Oduu Haaraya

Tokkummaan bilisa baasota Oromoo hundaa hin hammatne, tokkummaa bilisummaa fidu ta’uu hin danda’u

Abdii Boruutiin

Namni tokko diina isaa wajjin wal’aansoo yoo godhu, diina sana injifachuu kan danda’u humna diinaa caalaa cimaa kan ta’e yoo qabaate qofaa dha. Yoo kana hin qabaanne, laayyoo’umatti injifatama jechuu dha. Kun dhugaa waliigalaa ti. Qabsoon bilisummaas akkanumatti ilaalama. Karaa biraatiin yoo ilaalame ammoo, diina injifachuu dhaaf humna qofaa otuu hin taane, tooftaa fi tarsiimoo ittiin injifachuu danda’anis nama barbaachisa. Tooftaa ykn mala fi tarsiimoo gaariin qophaa’anii yoo lafa hin kaawamne, humni cimaan jiraateef qofa diina injifachuun ni danda’ama jechuun nama rakkisa. Kanaaf, waayeen kun sadeen: humna cimaa, tooftaa fi tarsiimoon kan waliin deemanii dha; kan waliin deemanis ta’uu qabu. Haa ta’u malee, yoo humni cimaa fi abdachiisaan hin jiraanne, tooftaa fi tarsiimoo qofaa dhaan galii barbaadan tokko ga’uun rakkisaa ta’a; humni cimaan dura uumamuu qaba jechuu dha. Humni cimaan kun hoo eessaa dhufa? Akkamitti uumamuu danda’a? Gabaabumatti, humni cimaan tokkummaarraa dhufa; kanaaf tokkummaan humna jedhamee bakkee hundatti dubbatama. Dubbiin kun ammoo waanuma barameef akka laayyootitti ilaalamuu hin qabu.

Humni tokkummaarraa dhufa erga jenne, tokkummaan hoo eessaa dhufa? Akkamitti ijaaramuu danda’a? Asittis gaafilee kanaaf deebii gabaabaa kennuu dhaaf, tokkummaan waliigaluurraa dhufa; yoo waliigaluun hin danda’amne, tokkoomuun ykn tokkummaa ijaaruun hin danda’amu jechuu dha. Gaafiin biraas ittuma fufa: Waliigaluun hoo akkamitti danda’ama? Asirratti xinnoo ibsa barbaachisa. Namoonni kan waliigaluu dadhaban ykn waliigaltee dhaban, yoo yaada, ilaalcha, fedhii, hawwii fi akkasumas kaayyoo adda addaa qabaatani fi kanarratti waliin mormanii dha. Haala mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti uumame yoo ilaalle fi hubanne, wanti qabsaa’ota fi jaarmayoota keenya waliigaluu isaan dhoowwe ykn dhoowwu maali? jennee gaafii kaasuun keenya hin hafu. Sababni isaas waayee asitti tarreeffaman kana keessaa isa tokko ykn lama ykn sadi yookaanis hundumaa ta’uu danda’a. Yaada, ilaalcha, fedhii ykn/fi hawwii isaanii ti moo kaayyoo isaan dhaabbataniiftu waliigaluu isaan dhoowwa??

Sababni waliigaluu isaan dhoowwu maal akka ta’e isaanumaaf dhiisuu dhaan, garuu kaayyoon isaan dhaabbataniif tokko – bilisummaa fi abbaabiyyummaa Oromoo akka ta’en yaada. Yoo kaayyoon isaan qabsaa’aniif kana hin taane, uummata Oromootiif dhaabbanna jechuunuu gaafii keessa gala jechuu dha. Yaada fi ilaalcha adda addaa qabaachuun waanuma ilmaan namootaa irraa eegamu fi argamu dha. Yoo fedhiin jiraate, yoo kaayyoo walii tokkoof dhaabbatan, garaagarummaa akkanaatiif furmaata waliin argachuun waan baay’ee rakkisaa ta’u natti hin fakkaatu. Kaayyoon dhaabbataniif, kan ganama manaa ba’aniif, kan ilmaan Oromoo kumootaan lakkaawaman wareegamaniif waa hunda dura dursa argachuu qaba; kun dirqama qabsoo bilisummaa ti. Kaayyoo kana galii hawwameen ga’uunis akkasuma dirqama hundaatuu ta’uu qaba. Warri dirqama kana hubatan ammoo, wanti waliigaluu dadhabaniif sababni hin jiru ykn jiraachuu hin qabu jedheen yaada. Kaayyoo dhaabbataniif tokkotu akka waliigalan nama godha. Yoo waliigaluun danda’ame ammoo, tokkummaan ofiif dhufuu danda’a; kanaaf, waliigaluun hundee tokkummaa ta’a jechuu dha. Waliigalan alaa galan kan jedhamus kanumaafii mitiree?

QBO keessatti tokkummaan barbaachisaa akka ta’e ykn ta’u, dhugaa har’a dhalate fi beekame miti. Tokkummaan barbaachisaa akka ta’e, erga qabsoon kun jalqabamee kaasee, yeroo adda addaa keessatti, bakkee addaa addaatitti, karaa adda addaatiin himamaa ture, ammas jira, gara fuulduraattis itti fufa. Barreessaan barruu dhaan; sirbaan weellisuu dhaan; sabboontonni Oromoo karaa danda’ame hundaan yaamicha tokkummaa godhaa turan, ammas itti jiru. Kuni ammoo tokkummaan humna; humni ammoo diina injifatee bilisummaa akka fidu waan amanamuufi. Kanaaf, uummatni Oromoo qabsaa’otaaf yaamicha tokkummaa dabarsaa turan; ammas ittuma fufaa jiru. Warra yaamicha kanaaf owwaatanii, ijaarsa tokkummaatiif tattaaffii godhaa jiraniif galanni bilisummaa haa ta’u. Bara 2010 kana keessatti, jalqaba isaarratti, oduu gaddisiisaan dhaga’amu illee, tarkaanfiilee nama jajjabeensantu godhamaa jiru. Isaan kunis: tokko, jaarmayoonni bilisa baasonni sadi walittibaqanii jaarmayaa tokko ULFO ijaaruu yoo ta’u, inni biraa ammoo waliigaltee Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) garee lamaan dhiyoo kana mallatteeffamee dha.

Gargaarsa Waaqayyo/Rabiitiin kan dabrerraa baratamee, karaa gaariitti waan deemuu jalqabne fakkaata. Jaarmayicha deebisanii tokkoomsuu dhaaf, waliigalteen SG ABO fi KY ABOtiin mallatteeffame kun baay’ee gammachiisaa dha; jalqaba gaarii dhas. Haa ta’u malee, kun gahaa miti. ABO jabaa tokko fi jaarmayaa bilisa baasaa cimaa TOKKO ijaaruu dhaaf, tokkummaan hunda hammatus itti fufuu qaba. Ani akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, dhugaa dubbachuu dhaaf, tokkummaan ABO garee sadeenuu SG ABO, QC ABO fi KY ABO hin hammatne, ABO cimaa tokko deebisee ijaaruu hin danda’u. Isaan kana sadeen keessaa inni tokko alatti hafnaan, ABOn tokko ta’e jedhanii dubbachuun waan danda’amu natti hin fakkaatu. Mooraa ABO keessatti dadhabbiin kan mul’ate fi qabsoo bilisummaa illee kan qancarse, yeroo addaanfottoqinni duraa bara 2001 dhalatee kaasee ti. Diina dhiisanii walirratti duuluun; humna, dandeettii, beekumsa fi qabeenya gara gara facaasanii wal dadhabsiisuun hojii guddaa kan ta’e; diinaaf carraa gaariin uumamee qabsoo bilisummaa akka laaffisu kan taasise; diina dhiisanii qawwee illee walitti garagalchuun kan mul’ate; walumaagalatti mooraan QBO rakkoolee gara garaatiin kan guutame yeroo sanaa kaasee ti jechuu dha.

Addaanfottoqinni sun furmaata otuu hin argatin waan tureef ykn hafeef, kan itti aanee dhufeef karaa baase. Kanaaf, ammas isa sanaaf furmaanni argamee; araarri fi nagaan bu’ee; waliigaluun danda’amee; tokkummaa ABO garee sadeeniif yoo hin hojjetamne, ABOn deebi’ee tokko ta’uu fi cimuu hin danda’u jedheen amana. Asirratti wantin hubachiisuu barbaadu, akkuman kanaan duras yeroo baay’ee irra deddeebi’ee ibsuu yaale, ani miseensa jaarmayaa siyaasaa tokkootuu waanan hin ta’iniif, tokkotti hirkadhee, tokko deeggaree kan biraa balaaleffachuufii miti; bakkee tokkoos bu’ee dubbachuufis miti. Ani walumaagalatti jaarmayaa fedhe haa ta’u, kan bilisummaa Oromootiif qabsaa’u hundaa nan deeggara. Kan bilisummaa fi abbaabiyyummaa Oromootiif qabsaa’u hunda wajjinuu hiriiree, waan narraa eegamu; waanan danda’u; karaan danda’een gahee ykn qooda koo gumaachuu dhaaf; dirqama Oromummaa ba’uu dhaaf qophii dha. Keessumaayuu tokkummaa ilmaan Oromootiif halkani fi guyyaa hojjechuun barbaada; olaantummaa Afaan Oromootiifan carraaqa.

Ergan kana jedhe booda, waayee araaraa fi tokkummaa ABOtti deebi’uu dhaaf, erga waliigalteen garee lamaanii mallatteeffame booda, VOA fi Raadiyoonii Sagalee Oromiyaa irratti gaafii fi deebii hogganoota ABO waliin godhame dhaga’een ture. VOA sagantaan Afaan Oromoo garee sadeen irraayuu bakka bu’oota haasofsiisee ture. Akkan gaafii fi deebii sanarraa hubadhetti, wanti ifa naaf hin ta’intu jira. Bakka bu’aan QC ABO Obboo Daani’eel Disaasaa akka dubbatetti, marii araaraa fi tokkummaa, kan Fulbaana 25 bara 2010 Waashingitan DCtti godhame sanatti, QC ABOn akka hin affeeramini fi akka waayee kanas quba hin qabne dha. Kuni dhugaa ta’uu isaa beekuun na rakkisu illee, yoo dhugaa ta’e garuu garee kaan affeeranii kan biraa dhiisuun sirrii natti hin fakkaatu. Kun ilaalcha dhuunfaa kiyyaa ti; QC ABOtiif dubbachuu miti. Kan biraa ammoo, kan Obboo Daani’eel dubbate, “maanguddoonni araara kana yaalaa turan fi garee lamaan (SG fi KY) waliigaltee kanaan ga’an, kan nuti filannuu miti; isaanuu tokko tokko qaama rakkoo waan ta’aniif, akka maanguddootittii dhiyaatanii jaarsummaa jiddugaleessaa ta’uu hin danda’an” jedhe. Kunis hammam dhugaa akka ta’e ani ofii kiyyaa wantin beeku hin jiru; dhugaa dha, sirrii dha ykn sirrii miti, dhara jechuus hin danda’u.

Dhugaas ta’ee dhara waayee kana warra keessa beekaniif dhiisee, garuu waayee jaarsummaa ilaalchisee waan tokko tokko jechuun barbaada. Akkuma beekamu, jaarsummaan ykn manguddummaan aadaa Oromoo keessatti bakkee guddaa qaba. Namoonni lama yoo wallolan ykn jidduu isaaniitti waldhabbiin yoo uumame, isaan kana araarsuu dhaaf, maanguddoota namoota lamaaniifuu waltajjii ta’antu gara lamaanuu filatamu. Tokko filatee, kan biraa yoo hin fudhatin ykn fudhachuu hin barbaadin; kun ykn sun naaf hin ta’u jechuun mirga hundaa ti; tokko’umti maanguddoo ofiif barbaadu filatee kan biraa otuu hin fudhatin, araarri kan yaalamu yoo ta’e, kun araara buusuu waan danda’u miti. Filannoon maanguddootaa araara irratti baay’ee murteessaa dha jechuu dha. Kanaaf, yaalii araaraa gareewwan ABO kanarrattis maanguddoonni hundaafuu waltajjii ta’an, kan garee hundaanuu filataman ta’uu qabu jedheen amana. Ammas irran deebi’a, garee tokkoof dubbachuu otuu hin taane, dhugaa dubbachuu dhaaf, QC ABOn yoo dhuguma rakkoo akkanaa kan qabu ta’e, waliigaltee amma irra ga’ame kana keessaa ammaaf yoo hafe waan nama dinqu natti hin fakkaatu.

Kan ta’es ta’ee, dhugaa fi dhara addaan baasuun nama rakkisu illee, wanti nama hin mamsiifne ykn hin shakkisiifne, yoo ABO gareen sadeenuu waliigaltee godhanii, jaarmayicha deebisanii tokko hin goonetti; gareen tokko alatti hafee; garee lamaan qofa ABO tokko deebifnee ijaarra jechuun waan milkaawu natti hin fakkaatu. Kanaafan ammas sagalee kiyya ol fuudhee waayee tokkummaa ABOtiif iyya. Kun karaa tokko yoo ta’u, akkamitti ABOn tokko ta’uu fi cimuu danda’u dha. Karaan biraa ammoo, waayee tokkummaa hunda hammatuu ti. Jecha kana ibsuu dhaaf, tokkummaa hunda hammatu kanan jedhu, tokkummaa ABO garee hundaa walitti deebisee ABO TOKKO godhu fi isa kanatti ammoo jaarmayoota bilisa baasota Oromoo ULFO dabalatu dha. Tokkummaa hunda hammatu = ABO garee hundaa + ULFO jechuu dha. Tokkummaan akkanaa ijaaramee, mooraa QBO keessatti humni cimaa fi abdachiisaan yoo uumame malee, humni bilisummaa fidu akka hin jiraanne hundaafuu ifa ta’uu qaba. Diina injifatanii, bilisummaa fi abbaabiyyummaa deebisanii argachuu dhaaf, tokkummaan akkanaa barbaachisaa fi murteessaa qofaa otuu hin taane, TOKKUMMAA DIRQAMAA ti.

Ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, tokkummaan dirqama ta’uu erga beekne fi hubanne; erga hawwii fi yaamichi uummata Oromoos kana ta’e, hamma abalu nu yaamutti ykn nu affeerutti eeguu otuu hin taane, ofii keenyaaf wal yaamnee, waliin haasofnee, kan dabre irraa barannee, dirqama keenya beeknee, qabsoo ganama manaa baaneef waliin cimsinee, galii hawwame sanaan ga’uuf, waliigaltee uumnee, tokkummaa barbaachisaa fi murteessaa akkanaa ijaaruun dirqama ta’a jechuu dha. Uummata Oromootiif dhaabbanna kan jedhan hunduu waayee kana akka fedhii otuu hin taane, akka dirqama qabsoo bilisummaatitti ilaaluu fi fudhachuu qabu. Kanaan malee nagaa fi tasgabbiin uumamuu hin danda’u; kanaan malee qabsoon cimuu hin danda’u; qabsoon (keessumaayuu qabsoon hidhannoo) yoo cime malee, diina injifannee, bilisummaa barbaadnu argachuu hin dandeenyu. Diinnis sodaa takka malee umrii bittaa gabrummaa nurratti dheereffata jechuu dha. Kan dabre irraa barachuun amma; yeroon tokkummaa dhugaa barbaadanis amma ta’uu qaba. Kana ijaaruu dhaaf ammoo hunduu dirqama qaban hubachuu qabu. Taa’anii wal ilaaluun dabruu qaba; olola walirratti oofuunis dhaabbachuu qaba. Tokkummaan dhugaa, kan bilisa baasota Oromoo hundaa hammatu fi mooraa QBO keessatti humna abdachiisaa uumu dha. Kan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) haaromsu fi cimsu dha.

Dhumarratti, dhaamsi ani carraa kanaan dabarsuu barbaadu, warri waliigalteerra geessanii tokkummaa ijaaruuf jalqabdan, uummata Oromootti deebiftanii abdii horuu dhaaf; akka uummatni hamilee cimaa dhaan isin duuba hiriiran godhuu dhaaf; kan dubbatame hojiirra oolchuu dhaan; jijjiirama fi bu’aan tokko akka argamu ciminaan hojjechuu qabdu. Jijjiiramni tokko yoo ifatti mul’ate ammoo, uummatni keenya akka isin wajjin hiriiran mamiin hin jiru; jijjiiramni tokko garuu mul’achuu qaba. Hojii cimaa dhaan waan tokko uummata keenyatti mul’isuu qabdu jechuu dha; yoo kuni hin argamne, garuu uummatni amantii isinirraa dhabuu danda’u; deeggarsis hir’achu danda’a. Amma hojiin keessan hundeerraa jalqabuu qaba; hundeen kun ammoo hawaasa Oromoo ti. Hogganoota jidduutti qofaa otuu hin taane, sabboontota, miseensota, deeggartoota fi hawaasa jidduutti nagaa, araarri fi waliigaluun uumamuu qaba. Warri ammaaf waliigaltee kana keessa hin jirre ammoo, dirqama tokkummaa hubattanii; yaamicha uummata keenyaatiif owwaattanii; tokkummaan hunda hammatu akka dafee ijaaramu tattaaffii akka gootan; waliin akka haasoftan; marii akka jabeessitan; isiniifis dhaamsa koo dabarsuun barbaada. Tokkummaa hunda hammatu (ABO+ULFO) qofaatu humna cimaa bilisummaa fidu uumuu danda’a.

Galatoomaa.

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *