Oduu Haaraya

Jaarmaya Tokkummaa Baqattoota Oromoo ABO Yaman


Miseensota Kutaa ABO yamanii fi Jaarmayaa Tokkummaa Baqattoota Oromoo ABO Yaman

Guyyaa gootota oromoo Jaarmaya Tokkummaa Baqatoota Oromoo ABO Yaman bifa hoo’aa ta’een Ayyaneffatee jira .

Guyyaa gootota Oromoo jaallawwan qabsoo bilisummaa sabaa fi oromiyaa gabrummaa jalaa baasuuf jecha wareegaman akeekaa fi kaayyoo isaan irratti wareegaman galmaan ga’uuf jaarmanyi tokkummaa Baqatooota Oromoo ABO Yaman miseensota ,qondaalota, hawaasaa fi hogganoonni jaarmayaa irratti argamuudhaan akkuma aadaa Oromoo eebba manguddootaan Ayyaanicha banachuudhaan eegalan. Itti Aansuudhaanis faaruu Alaabaa faarfachuudhaan bifa miidhaagaan Ayyaaneffamee oolee jira.

Hogganoonni jaarmayaa seenaa guyyaa goototaa fi haala ademsa qabsoo bilisumma oromoo shaffisaan (ariitiin ) godhaa jiru miseensota hirmaattota ayyaanaa wal duraa duubaan ibsa babal’aa godhuun ayyaanicha miidhaagsuushaan imaanaa jaallawwan keenya irratti kufan galmaan geenna jechuun kutannoo fi murannoo qabsoo sabaaf qaban miseensotaa fi hirmaattota ayyaanaaf ibsuudhaan hamilee itti horuun ABOn jijjiiramaa HD ABO Bergaader Jeneraal  Kamaal Galchuun hogganamu imaanaa jaallawwan keenyaa galmaan ga’uuf akka qabsoo Oromoo bifa haara’aan yaada dhaloota haara’aan sochii godhaa jiran hubachiifaman . Itti aansuudhaanis faaruu dhaamsa jaallawanii faarsuudhaan dhaamsi jaallawaan keenya dhaammatan hubachiisuun qabsoo jaallawan keenya dhiigaa fi lafee isaanii nu dhaalchisan galmaan ga’uuf waan qabsoof barbaachisu itti himuudhaan of qusannoo tokko malee akka qabsoo ABOn geggeessu hamileen bira dhaabbatanii fi gummaacha qabsoon barbaaddu godhuudhaan yeroo kamiyyuu caalaa akka bira dhaabbattan ibsi baldhaan hogganoota jaarmayaatiin kennamee jira. Ayyaanni goototaa milkii hamilchiiftuu dhaan xumurachuu dhaan ibsa ijjaannoo qabxiilee armaan gadii of keessaa qabu kana Jaarmaya Tokkummaa Baqattoota Oromoo ABO Yaman baafatanii jiru.



1. Akeeka kayyoo dhaaba keenya hooggana warraqaan durfamu qaama qalbiin hojjannee dirqama qabsoon qabdu rawwannee gamtaan fuula duratti tarkaan fachiisun  mul’ata hegeeree saba keenyaa bakkan gayuuf Nihojjanna.

2. Dhaamsa jaallaan keenya qaanqee bilisummaa  qabsisaanii  luubbuu isaanii qaali ummata Oromoo gabrummaa jalaa baasuf  Arsaa kafalaan imammata jaallaan keenya galmman gayuudhaaf  tokkumman Nihojjanna.

3. Qabsoo ummata Oromoo dhimma waloo irratti lammi biyyatti hunddaa wajjin amantaa fi ciiminnaan hojjannee lammiwwan kaleessa qabsoo teenya irra shakkii qaban firoomsachuun akka qabsoon oromoo isaanifiis bu’aa qabu hubachisun akka irraa qooda fudhatan Ni goona.

4. Rakkoo mootummaan wayyaanee adda durummaan keessattuu ilmaan oromoo irratti xiyyeefatee mirga lammummaatiifi mirga dhala ilma namaas dhoorgatee biyyarraa manycaasuun irbaata kalluunaa godhaa jiru kana Ni balaleffanna.

5. Sagantaa mootummaan wayyaanee lammii itophiyaa wal nyachisee yeroo isaa dheereefachuuf ykn akka biyyi tun umrittuu walitti hin fayyiine godhuuf mililik waggaa dhibbaa ayyaaneeffanna jedhee ummaata walitti oofaajiru kana hubattanii lammiin itophiyaa akka irraa ofqusattan ibsina.

6. Raadiyoo  kijibaa tan torbaanirraa sagantaa jijjiirtee  hawaasa oromoo  kan hawwii bilisummaa isaanitiif waggoota dheeraa soobdee isaan jala ofte ammaas akkuma kaleessaa isaan sobuu yaadanii  olola kijibaa kan odeessanii hin dhumne kana gadifaggeenyan dura dhaabbanna.

7. Qabsoon ilmaan oromoo tan hooggana sirnaawaa dhabaaf  guyyaan baatitti nukeennuun baatiin waggaatti waggaan jaarraatti nukeennuun ilmaan oromoo sona dhabnee qotee bulaastayee daldaalaastayee barsiisaf barataas tayee  kan biyya keessatiif baqataalleen rakkoo qasoo oromoo fala irraa wallaale san  waaqni haqaa  fala itti godhe hooggana  sirnaawaa ilmaan oromootiif sabaa fi sab-lammoota wajjin sirna mootummaa wayyaanee kan lammii itophiyaatiif dalagu fakkaatee  irratti gochaa sukaaneessa rawwataa jiru kana Ni balaleffanna.

8 .Nuti miseensonni Jaarmaya Tokkummaa Baqatoota Oromoo ABO Yaman imaanaa jaallawwa keenya irratti kufan galmaan ga’uuf waadaa keenya bifa haara’aan haaromfannee jirra.

9 .Bu’aa bahii qabsoon bilisummaa sabaa qabdu akka gaaritti hubachuun qabsoo ABOn HD J/Kamaal Galchuun hogganamu bifa haara’aafi dammaqinaan bira dhaabbachuuf of qopheessuu keenya ibsina.

 10 . Sirna nama nyaataa fi mootummaa abbaa irrummaan sabaa fi sablammoota biyyattii bulchaa jiru hawaasa biyyattii kaan hidhuu dhaan , kaan roorrisuu dhaan , kaan biyya irraa ari’uudhaan ummata kabajamaa fi abbaa biyyaa ta’e bineensa nyaachisaa jiru yeroo kamiyyuu dura dhaabbanna ni balaaleffanna.

 11 .Mootummaan wayyaanee qabeenya biyyattii saamachaa turee fi ammas saamachaa jiru keessattuu immoo qabeenya Oromoo saamachaa fi saamsisaa jiru dhiheenya kana immoo maaster plaanii magaalaa finfinnee jechuudhaan qabeenya ummata oromoo naannawa magaalaa finfinnee jiran saamuu fi saamsisuuf karoora baafate mootummaa sirna dhablee wayyaanee dura dhabbachuudhaan falmuu keenya ibsina.

Akkasumas akka ummanni Oromoo bakka jiruun sirna abaaramaa kana lafaa fi qabeenya isaa kana falmatuudhaan mirgaafi bilisummaa fi Dimokraasii haqaa biyya isaa irratti akka argatu ibsina.

Injifannoon Ummata Oromoof  !!!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …