Oduu Haaraya

Qaama rakkoo ta’uu dhiisanii, qaama furmaataa ta’uun dirqama Oromoo hundaa ta’uu qaba

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti, yeroo ammaa, yaadni adeemsa siyaasaa karaa lamaan akka mul’atu, baruu mata duree “Dafanii bilisummaa argachuuf, karaa kamtu nu baasa? jedhanii of gaafachuun yoomiyyuu caalaa amma ta’uu qaba” jedhu keessatti ibsuun kiyya ni yaadatama. Gaafiileen achitti kaasee, otuu deebii hin kennin dhiise sanaaf, barruu kana keessatti, deebii kennuun yaala. Deebiin ani asitti kennuu yaalu yookaanis yaadni asitti dhiyeessu, furmaata rakkoolee mooraa keenyaa ta’uu baatullee, dhimma keenyarratti waliin mari’achuu dhaaf, jalqaba ta’uu danda’a jedheen yaada. Akka dubbistootni yaada isaanii asirratti kennan yaada koo mariitti dhiyeessuun barbaada jechuu kooti. Malli ykn furmaatni rakkoolee keenyaa numa Oromoota harka waan jiruuf, xinnaatus baay’atus yaada furmaata ta’uu danda’a jennu, mariitti dhiyeessuun bu’aa tokko malee waan hafu natti hin fakkaatu. Kanaaf hundi keenyaa, hamma danda’ame, qaama rakkoo ta’uurra qaama furmaataa ta’uu qabna.

 

Irra deebi’ee yaadachiisuuf, gaafiileen barruu kana duraa keessatti kaase:Akkamitti mooraa QBO keessatti nagaa fi tasgabbii uumna? Akkamitti haala mooraa keenyaa fooyyessina? Akkamitti mooraa keenya keessatti humna keenya cimsuu dandeenya? kan jedhan turan. Haala baay’ee walxaxaa fi rakkoolee baay’ee ulfaataa ta’an keessa waan jirruuf, rakkoolee akkanaa kanaaf furmaata argachuun, akka heerragaa foormulaa dhaan kan hojjetamu waan hin taaneef, kanatu ykn sanatu furmaata ykn mala jedhanii lafa kaa’uun waan salphaa ta’uu miti. Otuu waayeen kun salphaa ta’e, qaata rakkoolee keenyaaf furmaata argannee turre. Haa ta’u malee, rakkoon tokko hammuma fedhe ulfaataa yoo ta’e, furmaatni otuu hin argamneef hin hafu. Kanaaf, nuyis rakkoolee keenyaaf wanti mala dhabnuuf hin jiru; kana argachuun garuu qormaata cimaa dha.

 

Kaayyoo fi galii QBO ilaalchisee, mee gaafii tokkon kaasa: Oromoota hundallee yoo ta’uu baatan, Oromoonni harka caalaa fi qabsaa’otni Oromoo, kan qabsoo bilisummaa kana keessa jiran, warri “walabummaa Oromiyaa” hin hawwin ykn hin barbaadne jiruu? Ani akkan ofii kiyyaa yaadu fi ilaalutti, Oromoonni biroollee yoo hafan, qabsaa’ota ta’anii kan galii kana hin barbaadne jiru jedhee yaaduun na dhiba. Gaafiin deebii argachuuf na rakkisu garuu: Erga galii kana hawwani, maaliif hamma kana argatanitti karaa danda’ame hundaan hin qabsoofnne? Maaliif wareegama barbaachisullee kaffaluuf qophii hin taane? kan jedhu dha. Deebii gaafiilee kanaa qabsaa’otaaf dhiisuun barbaada. Deebiin isaan gaafiilee kanaaf kennan garuu waan hojii dhaan mul’atu ta’uu qaba.

 

Gaafiilee gurguddoo kanaa olitti ka’an yoo ilaalle, deebiin gaafii tokkoo kan biraatiif bu’ura ta’uu danda’a. Maal jechuu kooti? Fakkeenyaaf, gaafii, isa duraa, akkamitti mooraa keenya keessatti nagaa fi tasgabbii buusuu dandeenya? kan jedhuuf deebiin isaa akkamitti humna keenya cimsina? kan jedhuuf bu’ura ta’uu danda’a. Maaliif yoo jedhame, dura nagaa fi tasgabbiin yoo jiraate, akkamitti humna cimsuu akka danda’an yaadama jechuu dha. Yoo nagaa fi tasgabbiin hin jiraanne, humna cimsuun hafee, kan jiruu laafaa deema; waanuma argaa jirru dhas. QBO kana keessatti, hamma kaayyoo, karaa fi galii tokkorratti walii hin galletti; waayee kanarratti waliin mormuun hin dhaabbannetti; karaa adeemsa qabsoo kanaa amananii wal hin amansiifnetti; mooraan keenya tasgabbaa’uu waan danda’u hin fakkaatu.

 

Amma gara ijoo dubbiitti deebi’ee, gaafiilee gurguddoo sanaaf deebii kennuu yaaluu dhaaf, mee dura yaada lamaan mooraa keenya keessatti mul’achaa jiran kanattan deebi’a. Warra yaada lamaan gara garaa kana qaban, yaada tokkorratti akka walii galan taasisuuf; yookaanis yoo hin danda’amne, yaada ofii qabatanii karaa barbaadan akka deemani fi garuu wal dura dhaabbatanii akka waliin hin mormine; diinaaf qaawwa hin uumne; humna walii hin dadhabsiifne; qabsoos kan dur caalaa hin laaffisne,… filannoolee (options) kanaa gadii kana dhiyeessuun barbaada.

 

  • Filannoo tokkoffaa: Warra adeemsa tokkoon ykn karaa tokkoon walabummaa Oromiyaa argamsiisuu barbaadan ykn yaada kana qaban bakka tokkotti fidanii tokkummaa humnoota kanaa ijaaruu dha. Humnoota kanaan “humnoota walabummaa Oromiyaa”n jedha.

 

  • Filannoo lammaffaa: Warra tooftaalee fi tarsiimoolee gara garaatti fayyadamnee; uummata Oromoo bilisoomsinee; galii booddee qabsoo kanaa garuu filannoo uummatichaa goona warra jedhan bakka tokkotti fidanii tokkummaa humnoota kanaas ijaaruu. Humnoota kanaan ammoo “humnoota bilisummaa Oromoo”n jedha.

 

  • Filannoo sadaffaa: Humnoota filannoo tokkoffaa fi filannoo lammaffaa (humnoota walabummaa Oromiyaa + humnoota bilisummaa Oromoo) walitti fidanii karaa tokko fi galii tokkorratti, yaada warra filannoo tokkoffaarratti akka walii galan taasisuu. Isa kanaan “tokkummaa ykn tumsa humnoota walabummaa Oromiyaa”n jedha.

 

  • Filannoo afraffaa: Humnoota filannoo tokkoffaa fi filannoo lammaffaa (humnoota walabummaa Oromiyaa + humnoota bilisummaa Oromoo) walitti fidanii yaada warra filannoo lammaffaarratti akka walii galan taasisuu. Isa kanaan ammoo “tokkummaa ykn tumsa humnoota bilisummaa Oromoo”n jedha.

 

  • Filannoo shanaffaa:  Humnoota filannoo tokkoffaa fi filannoo lammaffaa (humnoota walabummaa Oromiyaa + humnoota bilisummaa Oromoo) walitti fidanii, yaada lamaanirrattuu akka waliigalani fi waliin (wajjin) hojjetan taasisuu. Akkana jechuun, galii booddee banaa godhanii dhiisanis dhiisuu baatanis, qabsoo kana sadarkaa lamaan gaggeessuu jechuu dha.

 

Dura Wayyaanee kuffisanii; uummata keenya gabrummaa jalaa baasanii (kun sadarkaa duraa ti); sana booda humna ofii, jabeenya fi haala ofii gamaaggamuu dhaan; yookaan walabummaa Oromiyaatiif qabsoo itti fufuu yookaanis ammoo filannoo uummataa godhanii dhiisuu dha. Yoo milkaawuu danda’e, anaaf filannoon kun filannoo gaarii dha jedheen yaada.

 

  • Filannoo jahaffaa: Hunduu karaa barbaadaniin qabsoo kana itti fufanii; xinnaatullee hojjetanii bu’aa tokko uummata keenyaaf fiduu; garuu waliin mormuu fi wal dura dhaabbachuu dhaabuu; diinni jidduu isaanii seenee; addaan isaan hiree dadhabsiisuu dhaan akka humni isaanii laafu akka hin goone of eeguu.

 

Asirratti wanti hubatamuu qabu, taa’anii kan waan tokko dalaguuf carraaqu ykn tattaaffii godhutti quba qabuun; otuu ofii waan tokko hin dalagne kan biraa qeequun fi  wal komachuun uummata keenyaafis ta’ee qabsoo kanaaf bu’aa akka hin fidne dha. Hunduu karaa itti amanan sanaan hojjetanii jijjiirama tokko fiduu dha malee, sakaallaa walitti ta’uun hommaa nuuf hin fidu jechuu dha.

 

Asirratti, akka afaanfaajjiin hin uumamne, humnoota bilisummaa fi humnoota walabummaa kanan jedhu, yaadollee kana asitti gara gara baasee ibsuuf akka natti toluuf malee, humnoota ykn jaaramayoota biroo uumuufii miti. Qabsaa’otni ykn jaarmayootni amma jiran, kan yaada walfakkaataa qaban, walitti dhufuu akka danda’an ibsuufi. Karaa biraatiinis, humnootni walabummaa humnoota bilisummaas ta’uu akka danda’ani fi walabummaan Oromiyaas bilisummaa akka of keessaa qabu waan nama mamsiisu natti hin fakkaatu.

 

Yoo filannoo jahaffaan dirqama kan ta’u ta’e, yoo kan biraa hin danda’amne, kun kana godhe; sun sana ta’e; kun kanaaf deema; sun sanaaf deema; kun kaayyoo ganuufi; sun yaada hin hojjenne qabatee deema,…. fi kkf waliif moggaasanii; wal arrabsuun, wal abaaruun, diina fuulduratti wal nyaachuun; olola walirratti oofuun,…. dhaabbachuu qaba. Kun karaa walitti cufuuf yoo ta’e malee, Oromoo dhaaf – uummata keenyaaf bu’aa hin fidu; bu’aan kanarraa argamu kan diinaa ti; dheeressuu umurii bittaa Wayyaanee ti. Waayee fi dhugaan kun hunda birattuu hubatamuu qaba. Yoo waanan asitti tarreesse kun hojiirra oolan, mooraa keenya keessatti nagaa fi tasgabbiin bu’uu danda’u. Yoo kun hojiirra hin oolle garuu, haalli keenyas kan ammaa caalaa badaa deema malee, wanti fooyya’u hin jiru. Yoo akkana ta’e ammoo, gabrummaa dhaaf of qopheessuu qabna. Haala kana keessatti, yoomiyyuu qabsoo kana cimsuun hin danda’amu jechuu dha.

 

Filannooleen asitti dhiyeesse kana Oromoo dhaaf, keessumaayuu qabsaa’otaaf dhiisuu dhaan, yaada tokko garuu kaasuun barbaada. Yoo filannoo sadaffaa, afraffaa fi shanaffaan milkaawuu hin dandeenye, filannoo tokkoffaa fi filannoo lammaffaa qabaachuun badaa miti. Kun humnoota Oromoo garee (group) lamaa qabaachuu jechuu dha. Gareen tokko humnoota walabummaa Oromiyaa yoo ta’u, gareen biraa ammoo humnoota bilisummaa Oromoo ta’u. Galiin booddee warra filannoo lammaffaa banaa ta’ulle, wanti hundi isaaniituu waliin qaban (kan walii ykn waloo) bilisummaa uummata Oromoo ti. Wayyaanee kuffisanii uummata keenya gabrummaa hamaa kana jalaa baasanii bilisoomsuu jechuu dha. Yoo dhugaa dhaan, garaa qulqulluu dhaan kan hojjetamu ta’e, kun waan fedhii uummata Oromoo faallessu natti hin fakkaatu. Uummatni keenya bilisummaa dheebotee jira; bilisummaa beela’ee jira. Wanti fedhii uummata keenyaa faallessu yoo duuba jiraate garuu, kun adeemsa seenaa xureessuu ti; ittigaafatama seenaa ti.

 

Filannoo lamaanuu (filannoo tokkoffaa fi lammaffaa) qabaachuun bu’aa-qabeessi (bu’aa-qabeenyi) isaa malli? Fakkeenyaaf, gareen tokko adeemsarratti dogoggora ykn balleessa yoo hojjete; wanta qabsoo kana gaaga’ullee kan dalagu yoo ta’e, humni garee biraa jiraachuun wabii ta’uu danda’a jedheen yaada. Waliin mormaa wal sakaaluurra, tokko kan biraallee too’achuu danda’a jechuu dha. Kanaaf, humnoota garee lamaaniituu cimsuun waan bu’aa dhabu natti hin fakkaatu. Akkana jechuun kiyya ammoo, gara tokkoon otuun tokkummaa-hunda-hammataa qabsaa’ota Oromoo mooraa QBO keessatti hawwuu; gara biraatiin, gara garatti (garee gareetti) hiramaa jechuu kiyyaa miti. Yoo tokkummaan hundaa hammatu hin danda’amne, filannoo biraa qabnaaree?? Mala biraa dhabnaan yaada kana dhiyeesse malee, tokkummaa qabsaa’ota Oromoo ilaalchisee, hawwii fi ijjannoon kiyya hin jijjiiramne. Hawwii fi filannoon kiyya ammas taanan, yoo danda’ame, tokkummaa ykn tumsa qabsaa’ota Oromoo hundaa hammatu mooraa QBO keessatti ijaaruu fi humna cimaa fi abdachiisaa uumuu dha.

 

Egaa, gara xumura barruu kiyyaatti deemuu dhaaf, gaafiilee jajjaboo ka’aniif, walumaagalatti, yaada waliitti qabuu fi walitti guduunfuuf, yoo filannooleen kanaa olitti dhiyeesse tokko’umtillee milkaawuu hin dandeenye, xinnaatullee filannoo jahaffaan hojiirra ooluu qaba. Wanti biraallee yoo hafe; diinni nu jidduu fi nu keessa seenee, kan dur caalaa addaan nu hiree; humna keenya laaffisee; qabsoon keenyas akka qancartu fi laaftu taasisee; uummata keenya gabrummaa hamaa kana keessa akka hin tursiifne, mooraa keenya keessatti nagaa fi tasgabbii buusuun bu’ura waa hundaa ti; murteessaa dhas. Karaa barbaadne deemnullee, kun tarkaanfii duraa ta’uu qaba jedheen amana. Bakkee nagaan hin jirre, hojiin fedhee dalagamee, bu’aa fiduu hin danda’u.

 

Gaafii, akkamitti haala mooraa keenyaa fooyyessina ykn fooyyeessuu dandeenya? jedhuuf karaaleen adda addaa jiraatanillee, inni tokko, akkuman ibsuu yaale, dura tasgabbii fi nagaa buusuu dha; olola walirratti oofuu dhaabuu dha. Diinaaf karaa baasuu; balbala banuu dhiisanii, kana hundaa itti cufuu dha. Olola fi tooftaa diinaatiif gurra kennuu ykn dhaga’uu dhiisuu dha. Waan danda’ame, karaa danda’amu hundaan hojjetanii qabsoo kana keessatti jijjiirama tokko agarsiisuu dha; jijjiirama uummata keenyaaf bu’aa fidu;bu’aalee hamma har’aatti arganne kanaa ol malee kanaa gadi akka hin taane jechuu kooti. Yeroon ammaas, yeroo waa dalaganii hojii dhaan bu’aa tokko argamsiisan malee, yeroo dubbii qofaa dhaan humna ofii kanarratti fixan ta’uu hin qabu. Waggoota kudhan, kudha-shan, diigdama qabsoo keenya laaffisnee sadarkaa kanarra geenyee jirra; amma garuu nu gaye jechuu qabna.

 

Dhumarratti, gaafii isa hafeef, akkamitti humna keenya cimsuu dandeeya kan jedhuuf, deebiin ani gabaabumatti kennu, filannoo kamiinuu haa ta’u; humnootni kamiiyyuu walitti dhufuu haa danda’an; karaa danda’ameen tokkummaa ykn/fi tumsa humnoota Oromoo mooraa keenya keessatti uumuu dha. Kanaa ala wanti humna keenya jabeessu waan jiru natti hin fakkaata; natti hin mul’atus. Jaalannus jibbinus, tokkummaa keenya, tokkummaa qabsaa’otaa qofaatu humna abdachiisaa mooraa QBO keessatti uumuu danda’a. Yoo humni keenya cimaa fi abdachiisaa ta’e booda, tumsa alaa kan barbaadnu yoo ta’ellee wanti nu sodaachisu hin jiru. Yoo walii galan alaa galan malee, yoo kun hin taane alumatti hafuu ta’a. Irran deebi’a, furmaatni raakkoolee keenyaa nu harka jira; kanaaf, qaama furmaataa haa taanu!

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *