Abdii Boruutiin
Barruu kiyya kan har’aa keessatti, mata-duree kanaan waa lamatti xiyyeeffachuun barbaada. Inni tokko, hojii yeroo ammaa Habashootni dalagaa jiran yoo ta’u; inni biraa ammoo, kan haala mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessa jiru wajjin waan walqabatu dha. Diina guddaa kanan jedhu, diina hamma funyaaniitti hidhate; kan mootummoota jajjaboo addunyaa kanaatiin, keessumaayuu mootummoota warra biyyoota dhihaatiin gargaaramaa jiru; kan karaa adda addaatiin humna cimaa horate fi qabu, faashistii nama-nyaataa Wayyaanee dha. Jaarmayoota jala kaattuu fi/ykn tajaajiltuu Wayyaanee irraa kan hafan, jaarmayoota Habashaas ta’ee kan Oromoo, hunduu fedhiin isaan qaban fi kaayyoon waloo diina cimaa kana kuffisuu dha. Haa ta’u malee, akka hubatamutti, jaarmayootni Habashaa Wayyaaneerratti qofaa waan duulan hinfakkaatu.
Akka haalli yeroo ammaa ifa godhaa jirutti, Wayyaanee kuffisanii bakkee ishii bu’uun kaayyoo guddaa isaanii ta’ullee; hawwiin ykn kaayyoon Habashootaa inni kan biraa diina xiqqaa har’aa, garuu kan boru guddaa nutti ta’uu danda’a jedhanii yaadan, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) kuffisuu fi balleessuu dha. Kufaatii Wayyaanee booda, kan isaan sodaachisu ABO waan ta’uuf, dafanii mooraa QBO, keessumaayuu mooraa ABO laaffisuu fi yoo danda’ame ABO dhabamsiisuuf tattaaffii walirraa hin cinne godhaa jiru. Kanaaf, diina guddaa sana dura, diina xiqqaa har’aa, kan boru ykn egere guddaa ta’ee isaan sodaachisu kana, kuffisuuf waan danda’an, karaa danda’an hundaan ABOrratti duulu. Duuluuf ammoo dura meeshaa fi tooftaa nama barbaachisa. Meeshaa isaan barbaachisu kanas asuma mooraa QBO keessaa barbaadanii argatu. Isa kanas hin dhabne; kunoo namoota muraasa argatanii, karaa kanaan hawwii isaanii mirkaneessuuf halkani fi guyyaa hojjechaa jiru.
Kaayyoo guddaa fi tooftaan Habashootaa ammoo, mooraa QBO keessatti tasgabbii fi nagaan akka hin uumamne godhuu fi karaa kanaan humnootni Oromoo gara gara faca’anii; mooraan keenya akka laaftu godhuu dha. Daba isaanii kana dammaqinsaan hubachuu dadhabuu fi naannofnee naannofnee isaan harka seennee; isaaniif meeshaa ta’uutu nama gaddisiisa. Nu akka walirratti duullu nu godhanii; isaan garuu bukkee taa’anii nutti kofluun isaanii, uummata Oromootiif qaanii guddaa dha. Jarri keenya, Afaan Amaaraa caccabsanii dubbachaa; miidiyaalee isaaniirratti fedhii Habashootaa akka dhaamsaatti dabarsuun, hangam akka of hirraanfatan namatti mul’isa. Warri har’a kabajaan? isaan affeeranii; fedhii ofii calaqqisiisuuf itti fayyadaman kun (Habashootni), gaafii fi deebii isaanii yoo xumuran booda, achi garagalanii, “Yihin tabtaabbaa … aaganyan….” jedhanii waan dur baran sana akka dubbatani fi itti koflan waan nama mamsiisu natti hin fakkaatu.
Oromoo walirratti kakaasanii, yoo isaan wal nyaatan ofii moggaa taa’anii nutti koflu kanan jedheef, fakkeenyaaf, dhiyoo kana gaafii fi deebii Oromoota sadi wajjin raadiyoonii Jarmanii, kan “Deutsche Welle” jedhamu, sagantaa Afaan Amaaraa irratti godhame tokko dhaggeeffadheen ture. Namni kana dhagaye ragaa ba’uu danda’a. Erga namoota keenya jechootaan akka walirratti duulan taasisan booda, ofiif moggaa taa’anii akkamitti akka nutti qoosani fi dubbii jara keenyaatti koflan hubachuun nama hin rakkisu. Tuffiin isaan nuuf qaban ifatti mul’ate. Har’a miidiyaa Habasha irra taa’anii jechootaan walirratti duuluu fi diina keenya gammachiisuun; uummata keenya qaanessuun; hammam hamilee nama tuqa!! Dabni fi shirri alagaa fi diinaa kun yoom nutti mul’ata? Yoom nuuf gala laata? moo otuma kana beeknuu hojii qaanessaa kana dalagnaa? Hangamitti haalli kunis itti fufa? Oromoo, yoomuma ija keenya banannee haala keessa jirru arguu dandeenya? Yoom gurra keenya banannee shira alagaa fi diinaa kana dhaga’uu dandeenya?
Nuuf galus nuuf galuu baatus; hubannus hubachuu baannus; fedhiin Habashootaa Wayyaanee kuffisuu dura, mooraa QBO laaffisuu fi keessumaayuu ammoo, jaarmayaa jaalatamaa fi abdatamaa ta’e kana, ABO dhabamsiisuuf akka ta’e ifatti mul’achaa jira. Habashootni, mirga hiree ofii ofiif (ofiin) murteeffannaa uummata ykn saba Oromoo ni kabaju jedhanii isaan wajjin hojjechuu yaadu fi yaaluun shakkii tokko malee abjuu dha. Kan humnaan bilisummaa fi biyya namarraa fudhate, akkamitti deebisee kana namaaf kenna jedhanii yaadu? Jaalannus jibbinus; amannus amanuu baannus; hawwii fi kaayyoon Habashootaa bu’aalee hanga har’aatti QBOn nuuf argamsiise kanaa balleessuu akka ta’e hubachuu qabna. Hunda caalaa ammoo, kan dhukkuba mataa isaanitti ta’e, Oromiyaa dhiiga fi lafee ilmaan Oromootiin ijaaramte tanaa, yoo danda’ame kaartaarraa balleessanii biyya takkittii hawwan, Itoophiyaa takka, deebisanii ijaaruu barbaadu.
Waayeen isaanii dubbatamee waan hin dhumneef, amma gaafiin ka’uu qabu gabaabumatti: Maal godhuu qabna? kan jedhu dha. Deebii gaafii kanaatu waayee mata duree barruu kanaa isa kan biraatti na geessa. Har’a, qabsaa’otni Oromoo, ilmaan haadha fi abbaa tokkoo, kan ganama kaayyoo tokkoof wajjin manaa bahan, gara gara hiramanii waliigaltee dhabuun; sababa kanaan humna mooraa keenyaa laaffisuun; innumti kunuu diinummaa dha. Diina QBO ti yoon jedhe, dubbii oo’isuu hin ta’u. Maaliif diinummaa ta’a? Waliigaltee dhabuun akka hin tokkoomne ykn tokkummaa hin uumne taasisa. Tokkummaa dhabuun ammoo humna laaffisuu qofaatti hin hafu; diina fi alagaa dhaaf karaa baasa; balbala bana; qaawwa uuma. Diinni fi alagaan ammoo, karaa, balbala fi qaawwa argatan kanaan nu keessa seenanii gara gara nu hiruuf carraa argatu. Gara gara hiramuunis hunma keenya faffacaasee; mooraa keenya akka laaffise waanuma argamu dha.
Kanaaf, nuyi mooraa keenya qulqulleessuuf; humna cimaa fi abdachiisaa uumuuf; dura diinummaa dadhabbii fi laafina uume kana injifannee, balleessuu qabna. Waayeen kun dursa argachuu qaba. Karaa kanaan malee humna mooraa keenyaa cimsuun hin danda’amu. Yoo humna jabaa hin qabaanne fi akkuma amma jirru kanatti gara gara hiramnee kan hafnu ta’e, diina guddaa Wayyaanee kuffisuun hafee, bu’aalee hamma har’aatti argannee, harka keenyatti galfanne kanaayuu ittisuun mamsiisaa ta’a jechuu dha. Dhugaan kun hunda birattuu hubatamuu qaba. Tokkummaa keenya qofaatu humna, abdachiisaa fi wabii ta’uu danda’u, uuma. Yeroon tokkummaa dhugaa nu barbaachisus amma ta’uu qaba. Hamilee diinaa fi alagaa akkasuma kan gantuu cabsuuf, qabsaa’otni mooraa keenyaa hatattamaan marii araaraa fi tokkummaa jalqabuu qabu. Haal-duree tokko malee, waan fedhii uummata Oromoo guutu fi kaayyoo hatattamaa tokkorratti walii galuu qabu.
Waliigaltee dhabuun; tokkoomuu dadhabuun; waayee kana lafarra harkisaa turuun; har’a maalirraan akka nu gahe fi eessa akka jirru yoomiyyuu caalaa hubachuun barbaachisaa dha. Kaayyoo ofii ifa godhuun; adeemsa ofii sirreesuun; afaanfaajjiin akka hin uumamne waan taasisuuf, akka uummatni keenya ifatti beeku fi kana duuba hiriiru taasisa. Wanti haguuggamee deemu eessanuu nama hin gahu. Mooraa keenya tasgabbeessuu fi qulqulleessuu dadhabuun (diina xiqqaa injifachuu dadhabuun) gantummaa fi ayyaanlaallatummaaf carraa uuma. Waanuma argamaa jirus waan ta’eef, kun dhara miti. Kan biraa ammoo, ammas gareeleen biroo akka hin uumamne, warri kaayyoo tokko ykn walfakkaataa qaban walitti dufanii waliin mar’achuu fi furmaata argachuu qabu. Kun akka dirqamaattille ilaalamuu qaba. Kun dirqama Oromummaa fi Sabboonummaa waan ta’eef, kana keessatti hunduu gahee isaanii taphachuu qabu.
Mirga hiree ofii murteeffannaa saba Oromootti hunduu itti amananillee, garuu adeemsa fi akkamitti mirkanaawuu akka danda’u irratti waliigalanii; adeemsa kanas ifa godhuun murteessaa dha. Jechoota “mirga hiree murteeffannaa” jedhan dubbachuu fi mul’isuun qofaa gahaa hin ta’u. Warri har’a sagantaa ABO jijjiirre jedhanillee, sagantaa isaanii haaraa keessatti jechoota kana otuu hin mul’isin hin hafne (sagantaa isaanii 6.2 ilaali). Wanti isaan ifa godhan garuu, akka miidiyaa Habashaarratti dubbatani fi ibsanitti, “Nuti uummata Oromoo kan gorsinu, akka inni tokummaa Itoophiyaa keessa ture dha” jedhanii dubbachuu dha. Yoo akkana ta’e ammoo, erga sanummaa asittuu waan ofiif barbaadan murteessanii, mirga hiree murteeffannaa uummata Oromoo ni kabajna jedhanii sagantaarra kaa’uun maaliif barbaachisaa ta’eree?
Dhumarratti, haalli yeroo ammaa uumame kun, mooraa Habashootaa gammachuu dhaan guutee; mooraa keenya keessatti dheekkamsa fi dallansuu uumee; kana birallee dabree gaddisiisaa ta’ullee, karaa biraatiin garuu, carraa haaraa nuuf uume jedheen yaada. Carraa kanatti fayyadamnee, rakkoolee hanga har’aatti rarra’amanii as gahaniif furmaata bu’uraa argachuun yeroon isaa amma waan ta’uuf, akka haala keessa jirru hubannu fi ciminaan irratti hojjennu nu taasisa. Gammachuu fi wacuun Habashootaa hamilee qabsaa’ota Oromoo fi uummata Oromoo cabsuu hin danda’u. Yoomiyyuu caalaa akka tokkummaa keenya agarsiisnu nu taasisa. Yoo tokkummaan qabsaa’ota Oromoo milkaawe ammoo, eenyu akka injifate fi injifatame gaaf sana argina.
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com