Oduu Haaraya

Jijjiiramni mooraa ABO keessatti hawwame akkana ta’ee hafee?

 

 

Abdii Boruutiin

 

Erga bara 2008 mooraa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessatti fottoqinsi lammataa dhalatee kaasee haala mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) qalbii dhaan hordofaan jira. Yeroo, warri jijjiirama barbaadna ykn fidna jedhan, maqaa Koree Yeroo (KY) ABOtiin garee sadaffaa ijaaran sana, gaddi guddaan natti dhaga’amullee, karaa biraatiin garuu dhuguma mooraa kana keessatti jijjiiramni godhaminaa laata? jedhee eegaan ture. Keessumaayuu ammoo, Onkoloolessa 31 bara 2009, yeroo warri jijjiiramaa tokkoomuu jaarmayoota, gurmuulee fi qabsaa’ota Oromoo labsan, abdiin kiyya baay’ee guddaa ture. Yaaliin sun deebi’anii tokkoomuu ABO fi jaarmayoota Oromoo biroof karaa banuu danda’a jedhee yaadeen ture. Kunis hawwii fi abdii jabaa dhaan eegamaa otuu jiruu, jalqaba bara 2010 irratti oduu gaddisiisaan gadi bahe. Innis Liiccoo Bukuraa miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fudhatee Wayyaaneetti harka kennuu isaa ti.

 

Gaddis dabruun hin oolu; hawwiin ilma namaas hin duutu; wanta mooraa QBO keessatti ta’aa ykn mul’achaa jiru otuu hordofamaa jiruu, oduuleen nama gammachiisan mumul’achuu jalqaban. Isaan kana keessaa inni tokko, jaarmayootni Oromoo sadi walittibaqanii ULFO akka jaarmayaa tokkootti ijaaruu yoo ta’u; inni biraa ammoo, ABO gareen warra jijjiiramaa fi QC ABO tokkoomuuf walhubannoo akka godhan jalqaba ji’a (baatii) Ebalaa bara 2010 ibsa baasuu isaanii ti. Dubbistoota barruu kiyyaa yaadachiisuu dhaaf, ibsa kana keessatti kan akkana jedhutu mul’ata: “…Dheebuu sabaa kana deebisuun ABO bu’uura kaayyoo walabummaa Oromiyaatii fi bilisummaa ummataa qabsaawootan ganama karoorfame irratti deebisanii ijaarudhaaf qaamota ABO J/Dhugaasaa Bakakkoo fi J/Kamaal Galchuun hogganaman gidduutti mareen geggeefamaa ture walhubannoo ol’aanaa irra akka ga’e ummata keenyaa fi qabsaa’ota Oromoof yeroo labsinu gammachuu fi qabsoo hadhaawaa nu eeggatuuf wareegama barbaachisuu kafaluuf akkuma kaleessaa hardhas qophaawoo ta’udhaani…”  http://gadaa.com/news/?p=3085

 

Sochiin akkanaa kunis gammachuu dhaan hordofamaa otuu jiruu fi yoom tokkoomanii gadi bahu jedhamee eegamaa otuu jiruu; karaa biraatiin Fulbaana bara 2010 keessa gareen jijjiiramaa fi SG ABO deebi’anii tokkoomuuf waliigaltee akka mallatteessan ibsame. Egaa, asirratti gaafiin ka’uu malu: “Walhubannoo fi tokkoomuuf deemuun garee jijjiiramaa fi QC ABO sun maaliif otuu hin milkaawin hafe?” yookaanis ammoo, “Warri jijjiiramaa, QC ABO wajjin tokkoomuuf otuu jiranuu ykn barbaadanuu; sana dhiisanii maaliif SG ABO wajjin waliigaltee mallatteessan?” kan jedhu dha. Kan ta’es ta’u, karaa hundaanuu deebi’anii tokkoomuun ABO hawwii fi abdii guddaa dhaan eegamaa otuu jiruu, yaaliin araaraa fi tokkoomsuu ABO akka hin milkaawin ibsi bahe.

 

Eenyu araara kana akka dide fi/ykn maalirratti walii galuu akka dadhaban beekuun rakkisaa ta’ullee; erga kun hunduu ottu hin milkaawin hafe booda, tumsa alaa barbaaduun yaalii itti aanu ta’e. Inni kun garuu jaarmayoota Habashaa wajjin hojjechuu dha; kana birallee dabranii tumsa waliin ijaaruu mala? Otuu kana hin godhin dura garuu, waan Habashoota gammachiisu dalaguun barbaachisaa ta’a. Kunis hin oolle yookaanis yaada qofaatti hin hafne; hojiirra oolee argame. Kana keessaa inni tokko ammoo, “ABOs ta’ee sabni Oromoo ajandaa fottoqinaa hin qabu” jedhanii dubbachuu dha. Asirratti kan nama dinqu garuu gareen ykn namni tokko lafumaa ka’ee, fedhiin ykn kaayyoon ABO fi saba Oromoo kana ykn sana yookaanis kanaa miti jechuu dha.

 

Yaa Waaqyyo/Rabbi kan kana caalu nutti hin fidin jedhanii Waaqa kadhachuun waan barame ta’ullee, kan sodaatan hin oolu; kunoo sana bira dabramee sagantaa ABO jijjiirre jedhanii labsuu isaanii ti. Kan nama gaddisiisu garuu, guyyaa seena qabeessa kana; guyyaa goototni Oromoo qabsoo kana keessatti wareegaman itti yaadatamanitti; guyyaa WBO soddomii lammaffaarratti, sagantaan ABO ganna afurtam booda jijjiirame jedhanii labsuu dha. Egaa, kanaa jijjiiramni mooraa ABO keessatti hawwame?Tokkummaan jaarmayootaa, gurmuulee fi qabsaa’ota Oromoo, kan Onkoloolessa 31 bara 2009 labsame sun fiixa hin bane; walhubannoon QC ABO wajjin godhame jedhames hin hojjenne; deebi’anii tokkoomuun SG ABO wajjin yaalames hin milkoofne. Abdii kutachuu fi ijibbaata xumuraa taananiiree, alagaatti fiiguu fi sagantaa jaarmayaa jaalatamaa fi abdatamaa kanaa jijjiiruun? Moo, duraanuu kaayyoo dhokatamaatu lafa jalaan deemaa ture jechuu dhaa? Kan gareelee biroo wajjin tokkoomuu isaan dhoowwes (dhoorkes) kaayyoo amma ifa ta’ee gadi bahe kana ta’inaa laata?

 

Akka yaadaatti (theoretically) dhuguma impaayarri Itoophiyaa kun otuu diimookraatawuu danda’ee; sirni federaalisimii dhugaa kan milkaawu ta’uu danda’ee; karaa kanaan uummatni Oromoo ofiin of bulchee, abbaa biyyaa fi qabeenya isaa ta’uu danda’ee, kunuu injifannoo guddaa ta’uu danda’a ture. Haa ta’u malee, impaayara kana keessatti, dhuguma sirni akkanaa ni mul’ata ykn hojjiirra oola jedhanii haala ammaa kanaan yaaduun of gowwoomsuu dha jedheen yaada. Bu’aalee QBOn hanga har’aatti argamsiise kunuu Habashootatti dhukkuba mataa waan ta’eef, isaan wajjin hojjennee; bu’aalee kana caalan arganna jechuun abjuu natti fakkaata. Isaan wajjin hojjennee kaayyoo keenya galii dhaan geenya jechuun kan danda’amu, tarii dura humna mooraa ofii yoo cimsan qofaa dha.

 

Diina waloo cimaa tokko kuffisuu dhaaf, tumsa alaa barbaaduun hin oolu ta’a; barbaachisaa ta’uun isaas hin hafu ta’a. Otuu tumsa alaa hin barbaadin dura garuu tokkummaa mooraa ofii cimsuu fi karaa kanaan humna cimaa fi abdachiisaa uumuu dha. Yoo humni ofii cimaa fi abdachiisaa ta’e booda, tumsa alaa barbaaduun nama hin sodaachisu. Yoo humni mooraa ofii laafaa ta’e garuu, diinaa fi alagaa dhaaf of saaxiluu fi kaayyoo ofiis gaaga’uu ta’a. Yoo tooftaa dhaaf kan jedhamullee ta’e, Oromoonis ormatti fayyadamuu qabu malee, ormi akka meeshaatti nutti fayyadamuu hin qabu. Alagaatti fayyadamuunis dura yoo humna ofii jabeessan qofaa dha. Laafaa itti fayyadamu malee, inni kan biraatti fayyadamee kaayyoo barbaade tokko galiin gahuu hin danda’u.

 

Nuyi Oromoon, amannus amanuu baatnus, har’a humni mooraa QBO laafaa dha. Laafinni kuni ammoo kan madde humnootni gara gara faca’uu irraayi; tokkummaa dhabuutu kana fide. Baay’inni uummata keenyaa qofaa gahaa miti. Uummata bal’aa waa hundaa qabu kana keessaa silaa humna cimaatu bahuu danda’a ture. Kana dhabuun keenya baay’ee gaddisiisaa dha. Alagaa fi diinni kan nutti fayyadamus laafina keenya kana hubatanii ti. Wayyaaneenis kan uummata keenyatti taphachaa jirtu, laafina mooraa keenyaa argitee ti; eenyutu maal na godhuu danda’a kan jedhurraa dhufa. Amannus amanuu baatnus, Habashootni hunduu amalli, hawwii fi kaayyoon isaanii tokkuma. Oromotti fayyadamanii uummata ykn saba keenya gabrummaa keessa tursiisuu dha. Kun hawwii waloo, kan Habashoota dhufaa dabranii ti.

 

Kan nama dinqu fi kana birallee dabree kan nama gaddisiisu, seenaa fi kan dabrerraa barachuu dadhabuu keenya. Projektii kanaan dura yaalamee otuu hin milkaawin hafe sanatti deebinee; beekumsa, dandeettii, qabeenya fi yeroo keenya fixuun yoom akka dhaabbatu hin beeku. Haala addunyaa fi yeroo wajjin deemuu qabna kan jennus yoo ta’e, tokkummaa ofii ijaaranii humna ofii cimsuu addunyaan tun ni balaaleffattii laata? Wanti hubatamuu qabu, yoo ofiif jabaatanii bar kan addunyaanille nama deeggartu!Laafaan fira hin qabu, jabaan fira hin dhabu jedhamaa mitii! Dhugaan kun maaliif hubatamuu dadhabaree? Warri kaayyoo adda addaa qaban tokkummaa ijaaruu hin danda’an kan jedhamu yoo ta’e ammoo, warri kaayyoo tokko qaban maaliif tokkoomuu dadhabu?

 

Jaarmayaan tokko karaa itti amaneen sagantaa baafatee kaayyoo barbaade galiin ga’uun mirga isa ti. Kan keenyas yoo ta’e, karaa itti amananiin qabsaa’anii ykn hojjetanii uummata keenya gabrummaa yoomiyyuu hamaa ta’e kana keessaa baasuu yoo danda’an, ani akka Oromoo tokkootti kanarraa rakkoo hin qabu. Ani kanan jedhu garuu, akkuman yeroo baay’ee irra deddeebi’ee barreessaa ture, yoo danda’ame tokkoomuu; yoo hin danda’amne ammoo diina walitti ta’uu dhiisanii wal gargaaruu, wajjin hojjechuu fi tumsa waliif ta’anii mooraa ofii keessatti humna ofii cimsuun dursa (priority) argachuu qaba dha. Har’a sagalee tokko dubbachuu danda’uunuu cimina karaa tokkoo ti. Otuu waliigalteen hin jiraatin, namumti fedhe ykn murni fedhe lafumaa ka’ee waan ofiif barbaade tokko dalaguu yaaduun ykn yaaluun, mooraa ofii diigaa deema malee cimsuu hin danda’u.

 

Egaa, gara dhimma mata duree barruu kanaatti deebi’ee barruu kiyyas xumuruu dhaaf, jijjiiramni mooraa ABO keessatti barbaadame fi bara 2008 labsame sun, kaayyoo ykn sagantaa ABO jijjiiranii humnoota Habashaa wajjin hojjetanii; bu’aalee hanga har’aatti argaman tikfatanii; bu’aa sanaa olii argamsiisuun kan danda’amu fi milkaawus yoo ta’e, Waaqayyo/Rabbi nu haa agarsiisu. Sodaan ani qabu garuu, mee innumtuu haa ta’u malee, akka tasaa yoo Wayyaaneen kuftee; hunmootni Habashaa bakkee ishii qaban, ammas akkuma bara 1991 carraan biraas akka nu hin dabarree dha. Dhugaan lafa jiru fi kan hunduu hubachuu qaban, akka haala amma keessa jirru kanatti, jijjiirama impaayara kana keessatti dhufuu maluuf waan of qopheessine ykn itti qophoofne natti hin fakkaatu. Haal ofii gamaaggamuu fi sirriitti hubachuun yeroon isaa amma ta’uu qaba. Oromoon bitaa fi mirga akkasumas duraa fi duuba isa ilaaluu fi hubachuun yoomiyyuu caalaa amma ta’uu qaba.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *