Oduu Haaraya

Haala yeroo ammaa deemaa jiru kanarraa maal hubachuu fi barachuu dandeenya?

Abdii Boruutiin

Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) erga jalqabee kaasee hanga har’aatti, bu’aa ba’ii baay’ee keessa dabree akka sadarkaa kana gahe seenaatu ragaa ta’a. Qabsoon bilisummaa hadhaawaa dha kan jedhamus sababni inni tokko kanumaafi. Qabsoo hadhaawaan injifannoo midhaawaa akka fidu garuu mamiin hin jiru. Hamma injifannoon xumuraa midhaawaan argamutti qabsoo hadhaawaa unachuun waanuma addunyaa kanarra jiru dha. Kan Oromoos kophaatti bahee adda ta’uu hin danda’u. Kanaaf, rakkoon kamiiyyuu keessaa fi alaan isa muudatullee, QBOn galii hawwmu ga’uun isaa waan ooluu miti. Haa dheeratu ykn haa gabaabbatu; haa turu ykn haa daddafu malee, injifannoon xumuraa kan uummata ykn saba Oromoo akka ta’u shakkiin takk hin jiru. Kana argachuuf garuu qabsoo keessa fi alaan qormaanni itti baay’ate kana itti fufuun waan filannoo hin qabne ta’a.

Qabsoo kana gananii alagaa ykn/fi diinatti makamanii isaan tajaajiluun waanuma kaleessa ture; harras jiru fi borullee argamuu danda’u waan ta’eef, yeroo’uma rakkoon akkanaa uumamu fi mul’atu wacuu fi yeroo haalli kun tasgabbaawu ykn qabbanaawu deebi’anii dhimma ofii dagachuun furmaata bu’uraa ta’uu hin danda’u. Furmaata fiduu kan danda’u rakkoo uumamerraa baratanii; haala akkanaa kana keessaa akkamitti ba’uu akka danda’an yaaduu fi karaa rakkoo kana keessaa nama baasu barbaaduu dha. Kan dabrerraa baratanii; haalli akkanaa deebi’ee akka hin uumamne godhuu; akka deebi’ee hin dhalanne godhuun yoo hin danda’amne ammoo akkamitti dursanii akka of qopheessan yaaduu dha. Maaltu ta’e ykn ta’aa jira jedhanii dinqamuurra akkamitti fi garamitti rakkoo kana keessaa baana jedhanii mala barbaaduu jechuu dha.

Mee gara dhimma mata duree kanatti deebi’ee; waan yeroo ammaa deemaa jiru ilaalchisee waan tokko tokko jechuun barbaada. Akkuman kanaa olitti tuqee dabre, qabsoo kana gananii alagaatti makamuun ykn alagaa wajjin hojjechuun; projektii hin milkoofne yaaluun waan haaraa miti. Wanta yeroo ammaa QBO keessatti godhame ykn mul’ate kan adda isa godhu garuu, waggota afurtama booda kaayyoo Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) ittin ijaarame fi qabsaa’uuf, jijjiiranii; jiraachuu jaarmayaa jaalatamaa fi abdatamaa kanaallee gaafii keessa galchuu dha. Jaarmayaa kana keessaa bahanii; diinatti ykn alagaatti makamanii; akka jaarmayaan kun jibbamu olola irratti oofuun waan barame ta’ullee; kan yeroo ammaa uumame kun garuu kaayyoo jaarmaichaa balleessuuf qofaa otuu hin taane, Oromummaallee gaaga’uu ta’a. Maaliif yoo jedhame, Oromummaan akka guddatu kan taasise qabsoo ABO dhaan hogganame fi gaggeessame waan ta’eefi.

Ani jara, sagantaa fi kaayyoo ABO jijjiirre jedhan kana, isaan Oromoo miti; Oromoo dhaaf hin qabsaa’an yookaanis ammoo, ergamtoota diinaa ti jedhee yaaduun, fudhachuu fi mormuunis na rakkisa. Nama tokko garuu hojiin inni dalagu eenyummaa isaa mul’isuun hin oolu. Waayee kana ammaaf akkuma jirutti dhiisee; gara dhimma keenyaatti deebi’uun barbaada. Itoophiyaa diimookraatessuus ta’e; sirna federaalummaa dhugaa ijaaruuf; Afaan Oromoo Afaan biyyoolessaa fi Afaan Federaalaa godhuu yaaduun, akka yaadaatti, waan haaraa dhalatee miti. Kun waan yaalamaa ture fi yaalamaa jirus dha. Keessa isaanii beekuu baadhullee, akkan arguu fi dhaga’utti, Waafidoo fi Kongresiin Uummata Oromoos (OFDM fi OPC) yaada’uma akkanaa waan qaban natti fakkaatu. Kuni otuu jiruu sagantaa ABO jijjiiruun maaliif barbaachiseree?

Lakkii isaan, warri biyya keessa jiran, warra karaa nagaatiin qabsaa’anii dha kan jedhamu yoo ta’e ammoo, Jeneraalotni keenya yaada sana fudhatanii; qabsoo hidhannoo gaggeessanii; waan barbaadan sana galii dhaan ga’uun isaanii baay’ee na shakkisiisa. Habashoota wajjin tumsa ijaarree kaayyoo keenya galii dhaan geenya kan jedhanis yoo ta’e, kan adda isaan godhu biyya alaa jiraachuu isaanii ti malee, warri biyya keessa jiranis (OFC) tumsa Habashaa hin laganne. Tumsa MEDREK jedhamu ijaaranii; yeroo ammaa isa kanallee gara Addaatti (Front) jijjiiraa akka jiran waan beekamuu dha. Yaaliin kun hunduu kaayyoo galii dhaan gahuu barbaadan sana waan milkeessu hin fakkaatu. Sanas ta’ee kana, kun dhimma isaanii ti. Hunduu karaa itti amananii fi danda’aniin hojjetanii Wayyaanee nama-nyaataa kana kan kuffisan yoo ta’e, ani akka nama tokkootti kanarraa rakkoo hin qabu.

Gaafiin asirratti ka’uu qabu garuu: Karaa jarri (Jeneraalotni) filatan kun uummata Oromootiif bu’aa fidaa? Yookaanis ammoo, dhiibbaan inni mooraa QBO keessatti qabu maali? kan jedhu dha. Sagantaa fi kaayyoo ABO jijjiiruun Oromoota baay’ee dallansiisee; Habashoota ammoo gammachiisuun akkuma jirutti taa’ee; adeemasa jara kanaa karaa adda addaatiin ilaaluu fi hubachuun barbaachisaa dha. Mee innumtuu hojiirra haa oolu malee; sagantaan jarri baafatan, akka yaada fi waraqatarra ooletti, Oromoo dhaaf waan badaa ta’u hin fakkaatu. Akkana yoon jedhu, bu’aalee hanga har’aatti QBOn argamsiise fi harka keenyatti galfanne, akkuma jiranitti qabannee fi tikfannee; bu’aalee sana caalan itti dabalachuu kan dandeenyu yoo ta’e, kun Oromoo dhaaf injifannoo ta’uu danda’a jechuu kooti. Otuu mooraa fi humna ofii hin cimsin, Habashoota wajjin hojjennee isa kana mirkaneessuu ni dandeenya jechuun garuu waan nama shakkisiisu dha.

Karaa biraatiin yoo ilaalame garuu, adeemsi jaraa kun, jalqabumarraa kaasee rakkoo uumaa waan jiruuf, kana bira dabree, bu’aa argamsiisuun isaa gaafii guddaa ta’a. Akka dhaga’amu fi hubatamutti, garee warra jijjiiramaa kana keessatti namootni bakkee saditti waan bahan fakkaata.

•    Tokkoffaa, warra sagantaa ABO jijjiirani fi karaa kanaan deemuu barbaadan, warra ani barruu kana keesasatti jara (Jeneraalota) jedhee dubbachaa jiru dha. Jeneraalota qofaa otuu hin taane, warra isaaniin hogganamanis dabalatee jechuu kooti.

•    Lammaffaa, warra bara 2008 KY ABO jedhanii ijaarani fi hanga har’aatti waliin turani; amma garuu adeemsa jaraa kanaatiin mormanii fi asuma keessattuu koree yeroo kan biraa ijaaruu yaadanii dha.

•    Sadaffaa, warra Onkoloolessa 31 bara 2009 KY ABO sanatti makamanii fi har’a adeemsa jaraaa kana balaaleffatan, fakkeenyaaf warra Adda Walabummaa Oromiyaa (AWO) turani dha.

Egaa otuu akkanati addaan hiramuun mul’atuu, namootni muraasni kaayyoo ABO jijjiiranii galii barbaadan ga’uun waan milkaawu fakkaataa? Yeroon nutti haa agarsiisitu!

Kanaaf, keessa ofii otuu hin qulqulleessin fi humna ofii otuu hin cimsin; Habashoota wajjin hojjetanii kaayyoo barbaadan galii dhaan ga’uun hafee; humni jiruu gara gara hiramee waan laafuuf, mooraa QBO kana keessatti rakkoo biraa uumuun isaa hin oolu. ABO garee shanaffaa fi jahaffaan ijaaramuu maluu laata? Deebii gaafii kanaa Waaqayyo/Rabbi haa beeku. Kan ta’es ta’u, kun dhiibbaa haalli kun mooraa QBO keessatti godhuu danda’u keessaa isa karaa tokkoo ti. Karaa biraatiin garuu haalli amma uumame kun mooraa keenya (mooraa QBO) keessatti carraa (opportunity) tokko banuu danda’a. Inni kunis tokkummaa qabsaa’otaa fi jaarmayoota keenyaaf, kan yeroo dheeraaf hawwamaa ture, mirkaneessuuf karaa banuu danda’a jedheen yaada. Yaaliin akkanaa ammoo, yoo amma hin milkoofne yoomiyyuu milkaawuun isaa sodaachisaa dha. Yoo dhimmi uummata ykn saba keenyaa amma Oromoota quuquu baate, yoomiyyuu quuquu hin danda’u. Yoo har’a sagalee tokko dubbachuu hin dandeenye, yoomiyyuu sagalee tokko dhageessisuun rakkisaa ta’a. Yeroon waliin mari’atan, wal dhaggeeffatan, wal hubatani fi tokkooman amma ta’uu baannan yeroon namaa mijaa’u hin argamu.

Adeemsa siyaasaa fi/ykn qabsoo keessatti garaagarummaan ilaalchaa yoomiyyuu hin dhabamu. Haa ta’u malee, garaagarummaa xixiqqoof jennee, waliigaltee dhabuun keenya; hidda baasaa dhufee har’a maalirraan akka nu gahe hubachuu qabna. Mooraa waliigaltee fi tokkummaan hin jirre qaawwatu itti baaya’ata. Qaawwa argatan kanaan ammoo, diinni fi alagaan nama keessa seenanii nama diigu. Otuu duraanuu waliigaltee fi tokkummaan jiraate, har’a haala ammaa kana keessa hin seennu turre. Kan kana caalu akka nutti hin dhufne, kan dabrerraa barannee; har’a nu gaye jechuu qabna. Haalli har’a uumame kun yoomiyyuu caalaa diina fi fira QBO addaan baasnee akka ilaallu fi hubnnu nu taasisa. Yeroon tokkoomanii adeemsa ofiis ifa godhan amma ta’uu qaba. Balaa nutti deemaa jiru, otuu nu bira hin gahin, alaalatti arguu danda’uu qabna. Akkamitti balaa kanas akka ofirraa ittisnu beekuus qabna. Humna mooraa keenyaa cimsuu qabna. Humni cimaa fi abdachiisaan ammoo tokkummaarraa akka dhufu waan nama mamsiisuu miti. Tokkummaan humna akkanaa dhalchu ammoo, tokkummaa dhugaa, kan kaayyoo tokkoof uumamu ta’uu qaba.

Yeroo’uma wanti tokko uumamu dallansuu dhaan (emotionally) garanaa fi garasii iyyinee; yoo haalli kun tasgabbaaye ammoo, deebinee dhimma keenya dagachuu; amaluma dur qabnu agarsiisuu otuu hin taane, haala keessa jirru; dura fi duuba, bitaa fi mirga keenya ilaaluu fi hubachuun yeroon isaa amma ta’uu qaba. Makmaaksa tokkon yaadadhe. Ballaatu (jaamaatu) manatti ibidda qabsiisee, yoo manni gubatu “Amma naaf ife” jedhe, jedhan. Akka makmaaksa kanaas akka hin taane, garuu alagaa fi diinni ibidda nutti qabsiisanii waan jiraniif, ibiddi boba’aa jiru kun nutti haa mul’atu. Ibidda kanas gamtaa dhaan haa dhaamsinu. Gamtaan kun ammoo tokkummaa keenya. Oromiyaa fi Oromummaan gaaga’ama guddaa keessa jiru. Oromoo, hirriibni si gayee ka’ii dammaqi. Kan dhimmi saba keetii si quuqu, ka’ii gahee kee taphadhu; qooda kee gumaachi. Harmeen teenya Ayyoo Oromiyaan gaaga’ama keessa jirtii, ija kee banadhuu ilaali. Boru seenaan si gaafataa kana hin dagatin!!!

Galatoomaa!

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *