Oduu Haaraya

Ibsa Koree Jidduu Kallacha Walabummaa Oromiyaa ( KWO)

FRONT FOR INDEPENDENCE OF OROMIA (FIO)

KALLACHA WOLABUMMAA OROMIYA FRONT FOR INDEPENDENCE OF OROMIA

LakK: kwo – 052B-2016 REF.NO : oif-052B-2016

Guyyaa : Hag. 23, 2016 Date : Aug. 23, 2016

 

Dhimma Jaarmayaa irratti:

Koreen Jidduu Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) walgahii Hagayya 21, 2016 godhate

milkiin xumuratee jira. Gabaasa Koree Huji Raawwachiiftuutiin dhiyaate erga caqaseen booda,

haala yerootii fi dalagaawwan fuula duraa irratti, marii fi xiinxala baldhaa taasiseera. Walgahii

kana wanti adda isa godhe, yeroo ummanni Oromoo gaafii dimokraasii, haqaa, mirga siyaasaa fi

mirga abbaa biyyummaa finiinsuun, gulantaa murteessaa irra geessetti ta’uu isaati. Qaamni

hoggana KWO kun, xumura walgeettii kanaa irratti, ejjannoolee armaan gadii dabarfatuun

walgeettii isaa injifannoon fixatee jira.

Mormii/Fincila Ummata Oromoo laalchisee:

Kallachi Walabummaa Oromiyaa (KWO) gocha diinummaa humni bicuun Woyyaanee TPLF,

tan impaayera Toophiyaa bulchaa jirtu, ummata Oromoo irratti yeroo ammaa kana raawwachaa

jirtu hadheeffatee balaaleffata, humna qabu maraanis afoo dhaabbata.Ummanni Oromootii fi

saboonni cunqurfamoon impaayera kana keessa jiraatan eenyummaa fi mirgaa isaanii erga

gaaffachuu jalqabnii kunoo ar’a woggoota 25 lakkaawwateera. Warraaqsi diddaa gabrummaa

ummanni Oromoo baatiilee saglan dabran keessaa uduu addaan hinkutin ofaa jiru, murannoon

mirga abbaa biyyummaa (walabummaa) goonfachuu kan yeroo kammiyyuu caalatti sadarkaa ol-
aanaa irra gayuu isaa mirkaneessa.

Akka heera addunyaatti (UN), Oromoon miga Hawaasumaa fi Siyaasaa gutuu – guututti qaba.

Sirni gita bittuu Tigree (TPLF), heera UN kana jalatti akka bultuu fi kabajjitu fakkeessuudhaaf

heera mootummaa Tophiyaa keessatti mirkaneessiteerti. Heera UN kana irratti hundaayuuudhaan

ummanni Oromoo daanga tokko malee mirga HIREE ISAA UFIIN MURTEEFFACHUU

HANGA FOTTOQIINSAATTI qaba.

KWOn ijjannaa Ummanni Oromoo mirga bilisummaatii fi walabummaa biyya isaa, akkasumas

mirga mootummaa birmaduu mataa isaa ijaaratee gammachuun akkuma lammiiwwan addunyaa

biroo keesa jiraatu qaba jedhu hordofa.

Mootummaan TPLF ummata Oromoo dhiiga jigsutti mootummoota asiin dura impaayera

Toophiyaa bulchaa turaniin kan wol-gituu miti. Gochi gara-jabeennaa isaan ummata Oromoo

Wajira.kwo@gmail.com

irratti raawwataa jiran, kan amaloota sanyii duguuggaattiin beekaman hunda guutudha. Duulli

xuruuriinsa sanyii kun bara dheeraaf irratti raawwatamus Oromoon otuu hin jilbiiffatin, alagaan

bitamuu fi qabeenya saamamuu, lafa abbaa isaa dhaalamuu, biyya ufii irratti alagoomee

salphachuu jalaa ba’uf sodaa tokko malee, harka qullaa, finqilee kallattii maraan ka’ee jira.

Tarkaanfiin goottumaa dargaggoonni Oromoo ji’oota saglan dabran kana keeysa diinaa fi firattis

agarsiisan kuni, bilisummaan Saba Oromootii fi walabummaan Oromiyaa fagoo akka nurraa hin

jirre ifatti raggaasisee jira. Dhugaan kun dhiiga dargaggota Oromootiin mallataa’ee , lafee

isaniitiin ijaarameera: Kaayoon KWO wareegama kana firii itti godhuun sirna koloneeffataa

Toophiyaa diigee Ripublika Gadaa Oromiyaa tan ilmi namaa hundi nagayaan keessa jiraatu

deebisee ijaaruudha.

Gamtoominna ADO (ODF) fi AG7 (PG7) laalchisee:

Sabni Oromoo diina koloneefataa isa qabate mooyachuu fi Oromiya bilisa taate ijaaruu kan

dandayu duudhaa (ideology) dabaa habashaa irraa adda kan ta’e sabboonummaa Oromoo

jabeessuu fi babal’isuudhani. Haa ta’u garuu , namoonni tokko-tokko faallaa sabbonummaa

Oromoo hojjachuun gahee sabboonummaa Oromoo laamshessu taphachuun halagatti harka

kenachuu , abdii kutannaa fi adunyaa biratti uf fakkeessuuf yoo carraaqan argina.

Ummanni Oromoo otuu diinaaf hin jilbiiffatin koloni habashaa jalaa ba’uf waldhaansoo isaa

cimsee itti fufus , namootiin kun injiffannoolee waldhaansoo wareegama ol’aanaa gafateen

argaman kanneen doomsuuf tattaaffii yeroo godhan mul’atu. Namoonni kun kaayoo saba

Oromoo kana galii isaa, bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa hanqisuuf yoo qaamota

halagaa addaa waliin hariiroo tolfatan argina. Ammaan dura jaarraa 20faa keessaatti TPLF tti

heeruman; ar’a ammoo barii jaarraa 21ffaa keessatti worroota jibbansa Oromoo qabanii fi

olaantummaa Saba Amharaa deebisuuf qabsaawan kan akka Patriotic Ginbot -7 (PG7) waliin

harriiroo uumachuun isaanii waan nama qaanesuudha.

Haaluma kanaan dhaabni Adda Dimokraatawaa Oromoo kan Obboo Leencoo Lataatiin

hoogganamu wal-hubannaa dhiheenya kana dhaabotii Oromoo afur waliin irra gayame irra

ijjachuudhaan dhaaba halagaa ka mirga hiree murteefannaa sabootaatti hin amanne, ka sirna

federaalaa kan sabummaa irratti hundaaye hin fudhanne, kan Toophiyaa dullattii deebisee

ijaaruuf qabsaayu waliin tumsa tolfatee jira. ADOn rakkoon saboota cunqurfamoo sirna kolonii

habashootaa jalatti kufanii kan hiikamuu dandayu sirna koloneeffataa diiguu qofaan akka taye

dagachuun yookaan beekaa fudhachuu diduudhaan dogoggora seenaa kana raawwachuun isaa

hedduu nu gaddisiisee jira. Haata’u malee, bilisummaa fi walabummaan Saba Oromoo fi Saboota

cunqurfamoo sirna kolonii habashootaa jalatti jaarraa tokkoo oliif dararamaa jiran, yeroon itti

mirkanaawu fagoo miti jenna. Wareegamni kafalamaa jiruu fi uf durattis kafalamuuf taa’u

ulfaataa ta’ullee Sabni keenya murannoo fi tokkummaadhan qabsoo isaa yoo itti fufe injifannoon

kan Saba keenya akka ta’u shakkii hin qabnu.

Qabsoo bilisummaa fi walabummaa Saba kamiituu keessatti diina alaa dhufee nama qabatu

caalaa ka qabsoo ummataa miidhu lootee galtuu keessaan ergaa/kaayoo diinaa raawwachiisan

akka ta’e seenan ni addeessa. Kanaaf, sabbontonni dhugaa yeroo hunda “Jeedalloo kaldhoo

hoolaa” uffattee deemtu damaqinnaan ufirraa eegu fi gochaa isaanii saaxiluu qabu. Akka

Wajira.kwo@gmail.com

Preezidaantiin Ameerikaa duraani, John F. Kennedy yeroo tokko jedhe-”dogoggorri yoo namni

hin sirreesin dogoggora tayee hafa”. Rakkoon akkanaa yeroo hedduu moonaa qabsoo bilisummaa

Oromoo keessatti dedebi’ee kan raawwatame ta’ullee hogganootiin dhaabaatii fi hawaasni

keennallee dogoggora dabre irraa barannee sirreeffachuu hin dandeenye.

Kanaaf, Kallachi Walabummaa Oromiyaa (KWOn) tokkummaa dhaaba ADO/ODF fi Patriotic

Ginbot-7 jidutti ta’e ni balaaleffata; miseensonnii fi deegartonni dhaabichaa tarkaanfii

dogoggoraa hogganni ADO fudhate kana irraa akka gara moonaa Oromootti deebi’u dhiibbaa

barbaachisu akka godhan waamicha dabarsaaf.

Qabsoo Karaa Nagahaa irratti:

Seenaa qabsoo keessatti, yeroon waldhaansoon karaa nagahaa humna jabaa ta’ee firii argamsiise

heddutu jira. Haata’uu malee, yeroo hunda, worraaqsa karaa nagahaa duuba irkoo qabsoo

hidhannoo qindaawatu jira. Akka qabsaawaan bilisummaa biyya Zaambiyaa, kan booddee

preezidaantii biyyattii ta’e, Kenneth Kaunda, jedhetti “ haga gaafa qabsoon teenya karaa nagahaa

irraa gara humnaatti geeddaramtuutti koloneeffattoonni nama kolfaa nagodhatanii turan, eega

irree teenna arganiin booda, sagalee dhugaa tayee ol-baye, jarri duraan natti koflaa turan akka

dubbataa isaanii tayu na worwaachuu eegalan”, Nelson Mandela ANC (Koongresii Biyyoleessa

Afrikaa) keessatti qabsoo hidhannotti faaydamee jira. Martin Luther King, seenaa qabsoo

gurraacha Ameerikaa keessatti kabajaa kan horate, haga Malcolm X magaalaalee Ameerikaa

keessatti qabsoo humnaa eegaledha.

KWOn mormiin ummanni Oromoo gola hundaa kaase abdii bilisummaa Saboota cunqurfamoo

bittaa sirna TPLF jala jiran hundaaf tayee jira jedhee amana. Sirni nama nyaataan Oromoota

1000 ol ta’an ajjeesee, kumaatamaan hidhee, kumaa fi kitilaan lafa isaa irraa buqqisee,

dubartootaa fi daa’immaan osoo hin hafin dararaa irraan gahaa jiraatullee ummanni keenya

gootummaa fi murannoo addunyaan dinqisiifattuun dura dhaabachaa arma gahee jira.

Hoogganoota dhaaba karaa nagahaantiin qabsaawan kan akka Obbo Baqqalaa Garbaa hidhee

dararaa jira. Kun hundi karoora mootummaan TPLF sanyii Oromoo dhabamsiisuu, Saba Oromoo

qabeennaa fi siyaasaa irraa moggeesuun Oromiyaa kolonii jalatti hambisuuf kaayate dha.

Mootummaan kun sirna ilmaan Oromoo, qe’ee isaanii irratti, karaa gubbatti akka ilmoo

bineensaa rasaasan akaayu. Kun hundi tayee Ummanni keenya qabsoo karaa nagayaatiif carraa

guddaa keennee jira, wareegama hagana hin jedhamnes itti baasee jira.

KWOn mootummaa koloneeffataa hiriiraa fi fincila qofaan kuffisuun hin dandayamu jedhee

amana. Mootummaa gabroomfataa finqila ummataa qawween cabsuu murteeffate, harka duwwaa

afoo dhaabachuun sanyii duguuggaatti nama geeysa waan tayeef, ummata Oromoo waliin

tayuudhaan KWOn humna diina kana garqii godhu uumudhaaf hojjachaa jira; humna

qawweedhaan diina falmee, kufee kuffisu, finqilla ummataa waliin wal-laddaya qabsaayu

Oromiyaa keeysatti gadi dhaabuudhaaf halkanii guyyaa hojjachaa jirra. Kanaaf, Sabnni keenya

akka nu bira dhaabatu waamicha lammummaa goonaaf.

Dhimma Tokkummaa Humnoota Siyaasaa Oromoo irratti:

Sabboontonni Oromoo dhaabota Oromoo adda addaa jalatti ijaaramanii yookiin akka gurmuutti

kurfaayanii qabsoo hadhaayaa geggeeysaa jiraachuun ifaadha. Galiin humnoota kanaatis

Wajira.kwo@gmail.com

bilisummaa Oromoo fi abbaa biyyummaa Saba Oromoo mirkaneessudhaaf akka tayes

beekamaadha.

Kallachi Walabummaa Oromiyaa (KWOn) tokkummaa humnoota Oromoo dhugoomsuuf

dhaabotaa fi humnoota kaayoo bilisummaa fi walabummaa Oromiyaatti amanan hunda waliin

hojjachaa as gahe. Uf durallee hojjachuuf qophiidha. Dhaabotaa fi humnootin Oromoo akka

amma jiranitti qophaa qophatti qabsaayanii fedhii ummata keennaa guutumaan guututti galmaan

gahuun hinjabaata. Oromoon akka maatii guddaa tokkotti, bakka takkaa, yoo diina isaa irratti

duule malee, humna faffaca’een waldhaansoo dhiibuun bara gabrummaa nurratti dheeressuu

malee, galii hawwinuttiin nudhaquu hindanda’u.

Kanaaf, KWOn dhaabotii fi humnootin Oromoo kan bilisummaa Saba Oromoo fi Walabummaa

Oromiyaatti amanan garagarummaa nu jidduu jiru dhiphisuun hatattamaan tokkummaa kaayoo

uumachuun Ummata keenya kan dhumaa jiru bira akka dhaabannu waamicha hatattamaa

dabarsina.

Waamicha Mootummoota Addunyaatiif:

Mootummaan gita bittuun Tigree (TPLF), sababa “Duula shororkeessummaa irratti,” jedhuun

gargaasa biyyoota dhiyaa irraa argatuun, qabeenya guddaa, waraana Afrikaa keeysatti jabina

qabu, humna tikaa cimaa ummata keenyaan fixu tolfatee jira. Waggoota 20 dabarran keeysatti,

USA calla irraa, doolaara Biliyoona 40 ol maqaa gargaarsatiin argatee jira. Falmattonni haqa

Oromootii fi dhabbileen mirga dhala namaa miidhaa mootummaan wayyanee ummata Oromootii

fi ummatoota cunqurfamoota impaayericha keeysa jiran hunda irratti geeysaa jiran irra

deddeebisanii kan ibsan tayullee mootummaan USA fi Awurooppaa ammallee mootummaa

cubbamaa kana gargaaraa irraa hinqoorsine.

Gamtaan Awurooppaatii fi USA, mootummaan wayyaanee ummata silaa nagaha isaa tiksuu qabu

shororkeessaa akka jiru osoo argan ibsa “ haalli Toophiyaa keeysa jiru nu yaachisee jira”

jedhuun ala haga ammaatti tarkaanfii qabatamaa tokkollee hin fudhanne. Booyichaa ummata

cunqurfamee irraa gurra cufachuun, warra dhihaa irrattis boru miidhaa akka qabu beekamaadha.

Bu’aa isaanii dhaabbataan karaa kanaan eeggamuu akka hin dandeenye hubachuudha qabu.

Haalli Toophiyaan keessa jirtu, bombii yeroo eeggattee dhooyu irra ta’aa akka jirtu warreen

dhihaa kan mootummaa bulguu cinaa dhaabatan hundi beekuu qabu.

Kanaaf, dhaabni keenya, KWOn, mootummoota gamtoomanii (UN), EU fi USAn balaa ummata

keenya irra gahaa jiru ilaalchisee tarkaanfii qabatamaa akka fudhatan waamicha godha.

Dhimma Sabaa fi Sab-lammoota, akkasumas Ummatoota biroo irratti:

KWOn adeemsa sirna kolonii hundeen buqqisuun, sirna mirga dhala namaa kan uumamaa,

bilisummaa fi walabummaa ummattotaa, jireenya kabajaa sabaa fi sab-lammii yookiin

ummatoota biroo hunda kabachiifatee biyya isaa irra jiraachuuti hordofa. Kun Ummata biyyattii

keeysa jiraatu hundaaf mirga dhalootaan gonfatan jedhees amana.

Kanaaf, KWOn qabsoo Sabaa fi Sab-lammiin biyyatti mirga hiree ufii ufiin murteeffachuudhaaf

geegeysu kamuu ni deegara. Gochaa abaaramaa mootummaan wayyaanee waggoota 25 dabran

keeyssatti mmata Gaambellaa, ummata Ogaadeen, ummata Amaaraatii fi as dhihoo kana ummata

Walqaayit Tsagadee irratti raawwate cimsee balaaleffata, karaa isaa aanjawe hundaan KWOn

Wajira.kwo@gmail.com

Check Also

alaabaa

Bulchiinsa gabrummaa diddaaf wal’aansoon godhaamaa turte tan ifatti mul’atte, bara 1962.

Abbaa Urjii tiin: Hawaasa Oromoo kanneen bulchiinsa gabrummaa Minilik jalatti buluu diddaaf lolanii injifataman keeysaa …