun ni danda’ama. Kuni ammo ciminaan hojjechuu fi wareegamallee waan barbaadu dha.

Qophii kana keessaa inni tokko fi guddaan uummata ijaaruu, dammaqsuu, odeeffannoo bal’aa kennuu fi kakaasuu; warraaqsaaf ykn fincilaaf isa qopheessuu dha. Uummatni hin ijaaramne fi odeeffannoo gahaa hin arganne yeroo tokkoon ka’ee finciluu ykn warraaqsa godhuu hin danda’u. Kuni ammoo kan milkaawu yoo uummata jidduutti argamanii fi uummata bira dhaabbatanii waan barbaachisu hundaa qindeessanii dha. Uummatarraa fagaatanii yoo jiraatani fi alaala taa’anii yaamicha fincilaa dabarsuun bu’aa-dhabeenyi isaa karaa lamaan mul’ata. Karaan tokko, alaala taa’anii uummata  bal’aa ijaaruun, dammaqsuu fi kakaasuun baay’ee rakkisaa ta’a. Yoo uummatni sirriitti hin ijaaramne fi dammaqee sagalee tokkoon warraaqsaaf hin kaane, warraaqsi kun milkaawuu hin danda’u. Karaan lammataa, otuma akka tasaa ta’ee warraaqsi tokko mul’ate, uummata hogganaa of biraa hin qabne tokkoof warraaqsa kana keessatti, jijjiiramni uummatni hawwu otuu hin argamin hafuu danda’a. Humni uummataaf hin dhaabbanne tasa carraa kanatti fayyadamee aangootti dhufuu danda’a jechuu dha.

 

Gara impaayara Itoophiyaa fi uummata Oromootti deebi’uu dhaaf, haa turu ykn haa daddafu malee, impaayara kana keessattis warraaqsi tokko dhalachuun isaa waan hin hafnee dha. Haa ta’u malee, akkuma beekamu, hoggantootni jaarmayoota bilisa baasota Oromoo, keessumaayuu abdii uummata Oromoo kan ta’e, Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) hoggantootnis isaa biyya alaa jiru; uummata jidduutti argamanii uummata keenya waa hundaaf qopheessuu fi kakaasuu hin danda’an; alaala jiraatanii kana godhuun rakkisaa waan ta’uuf jechuu dha. Kun rakkoo karaa tokkoo ti. Rakkoon karaa lammataa, biyya fi uummata irraa fagaatanii biyya alaa keessattillee tokkoomuu hin dandeenye. Jaarmayootas ta’ee hoggantootni tokkummaa hin qabne ammoo uummata bal’aa ijaaranii warraaqsaaf qopheessuun hafee, ofii isaaniituu qopheessuun rakkisaa ta’a. Kun dhugaa dhokachuu hin dandeenye dha.

 

Karaa biraatiin yoo ilaalames, jaarmayootni fi hoggantootni isaa tokkoomuu yoo hin dandeenye; yoo yaamichi tokkummaa isaa hin dhaga’amne; yoo humni mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) yeroo dhaa yerootti laafaa deeme; uummatni Oromoo eenyu abdateeti; eenyutu egere na hoggana jedheeti hamilee dhaan warraaqsaaf of kaasa? Warraaqsa ykn fincila uummataa keessatti gahee guddaa kan taphatan dargaggoo dha; abdiin uummataallee isaanuma. Ijaaranii, humna fi dandeettii isaanii qindeessanii waa hundaaf qopheessuun kan danda’amullee dargaggoo dha. Haa ta’u malee, har’a, jaarmayaa ykn hogganaa Oromoo kamtu kana godhuu danda’a? Akka haala amma jiru kanatti, dargaggootnis maal jaarmayoota fi hoggantoota keenyarraa barachuu danda’u? Maaltu fakkeenya gaarii isaaniif ta’a? Muuxannoo maal hoggantootarraa argachuu danda’u?…

 

Asirratti wanti hubatamuu qabu, yoon gaafiilee kana kaasu, dandeettii fi beekumsa hoggantoota keenyaa kan hundaatuu gaafii keessa galchuu kiyyaa miti. Isaanuma qofaa kophaatti baasee qeequu barbaaduus miti. Kan qeeqamuu qaban hoggantoota qofaa miti jechuu kooti. Hundi keenyaa mataa mataa keenyaaf gaafii dhiyeessuu qabna. Qabsoo bilisummaa kanaaf maal gumaachina jennee of gaafachuu qabna; ofillee qeequus qabna. Quba tokko yoo ormatti agarsiifnu, quba sadi akka ofitti agarsiifnu hubachuu qabna. Hamma danda’ame karaa danda’ameen qabsoo bilisummaa Oromootiif gahee keenya taphachuun ykn qooda keenya gumaachuun dirqama hunda keenyaa (Oromoo) ti; ittigaafatama lammummaa ti. Jiruu fi jireenya dhuunfaa har’aa qofaa otuu hin taane jireenya fi egeree uummata keenyaa yaaduu qabna. Egereen uummata Oromoo fi Oromiyaa sammuu hunda keenyaa keessatti mul’achuu qaba.

Wanti ani caalaatti jaarmayoota fi hoggantoota keenyatti xiyyeeffadhuuf, sababootni gara garaa jiraatanillee, sababoota gurguddoo lama kaasuun barbaada. Inni tokko, yaamicha tokkummaatiif dafanii owwaachuu diduu ykn dadhabuu dha. Yoo tokkummaan hin jiraanne, humna ofii cimsuun akka hin danda’amne isaan caalaa namoota birootu beeku jechuun hin danda’amu. Otuma kana beekanuu yaamicha uummataa hojiirra oolchuu dadhabuun maali? Hawwii uummata bal’aa maaliif guutuu dadhabu? Maaliif yaamicha uummata bal’aa hin kabajne? Jaarmayootni ykn hoggantootni, qabsoo kana cimsuu fi galii hawwameen ga’uuf  har’a hin tokkoomne, boru akkamitti waliigalanii biyya tokko bulchuu danda’u? Sababni inni lammataa, dubbachuu fi waadaa galuu malee, waan dubbatan hojii dhaan agarsiisuu dadhabuu dha. Hammuma barri haaraan jalqabu, dhaamsa bara haaraa dabarsuun uummata keenya ifachiisee jira. Dhaamsa dabarsuun qofaa gahaa miti; xinnaatullee jijjiiramni tokko tokko mul’achuu qabu.

Dhugaa dubbachuu dhaaf, yeroo tokko tokko yoon taa’ee (itti) yaadu, dubbiin ykn dhaadannoon “Tokkummaan humna” jedhu kun mooraa keenya keessatti waan hojjetu natti hin fakkaatu. Asirratti wantin hubachiisuu barbaadu, tokkummaan humna miti; tokkummaa nu hin barbaachisu; tokkummaa dhiisaa jechuu kiyyaa miti. Tokkummaan akka humna ta’u waan nama mamsiisuu miti; kun dhugaa waliigalaa ti. Haa ta’u malee, “Humni Tokkummaa dha” yoo jenne hoo, haala keenya keessatti sirrii ta’uu hin danda’uu? Eeyyen, sirrii ta’uu ni danda’a. Maaliif yoo jenne, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, otuu jaarmayoota Oromoo keessaa inni tokko cimee, injifatnoolee tokko tokko argamsiisee; jijjiirama tokko tokko mul’ise, uummata Oromoo dhiisii jaarmayootni hafanillee kana duuba ykn wajjin akka hiriirani fi tokkummaanillee yeroo kana ijaaramuu akka danda’u dha.

Jaarmayootni keenya, tokkoomne ykn tokkoomaa jirra yookaanis tokkoomuuf deemna jechuun qofaa gahaa hin ta’u. Tokkummaan yoo ijaarame, booda bu’aan tokko irraa argamuu qaba. Akkuma tokkummaan humna jedhamu, humni injifatnoo argamsiisu asirraa uumamuu qaba. Yoo kuni hin taane ykn hin mul’anne, tokkummaan ijaaramus maqaaf yoo ta’e malee, hiika biraa hin qabu. Maaliif waayee kana akkan kaase fakkeenya tokko tokko dhiyeessuun barbaada.

Tokkoffaa, gara jalqaba bara dabree (bara 2010) irratti jaarmayootni Oromoo sadi walittibaqanii jaarmayaa tokko, kan hogganummaa tokko jalatti socha’u, ULFO akka ijaaran ni yaadatama. Haa ta’u malee, tokkummaan kun gammachuu guddaa dhaan simatamullee, hamma har’aatti wanti tokko irraa hin argamne. Dhugaa dubbachuu dhaaf, jaarmayootni kun jiraachuun isaaniituu hin dhaga’amu; wanti isaan dalaga jiranillee hin beekamu.

Lammaffaa, akkuma yaadatamu, dhiyoo kana jaarmayootni lama FIDO fi QC ABO marii araaraa akka godhan labsamee ture. Mariin kunis tokkummaa ijaaruuf ta’ee ykn araaramuuf akka ta’u wanti irra gahame fi wanti ifa ta’ee beekame hin jiru. Karaa biraatiin ana kan naaf hin galle, jaarmayoota sadeen walittibaqanii ULFO ijaaran keessaa inni tokko FIDO akka ta’e himamee ture. Otuu kun akkana ta’ee jiruu, FIDOn kophaa isaa QC ABO wajjin marii araaraa barbaaduun maaliifi? Anaaf otuu hin galin hafe moo FIDOn bakka ULFO bu’ee, ULFO fi QC ABO walitti araarsuu fi tokkoomsuufi? Rakkoon mooraa QBO keessa jiru inni tokko waan jaarmayootni keenya dalagan ykn dalagaa jiran ifa ta’uu dadhabuu ykn wanti ifa ta’e tokko (transparency)n dhabamuu dha. Waan tokko uummataaf ifa godhuu dhiisuu dha; balbala cufamaa duubatti wanta uummatni hin beekne dalaguu dha.

Sadaffaa, Jaarmayootni ykn gareeleen tokkummaa ijaaruuf ykn tokkoomuuf waliigaltee mallatteessan, SG ABO fi KY ABO, yeroo Fulbaana keessa waliigaltee mallatteessan sana baatii ykn ji’a shan keessatti waa hundaa xumuruuf akka deeman dubbatanii turan. Jiini ykn baatiin shanan isaan jedhan kunis kunoo dhumuuf ykn xumuramuuf deema. Wanti isaan irra gahani fi irra jiran garuu maal akka ta’e wanti beekamu hin jiru.

Egaa, waayee akkanaa kanatu akkan tokkummaa gaafii keessa galchu na taasise malee, tokkummaan humna miti jechuu barbaadeeti miti. Ammas taanan “tokkummaan humna.” Tokkummaa dhugaarraa humna cimaa fi abdachiisaatu uumama. Tokkummaan uumamu ykn ijaaramu tokkummaa dhugaa, kan kaayyoo tokkoof ijaaramu yoo ta’e, tokkummaa injifatnoo fidu fi bu’aa argamsiisu akka ta’u waan nama mamsiisuu miti. Tokkummaan akkanaa mooraa QBO keessatti ijaaramuu danda’aaree??

Gara mata duree barruu kanaatti deebi’uu dhaaf, yaada akkanaa hojiirra oolchuun ulfaataa ta’ullee, uummata bal’aa ijaaranii, dammaqsanii fi kakaasanii warraaqsaaf qopheessuufis ta’ee; walumaagalatti qabsoo bilisummaa cimsuuf, karaan jijjiirama fi bu’aa uummata keenyaaf fiduu danda’u, uummata ofii uummata bal’aa jidduutti argamanii; ofis uummatas waa hundaafuu qopheessanii; irree tokkoon gabroonfataa irratti duuluu dha jedheen amana. Alaala jiraatanii dhaamsa dabarsuun ykn yaamicha godhuun bu’aa waan fidu natti hin fakkaatu. Jaarmayaan uummata tokkoof dhaabbatu ykn jaarmayaa bilisabaasaan uummata ofii bilisoomsuu barbaadu, uummata biratti argamee, uummata bal’aa of duuba hiriirsee; qabsoo ganama manaa ba’eef; qabsoo kaayyoo godhatee ijaarameef galii hawwameen ga’uu qaba.

Warraaqsi tokko impaayara Itoophiyaa keessattis dhalachuun hin oolu. Haa ta’u malee, warraaqsa kana keessatti, jijjiiramni tokko uummata Oromootiifis ni dhufa jedhanii yaaduu fi alaala jiraatanii eeguun bu’aa waan fiduu miti. Mee haa jennu, akka tasaa ta’ee, warraaqsi tokko impaayara kana keessatti otuu dhalate, waan dhufuuf of qopheessinee ykn itti qophoofnee jirraa? Yaaddoon kiyya, warraaqsa tasa uumamu keessatti, carraan biraas akka nu hin dabarre; bu’aalee hamma har’aatti argannee, harkatti galfanne kanallee akka hin dhabne; humni biraa tasa aangootti dhufee, ammas gabrummaa keessa akka nu hin tursiifne dha. Kanaaf, karaa hundaan of qopheessuu fi uummata keenyas jijjiirama tokkoof qopheessuun dirqama ta’a. Balaa namatti dhufuuf deemu alaalatti arguu fi iitt qophaa’uun barbaachisaa dha. Balaan kun akka nurra hin geenye of qopheessuu qabna jechuun ammoo sodaachuu miti. Waan badaafis ta’ee waan gaarii dhaafillee of qopheessuun ykn itti qophaa’uun waanuma ilmaan namootaarraa eegamuu dha. Waan dabre irraa barachuunillee kan barbaachisu yoomiyyuu caalaa amma ta’uu qaba.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *