Oduu Haaraya

Hiwaati fi Tiwulidda-Itoophiyaawwiin nu Fixan!

Hundee Dhugaa fi Hiriyoota isaa

Wayyaaneen jecha Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhu irra jireessa ykn ifatti itti fayyaadamu kan eegaltee, Filannoo 2005 boodadha. Garuu, “Tiwulidda Itoophiyaawwii” jedhamee akka shirri gaggeeffamu kan karoorfatan, baruma bosona jiranidha jedhama.Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhamanii seeraan hayyamameefii akka garaa isaanii akka ta’an kan hayyamameef eenyufaati ? Lammiilee addunyaa keenyaa meeqatu Itoophiyaa keessatti dhalateetu, xiyyeeffannaan akkasii laatamuufii danda’ee?? wayyaaneen Ilmaan sabootaa miliyoonaan beelessee, kumaantamaan hiraarsee, kumaatamaan lubbuu galaafatee, kaan dhaabbitti namummaa baasee , kaan mana hidhaatti tortorsaa yoo barbaade ammo summiin ajjeesaa,  maaliif warra Tiwulidda Itoopiyaawwii jedhamaniif warqee hafeefii jiraachisaa ?

warri Tiwulidda Itoopiyaawwii jedhamanii Itoophiyaa keessatti seeraan baakaman meeqaa ? bara wayyaanee kana jechi kun akkamiin dhufuu danda’ee ? sirni wayyaanee Ummatoota miidhaa jiru, balaa dhala namaaf hin mallee raawwachaa jiru, akkamiin warra Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhamaniif gaarii ta’ee , biyya alaa itti godaananii, waraqaa eenyummaa tokkon alatti qabeenyaa akka saaman taasifama ? ? ilmaan saboota yoo dhaaba siyaasaa dhaabbatan guyyuu adamfamanii diigaman. Hiraarrii fi shirri adda addaas irratti gaggeeffama. Miseensa dhaaba kanaa ta’ee kan argame gooleessaadha jedhamee Biyya abbaa isaa irratti itti roorrifama. Warri Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhaman garuu, waan isaan hin galchine keessa seenanii harka mirgaa wayyaanee ta’anii ummata yennaa miidhan argaa jirra . kun akkamiin ta’uu danda’e.?

Abbootiin Biyyaa qabeenyaa horachuuf wayyaanee waliin shariikomuu gaafataman. Kanaan achi waa tokko illee hin hojjatan. Warrii maqaa kaafnu kun garuu , saamicha kana hin jedhamne ummatoota irraan ga’aa jiran. Lammiileen hojii dhambanii yennaa rakkatan, jara kanaaf waan hundaatu mijaa’aaf. Siyaasa biyyattii keessa seenanii Bulchiinsa Naannoolee illee fudhachaa jiru. Kun akkamiin ta’e ? akkamiin kooleejoonni Ilmaan cunqurfamoo akka barbaadan ari’u, isaaniif meeshaalee barnootaa fi qananiin akkamiin akka baratan hayyamamaaf ? maqaa maayikiroo xixiqqaa jedhuun liqiin laatameefii miliniyeera yennaa ta’a, Ilmaan abbaa Biyyaa garuu hojii dhablummaan akkamiin mankraaru ? akkamitti hojjatanii abbaa Birrii miliyoona 100 faa’a ta’uu danda’an .?

Akkamiin miseensa Polisii fedaraalaa fi humna Tikaa keessa seenanii Ummatoota irratti kolanii haaraa ijaaruuf tattaafachuu irra ga’an ? akkamiin qooqa Biyyatti tokkotti deebisanii dhabamsiisuuf ifatti yennaa hojjatan maaf hin gaafatamne ? isaan sirna fedaraalaa wayyaaneen dhaadhessitu ifatti mormanii , Ummatoota gara sirna ahaadaawwiitti akka deebi’uuf lalliftoota sirnoota duraanii ilmaan cunqurfamoo fixan warra faarfaratan akkamiin ta’an ? akkamiin humna waraanaa keessa seenanii Ilmaan sabootaa hogganu danda’an. ?akkamiin waajjiraaleen Fedaraalaa harki 80 ta’u isaaniin tu’atamuu danda’an? Akkamiin Industirii muuziqaa fi artii tu’atanii saboonni eenyummaa fi aadaa isaanitti akka hin jabaanneef shiroota hedduu irratti gaggeessanii, sirba sabootaa afaan amaaraan akka sirbamu maaliif tattaafataa jiran ? Akkamiin kubbaaniyaa ykn walii gala humna Dingdee Biyyattii akkamiin tu’achu danda’an ? manneen kondiminiyeemii rakko tokko malee akkamiin carraan ba’eefii keessa burraaqu dadna’an ?

Miidiyaalee Biyyattii keessaa guutummaatti qabatanii akkamiin ilmaan sabootaa ariisisanii wayyaaneef harka mirgaa ta’anii holola Ummatoota irratti akkamiin hojjachuu danda’an ?  Gaaffiilee kanneen ka’umsaafan kaasee malee , gaaffiilee kumaantama tarrisuun ni danda’ama. Walii gala garuu Tiwulidda Itoophiyaawwiin akkamiin harka mirgaa wayyaanee ta’uu danda’an ? yeroo Mallas du’e, gaddi hamaan kan itti dhaga’ame warruma maqaa kaasaa jirruudha . maaliif ? Finfinnee guutuu uffata gurraachaan akkamiin haguuguuf yaalan ? Hiwaat maaliif isaaniif xiyyeeffannaa laatee Lammiilee Biyyattii caalaa isaan kunuunsuu danda’e ? Qabsoo Bilisummaa Ummatooti Biyyattii gaggeessan Goolessummaan wal qabsiisee sadarkaa Addunyaatti Qabsoo Ummatootaa dhabamsiisuu kan yaalaa jiru wayyaaneen akkamiin jara kanaaf garaa laafee harka mirgaa isaa akka ta’aniif barbaade ? ykn taasise ?

Mee seenaa dubbee tapha kanaa haa ilaallu . wanni hubachu qabdan maqaa Tiwulidda itoophiyaawwiin har’a Biiyyattii keessa akka malee kan qubatanii jiranii fi saamicha ol aanaa gaggeessaa kan jiran, lammiilee Biyyattin olitti jiraacha kan jiran eenyufaa akka ta’e kan wallaalu hin jiru. Garuu , adeemsa kun akkamiin umamu danda’e ? akka tasaati ? moo itti yaadameeti ? seenaa dheeraa deeggartoota isaanii keessaa tokko natti hime amma tokko isiniif qooda . seenaa dheeraadha. Amma hiriyoota kiyyatti himee irratti mari’anne isinitti hin himu. Yeroo haa eeggatu jenneerra .Garuu gabaabaatti mee ilaalaatii of abaaraa yk  itti raajamaa ……….

Lama na hin suufan jettee jaartiin………

Seenaan hadhaawaa kana Ummati keenya hubachuu qaba jennee murteeffanne. Qrannoo gadi fageenyaa yoo barbaachise yeroo itti eegaa jirra. Kan ammaa kun nuuti waan kana akka bira geenyee jirru hubachiisuufi. Katabbiin kun akeekkachiisa. Nuuti warra gawwaa miti. Fira fakkaatanii nutti taphachuun akka dhaabbatu barbaanna. Gochii isaanii guyyuu argaa jirru, sammuu nu jeeqee namummaa keessaa nu baasuuf deema. Amma obsa keenya fixanne. Irraa deebi’us jennee eegnaan inni caalu dhaloota kana irrattii raawwatamaa jira. Dhalooti fi namni katabbii kana argu ummata keenya akka hubachiisu barbaanna.

Kaleessa ummati keenya harka qullaa ta’ee kan kabajaan gaggeesse, qabeenyaa isaa tikiseef, har’a namootuma inni booyichaan gaggeesseetu hidhaatti isa guuraa fi guursiisaa jira. Kana obsuu dadhabne. Haa galuuf jennee karaa hedduu yaalle . garuu hin taane. Amma gaaffiin keenyaa fi sochiin qabsoo Oromoo caalaatti waan hudhaa keessa seenee , akka rakkatuuf shirri gaggeeffamu daran jabeessaa jiran. Aadaa fi eenyummaa keenya, Industirii Aartii Biyyattii dhunfataniin balleessanii Biyya qooqa tokko bakkatti deebisuuf shirri gaggeessan daran hammaaataa dhufu irraa yaada kana ummatatti baasu barbaanne.

Shira isaanii kana irratti, ummati keenya keessa keessa irratti dudubbachuu ega eegalee bubbuleera . caalaatti hawaasi Biyya keessaa fi alaa akka hubatuuf amma took kaafnee obsaan dubbisaa .dubbisaatii kan hin dubbifneef dabarsaa. Kun holola miti haqa . iccitti kana caalu ummataaf ibsuu ni dandeenya. Nama waan kana Biyya alaan nuuf ga’e galata guddaa qabna.

Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhamanii kan Biyya keessa jiran keessaa , Lammiileen ERTIRAA….. sadarkaa tokkoffaa qabachuu odoo hin taane, lakkoofsii isaanii miliyoonatti ol guddachuu, keessa beektootatu ragaa waliin dubbata. Lammiileen Biyya ollaa kun bara wayyaanee kana keessa akkamiin akkas heddummaatan ? kun gaaffii namoota heedduu ta’uu ni mala. Gaaffiin nu ajaa’ibu garuu , Lammiileen kun, Biyya yeroo lola Biyyoota lameenii  obbolaa isaanii kuma 65 ol fixxeetti akkamiin godaanuu danda’an ?kan jedhuudha ? kun yeroo hedduu sammuu nu dhukkubsa. Har’a garuu gaaffiin kun shakkii biro nu keessatti uumaa jira.

Lammiileen ……. Itoophiyaa keessa wayita jiraatan kanatti akkaataan itti jiraatan hedduudha. Kana jechuun sababaa adda addaa qabu . mee hubadhaa waan kanas ilaalaa , ,,,,,,,, akki itti jiraatan sababaa hedduudha. Isaan keessaa :-

  1. Bara Biyyi isaanii hiree murteeffannaaf Lammiilee ishee bakka maratti hirmaachisan, kanneen Itoophiyaa keessa turan , wal beekumsaan warra keessaa hafee, Lammii Itoophiyaa ta’anii jiraachaa jiran
  2. Miseensoota Ihaadig , Hiwaatin ijaaruu kaasee hanga har’atti , miseensummaa Ihaadeegin, qooqa sabaas ta’ee kanneen biro dubbatanii Biyya kan Bulchaa jiran,
  3. Miseensa dhaabbilee mormitoota mootummaa Biyya isaanii bulchuu ta’anii kanneen guutummaa Biyyattii keessa jiran,
  4. Lola booda sirnicha jibbine maqaa jedhuun , kaleessa wayyaaneen miila duwwaa kan ariitee fi har’a karaa gara garaa biyyatti kan deebi’an,
  5. Maqaa Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhamuun Addunyaa mara irraa , (odoo achittis hin dhalatiin) waggaa 20 fi 30 Biyya alaa taa’u irra Itophiyaa seenanii waggaa shan saamu wayyaa jedhamanii ta’ee jedhanii kan waamaman,
  6. Maqaa geeddaratanii , keessattu shamarran Biyyoota arbaa keessa jiran, yeroo filannoo Finfinnee akka seenan taasifamanii filannoo irratti kanneen hirmaatan,
  7. Dhiiras ta’uu dhalaan isaanii Lammiilee Ilmaan cunqurfamoo waliin mana dhaabbatanii kanneen jiraatan,
  8. Xumura irratti Biyya isaanii bakka bu’anii, Gamtaa Afiriikaa keessa kanneen ramadamniidha.

Namni keessa isaanii fi adeemsa isaanii hin hubatiin, akka waan gargar faca’anitti ilaaluu danda’a. garuu miti. Hundumtu waan ta’i jedhame keessatti seena malee akka barbaade hin ta’u . kun akkamiin ? jechuu dandeessu. Seenaan isaa itti fufa. garuu wanni hubachuu qabdan jabiin Ummata sanaati. Ejjannoon Biyya isaaniif qaban tokko. Biyya isaaniif waan argatan irraa dhibbeentaa  2 kutuun dirqama isaanii ta’uu hubachuu isaaniiti. Dadhabinni isaanii ammo , dantaaf jedhanii kan kaleessa miila qullaa isaan ari’etti michoomanii, kaleessa kan qabeenyaa eegeefi fi booyichaan gaggeesse irratti duuluu isaaniti.

Warri odeffannoo kana nu keenne akka jedhanitti, Bara wayyaanee ijaaramee qabee , garaagarummaan jiraachuu nutti himan. Kunis kan umame akka isa har’a irra keessa dubbatan odoo hin taane, Hiwahaati bara 1976 kaasee, rakkoo ulfaataa keessa dabruu ibsan. Hiwahaat, keessa isaatti garaagarummaan qabaachaa turan, warra Foxxaqu …ER… deeggaruu fi warra hin deeggarreedha. Hiwahaati ijaarsi isaa Lammiilee Tigiraayi kan akka Issiyyee faa’an haa eegalu malee, duuba keessa lammiilee …ER… Tigiraayi keessatti dhalatanii guddatan ykn …ER… irraa achi godaananiin dhaalamuu isaa warri faallaa Mallasaa faa’aa ta’an hin liqimsamuuf ture. Gabaabumatti , bara 2000 yeroo gargar ba’an, Garee mallasaa Lammiilee …ER.. fi dhiiga …ER…qabantu warra Tigiraayi qulqullu of irraa ari’ee jedhama.

Areenaa Issiyyeefaa har’a ijaaran, Lammiilee Tigiraayi kan ta’an qofaadha jechuudha. Isaan seenaa kana akka gaaritti beeku , garuu hin dubbatan.Lammiileen Tigiraayi Mallasaa waliin  hin jiran jechuu miti. Kumaantamaan jiru. Garuu yaada mallasaa faa’a ni fudhatu. Qabeenyaan harka seenu irraas kan callise hedduudha. Bara qabsoo ajajoonni waraana wayyaanee irra jireessa shamarran Ertiraa akka fudhan waan irratti hojjatameef, irra jireessi isaanii har’a waraana keessaa ba’anii kubbaaniyaa fi dhaabbilee daldalaa gara garaa banatanii jireenya dhuunfaa gaggeessaa jiraachuu keessa beektoonni ni dubbatu.

Bara 2000 booda shakkiin gareelee kana lameen giddu jiru hamaadha. hin mul’atu malee wal irratti haalaan hojjachaa jiru. Keessattuu gareen mallasaa garee Issiyyee faa’aa shakkuu irraa, Tiwulidda Itoophiyaawwii biyya dhunfachiisuu filatanii irratti hojjachaa jiraachuu fi addatti qabsoo ummatootaatti gufu akka ta’aniif hojjatamaa jira. lammiileen Tigiraayi sababaa malaammaltummaan qabamaa jiran irra jireessi isaanii deeggartummaa Isiyyeefaan ta’uutu dubbatama. Waan kun caalaatti akka isiniif galutti mee ijaarsa har’aa hiwaati fi Ihaadeeg isiniif haa tarrifnu . kana booda waan hundumtu isiniif gala . gareen mallasaa maaliif Tiwulidda Itoophiyaawwiin akka Biyya tu’atu maaliif akka taasisan ni hubattu. Isa booda murtiin keessanii .

  1. Dhaabni ihaadeeg jedhamu eenyun oofamaa jiran ? dhaabbileen miseensoota isaa jedhamanii ijaaraman dhuguma bakka bu’ummaa Ummatootaa ni qabaatu ??????????? isaan keessatto shira  maaliitu  hojjatame ? gareen mallasaafaa eenyufaati ?

Ihaadeeg har’a argaa jirru bifa kana kan qabatee carraa Ummatootaa ukkaamsee akka jiraatuuf kan tolfame Biyyatti tu’achuuf waggaa 2 qofaa wayita isaan hafuudha. Hiwaatoonni Ihaadegummaatti kan jijjiiraman shiroota Biyyattii irratti har’a raawwachaa jiran hojiitti hiikuuf ture. Hiwaatoonni keessa isaanitti wal nyaachaa jiraatanii dhuma irratti gareen Mallasaa faa’aa ol-aantummaan Biyyatti akkamiin akka bituu danda’an seenaaf dhiifna. Garuu Qaddaamaay wayyaaneen /ILMAAN RAAYYAA FI TANBEENIIN IJAARAME/ , akka itti dhabamsiifamee gareen Sibahaatifaa akka itti irra aanan seenaaf dhiifan. Garuu waan raga waliin namni isaanii tokko nutti hime, wayyaaneen waggaa 17 dargii wayita lolu, hiriira jalqabaa irratti ramadamanii gootummaa kan raawwachaa turanii fi jarreen shiraan ol ba’an kanaaf isaanii kanneen gammoojjii Tigiraayii keessatti nyaatamanii hafan keessaa %80n ilmaan RAAYYAATI jedhan.

Biyyatti akka barbaadani fi gara barbaadanitti oofaa kan jiran, shiroota hedduu uumanii dhiiga ilamaan cunqurfamoo dhangalaasaa fi dhangalaasisaa kan jiran, Ilmaan Tigiraayitti hidhatanii, Qabsoo Ilmaan cunqurfamoo dhageetti akka hin argannee fi bara baraaf dhabamee mana cunqurfamoo keessa isaan jiraatanii , Ilmaan cunqurfamoo goodaansaa fi hiraarriif kan saaxilaa jiran eenyufaati ? kana Namoota kana ilaalaa .

  1. MALLAS ZEENAAWWII = duraan abbaan Tigiraayi ta’ee haadhaan ER jedhamaa kan ture, akka du’een dhugaan baate garuu Abbaan isaa nama ER akka ta’ee fi nama ajjeesee gara Adiwaatti kan baqate ta’uun ifa waan ta’eef, guututti Lammii eenyu akka ta’e hubadhaa.
  2. BARAKAT SIMI’OON = haadhaanis abbaanis Ertiraadha.
  3. ABBAAY  TSAHAAYYEE = walakkaan ER yennaa ta’u haati manaa isaa ER dha.
  4. Dr.TEWUDIROOS ADIHAANOOM = (ministira dhimma alaa itoophiyaa ammaa) haadhaanis abbaanis ER dha.
  5. BIRHAANEE GABRA KIRSTOOS = haadhaanis abbaanis ER dha.
  6. HILLAAWWII YOOSEEF = (koree hojii raawwachiiftuu bi’adeeni fi barreessaa Waldaa misooma amaaraa ) haadhaanis abbaanis ERdha.
  7. SIBAHAAT NAGGAA  = Walakkaan isaa fi haati warraa isaa ER dha.
  8. TSAADIQAAN G/TINSA’I =(ajajaa waraan biyyatti waliigalaa duraanii) gama lameeninu ER dha.
  9. SAAMOORAA YENUUS = (ajajaa waraanaa ammaa)walakkaan isaa ER dha. Innis caasaa isaa ijaarrachuuf jecha, waraana Shaabiyaan durfamanii Finfinnee wayita seenan warra ramadameef sana hundaa achi hin deebifne. Walumaan jiran.Janaraaloota 60 jiran keessaa eenyufaa akka ta’an yeroo biraa itti deebina.
  10. Dr.DABRA TSIHOON  …..= (ajajaa humna tikaa wayyaanee walii galaa ) gama lameeninu ER dha.
  11. SHIMALLIS KAMAAL  = (itti gaafatamaa dhaabbata kominikeshinii itoophiyaa barakat waliin marqu) haadhaanis abbaanis ER dha.
  12. H/MAARIYAAM DASSAALANYI = haati manaa isaa guutummaatti ER dha.
  13. WARQINAA GABAYYOO = (komishinara polisii Fedaraalaa kan ture fi amma jijjiirame) walakkaan isaa ER dha. Maqaan abbaa GURMUU jedhame kan taa’e sobadha.abbaan isaa kaaba.
  14. AZEEB MASFIN = amaara walqaayit jette himattu, gonkumaa dhiiga itoophiyummaa kan hin qabne , dhufaatin ishee sudaanii fi ER dha.
  15. Wajjirri mummichi minstirootaa guutummaatti eenyun akka guutame jiru yoo dhageessan raajamu hin haftan. Lameenu afaan tokko waan dubbataniif warruma lokaalitti murtanii dhiiftu. Gositoonni Mallasaa fi H/Maariyaam,  gama dinagdeen , siyaasaa, kkf jiran ER dha jechuutu danda’am. Fk. Gorsaan dinagdee isaanii obbo Nawaay G/ab jedhaman warri mataan harrii adii , ER dha.

Egaa warri Bulchan warra kana yoo jenne dhugaa irraa fagaachuu miti. Angoon Biyyattii haala akkasiin tu’atamee jiru maal akka raawwachuu danda’u hubachuun isin hin dhibu. Kana waliin hubachuun kan isin barbaachisu, jarri kun caasaa isaanii ijaarrachuuf jecha hangam BIYYATTII akka tu’atanii jiranii fi hidda gadi jabeeffatanii jiran kana waliin turuuf Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhu umanii obbolaa isaanii daboo bafachaa jiranidha. Komeen Issiyyee faa’aa fi gargar ba’iinsaa kanadha. Tigiraayoonni dhimmi kun hin galleef jiraachuun ni dubbatama. Saamicha qofaa irratti xiyyeeffatani Ilmaan cunqurfamoo ajjeessa fi hiisisaa jiran akka gaaritti jiru.

Walii gala Ijaaramuun Hiwaatootaa Adiwaa fi Aksumitti heddummaachuun, Lammiileen Ertiraa achitti godaanan jiraachuu dhugaa kan ba’anii fi Hiwaat keessatti baayyachuuf carraa argatanis jedhu.kana irratti falmiin TV ESAT irratti ka’ee turee fi dhugaa kana baqachuuf birriin miliyoona dhibbaan chaayinaaf kennamee TVN SUN AKKA CUFAMU TAASIFAME.  Warri har’a Biyya keenya keessatti TIWULIDDA ITOOPHIYAAWWII goobsee jiru warra kana . Lammiileen Tigiraay Biyyatti tu’achuuf malli jiru jara kanaan wal ta’anii itti fufu fi qabsoo Ilmaan cunqurfamoo dura dhaabbachuutti waliif ta’anii waliin kan tarkaanfatan ni jiru.

Wayyaaneen Qabsoo Ilmaan cunqurfamii dhabamsiisuuf shira hojjattu hundaa keessatti jara kanatu ga’ee ol aanaa qaba. Ilmaan cunqurfamoo dachee isaanii irraa buqqisanii gabrummaa bara baraa baachisuuf sochii cimaa kan taasisaa jiranii fi hojjachiisaa jiran jaruma kanadha.egaa har’a warri TIWULIDDA ITOOPHIYAAWWII JEDHAMNII wayyaaneef daboo ba’an maaliif akka ta’e hubattanittu jennee abdanna. Warri Tiwuliddummaan jiran ammo maalfaa hojjachaa jiru ? kan jedhus haa ilaallu.

Waan nama raajuun haa eegallu. Isa guddaa isinitti himne hanga gaditti maal hojjachaa akka jiran tilmaamaa . Hidha Laga abbaayyaaf maallaqi barbaachisu Birrii biliyoona 80 ga’u tilmaameera . eenyun akka tilmaame egaa warra gubbaa tarrifne waliin ilaalaa. Kan nama raaju kubbaaniyaan saalin konstiraakishin jedhamee filame, Abbaan qabeenyaa kaampaanii kanaa , walkkaan isaa ER yennaa ta’u walkkaan isaa lammii xaaliyaaniti. Maallaqi ummata kanaa essa akka dhaqu hubadhaa .Hojii ijaarsaa kana keessatti hojjattoonni bakka mindaa gaarii qabuu fi murteessoo ta’an hundi jara kanaan qabamee hojjatamaa jiraachuu kanneen haala kana raga waliin dhiheessan hedduudha. Hojii kana qofa keessatti odoo hin taane, kanneen biro keessatti kanneen Biyya isaanii baqatani dhufan hatattamaan hojii akka argatan taasifama. Kaampaanii saalin waliin warri mikiroo xixiqqaa jedhamnii biyya keenyaa ari’amanii deebi’anii yennaa dhufan , maallaqi gumaa kennameef sadarkaa milenaraatti ca’eanii achi asi ilmaan cunqurfamootti karaa TV biyya keessa hojjannaan hojiin jira jedhanii lallaban.

Warri Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhaman kubbaaniyaan, warshaan , dhaabbileen biliyoonaan sochoosnii hanga dhaabbilee daldalaa gandaa keessatti qaban lakkoofsa hin qabu. Lammiileen Ertiraa waggaa 30 faa’a dura biyyaa ba’anii Biyya alaatti milkaa’ufii dide hundi isaanii Itoophiyaa seenanii mileneera ta’anii jiru. Manneen barnootaa keessatti kutaa isaanitti TVn galeefii barachaa kan jiran isaanii .kaleessa biyyaa harka qullaa wayyaaneen kan ariite hundumtu asi deebi’ee mana jireenyaa fi qabeenyaa baachuu hin dandeenye, hogganummaa fi bulchiinsa tasa hin beekne irratti ramadamanii hojjachaa jiran.

Fakkeenya biro waan addatti nu irratti hojjatamaa jiru. Miidiyaa mootummaa wayyaanee kan gaggeessaa jiran , hojjachiisaa fi hojjataa jiran hundi isaanii haala tarrifneen warra filatameedha. Keessattu qophiilee bashannanaa jedhamee chaanaaloota dabalametti ida’amee tv ebs jedhamu hunduntu Tiwulidda Itophyaawwiitu keessaa laaqaa jira. Kaasaa showu, jordaan show, nuro ba ameerikaa, josii showu, habshaa showu , itphis, kkf hundi isaaniin gaggeeffama . Gaazexessittoonni miidiyaa kana keessa hojjatan hundutu wayyaanee baraaru jedhanii waadaa seenaniin, namoota akka ragaatti haasofsiisan, ogeessitoonni , artistoonni hundi isaanii warra dhiigaati. Giddu giddutti ilmaan sabootaa fakkeessaaf dhiheessu danda’u.

Kan caalaatti nama raaju , AFAAN AMAARAA qooqa biyyatti addaa ta’ee dhalooti akka fudhatuuf kan hojjachaa jiran hundi isaanii isaanuma. Diraamaa tv fi DV faca’an hundumaa , industirii muuziqaa fi artii Biyyatti qabatanii saamaa kan jiran, aadaa Ummatootaa faalleessanii qullaa kan sirbaa jiran isaanidha. Addatti Diraamaalee TV ITOOPHIYAA irratti dhedheratanii dhihaachaa jiran keessa taatoonni harka 80 ta’an isaanii . Kana qofaa miti TV FI RADIYOON itoophiyaa yennaa yaamanu illee ERTA.COm jedhaa nu quunnamaa jedhu. Qaanii hin qaban. Miidiyaa isaanii irratti waan ittin wal fo’anii fi wal filan huccuu cuquliisa. Galaana Dimaa ta’u isaati .TV itoophiyaa keessatti gama kanaan Tekinishiyaanoonni isaanii waan shiran daawwadhaa. qophiileen caanaalii 3ffaa , caawaataa , Ismaammaallawu alsmaammaam,(Salamoon asmallaashi faa’aa) daankiiraa, kkfn isaanumatu dursa . hundi isaanii garuu kaayyoo qaban. Ummata burjaajessanii sirna jala jiru jala tursuu fi sirnicha dhaadheessuudha. Keessattu TVn itoophiyaa kanneen ODUU dubbisan , ispoortii qopheessan, ARHIIBUU dhiheessanii fi namota dhihaatan, qophiilee bashannanaa hundaa duubaan , hogganoonni kutaalee adda addaa isaanumaan qabamee jira. Caasaan kun bara Barakat ministeera beeksisaa ture ijaaramu dubbatu.wanni nama raaju ammo , miidiyaa irra kan hojjatan irra jireessi obbolaan isaanii TV FI RAADIYOO ERTIRAA IRRAA HOJJACHUU isaaniti. Kana hundaa akka gootummaatti asitti odeeffachaa jiru.

Industirii muuziqaa fi artii dhunfatanii sirba aadaa sabootaa Afaan Amaaraan akka sirbamu kan taasisan, saboota keessa ji’oota muraasaaf taa’ani , saboota bakka bu’anii kan sirban, keessattu muuziqaa warra kibbaa Amaariffatti deebisuun kan hojjatanii fi Afaan oromoo irra dhageetti akka argatu taasiisu , Diraamaalee safuu sabootaa cabsan ta’e jedhanii DVDn raabsanii aadaa Ummatootaa laaquu kan yaalaa jiran, dhalooti har’aa aadaa isaa dhiisee, kan warra alaatti akka rarra’uu fi eenyummaa isaa dagatee kolanii isaanii keessa akka jiraatuuf ta’e jedhanii hammeenyi irratti hojjatan akka salphaatti kan ilaalamu miti.

Walumaa galatti warri tiwulidda Itoophiyaawwii jedhaman sirna Ahaadaawwii dursaan isaanii irratti hojjachaa jiru milkeessuuf marxifatanii hojjachaa jiran. Ijoollee Oromoo adamsiisuu , hiisiisuu , qooqa Ummatootaa baratanii waajjiraalee  fi godinaalee bulchuu irra ga’anii jiru. Kan akka warqinaa gabayyoo, dammallashi w/mikaa’eel, taayyee T/hayimanoot, minaasee w/goorgis, Daanyaachoo, eenyu jamaayinah kkf hedduun nu OPDO keessatti maal hojjachaa akka turani fi jiran itti deebina. TV FI RADIYOO OROMIYAA keessatti Tiwuliddoonni kun maal hojjachaa fi dhalli oromoo hojii dhabee , isaan taa’aanii oolanii meeqa akka kafalamuuf yeroo biraa itti deebina. Oromiyaa keessatti ol-aantummaa Afaan amaaraa fudhachiisuuf kan akka tiwulidda itoophiyaawwii ifaajjaa jiru hin jiru. MAQAA Magaaloota Oromiyaa umamaa waamu jibbuun daba kan hojjatan isaanuma.Ummata keenya irraan miidhamni geesisaa jirn lakkoofsa hin qabu. Kana irra nu irratti hojjchuuf shirri hojjachaa jiran salphaa miti. Biyyoota alaatti sababaa gara garaan ergamanii achitti kan hafanii fi Biyya isaaniif barachaa jiranis inuma beekna. Ummati keenya isa hafe itti haa guuttatu. Garuu waan nu irratti hojjachaa jiran dhalli Oromoo hundi bakka jirutti haa hubatu.

Mileenaroonni Tiwuliddaawwii hundi isaanii lafa Oromoo irratti qabeenyaa qaban keessatti irra jireessa Biyya isaanii kanneen godaanan qacaru. Kana malees Warshaaleen ykn dhaabbilee daldalaa dhaabaa jiran hunda , maqaa Oromoon hin feene irratti moggaasu. Biyyatti keessatti Baankiileen, warshaaleen kkf isaan sheerii hin seeniin hin jiru. Fkn, Habashaa konistiraakishin, Habashaa simintoo , Habashaa Tireeding, Hashaa makiina Faabriikaa kkf Oromiyaa keessatti ijaaran. Kubbaaniyyoonni Jibuutii mi’a galchanii fi ergan harki 70n isaanii . ijoollee isaanii hedduun konkolaataa Jibuutii daddeebisan kan qabatanii fi sirba biyya isaanii dhaggeeffatan lakkaa’uun ni danda’ama.

Finfinnee keessaa guutummaatti ilmaan sabootaa baasanii ofii qabachuu irratti adda durummaan jara kanatu jira. Jarri kun teessuuma isaanii naannoolee gara garaatti caasefatanii , waan hundaa tu’achaa jiran. Finfinnee , Adaamaa , Hawaasaa , Baahirdaar, Dirreedhawaa , naqamtee, jimmaa fi maqalee tti heddumminaan qabeenyaakuufatanii jiran. Sochiin geejibaa magaalaa finfinnee gututti jechuu dandeenyaa jarumatu dhaale. Biyya isaanii sirna jiru morminee fi jibbine maqaa jedhuun kan dhufu hundumtu turban tokkotti hojii argata. Jireenys milkeeffata. Kan qophaa’etti dhufa. MAGAALAALEEN KAAFNE KUN warri beekan ASMARAA irraa adda hin baasan. Finifnnee keessatti shirri gaggeessan . saamichi gaggeessan irriiba nama dhawwa . gibira tokko illee kanneen hin kaffalle hedduutu jira. kanatu akka ummata akka hubachiifnuuf nu kakaase . Hiwahaati fi Tiwulidda Itoophiyaawwiitu waggaa 22 lamaaf nu bitaa ture moo , KOLANII ER jala jiraachaa jirra ? waan obbolaan keenya achi hojjachaa jiranis sakanditti kan asi ga’u kanumaafii laata ??????????????????

Jarri kun Biyya keessas ta’ee alatti, dhaabbilee mormitootaa dhaabuu fi diigu keessatti qooda ol aanaa qaban. Dhaabbilee mormitootaa Itoophiyaa keessaa irra jireessa saboota amaaraa ykn tigiree yk kanneen biro ta’anii ega itti seenanii booda dhaaba sana diiguuf kan haala mijeessan, murni isaan keessa jiran akka foxxaqu taasisuun hammeenyi hojjatan salphaa miti. Sababiin isaa obbolee isaanii Biyya shiraan bulchaa jiran jiraachisuufidha. Gama kanaan dhaabbilee mormitootaa Biyya alaa diigu keessatti qooda ol aanaa kan qaban , yeroo asi dhufanii deebi’anii ba’an illee ni qabu. Dhaaba Qinjiti kan keessa seenanii diigan isaani. Har’a amaara fakkaatanii Biyya gabrummaa biraan bulchuuf qooda hammeenyaa isaanii raawwachaa jiru.

Jarri kun maatii diiguu , namoota jaboo Biyyaa akka ba’u taasisuu keessatti qooda ol aanaa qaban. Keessattu har’a ijoolleen oromoo warri qabeenyaa qabanii fi Angoo qaban, Investaroota jedhaman hundi isaanii shamarran ER of jalaa qabu . kana gochuu irraa duubatti hin jedhan. Shamarran isaanii maatii namaa diiguu fi jireenya namaa busheesssanii jiraachuun muuxannoo dheeraa qaban. Saboota birootti haa heeruman malee mucaa kan irraa godhatan dhiiga isaanii irraa ta’uu hubachuun barbaachisaadha. Keessattu namoota keenya shira kana keessa galchanii , qabsoo keessaa baasuun, jabaa nama keenyaa hordofanii gabaasuun hedduu beekamoodha. Kun kaayyoo garee isanii tajaajiluuf dirqama biyyummaa itti kennameedha.keessattu shiroota atileetoota keenya irratti hojjatan yeroo birooitti deebina.

Ammaaf nu ga’a. Ilmaan Oromoo komee garaa keessaa qabu fuullee itti himuun barbaachisaadha. Warra hanga ganda isaatti dhufanii malaan isa miidhaa jiran itti ihaa dubbatu. Kannen Biyyaa ari’amanii deebi’anii mana duraanii gurguranii , deebi’anii mana miliyoonaan bitanitti haa dubbatu. Garaatti qabannee kulkulfachuun haa dhaabbatu. Yoo xiqqaate shira kanatti dammaqu Oromoo haa lallabnu. Warri ala jiran kana irrattihundaa’anii Lammiilee isaanii Biyya faranjii deddebi’anii daldalaa jiranii fi isin waliin haasa’a sochii jiru biyya keessatti lallabanii ummata hamilee cabsaa jiranitti dubbadhaa. Biyya lolaan jirtanitti maa fiigduu jedhaanii . Oromoo hamilee cabsuu irratti bobba’uu dhaabaa jedhaanii . keessattu warri karaa Dubaayi daldala irratti bobba’an maqaa lammummaa lamaan jraataa jiranittu nu himaa .adaraa . Dargaggoota firaan, garaa gubate. Kun sirraa’uu baannaan , qabeenyaa isaanii tarrisuu fi gurmuu isaanii saaxiluun itti fufa.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *