Oduu Haaraya

Kanneen ‘Haqa’, ‘Bilisummaa’ fi ‘Demokraasii’f Qabsoofna Ofiin Jedhan Dursa

 

‘Haqa’, ‘Bilisummaa’ fi ‘Demokraasii’ jechuun maqoota gaggaarii dha. Maqootni
kabajamoo fi eebbifamoon kun garuu kanneen kaayyoo faallaa maqoota kanaa qabatanii
sosso’an tokko tokkoon irra ejjetamanii yoo buruqfaman argaas, dhagahaas jirra.
Murnoota siyaasaa tokkummaa Itoophiyaa tiksuuf dhaabbanne ofiin jedhan keessaa tokko
tokko maqoota eebbifamoo kana of moggaasanii duula farra haqaa, farra bilisummaa fi
farra demokraasiitti bobba’aniiru. Kanneen akkasii kun, hawwiin isaanii gonkumaa waan
dhugoomuufii hin dandeenyeef jecha maqaa tokko qabatanii bara baraan laphee ummataa
keessatti ititanii jiraachuus hin danda’ani. Akkuma faranjoonni ‘An empty barrel makes
the most sound’ (Barmeelli duwwaan sagalee guddaa uuma) jedhan, ofumaaf arraba
dheeratu malee duubbeen isaanii duwwaa dha. Kun ammoo mallattoodhuma dhaabota
deeggarsa ummataa bal’aa of duubaa hin qabnee fi mirga ummatootaafis iddoo malu hin
kenninee ti.

Addi Bilisummaa Oromoo humnoota kaleessas har’as mirga ummatootaa ukkaamsuu
hawwan akkasii wajjin yeroo isaa qisaasee qoccolloo waan seenuuf hin qabu. Hogguu
isaan ummata Oromoo fi sabboonummaa Oromummaa irratti xiyyeeffatanii duuluuf
aggaammatan garuu callisee isaan hin laalu. Warra hojii haaraa baaseef kanatti dhugaa
jirtu himuuf yeroo fi humna qisaafamutti gaddaatuma, haqa haalamuu hin dandeenye
gabaabsee yaadachiisuuf dirqama. Addi Bilisummaa Oromoo maqaaBilisummaa
Oromoo’ jedhu qabatee saba isaaf qabsaawuun cubbuu miti. Warri maqaaBilisummaa
jedhuun of waamaa maaf bilisummaa keef qabsoofta jechuu barbaadan dura surrii isaanii
waliin haa araaramani. Kaayyoon ABOn qabsaawuuf ‘bilisummaa’ ittiin nagadaa akka
kan isaanii osoo hin taane, ‘bilisummaadhugaa tahuu haa hubatani. Kaayyoon ABO
hawwii bilisummaa ti, hawwii haqaa ti, hawwii demokraasii ti.

Warri maqoota haqa, bilisummaa fi demokraasii jedhaman sobaan moggaafatee
ummatoota gowwoomsuu yaalu garuu dhugaan kun hin liqimfamuuf. Oromoon
sabummaadhaan jaaramee akka of ittisu kan dirqisiise yakkaa fi daba abbootii isaanii
durii tahuun hin galuuf. Kanneen amma maqaa ‘Haqa’, ‘Bilisummaa’ fi ‘Demokraasii’
jedhu moggaafatanii of ijaaran hoggananii fi bakka furtuu qabatanii ABO fi QBO irratti
duula banan kun, kanaan duras Wayyaanee fi dhaaba Wayyaanee EPRDF keessa turanii
kan ABO irratti duulaa bahan tahuu seenaa isaanii as dhihoo tu ragaa dha. Gaafa sirnicha
keessa turanis diinummaa ABO irratti oofaa bahan amma ammoo maqaalee ‘Haqa’,
Bilisummaa’ fi ‘Demokraasii’ jedhu moggaafatanii akka mormituutti as bahan malee
jijjiirraan ejjennoo fi ilaalcha siyaasaa hin jiru.

Har’a sabboonummaan Oromummaa dagaagee sadarkaa duubatti hin deebifamne irra
gahuu tu warra kana irriba dhowwataa jira. Oromoon kana booda humna ardii irraa
kamiifuu kan hin sarminee fi eenyuunuu jalatti bitamuu kan hin eehamne tahuun
mirkanaawuu tu abdii kutannaadhaan isaan maraachaa jira. Mootummaa aangoo irra jiru
jechootaan kan haleelaa jiran of fakkeessanii ‘zerenyaa’, ‘goosenyaa’ jechuudhaan

Oromoo arrabsuunis aarii abdii kutannaa kana irraa madda. Sabummaa fi gosummaa
gidduu garaagarummaa jiru illee adda baafatanii hubachuu hin danda’ani, yookiis
hubachuu hin hin fedhani. Akka waan sabummaadhaan jaaramuun Wayyaanee booda
jalqabameetti kan sabummaadhaan jaaramu hundaa Wayyaanee wajjin walitti qabanii
yakku. Ofii isaaniif kal’oo maqaa ‘Itoophiyummaa’ ofitti aguuganii ol’aantummaa saba
tokkichaaf kan caraanaa jiran tahuun osoma dirreetti beekamuu, warra akka isaaniitti
kal’oo ofitti maruu dhiisee eenyummaa isaa ifatti labsatee mirga isaaf falmatuun
‘zarenyaa’ jedhu. ‘Zarenyaa’n irra hamaan isaanuma akka tahe osoo ifatti beekamuu kan
biraatti quba qabu. Qabsoon keenya sirna ‘zarenyummaa’ Wayyaanee buqqisuu dha
yeroo jedhan, Wayyaanee qofa baananii odoo hin taane, ‘dhagaa tokkoon shinbira lama’
dhawuuf akka dhama’aa jiran kan itti dammaqame isaanitti hin fakkaatu.

Kanneen maqaa ‘haqa’, bilisummaa’ fi ‘demokraasii’ ofitti maxxansanii ummatoota
Itoophiyaa fi hawaasa addunyaa ittiin gowwoomsuu yaalan kunii fi Oromoo dabalatee
saboonni biyyattii biroon mul’anni qaban dugdaa fi garaa dha. Isaan Itoophiyaa
sabummaa ummatootaa hin fudhanne, kan ol’aantummaan saba tokkoo qofti bifa
tooftawaadhaan keessatti haaromfamee itti fufu jiraachisuu barbaadu. Oromoon akka
Oromootti, Ogaadeen akka Ogaadeenitti, Sidaamaan akka Sidaamaatti, Tigiraay akka
Tigiraayitti fi saboonni biroonis akkuma eenyummaa isaaniitti jaaramanii ofiin of
bulchuu kan jedhamu jara kana biratti gonkumaa kan yaadamuu miti. Kanaaf jecha mirga
hiree murteeffannaa ummatootaa kan gatiin dhiigaa itti kafalamee fi har’as itti kafalamaa
jiru haquudhaaf marxifatanii socho’aa jiru. Hanga yeroo dhihootti mirga ummatootaa
hanga tokko kan fudhatan of fakkeessanii ‘arrab dammee, garaan xannee’ tahuudhaan
ilmaan sabootaa fayyaaleyyii tokko tokko garaa hiruuf yaalii godhan illee itti hin
milkoofne. Borus adeemsa kanaan gonkumaa milkaawuuf akka hin jirre hiree kanaan itti
himna. Adeemsa haxxummaa kan ‘har’as ana tu siif beeka’ jedhu kanaan farrummaa
isaanii ifatti labsanii jiru waan taheef, kan duraan gowwoomfamee garaa hireefii tureyyuu
har’a irraa of fageessaa jiraachuun ifaa dha.

Warri faallaa moggaasa maqaa isaanii akka ta’an mirkaneessaa jiran kun, har’a
eenyummaa isaanii isuma dhugaa nutti himuuf dirqamaa jiru. Yaada walii isaatiin wal
mormuun of hidhanii ummatootas afan faajjessuu hawwu. Warra akka ABO kan akeeka
isaanii kana tolchee beekuu irraa isaan dura dhaabbatu yoo balaaleffatan, ‘eenyummaa
keenya osoo hin barre nu yakkitu, xirraaz nexxeq’ ittiin jedhu. Eenyummaan isaanii
garuu ifa galaa dha. Mirga hiree murteeffannaa abadan hin fudhannu jedhu.
Referendomiidhaan hiree ofii murteeffachuun haa turuutii, sirna federaalummaa kan
sabummaa irratti hundaaweyyuu ni dadhabamsiifna jechaa jiru. Alaabaa takkittii sirna
duraanii malee alaabaalee eenyummaa ummatootaa ibsan hin beeknu, afaan hojii
ilaalchisee Amaariffa cinaatti Afaan Oromoo dabaluu waan jedhamuun of gowwoomsuus
hin barbaannu kan jedhuu fi tarkaanfiilee farra ummatootaa kan biroo fudhachuuf karoora
qabaachuun isaanii soba miti. Kun lafumaa ka’amee jette jetteedhaan maqaa isaan
balleessuuf kan dubbatamu yookiin akka jecha isaaniitti ‘xirraaz nexxeq’ osoo hin taane
ragaa gahaa qaba. Kan biraa hafnaan miseensotni hoggana isaanii ol’aanoon akeeka
jedhame kana dirree bahanii yoo labsatan galmeeffameera. Kana caalaa ragaa biraa
fiduun barbaachisaas hin fakkaatu. Gabaabumatti kaayyoo jaaramtaniif dhiisaatii of
diigaatii koottaa nu jalatti bulaa dha kan jechaa jiran.

Addi Bilisummaa Oromoo fi sabboontonni Oromoo akka isaan jedhanitti ekeraa abbootii
jara kanaa waliin miti kan qabsootti jiran. ‘Hidhamtoota seenaa’ yookiis akka jecha
isaaniitti ‘ye taariik isrenyoochi’ jedhamuunis hin malleef. Warri har’a maqaa haqaa,
bilisummaa fi deomokraasiitiin sobu madaa kaleessa abbootiin teenya isin madeessite
irraanfadhaatii usaa bitamaa jechaa jiru. Kana jechuun Yuhuudotaan fixiinsa gaafa
Holocaust irraanfadhaa Nazy jalatti bulaa jechuu irraa addummaa hin qabu. Akkuma
warri Yuhuudotaa Dhumaatii Holocaust gaddaan yaadachaa jiraatan, Ummanni Oromoo
kan kallachummaa ABOtiin mirga isaaf falmachaa jirus lammiilee isaa miiliyoonota kan
weerartoota biyya isaa cabsaniin fixaman akka itti dagatu hin qabaatu. Akkuma ummata
kamiittuu madaa bittoonni kaleessaa isa madeessan gonkumaa dagachuu hin danda’u.
Yoo kan isaaniif galu tahe har’as borus kana gadi jabeessinee itti himna. Akkas jechuun
garuu ummanni Oromoo haluu bahachuu barbaada, akka seera Hamuraabiitti kan
kaleessa ija isaa baqse har’a ija baqsee ijaa bahachuuf karoora qaba jechuu miti. Kan
kaleessa isa madeesse sun har’a lubbuun hin jiru, ekeraa dha. Qabsoon bilisummaa
Oromoo ekeraa yakkamtoota kaleessaa ciisaa kaasee loluu irratti kan xiyeeffate miti.
Ekeraan seera ekerummaa cabsuun ilmaan isaa keessaan as bahee madaa dabalataa
uumuuf yoo eeboo qarfatu garuu Oromoon callisee of irratti hin laalu.

Kanneen har’a maqaa kukkuulamoo ‘Haqa’, ‘Bilisummaa’ fi ‘Demokraasii’ jedhan jala
gugatanii mirga sabummaa Oromoo fi saboota biroo buruqsuuf tirtiraa jiran ilmaan
ekeroota sanii tahuun mataa isaatti yakka miti. Kan yakkamtummaa isaanii ibsu, akeekaa
fi dalagaan jaraa mul’ata ekeroota isaanii dhugoomsuuf kan akeekkate tahuu isaa ti.
Ekeraa abbootii isaanii bakka bu’anii yuusaa jiru malee, badii abbootii isanii durii garaa
irraa balaaleffatanii araara buusuuf yaada hin qabani. ‘Dhugumatti kan dur tahe sun
yakka tureetii abbootii keenyaaf dhiifama godhaa, kaleessatti gaabbinee boruun wal haa
kiifnuu’ miti kan jechaa jiran. Faallaa kanaan isaanitti caalee tu, ekeraa abbootii teenyaa
maaliif jeeqxu, biyya dhiigaa fi lafee abbootii teenyaan jaaramte irratti maaliif gaaffii
dhiheessitu, kaayyoo keessan dhiiftanii afaan qabattanii maaliif nu jalatti hin bultan
jechuudhaan ekeraa abbootii isaaniitti lubbuu afuufuuf dhama’aa jiru.

Kanneen akkasitti yaadan kanaan waan gabaabaa tokko jenna. Ummata Oromoos tahee
Addi Bilisummaa Oromoo egeree boruuf yeroo yaadan kaleessa irra dhaabbatanii ti.
Kaleessi bu’uura har’aa ti; har’is bu’uura boruu ti. Kun seera uumaa ti. Seera murni farra
mirga ummatootaa tahe tokko lafumaa utaalee ka’ee jijjiiruu danda’uu miti. Waa’ee
kaleessaa dhiifnee waa’ee boruu qofa haa yaadnu jechuun kan danda’amu, summiin
yakka kaleessaa irraa dhimmisu ilillii abdii boruu irratti coccophee kan hin faalle tahuun
isaa haala mirkanaawe keessatti qofa! Haalli kunis kan mirkanaawu hiree murteeffannaa
ummatootaa dhugoomsuu qofaani. Farroonni mirga ummatootaa ammoo kana hin
fudhatani. Ummatoota irraa, keessumattuu, ummata Oromoo isa wayyabicha irraa sodaa
guddaa qabu waan taheef, yoo hireen akkasii dhihaate Oromoon biyya mataa isaa
jaarrachuun waan hin oollee dha jedhanii tu dunuunfatanii mirga kana mormu. Afaanuma
kanaan ammoo as deebi’anii tu, ‘ummata Oromoo keessaa hangi ABO deeggaru xiqqaa
dha’ jedhanii of gowwoomsuu yaalu. Duuba ummata Oromoo keessaa hangi ABO
deeggaru yoo xiqqaa tahe maaliif mirga hiree murteeffannaa ABOn qabatee sosso’u

sodaattu ree? gaaffii jedhuuf ammoo deebisaa hin qabani. Arraba lamaan dhagaa cabsuuf
ifaaju.

Addi Bilisummaa Oromoo kaleessa kaayyoo isaa akkuma qabatetti garaa bal’atee
humnoota maqaa tokkummaa Itoophiyaatiin deeman garii wajjin gaafa Tumsa
Bilisummaa fi Demokraasii (AFD) jaaru hafuurri ture hafuura madaa durii dhiinsuu yaalu
tokko ture. Hafuura belbeltummaa gaaffii Oromoo fi kan ummatoota biroof gurra kenne
tu ture. Kana waan taheef Tumsichi mooraa QBO fi kan warra kaanii keessattis deeggarsa
bal’aa akka argatee ture hin dagatamu. Adeemsi har’a kasaartota siyaasaa kanaan itti
jiramu garuu madaa ummataa waldhaanee dhiinsuu mannaa haanxaadhaan horfee
dhiigsuu akka filate hubatamaa dha. Waltajjii maree fi walitti dhiheenyaa bal’isuu
mannaa dhiphisee fedhii isaanii qofa keessumsiisuuf bakka kan hambise tahuun ifaa dha.
Haala akkasii keessatti waliin hojjechuu fi waliin deemuu kan jedhamu gonkumaa hin
yaadamu. Bu’aan adeemsa jal’inaa akkasiitiin argamu yoo jiraate balaa suukaneessaa fi
kasaaraa siyaasaa qofa. Kanaaf ammoo kan gatii baasuuf taa’u warruma yakka abbootii
isaanii kaleessaa haaromsuuf boorataa jiru ta’a. Maqoota ‘Haqa’, ‘Bilisummaa’ fi
‘Deemokraasii’ jedhaman fannifatuun qofti qabsaayaa haqaa, bilisummaa fi demokraasii
nama hin taasiftu. Jeedaloon kal’oo hoolaa uffateef hoolaa tahuu hin danda’u. Dura
dursoo hiikkaa maqaalee kabajamoo kanaa waliin araaramuu tu fardii taha jenna!

Infoo Deskii A

Check Also

alaabaa

Bulchiinsa gabrummaa diddaaf wal’aansoon godhaamaa turte tan ifatti mul’atte, bara 1962.

Abbaa Urjii tiin: Hawaasa Oromoo kanneen bulchiinsa gabrummaa Minilik jalatti buluu diddaaf lolanii injifataman keeysaa …