Oduu Haaraya

Yaamicha tokkummaatiif owwaachuu fi qabsoo hidhannoo cimsuun yoomiyyuu…

Abdii Boruutiin

Uummanni Oromoo bar-dhibbee tokkoo ol gabrummaa Habashaa jala turani fi ammas jirani illee, gabrummaan uummanni keenya har’a bar-kurnee lama keessa jiran kun yoomiyyuu caalaa hamaa akka ta’e fi bifa biraa illee akka qabu waan nama mamsiisuu miti. Erga Wayyaaneen biyya keenya qabattee, aangootti dhuftee kaasee, jiruu fi jireenyi uummata keenyaa guyyaa dhaa guyyaatti hammaachaa deeme malee wanti jijjiirame fi fooyya’e takka illee hin jiru; kun dhugaa ragaa qabu dha. Kan biraa illee hafee, har’a diina keenya biratti maqaa’umti “Oromoo” jedhuu yakka waan ta’e fakkaata. Deeggaraa ykn miseensa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ti jedhanii sababa hin taane uumanii, kanaan uummta keenya hidhaa, dararaa, ajjeesaa, biyyaa abbaa irraa baqachiisaa,…. jiran malee duulli Wayyaaneen uummata keenya irratti godhaa jirtu walumaagalatti duula Oromummaa irratti godhamaa jiruu dha.

 

Wayyaaneen har’a duula gaggeessaa kan jirtu uummata keenya irratti qofaa otuu hin taane, biyya teenya Oromiyaa irrattis duula balleessaa daangaa hin qabne godhaa jirti. Karaa tokkoon biyyi teenya cicciramtee gurguramuu dhaan dhumaa jirti. Karaa biraatiin ammoo maqaa misoomaatiin biyyee fi bishaan keenya illee summii dhaan badaa jiru; sababa kanaan uummanni keenya dhukkuba hamaa dhaan qabamaa jiru; kan humnaa qayee ofiirraa buqqifame, kadhataa ta’ee karaarratti argamaa jira.Uummanni keenya kan dur beela argee hin beekne har’a beela hamaa keessa jiru. Yeroo alagaa fi diinni qabeenya irratti qabeenya (qabeenya saamichaa!!) dabalanii dureessa addunyaa kanaa ta’aa deeman, uummanni keenya garuu hiyyummaa guddaa keessatti kufanii jiru. Biyya isaanii keessatti jireenya namaa gadii jiraachaa jiru. Kan hidhaman mana hidhaa keessatti dararamaa jiru; gaafa achii ba’an hin beekan; kan achumatti hafani illee hin dhabamne. Rakkooleen uummata Oromoo kan lakkaawwamanii dhumanii miti; tarreen waayee kanaa dhuma hin qabu. Gabrummaa hamaan kana caalu jiraaree??

 

Egaa, uummata Oromoo keessumaayuu warri biyya alaa jirtan; xinnaatu illee kan biyya nagaa keessa jiraattan; baatanii galuun keessan kan sodaachisaa hin taane; kan nagaan raftanii bultan; kan nagaan baatanii galtan; kan sagaleen keessan dhaga’amuu danda’u; kan mirgi keessan kabajamu; iyyattani illee isiniif mirmachuun kan danda’amu; waayeen uummata keenyaa kan qawwee faashistiitiin ukkaamamanii jirani fi jireenya hamaa keessa jiran kun isin hin quuquu? Maaltu isinitti dhaga’ama? Maal yaaddu? Maal godhuu dandeenya? Maal godhuu qabna? Maaltu nurraa eegama? …. jettanii ofgaafattuu? Malli fi furmaanni rakkoolee kanaa isinitti mul’atuu? Hunda caalaa ammoo gaafiilee kana kanan dhiyeesseuu barbaadu sabboontota fi qabsaa’ota bilisummaa Oromootiifi. Keessumaayuu jaarmayoonni bilisummaa Oromootiif ijaaramne jedhan hunduu, yoo dhuguma uummata kanaaf dhaabbatan, gaafiilee kanaaf deebii kennuu qabu. Deebiin ani isaanirraa eegu garuu tokko qofaa dha. Inni kunis “Tokkummaa sabboontotaa fi qabsaa’ota Oromoo; tokkummaa ykn tumsa jaarmayoota Oromoo yoo ta’u, kan mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti humna cimaa uumu ta’uu qaba. Kan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) cimsee injifannoo fidu ta’uu qaba jechuu dha.

 

Wayyaaneen humnaan qawwee dhaan biyya keenya qabattee, aangootti dhuftee, kunoo bar-kurnee lama waan barbaadde fi akka barbaadde godhaa jirti. Waaroo diimookraasii uuffattee alatti of mul’isuu dhaan keessatti garuu faashistummaa dalagaa jirti. Dubbiin kun  akkuma makmaaksi Oromoo “Dadhabaan fira hin qabu, jabaan fira hin dhabu” jedhu ta’eeti malee addunyaani illee gochaa Wayyaanee kana otuu hin beekin hafteeti miti. Yoo nuuf na’an fi nuuf mararfatani illee dubbataniituma cal jedhu malee, diina hamaa kana nurraa kaasuu hin fedhani. Kana numatu injifatee ofirraa kaasuu qaba. Ormarraa wanti eegnu hin jiru. Wayyaaneen humnaan dufte tun humnumaan deebiti malee karaan biraa waan ijibbaatame natti fakkaata. Humnaan, qawwee dhaan, qabsoo hidhannootiin yoo ta’e malee Wayyaanee jilbiiffachiisuun hin danda’amu. Dhugaan kun ammoo kan har’a dhalate fi kan har’a ifa ta’ee mul’ates miti. Kana booda, tokkummaa ofii jabeessanii, humna ofii cimsanii; qabsoo hidhannoo yoomiyyuu caalaa jabeessanii; WBO Wayyaanee jilbiiffachiisu yoo uuman malee, karaan biraa kan Wayyaanee kuffisu jira ykn jiraachuu danda’a jedhanii yaaduun gowwummaa fi yeroo fixuu ta’a yoon jedhe waanan dhara dubbadhu natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, har’a humni Wayyaanee injifatu dhiisii kanumti sodaachisuu yeroo ammaa jiraa laata? Deebiin ani gaafii kanaaf kennu “hin jiru” kan jedhu dha.

 

Gaafiin itti aanee ka’u ammoo, “Gara fuulduraa hoo humni Wayyaanee injifachuu danda’u uumamuu danda’aa?” kan jedhu dha. Deebiin ani gaafii kanaaf kennu garuu lama; “eeyyeen, ni danda’a” fi “lakkii, hin danda’u” kan jedhanii dha. Maaliif deebii lama akkan kenne ibsuun yaala. Yoo haalli mooraa QBO keessa jiru akkuma amma jiru kanatti kan itti fufu ta’e; yoo sabboontonni, qabsaa’onni fi jaarmayoonni illee akkuma gara gara faca’anitti kan hafan ta’e; yoo waliigalteen hin jiraanne; yoo wal kabajuun, amananii wal amansiisuun, wal obsuun hin jiraanne; yoo amantii walirraa dhabuun, wal sodaachuun, wal shakkuun itti fufe; yoo summiin gandummaa fi naanummaa kan hawaasa  Oromoo keessa faca’e kun badee hawaasni kanarraa hin qulqulloofne; walumaagalatti yoo tokkummaan ilmaan Oromoo keessumaayuu kan sabboontotaa fi qabsaa’otaa hin ijaaramne, wanti hunduu kan dur caalaa laafaa fi dadhabaa waan deemuuf, humna cimaa horachuun hafee, kanumti jiruu laafaa fi badaa deema. Waayee kanatu deebii “lakkii, humni Wayyaanee injifachuu danda’u uumamu hin danda’u” jedhutti na geessa ykn akkan jedhu na godha.

 

Karaa biraatiin ammoo, yoo kan dabre irraa barachuu dandeenye; yoo of duuba garagallee, bitaa fi mirgas ilaallee haala keessa jirru hubachuu kan dandeenyu ta’e; yoo waliin mormuu fi karaa walitti cufuu dhiifnee karaa dafee uummata keenya faashistummaa kana keessaa baasuu danda’u tokko irratti kan waliigallu ta’e; yoo harka wal qabannee, irree tokkoon diina irratti duulla kan jennu ta’e, tokkummaan yookaanis tumsi uummanni Oromoo hawwu fi abdii guddaa dhaan eegaa jiru akka ijaaramu mamiin hin jiru. Yoo tokkummaan ykn tumsi humnoota Oromoo mooraa qabsoo bilisummaa keenyaa keessatti kan ijaaramu ta’e ammoo, kun humna cimaa fi abdachiisaa uuma jechuu dha. Isa kanatu WBO cimsa. Deebii “eeyyen, humni Wayyaanee injifachuu danda’u uumamuu ni danda’a” kan na jechisiisu waayeen kanaa olitti ibse kun yoo milkaa’e qofaa dha. Tumsa alaa illee kan barbaadnu (barbaachisaa kan ta’u) dura yoo hojii manaa keenyaa xumurre booda dha. Kanaafan, kanaan dura illee barruulee kiyyaa kan gara garaa keessatti, tumsa hunda hammatu dura tokkummaan ykn tumsi mooraa QBO keessatti ijaaramuu qaba jedhe.

 

Waayee qabsoo hidhannoo yoo dubbannu, dhugaa dubbacguu dhaaf, yeroo ammaa xinnaatu illee sochii bilisa baasaan saba Ogaadee (ONLF) agarsiisaa jiru irraa kan hafe, humni biraa kan Wayyaanee sodaachisu jiraa? Otuu akka ONLF injifannoo tokko tokko agarsiise; magaaloota tokko tokkos qabadhe jedhu, WBOnis sochii walfakkaataa godhee, bakkee’uma takka illee qabadhe kan jedhu ta’e, uummanni keenya hamilee guddaa dhaan yeroo tokko akka ka’an fi Wayyaaneetti sodaa guddaa akka uuman mamiin ykn shakkiin hin jiru. Uummanni keenya keessumaayuu dargaggoonni hogganaa bilisa baasaa cimaa fi humna abdachiisaa of biraa ykn of duubaa dhaban malee, jijjiirama tokkoof of qopheessanii jiru. Hogganummaa cimaa fi humna wabii ta’u duubaa dhaban malee, uummanni keenya kan garaan isaanii gubatee jiru kun, waa hundaafuu of qopheessanii jiru jechuu dha.

 

Uummanni keenya kan biyya keessa jiran, kan qawwee faashistiitiin ukkaamamanii jiran, humna abdii isaaniif ta’u duubaa dhaban illee hamilee cimaa dhaan hammam Wayyaanee dhaan mormaa akka jiran; wanti biraa illee yoo hafe bakkaa carraan argametti sagalee ofiitiin dhimma ofii ibsuu akka barbaadan ykn ibsaas jiran fakkeenya tokko tokko kaasuun ni danda’ama. Akkuma beekamu uummanni keenya, kan biyya keessa jiran, hiriira ba’anii rakkoo ofii ibsachuu hin danda’an; ukkaamamanii waan jiraniif jechuu dha. Haa ta’u malee, waggaatti yeroo tokkos ta’u, sababa irreechaatiin ykn irreessaatiin yoo walitti dhufan sagalee ofiitiin dhaamsa baay’ee dabarsaa jiru. Sirbaan ykn dhiichisaan wal fakkeessanii dhugaa tokko tokko ibsachaa jiru. Mee waan dargaggoonni Oromoo jedhan tokko tokkon akka fakkeenyaatitti dhiyeessa.

 

“Gaabii dachaa yaa gaabii dachaa,

Mee nurraa galchaa,

Mallasaan diqaalaa nurratti dhalchaa”

 

“Muraa maqasii yaa muraa maqasii,

Dhageessaa yaa Mallasii,

Oromoon dhufaa jira ammasii”

 

fi kana kana fakkaatu sirbuu dhaan bakkee carraa argatanitti fakkeenyaaf irreecharratti Wayyaanee humna malee hin beekne tanatti sodaa tokko malee waayee ofii himaa jiru. Uummata sodaa hin qabne, uummata abdii hin muranne!!

 

Egaa, uummanni keenya otuu qawwee dhaan marfamanii jiranuu sodaa tokko malee sagalee ofii akkanatti dhageessisaa jiran kun, otuu hogganaa cimaa fi waraana bilisa baasaa abdachiisaa duubaa qabaatanii, akka laga guutee utaalaa yaa’uu Wayyaanee haranii deemuu akka danda’an hubadhaa!! Kanaaf, akka ONLF otuu WBOn  magaalaa tokko qabadhe kan jedhu ta’e, uummanni keenya hamilee guddaa dhaan ka’anii kana duuba hiriiru jechuu dha. Carraan akkanaa kun akka argamu garuu jaarmayoonni uummata kanaaf dhaabbanna ykn bilisummaa isaatiif qabsoofna jedhan hunduu garaagarummaa isaan jidduu jiran dhiisanii; uummata keenyaaf jedhanii nagaa fi araara buusuu qabu. Kanaaf ammoo haal-dureen jiraachuu hin qabu. Yoo nagaa fi araarri bu’e booda tokkummaa fi tumsa mooraa ofii keessatti ijaaruu dha. Tokkummaa fi tumsi ijaaramu kunis kan WBO jabeessu fi haaromsu ta’uu qaba. Akkanatti qabsoon hidhannoo cimuu danda’a; akkanatti umriin Wayyaanee gabaabbachuu dandeessi; karaan biraa hin jiru. Kanaaf, yaamichi tokkummaa yoomiyyuu caalaa amma dhaga’amuu qaba.

 

Mee ammas waanan dhaga’e, kan uummanni keenya sirbaan ibse tokkon dhiyeessa. Inni kunis waggoota sagaltamoota (1990s) keessa yoo ta’u, yeroo ABOn mootummaa ce’umsaa keessaa ba’ee, hogganoonni isaas biyya keessa ba’an sana ture. Yeroo sana dargaggoonni akkana jedhanii sirbaa turan.

 

“Gaattiraa falaxaa yaa gaattiraa falaxaa,

Dhageessaa yaa Leencoo Lataa?

Mallas Zeenaawii maallaqa (qabeenya) uummataatiin taphataa!”

 

Hubadhaa!! yeroo sana akka har’aa gabrummaan hammaachaa dhufee, biyyi teenya Oromiyaan illee gurguramuu hin jalqabne. Kan yeroo sana, jalqaba Wayyaaneen aangootti dhufte irratti akkas jedhanii sirban, har’a yeroo wanti hunduu badaa deemu kana, uummanni garaan isaanii gubate kun carraan tokko yoo argame akka ibidda boba’uu Wayyaanee gubanii balleessu jechuu dha. Gaafiin ka’an garuu “Eenyutu kanaaf isaan qopheessa? Eenyutu duuba isaanii jiratee wabii ta’a? fi k.k.f dha.  Uummanni keenya sirba kanaa olii kanaan yeroo’uma sanuu akka Wayyaaneen qabeenya keenya saamaa jirtu ifatti baasanii dubbatan jechuu dha. Kana qofaa otuu hin taane, akkamitti hogganaa qabsoo isaaniitti akka iyyatan; nu dhaga’aa, nuuf koottaa, nu dhaqqabaa akka jedhan agarsiisas jechuu dha. Hogganoonni keenya kan har’aa, kan biyya alaa jiran, kan roorroo uummata keenyaa ijaan hin agarre, hoo yaamicha akkanaa dhaga’uu laata? Yoo kana kan dhaga’an ta’e, deebiin isaanirraa eegamu tokkummaa ijaaruu fi qabsoo hidhannoo yoomiyyuu caalaa cimsuu dha.

 

Yeroo Darguun kufuuf jedhus uummanni keenya akkasuma jibba gabroonfataarraa qaban mul’isuu dhaaf sirbaan sagalee ofii dhageessisaa turan. Yeroo sana ammoo dargaggoonni akkan jedhanii sirbaa turan.

 

“Yaa Mangistuu yaa ilma garbittiin deesse,

Nurraa deem yeroon kee geesse”

 

Dhuguma akkuma isaan jedhan, Darguun kufnaan Mangistuunis kan fudhachuu danda’u fudhatee bade. Yoo tokkummaan sabboontotaa fi qabsaa’otaa ijaaramee, humni cimaan, waraanni cimaan mooraa QBO keessatti ijaarame, kufaatiin Wayyaanee fi badiin Mallasaatis fagoo hin ta’u. Sagaleen uummata keenyaa otuu hin dhaga’amne hin hafu jechuu dha. Guyyaan gumaan ilmaan Oromoo itti baatu akka dhiyaatu ammoo yaamichi tokkummaa dhaga’amuu fi qabsoon hidhannoo yoomiyyuu caalaa cimuu qaba; yeroon isaas amma dha; sagaleen uummata keenyaa dhaga’amuu qaba.

 

Galatoomaa.

 

 

Abdii Boruuaboruu@gmail.com

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …