Oduu Haaraya

Gadaan gadaa araaraa, waliigaltee fi tokkummaa ti – Tokkummaan hunda hammatus itti aaneee..

Abdii Boruutiin

Xumura Ayyaana Irreechaa bara 2010 irratti oduu gaarii fi gammachiisaa nu dhageessisuu Isaatiif Waaqayyo/Rabbi galanni haa gahu. Tokkummaa ilmaan Oromoo ilaalchisee wanti hawwaa turres kunoo suuta suuta waan mul’achaa jiru fakkaata. Hogganoonni garee Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) lamaa -Shanee Gumii ABO fi Koree Yeroo ABO jaarmayicha deebisanii tokkoomsuuf waliigaltee irra akka ga’an dhaga’amee jira. Maanguddoota araara kana buusanis ta’ee sabboontonni Oromoo hunduu warri karaa danda’ame hundaan tokkummaan akka uumamu gahee ofii gumaachaa turani fi jiran; kan tattaaffii walirraa hin cinne godhan; galanni isaanii guddaa dha. Kun jalqaba malee xumura akka hin taane hubatamee, tokkummaan hunda hammatus akka itti aanee dhufu; kan hir’ate akka guutu; kan hafanis walitti deebi’anii akka TOKKO ta’an carraa kanaan dhaamsa koo dabarsuufiin barbaada.

 

Mata duree barruu kanaa dhaadannoo dhaan jalqabuun kiyya, karaa tokkoon, waayeen kun baay’ee barbaachisaa fi murteessaa akka ta’e akkasumas yeroon isaa illee amma akka ta’e ykn ta’uu qabu hubachiisuuf haa ta’u malee; karaa biraatiin garuu asirratti ofqusachuu nama barbaachisa. Maaliif yoo jedhame, dhaadannoon yeroo baay’ee hojiirra otuu hin oolin waan hafuuf, abdii illee nama kutachiisuu waan maluufi. Kanaaf, dubbii kanarratti ofeeguun, hubachuu fi ofqusachuun barbaachisaa ta’a. Asirratti waan tokko kaasuun barbaada; yoon akkana jedhu garuu qeeqa ykn komii dubbachuu otuu hin taane, kan dabre irraa barachuu fi muuxannoo irraa argachuun gaarii dha jedhee waanan amanuufi. Baroota dabran keessatti, dhaadannoolee adda addaatu dhaga’amaa turan. Fakkeenyaaf, “Gadaan gadaa bilisummaa ti; gadaan gadaa jijjiiramaa ti; gadaan gadaa tokkummaa ti” jedhamee yeroo baay’ee sab-qunnamtiis ta’’ee marsaalee irratti dubbatamaa, dhaga’amaa fi argamaa turan; amma illee hin dhabamne.

 

Haa ta’u malee, dhugaa dubbachuu dhaaf, mee wal haa gaafannu! Wanta jedhaman sana keessaa isa kamtu hojiirra oolee argame? Gadaan gadaa bilisummaa ti erga jechuu qabne waggoota hedduu dabarsinu illee, bilisummaan hawwinus achi nurraa fagaachaa deemuu malee, wanti jijjiirame jiraa? Bilisummaa fiduu dhaaf hoomtuu hin godhamne; hoomtuu hin hojjetamne; tattaaffiin hin godhamne…. jechuu kiyyaa miti. Wanti dhaadannuuf sun akka barbaadnetti hojiirra oolee mul’achuu hin dandeenye jechuun barbaade. Dhaadannoon haarayaa dhalate fi waggoota lamaan dabran keessatti irra deddeebi’ee dubbatames ykn barreeffames, “Gadaan gadaa jijjiiramaa ti” jedhus hamilee uummata Oromoo kakaasee fi abdii guddaa itti horachiisee hafe malee, akka jedhametti jijjiirama fi bu’aa tokko otuu hin fidin har’a ga’e. Egaa, kana hundaa akka fakkeenyaatitti kaasuun koo, akkuman kanaa olitti ibse, qeeqa ykn komii ibsuufii miti. Kan dabre irraa baratamee, muuxannoo gaariin irraa argatamee, gara fuulduraatiif barumsa akka ta’u; dubbachuu caalaa hojii dhaan agarsiisuun barbaachisaa akka ta’u ibsuun barbaade. Kanaafan waayee kanarratti ofqusachuu nama barbaachisa jedhe.

 

Amma gara araara fi waliigalteetti deebi’uu dhaaf, waliigalteen mallatteeffame jedhame kun jalqaba malee xumura miti; tokkummaa hunda hammatuuf balbala bana malee hin cufus. Araara buusuu fi waliigaltee godhuun karaa tokko; tokkummaan jalqabame kun tokkummaa dhugaa, kan mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti humna cimaa uumu akka ta’u hojii dhaan agarsiisuun ammoo karaa biraa ti. Karaa kanatu ulfaataa dha; isa kanatu cimina fi garaa qulqulluu dhaan hojjechuu barbaada. Kuni akka milkaawu fi bu’aa tokko fidu ammoo hojiin isaas hundeerraa jalqabuu qaba. Nagaa fi araara bu’e kana bu’ura godhatee, jalaa hamma baddaatitti deemuu qaba. Kan uummata Oromoo amansiisu fi deebisee abdii itti horu; kan warra hafanis ofitti harkisu; kan wabii QBO ta’u fi kan diina sodaachisu; kana bira ille dabree, humna cimaa uumuu dhaan kan diina jilbiiffachiisu ta’uu qaba.

 

Maaliif hojiin isaas hundeerraa jalqabuu qaba kanan jedhe ibsuun yaala. Akkuma beekamu fi amanamu, addaanfottoqinni  ABO keessumaayuu inni bara 2008 ta’e, sabboontota fi qabsaa’ota gara gara hiruu qofaatti otuu hin hafin, hawaasa Oromoo keessatti illee rakkoo guddaa hamma kana hin jedhamne uume. Dhugaan dhokachuu hin dandeenye, summii gandummaa fi naanummaa hawaasa keessatti waan facaaseef, kan kanaan ka’e Oromoon akka obboleessa fi obboleettitti jaalalaan wajjin jiraachaa turan naannoo, ganda fi amantii dhaan akka wal qoqqoodan taasise. Diinaaf balbala fi qaawwa bane; karaa baase; qabsoo bilisummaa qancarse; qabsaa’onni diina dhiisanii akka walirratti duulan godhe; akka wal madeessan godhes. Madaan kun fayyuu dhaaf yeroo fudhatu illee, amma qorichi argameefii, dafee fayyuu qaba. Akka kun ta’u ammoo hojiin tokkummaa kun hawaasa Oromoo hundee godhatee, asirraa jalqabuu qaba.

 

Hunda caalaa wanti dagatamuu hin qabne, waliigalteen hogganootaa murteessaa ta’u ille kun qofaan gahaa fi quubsaa miti. Araarri fi waliigalteen kun sabboontota, qabsaa’ota, miseensota fi deeggartoota, walumaagalatti hawaasa Oromoo hunda jidduutti godhamuu qaba. Kanatu utubaa tokkummaa ta’uu danda’a. Akkuma manni tokkos utubaa malee dhaabbachuu hin dandeenye, hawaasa Oromoo keessatti nagaa fi araarri bu’ee, hojiin tokkummaa asirraa yoo hin jalqabamne, tokkumman jalqabame kunis utubaa dhaba jechuu dha. Karaa biraatiinis yoo ilaalame, hojiin tokkummaa hawaasa Oromoo hundee godhatee, asirraa jalqabu kun akka hundee (fundament) mana haarayaa ijaaramu tokkoo ti. Manni tokkos hundee gaariirratti yoo hin ijaaramne, umrii dheeraa qabaachuu hin danda’u; dafee jiguu illee danda’a jechuu dha. Tokkummaanis akkanumatti ilaalamuu danda’a. Akkuma ibsa ABOn baase irratti “hundeen waliigaltee kanaa yeroo ji’a shan hin caalle keessatti walga’ii araaraa fi tokkummaa ABO waamuun …. mirkaanessuu dha” jedhame, ji’oota shanan dhufan kana keessatti yoomiyyuu caalaa ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’a jechuu dha.

 

Otuu akka hawwii uummata Oromoo ta’e, waliigalteen amma godhame fi mallatteeffame kun, kan ABO garee sadeenuu (SG ABO, KY ABO fi QC ABO) tokko godhu ture. Haa ta’u garuu kun jalqaba malee xumura waan hin taaneef, tarkaanfiin kanatti aanu kan warra hafan hundaa dabalatu fi tokkummaa hunda hammatu akka ta’u abdiin kiyya guddaa dha. Gaafii yeroo ta’a yookaanis oolee bula malee tokkummaan ilmaan Oromoo keessumaayuu kan sabboontotaa, qabsaa’otaa fi jaarmayoota Oromoo akka dhufu mamiin ykn shakkiin hin jiru. Kun diinaafis ta’ee fira Oromootiif ifa ta’uu qaba. Kun akka dhufu ammoo warri har’a tokkummaa jalqaban hojii gaarii hojjetanii; kan dubbatamu hojiirra oolchuu dhaan uummata Oromootti abdii horachiisuu qabu. Fakkeenya gaarii ta’anii warra hafanis tokkummaa hunda hammatutti harkisuu danda’uu qabu. Mooraa QBO keessatti humni abdachiisaan akka uumamu ciminaan hojjechuu qabu. Yeroon walirratti duulanii humna walii dadhabsiisan dabruu qaba. Kana booda mooraa ofii cimsuu fi kan diinaa ammoo dadhabsiisu dha.

 

Bara 2010, akka lakkoofsaatitti illee, kan adda isa godhu bara guutuu ta’uu isaa ti. Bar-kurnee lama booda, bar-kurneen tokko kan itti xumuramu fi bar-kurneen haarayaan itti aanee jalqabuu dha. Barri guutuun kun ammoo mooraa QBO keessatti illee waan guutuu akka nuuf fidu, araara fi nagaa buusuu jalqabuun seenaa Oromoo keessatti illee bakkee guddaa argata. Kan hiraanfatamuu hin dandeenye, jalqaba bara kanaarratti, yeroo miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) tokko tokko mooraa QBO keessaa ba’anii diinatti harka kennatan sana, barri kun Oromoo dhaaf bara gaddaa ta’inaa laata? jedhee ofgaafadheen ture. Haa ta’u malee, abdii hin kutanne. Waaqayyo/Rabbi ammas galanni haa ga’u, yeroo sanas otuu baay’ee hin turin oduu gaarii dhageenye. Innis jaarmayoonni bilisabaasonni Oromoo sadi walittibaqanii jaarmayaa tokko ULFO akka ta’anii dha. Amma ammoo kunoo ABO gareen lama akka tokko ta’uuf deeman oduu caalaa gammachiisaa dhaan gadi ba’anii jiru. Kanaaf, barri kun (2010) seenaa uummata Oromoo keessatti bakkee guddaa argata.

 

Barri 2010 seenaa keessatti bakkee ykn iddoo guddaa argachuu qofaa otuu hin taane, kan injifannoon uummata Oromoo itti jalqabu ta’uu fi kan bu’aa fidu ta’uu qaba; kan bilisummaa nutti dhiyeessu illee ta’uu qaba. Tokkummaa hunda hammatu fi humna cimaa diina injifatu uumuun yoo danda’ame ammoo, wanti bilisummaan achi nurraa fagaatuuf sababni hin jiru. Duruu gara gara faffaca’uu fi humna ofii laaffisuutu akka bilisummaan achi fagaattu godhe malee, cimina diina keenyaa qofaa miti. Diinni keenya illee kan cimu fi umrii bittaa kan dheereffatu, waan nuyi tokkummaa fi humna sodaachisaa dhabneefi.Tokkummaan hunda hammatu, kan QC ABO fi ULFO dabalatus akka itti aanee dhufu yaamichi tokkummaa uummata Oromoo dhaga’amuu qaba. Uummata dhaabbataniif kana ilaalaatii nagaa fi araara buusaa! Gara gara faca’anii hafuun, kophaa kophaa deemuun diinaaf malee isiniifis ta’ee uummata Oromootiif bu’aa hin fidu; kanuma argine fi argaa jirru dha; kan dabre irraa haa barannu. Dhumarratti, yeroon tokkummaa dhaaf owwaatanis amma waan ta’eef, yaamicha uummata keenyaa hin didinaa jechuu dhaan dhaamsa koo keessumaayuu QC ABO fi ULFOtti dabarsuun barbaada. Deebiin keessan ammoo tokkummaa hunda hammatu uumuu fi ABO cimaa TOKKO deebisanii ijaaruu akka ta’u abdiin qaba. Isa kanatu Finfinneerratti Alaabaa Oromiyaa mul’isuu danda’a.

Galatoomaa.

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *