Oduu Haaraya

Habashaa fi bilisummaa Ummataa

Bara duri moototi madda hooda ummata saaniirraa adda tahe ofii kennu turan. Maddoti akkasii moototaaf aangoo hin dangahamne akka kennuuf qaccee gubbaan hidhata qabutu jira. Akka sanatt hundee mootummaa Habashaa Solomonawaa akka tahe kan himu moor “Kibira Nagast” jedhamuu Masaritt akka uumame kan himamu. Moor kun moototi Habashaa hundeen saanii Mooticha Israa’el Solomoon irraa akka bu’e hima.

Fuudhaa alatt meshebbelaan Mootichaa fi Mootittii Saabaa irraa yeroo iseen biyya tahe gara kibbaatii isa daawwachuu dhufte akka ilmi dhalate dubbata. Mootittiin Saabaa moorota dhugeeffannoo Baha Gidduu malee moor seenaa biraan dhahuu, yookaan biyyisee bakka kam akka tahe kan agarsiisu hin jiru. Kanaafi kan Afrikaa fi Arabiyaanis keenya kan jedhaniin. Moorota dhugeeffannoo keessatt Mooticha Solomoon waliin sagaggaluu see haatahu ilma godhachuun see hin himamne. Kanaaf Minilik I galmistaana Kopti fedha mootummaa Habashaarratt dhiibbaa dhaabbataa gochuuf kan uume malee akka himameti kan hin jirre jedhanii hedduun amanuu. Maqaan saa jalqabaaf mooricha “Kibira Nagast” jedhame irratt qofa kan mullate. Egaa want naannaa saa fi naannaa haadha sa jiru hundi hooda irra deddeebi’amee dhaloota daftaroota Habashaan himamee dha.Hoodichi garee bulchituu Habashaa, soda gubbaa fi abootee sibiilan akka mo’an tajaajila bahe. Ummatichi nambiyyoota lubbuu ofii fi dantaa sabichaa irratt gonka mirga guutuu qaban hin turre. Gabbaarii gibiraa baaftuu fi bulchoota gaaffii malee tajaajiltu turan jechuu dha. Qeesoti, hoodichaa fi balaa yoo ciicatan gubbaa itt dhufuu dandahu sammuutt gad hudumuun yoo bulchoota,keessaayyuu mootichaa sarmuu didan cubbuu akka tahu sodachisaa turanii. Jaarra arfan darban keessa angoon mootii Habashaa nagaan tokko irraa kan biraatt darbee hin beeku. Moototi namoota mootii of godhaniin finqilchamu turan. Sodaa haaloo bahannaa gubbaa dhufuun,abba tokkoota xaranga’oo homaa hin sodaanneen malee sochiin ummataa bulchoota irratt godhaman hamma hin jirre turan. Sochooti 1960moota keessa Goojjam ture illee hammina Bulchaa Muumicha TSahaayuu Inqusillaasee irratt kan xiyyeeffate malee Mootii Moototaa hin laalu ture.

Moottoti seenaa saanii hundaa kaasee hanga finqilchamuu Hayila Sillaaseett akka cittuuwaaq tahanitt ilaalamu turani dhumaa want halle morma nama gahuun ummattooti daba irratt finciluun cubbuu tahuu ciicachuutt kahan. Dur Qeesii muummichi Alaksandariyaa fincila sooka’uu yk ummata mootii amanamuu irraa hiikuu dandahu turani. Sana ture galmistanni kan Iyyaasuutt tolche; ummata amanama isaaf qabanirraa hiikeen. Mooticha isa dhumaa finqilchuuf gidduu seenuu qeesii hin barbaachifne ture; diddaa abba tokkee utuu hin tahin warraaqsa waan tureef qeesichi muummichuu dorsifamaa ture. Sunis tahee ulfinni ummati Habashaa kanneen aangoo irra jiranii qabu ammalee cichee jira. Hooda hamma lafeett seene waan taheef salphaatt hin haqamu.

Waggooti sanaan dura geedarama hedduutu tahe. Saboota ofiin buloo hedduutu humnaan mootummaa Habashaatt dabalame. Sirna qabiyyee lafaa malee hamaan mootumma abbaa hirrumaa Habashaa akka jiruti kolonota irrati habaqalame. Tekinooloojii fi fedhi addunyaa dachaan guddachuu eegalan. Afrikaan koloneeffatoo halagaa gidduutt qircamte. Addunyaan lola waraan addunyaa lama godhe. Sanneen cunqurfamootii fi koloneefatamtooti addunyaa bilisummaa akka gaafatan jajjabeese. Haatahu malee ammayyuu dirree malbulchaa keessatt olantummaa abshaalota gurguddoo Habashaatu muldhata ture. Angoon ummata irraa ammallee fagoo jirtii. Utuu ummati Habashaa kan isaan dhugaan filatan qofa mallee eenyuu nun bulchu jedhanii ummatoota cunqurfamoota adduyaaf anjaa qaba ture. Haa tahu malee hamma isaan sana gochuu dandahanitt yk bulcha demokratawaa argachuuf lolatanitt eeguun jarri kaan bilisoomuuf hala duree tahuu hin dandahu. Finnaa demokratawe waliin waa’ee birmadummaa dhoofsisuun tuuta abbaa hirrootaa waliin gochuu irra salphata ture. Gaanfa Aftikaaf finnooti demokratawan jiraachuun misoomaa, walqayyabannoo godinaa fi bulcha akkaaf iggitii taha ture

Haala haaraan wal fudhachuu dadhabuun mootichi bakka gad dhiisuutu irra ture. Yoomallee jijjiirama taheef qooda guddaa kan gumaachan kolonoota tahan waan hin ijaaramneef aangoon isaanitt hin dabarre. Waraana biyya qabatee jirutu fudhatee gita haaraa itt naqee. Miseensoti gita dullachaa tokko tokko jijjiiramichaan mormuu yaalanii turani. Cunqurfamtooti loltuu waliin waan dhaabbataniif salphaatt macalaqfamuu dandahan. Abbaan lafaa hafan, salphaatti toora galfamanii akka sirna haaraaf kakuu seenan tolfaman. Bulchooti haaraan maddi aangoo gubbaa utuu hin tahin ummata jedhan. Garuu dhaadannoo haaraa “Itophiyaa tokko yk du’a” jedhu guddifachuun Dargiin empayeriif amanamaa akka tahe ummata Habashaaf mirkaneesse. Akkasitt hoodummaan durdurii Solomonawaa hanga tokko raawwate. Mootummaa haaraaf jala kaattuun saa bitaatt duufaa turan dhaalmaa saanii xaliila gochuun Maa’oo Zedongiin qiliwwisanii “Angoon malbulchaa afaan qawwee keessaa olbaha” jedhaa turan. Kan nafxanyaan durii qawwee fi qaxaamurroott dhimma bahe isaan kun afaan qawwee qofaan fedha saanii nama irratt fe’uuf deemu jechuu dha. Akeekuma kanatu hanga harraatt daddarbuun dhimma itt bahamaa jira.

Dargiin akkuma ofii dhufett afaan qawween dhiibamee aangoo irraa ari’ame. Kan bakka isaa bu’aniif akkuma angafa saanii digammii fi ulfummaan empayeraa kan hin dhoofisisamne jedhani. Kolonootaaf diigama saa gaditt gaaffii saaniif deebii tahuu kan dandahu hin jiru. Garuu imaammati fakkeessaa kan mirga ummataa beeku chartara keessa galfamee ture. Angoo hirmachuun durboota lamaan Amaaraa fi Tigraawaayi giduu dudhaan ture hin ulfeeffamne. Tigrayi bu’aa abba tokkootaa fi harcaatuu ummatichaaf argamuu dandahuuf samichatt kophaa bobbahe. Kaasaan mootota Habashaa finqlaachisaa ture ammayyuu deebii hin arganne. Dhabiisi waatattaa ummaticha biyya haadha, anjaa addaa Tigray dhabiisa jara kaaniin argateef malee ammayyuu itt fufa jiraa. Oromoo akkamiti durbii keenya irraa buufannaa irratt xiyyeefachuun gurguddoon Habashaa rakkina saba saaniitt ija duruufata jiru.

Waan kolonota ilaalu irratti qabeenyi saanii Tigraayiif jalcaasa akka commee margaa jiran, karaa, humna elektika, dhaabota fayyaa,humna ittisaa kkf ijaaruutt tattaafataa jira. Dhaaboti barumsaa hogganoota empayeraa egeree homishuuf adddatt kurfibarumsaa Tigray qofaaf dagaagaa jira jedhu. Kolonootaaf hagas waanti hojjetame hin jiru. Karoorri misa jalcaasaa nugusichaan diriire illee hin xumuramne. Moototi darban Xaliyanii dabalatee qabeenya fi tajaajila baafachuuf karaa ni ijaaru turanii. Sana keessaa hamma gahaa hin argatin malee Oromiyaan coccobduu hin dhabdu turte. Jarri si’anaa abbaan biyyaa iyyaatii fi gabaatt saaqaa salphaa akka hin arganneef homaa itt hin daballee. Hanga gabaa irratt dhuunfaa qabanitt gatiin hoomishaa akka cabu fi gatiin geejjibaa fi quunnamtii naannaa akka olkahu dirqisiisuu dandahu. Sun sochii qabeenyaa kolonotaa irratt humna dhuunfaa kennafi. Imaammati saamicha lafaa murnoota gomgomaa tahan horii lafarra oolchan eeggachuuf gara Wayyaanee goranii gadi qaba Oromiyaa fi olloota see dheeresuu ni gargaaru taha. Sunis sabooti bubbucuun tokko tokko kan durumaayyuu fittee irra jiran akka lafarra haqaman gochuu dandaha.

Moototi Habashaa goolii hin daangaa hin qabnneen ummata saanii gurmeessaa turan. biyyoota haaraa argachuun bokoka waggootiif keessaa turan hanga tokko afuura fudhachiisaniiru taha. Kan dandeettii qaamaa qaban saamicha koloneeffannaa keessatt akka qooda fudhatan carraan kennameefii ture. Bu’aa haaraa itt bahaniin, aangoo, lafa, dirree balla adamoo, bosona, bishaan, warqee fi qabeenya uumaa biraa fi hunda caalaa humna namaa tolaan basha’anii turan. Bulchootii fi jaleewwan saanii coraamaan masakamu malee beekumsa hin qaban turan. Lafi haaraan kan saanii tahee akka hafutt fudhatan malee deebi’anii firoota saanii ammayyuu “shuumata” xixxinnoo hacuucuucuunii dandahan harkatt dhiisanii bahan deebi’anii gadadoo saanii salphisuu hin yaadne. Abdii fi guddina sobaa addunyaa irratt argamsiisaniif laachuufii malee wanti dabalaniif hagas mara miti. Jarri sun Nafxanyaa digaloota jaarraa tookkoo oliif utuu hin facaasiin galfataa bahanii. Waanti saamichaan gurratan bar tokko abbaatt deebisuu akka dirqamuu dandahan takkaa sammuuti dhufee hin beeku. Gaafas bakka dhaqanii fi nammi itt dheessan akka hin jire beekuu. Kan saaman hundi bakka kuufatanii abbaa seerawaatt deebi’aa. Kana waan beekaniif yaaciin saa guyyaa tokko buluf gooltuu maraatuu tahuutt isaan oofaa jira.

Hoodicha gargar faca’aa jiru sadooti walitt suphuuf yaala jiru. Seenaa Kuush (Nubiyaa) durii Girikootaa fi moorota amantee Baha Gidduun dhahamee fi kan Habashaa dhiheenyaa walitt makuun ilaalcha addunyaa afanfajjeessuu barbaadu. Ammallee uumaan kolonummaa Itophiyaa innich dhugaan barreesota hin amanamne, malbulcheessoo fi malbeekotaan ukkaanfamaa jira. Itophiyaa akka waan “Hirmannaa Afrikaan” hin tuqamnee fi walabummaa see eegdee jiraatett himu. Garuu kan Itophiyaa kami akka jedhaa jiran hin himani. Yoo waa’ee Habashaa dubbatu tahe dhugaa tahuu dandaha. Habashaan “Hirmannaa Afriikaa” keessati qooda fudhatteetii. Kan kana haalu sammuu sanyeesituu qofa. Biyyooti bilisi Afar, Ogaadeeniyaa, Wala’ita, Sidaamaa, Kaficho, Oromiyaa fi biyyooti kibba biyya Habashaa jiran hundi gargaarsa miiltolee see koloneeffatoo biraatiin koloneeffatee turte. Yeroon seenaa godinichaa isa dhugaa kan Habashaas dabalatu barreessan ammaa. Dhugaan kun qaama qabattee harka duultu bilisummaa tahuu barbaachisa. Nammuu humna duubaa diinni hammma of wallaaldhalee donna fi bineensa tahuutt oofaa jiru baruu qaba. Amma empayerri Itophiyaa, ummata tokko kan biraaf jalee godhee tursuu waan hin dandeenyeef, kan inni tolu moor seenaa qofaafii.

Horeen Nafxanyaa jalqabaa Oromiyaa keessa jiran, miseensota hawaasichaa keessaa kan bashaan jiraachuu saaniin abbaa biyyaan irraa adda tahanii mullatan turanii. Lafaa fi waan inni baasu irratt abbaa turan. Qabeenyi, lafa irratt hundaawe sun labsa lafaa 1975n raawwate. Garuu hiddi handhuura saanii guutummaati Empayera irraa hin citne ture. Caalaan saanii cunqurfamoota labsichi dhufeef jedhaman caalaa amanamummaa qabu turan. Waliigalatt garuu warraaqsichaan hedduu rukutaman. Sun akka sana tahus finnaan kolonummaa maqaa fi ilaalcha jijjiirradhe jedhus balleessaa darbett kan gaafatamu isa malee horee Nafxanyaa kana miti. Badii tahe hundaaf aagii tufsiifatee kan dabe qajeelchuuf abbaawummaa isatu qaba. Horee Nafxanyaa yoo ni fedhu tahe Oromiyoo akka tahan nammi isaan haalu hin jiru. Garuu yoo isaan ammayyuu “kan abbooliin keenya dhiga itt lolaasanii, lafee saanii itt caccabsan” jedhanii dhaadatan tahe “madaa irratt soogidda dibuu” isa jedhan taha. Jara walqixxummaa fi qajeeltuuf dhaabbataniif garuu Oromiyaa walabaa fi bilisa irraa wanti sodaatan hin jiru. Oromiyaa keessatt waan dhalataniif hedduun saanii biyya biraa fi hariiroo wayyaa irratt hirkatan hin qabani. Oromiyaa walaba deggeruu haa tahu akka empayerri itt fufu, filachuun mirga saaaniiti. Yeroo rafan waan itt himamaa guddatanii fi waabariitt kan sammuu dhiqaman yoo laalamu halli jiru jijjiiramuun, walfaana akka Oromoon nama hin ciigaane waan itt hin himamneef sodaachisaa tahu dandaha. Jireenya saanii guutuu Oromoo namummaa baafame fi birdhataa malee isa dhugaa hin agarre. Inni dhugaa haaloof kan sardamu mitii, garuu jannaa fi garalaafessa; nagaa buusuun qooda jannaa fi ijoollee warra abbaa gadaati.

Kan qayyabatamuu qabu wareegammi cunqurfamooti godhan kan biraa darbanii cunqursuuf akka hin taane. Oromiyoo hundaaf, utuu lammii fi gocha darban hin laalin, nagaa, birmadummaa fi gammachuu argamsiisuufii. Horeen Nafxanyaa eegalaa wanti bitaa fi mirgaa itt afuufamaa jiru seenaa sobaa fi yoo kolonoti bilisa bahan waan hamaa irra gahuu dandahani. Kun holola kanneen dubbiin suduudaan hin tuqnee burjaajiin yoo dhalate keessaa waa arganaa lata jedhaniin jajjabaatee oofamaa jira. Qabsoon bilisummaa lammummaa irratt kan hundaawe utuu hin tahin gaaffii gadi qabaa halagaa jalaa bilisoomuu , qajeeltuu, birmadummaa fi walqixxummaati. Horeen Nafxanyaa akkuma Oromiyoo hundaa balleessaa ofiif malee kan abboolii saaniif hin gaafatamani. Waan lammumaa horee Nafxanyaa jalqabaa ilaalu irratt caalaa saaniif hooda abbooliin saanii Gondorii haa tahu Oromiyaa madaqfamanis Amaraa akka tahan fudhachiifamanii. Itt yaadamee Amaaraa fi Kiristinnaan Ortodoxii tokko jedhame. Nafxanyaa Oromoo fi Moslima fi Waaqeffannaa Oromoo abbaa biyyaa gargar baaasuuf inn nafxanyaan akka itt cuubamee, jara kaan ciigahu tahe. Gaaffiin Oromoo sanyeessaa tahuu fi dhiisuu saa yoo Habashaa dhugaa tahanillee utuu soda haxaawa lammiin hin baaragin ofumaa mirkaneeffchuu qabu.

Sana malee murna Oromoon Afrikaa keessaa lafa hinqabu jedhanitt makamuun eenyummaa ofii haaluu yk of jibbuu taha. Sanatt dabalee Minilik II illee an “Mootii Habashaa fi Biyyoota Oromoo” ti ofiin jedhe dhara jechuu taha. Nafxanyaa duraa dilormaa Oromoo walakaa ol, moo’umma, aadaa, afaan, eenyummaa sabummaa, fi dudhaa saanii garalaafina tokko malee mancaase. Sun hundi seenaaf yaadatamu malee dhaloota abbaawummaa itt hin qabne tuquuf miti. Haatahu maleehala amma jiru keessatt eenyuu kan hamajaajummaa sanaan itt fufee ummata kolonichaaf tuffii agarsiisu gocha yakka deggeruu saaf abbaawummaa fudhachuu jalaa hin bahu.

Seeraan bulummaa, demokraasii fi birmadummaan uumamu malee godinicha keessatt nagaa fi tasgabiin hin jiraatuu. Koloneeffataan nagaa fi tasgabii naannichaa irraa bu’aa argatu hin qabu. Seeraan bulummaa, demokraasii fi tasgabin qabeenya kolonootaatt saaqaa addaa hin kennuufi. kanaaf mirga hiree sabummaa ofii ofiin muteeffachuu kolonootaa kan walabummaa dabalatu, mirga demokraatawaa tahe, hin fudhatu. Kana irratt dabalee kanneen mirga ilmaan namaatt yeroo tahitaa irra jiran roorrisan dheekkamsa qajeeltuutt isaan saaxilaa. Kanaaf fedhaan tahitaa gaddhiisuun saanii waan hin yaadamne. Qabsaawoti marsaa hundatt daddaaquun furmaata hin tahuu; ejjennoo sirrii fudhachuu qofatu baasaa. Mirgi ilmaan namaa kan eenyuu namaa kennu utuu hin tahin Yaa’ii Addunyaan kan beekamee. Hardha humni Oromoo mirga sabaa kabachiisuuf jabaatee hin ijaaramne haa tahu malee sochiin walabummaa ummati godhu tasaawaan, ariitiin konkolaataa jira. Oromoo waahidhibnee hataatuu bu’uursituun Habashaa, jaallatee dhiiftee qabsoon walabummaa hin dhaabbatu. ABOn akka sagantaan saa ajajutt ABO tahee itt fufuuf walabummaa qofaaf ijaajjuu malee sanaa gaditt waanti tahu hin jiru.

Kan itt haanu akka hundi beekuuf murtoo ST (UN) 3070 30, Sadaasaa 1973tii: (furaan afaanii kan kanati)

Yaa’iin idilee ∙∙∙

1.Keessa deebi’ee mirga ummata kolonummaa fi olhantummaa halagaa jala jiran hin tuqamne kan hiree murteeffachuu, birmadummaa fi walabummaa akka murtoo Yaa’ii Idilee 1514 (XV) 14, Muddee 1960, 2649(XXV) 30, Sadaasa 1970 fi 2787 (XXVI) 6 Mudde 1971;

2. Akkasumas seerawummaa qabsoon ummatootaa bilisummaa kolonummaa fi olhantummaa biyya alaa fi gadiqaba halagaa jalaa bahuuf karaa jiru hundaan qabsoo hidhannoo dabalachuun tolchan keessa deebinee mirkaneessina:

3. Akka Chartera Saboota Tokkoomanii fi Konvenshinoota Saboota Tokkoomanii dubbiin laalutt mirga ummatooti hundii hiree saanii murteeffachuu fi walabummaaf qabanii fi gargaarsa jajjabeessaa, waatattaa fi gargaarsa biraa ummataa shakala guutu mirga saanii hin tuqamne kan hiree murteeffachuu fi walabummaaf qabsaawaa jiranii hundaaf akka godhan finnoota hundaaf waamicha goonaaf:

Ummatoota humna hoodaa moototaan sodaachisuun qaata dukkanaawe. Yeros imaammatooti moototaa xuraawoo hundi jecha “Moototi homaa hin balleessan” jedhuun golgamuun akka waan isaan burqaa qajeeltuu dogoggora hin qabneett dhiheefamu turan. Amma hoodi sun cabee hogganooti empayeritt olgaa dhaabbachuun humnni saanii qullaa tahe saaxilamaa jira. Imaammatoota saanii cunqursoo tahan hojii irra oolchuu irraa of fageessuu hin dandahanii. Mootota Habashaa duriif, dudhaan karaan itt waan tokko tokko qajeelfatan yoo jiraateyyuu, seeraan bulmaati dhimma saanii tahee hin beeku. Jarri ammaa karaa halle too’annaa jala oolfatanii waan jiraniif gocha saaniif isaanumatu abbaa dhaddachaati. Kanaaf Habashaa roorroo angoo irraa baraaruu fi ummatoota kolonii namummaa baafamuu fi badiisa irraa oolchuuf jarri baduu qabu. Tuuti addagee biyya bulchuun cubbuu dha. Wayyaaneen ulfina dabaanbulummaa ofiin dhihoo karaa bahaa qabata. Garuu gaaffiin bilisa baaftoti Oromiyaa deebisuu qaban itt haaneewoo kan jedhu?

Iyyi “Goolii” Wayyaaneef mala ittiin jara dhihaa keessaayyuu US irraa gargaarsaa fi hubannoo itt argatuu. Dhugaan saa isuma mootummaarra jiru malee, gooltuun biraa empayera Itophiyaa keessa hin jirtuu. Uumaa saa isa dhugaa dhossee shororkeessituu dha jedhee yeroo inni nama lakkoofsa hin qabne hidhuu fi ajjeesu mararfannoo akka kennaniif barbaada. Garuu jarri gooltuu utuu hin tahin Oromoo dha; mataa ol qabatanii akka hin deemnee fi ugganii qajeeltuu akka hin gaafanneef goolaani. Gargaarsa jajjabeesaa fi waatattaa argataniin akeeka ofii Oromoo gadqabaa jala jiraachisuu fiixaan baafachuuf imaammata gooltuu loluu jala gugatanii bobba’aa jiru. Sagalee Oromoo hin sarmineef faaluuf dhaaba malbulchaa Kallacha qabsoosaa tahe gooltuutt moggaase.

Gabaasii dhaboota mirga ilmaan namaa mootummaan Itophiyaa akka ummata ofiitt, keessaayyuu Oromoott roorrisu saxilaa jiru. Oromoon ummata seeraan buloo, nagaa jaallatoo fi dudhaa demokraasii qabanii. Dhugeeffannoo kamuu haa qabaatanii hanga yoonaa karisummaan Oromoo keessatt hin muldhannee. Yeroo nagaa fi araaratt dhufu duubbeen saanii Gadaa kan irraanfatame hin fakkaatuu. Amantooti hundi marsaa malbulcha sabichaa keessatt bakkaa fi qooda ofii beeku. Yaada cichaa hunda jala seenuu dura loltuu fi naga buusoo beekamoo turani. Ammallee “walitt bu’a qaroomaa”f utuu hin tahin, birmadummaa fi walabummaa biyya saanii, Oromiyaaf annisaa lolaa fi nagaa buusuu qabu. Qaroommi saanii hunda hammataa tahuun beekama. Miseensi amantee yk murna amantee kamuu Oromiyaa keessatt takkaa akka nambiyyoota sadakaa lammafaatt ilaalamanii hin beekanii; Habashaa keessatt garuu akka addunyaatt hodeessan utuu hin tahin yeroo hin beekamnee kaasee ciiga’amnii ifaa dhaa.

Duula maqaa faalaa wayyaaneen utuu hin raafamin sun qayyabatamuu qaba. Oromoon gaaga’amtoota Wayyaaneeti malee cookkoo saa miti. Oromiyaan biyya goototaati. Gooti yoomuu tapha walgitu fedha. Jeequmsi kan hin hidhannee fi noola qubaa hin qabne irratt raawwatamuu hin qabu. Sun ogummaa Wayyaaneen ittii leenjifame. Sana kan inni Oromoo irratt gochaa Oromoon gooltuu dha jedhee caraanuu. Oromoon gooltuu dha jedhamuu kan dandahu yoo gadqaba halagaa ofirraa faccisuun sana jedhame qofa. Sun waan fedhe haa tahu Oromoon waraana halagaa irra buufatee jiru loluu hanga mirgi hiree ofii murteeffachuu hojiirra ooluufitt itt fufa.

Ulfinaa fi surraan dabaankufootaaf; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Muddee  2014 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *