Oduu Haaraya

Jijjiirama fiduuf tokkoomanii ciminaan hojjechuu dha malee, taa’anii jijjiirama eeguun homaa hin fidu

 

Abdii Boruutiin

Akkuma meediyaalee gara garaarratti argamu fi dhaga’amu, obsi uummataa daangaa dabree; abbaa irreerratti warraaqsa godhuuf sochiin uummatoota Aafrikaa kaabaa, jijjiirama tokko ardii kana keessatti mul’isuuf waan deemu fakkaata. Bubbeen warraaqsa uummatootaa kun duumessa cunqursaa fuudhee deemee, aduu bilisummaa uummataaf waan karaa saaqu fakkaatas. Bubbeen kaabatti jalqabe kun, gara Aafrikaa bahaas dhufee, duumessa gabrummaa kana fuudhee deeminaa laata? Gaafiin kun gaafii yeroo ammaa akka ta’e, waan nama mamsiisuu miti. Haa ta’u malee, gaafiin biraa, kanan asitti kaasuu barbaadu, otuma haalli akkanaa kun (sochiin uummataa jechuu kooti) impaayara Itoophiyaa kana keessatti tasa kan uumamu ta’e, uummata Oromoo fi uummatoota cunqurfamoof jijjiiramni tokko akka dhufu of qopheessinee jirraa? kan jedhu dha.

 

Deebiin ani gaafii kanaaf gabaabumatti kennu, akka haala amma mooraa keenya keessattis ta’ee, bakka hundattuu argamaa jirutti, Wayyaaneen haa kuftu jenna malee, waan kufaatii ishii booda dhufuuf waan of qopheessine ykn itti qophoofne natti hin fakkaatu, kan jedhu ta’a. Asirratti wantin jechuu barbaade, otuma akka tasaa ykn carraa ta’ee, mootummaan Mallasaa kufee, carraa kanatti fayyadamnee, uummata keenyaaf jijjirama tokko fiduuf yeroo ammaa haala gaarii keessa hin jirru jechuu kooti. Wayyaaneen haa kuftu jechuun gahaa miti. Wayyaanee kuffisuun karaa tokko yoo ta’u, kan sana booda ta’uuf ykn dhufuuf ammoo of qopheessuun karaa biraa ti; yookaanis ammoo karaa lamaanuu yeroo’uma tokkoon deemna kan jedhamus yoo ta’e, kun siriidhaa qophii caalaa barbaachisa jechuu dha. Qophiin ani jedhu maali?

Qophiin ani jedhu, ammas gabaabumatti, humna jijjiirama fiduu danda’u; humna abdachiisaa qabaachuu ykn horachuu dha. Humni akkanaa ammoo tokkummaarraa dhufa; tokkummaa dhaan malee humna ofii cimsuun waan hin danda’amnee dha. Jaalannus jibbinus; ta’us ta’uu baatus dhugaan kun hubatamuu qaba. Tokkummaan humna kan jedhamus akkanumaan lafaa ka’ameetii miti. Tokkummaan karaa lamaan uumamuu danda’a yookaanis bifa lama qabaachuu danda’a; kunis tokkummaa fedhii fi tokkummaa dirqamaa ti. Kan nuyi amma barbaadnu; kan uummatni Oromoo hawwu; kan yaamichi godhamuuf, isa lammataa “tokkummaa dirqamaa” ti; kan kaayyoo tokkoof ijaaramu dha.

Barruu jalqaba bara kanaarratti dhiyeesse tokko jalatti, dubbisaan barruu kiyyaa tokko, akkana jedhee yaada ofii barreesse: “…Sabni tokko tokkummaa kaayyoo qabaatu malee essa iyyuu hin ga’u. Kanaafuu sabni akka Oromoo rokkoolee gurguddaa qabu kun tokkumma qabaachuun isaa barbaachisaa dha. Garu tokkummaan kun attamitti dhuffu qaba isa jedhu irratti namni keenya yaada cuunfame hin qabu. Akka garaagaruumaa (diversity) qabu xiyeeffachaa , akamitti tokkummaa fidna? Karaa kamiin yoo yaalle dha eddoo tokko dhaabachuu kan dandeenyu? Rakkoon koo kana dha. Kan nama hundaas kana dha. Akkamitti tokkummaa fidna? isa jedhu irratti mee yaada kennuu yaali gara fuulduraatti….” jedhee akkan waayee kanarratti yaada koo dhiyeessu na gaafate.

Akkuma obboleessi keenya kun dhuma yaada isaarratti gaafii cimaa fi bu’uraa kaase, gaafiin ijaarsa tokkummaa kun hammam laphee Oromoo keessa seenee, boqonnaa dhoowwu fi hammam rakkisaas akka ta’e agarsiisa. Dhugaa dha, kun rakkoo ykn gaafii nama tokkoo qofaa otuu hin taane, kan nama hundaa (kan uummata Oromoo bal’aa) akka ta’e waan nama mamsiisuu miti. Gaafii kanaaf deebii kennuun baay’ee na rakkisa. Tokkummaan akka heerragaa foormulaa dhaan kan hojjetamuu miti; otuu akkana ta’e, qaata furmaata tokko argannee turre. Tokkummaan akkamitti akka ijaaramuu danda’u yookaanis akkamitti tokkummaa fiduu akka dandeenyu karaan adda addaa jiraatullee ykn jiraachuu danda’ullee, tokkummaa dhugaa ijaaruuf, waa baay’eetu nurraa eegama. Tokkummaa dhugaa ijaaruun wareegamas ni barbaachisaa bar! Yoo wareegama kanaaf of hin qopheessine, tokkummaa uumuun hin danda’amu jechuu dha.

Tokkummaa uumatni Oromoo barbaadu, kan kaayyoo tokkoof ijaaramu; kan qabsoo bilisummaa kana galii hawwameen ga’u; tokkummaa dirqamaa ijaaruuf dirqama nurraa eegamu beekuu fi hubachuun barbaachisaa dha. Dirqama nurraa eegamu kanan jedhu:

  • Duraan dursee, kaayyoo dhaabbataniif ifa godhuu
  • Maaliif ganama qabsoo kana keessa akka seenani fi eessa ga’uus akka barbaadan hubachuu
  • Dhimma ykn fedhii dhuunfaa dura dhimma uummata irraa dhalatanii ykn keessaa ba’anii kanaaf dursa kennuu
  • Oromummaa dhaaf malee, gandummaa, naanummaa fi kan kana fakkaataniif bakkee guddaa kennuu dhiisuu
  • Oromoon ilmaan abbaa fi haadha tokkoo, koodee tokko, waan ta’eef, akka obbolaa fi obboleettiitti wal ilaaluu
  • Wal obsuu, wal dhaggeeffachuu, waliin haasa’uu, waliin mari’achuu, amananii wal amansiisuu, wal amanuu, waliif na’uu, wal kabajuu
  • Bakka har’a jiran otuu hin taane, bakka boru ykn egere ga’uu barbaadan of duratti mul’isuu; biyya ofii yaaduu
  • Wanti walitti nama buusu fi walitti nama mufachiisu baay’een jiraachuu danda’anillee, wal danda’uu fi wal jaalachuu guddisuu
  • Yaadni kiyya yoo hin fudhatamne malee hin ta’u jedhanii waliin mormuu fi karaa walitti cufuu fi wal dura dhaabbachuu dhaabuu; oftuulummaa balleessuu
  • Addunyaa kanarra wanti hin taane fi hin danda’amne akka hin jirre hubatanii, abdii murachuurra hamilee guutuu dhaan yaaduu
  • Olola diinaatiif gurra kennuu dhiisuu
  • Kan dabrerraa baratanii, muuxannoo gaarii irraa argatanii waan bade qajeelchuu yaaluu fi kkf.

 

Egaa, qabxiileen asitti dhiyeesse kun, akkan ofii kiyyaa yaadutti, waliigaltee uumuu dhaaf nu gargaaruu danda’u jedheetan malee, tokkummaa ijaaruuf ulaagaalee dha ykn ta’uu qabu  jechuu kiyyaa miti. Gaafii obboleessi keenya na gaafateef, “Akkamitti tokkummaa fidna?” kan jedhuuf deebii sirrii ykn quubsaa akka hin taane naaf gala. Haa ta’u malee,

yoo qabxiilee kana hojiirra kan oolchinu ta’e, tokkummaa ijaaruuf karaa nuuf gabaabsuu danda’u jedheen yaada.

 

Gara ijoo dubbiitti deebi’uu dhaaf, Wayyaanee kuffisuufis ta’ee, kan sana booda dhufuuf of qopheessuuf, har’a tokkummaa keenya cimsinee, humna abdachiisaa yoo uumne malee, jijjiirama impaayara kana keessatti dhufu keessatti ammas carraan biraa akka nu hin dabarre yaaddoo guddaan qaba. Karaa biraatiin ammoo, jijjiirama tokkollee nutu fiduu qaba ykn danda’a malee, wanti ormarraa eegnu hin jiru. Tokkummaa dhabne malee waa hundaa kan nu barbaachisu qabna. Qabeenya, humna, barumsa, beekumsa fi dandeettii qindeessinee qabsoo kanarra oolchuun ni danda’ama. Jijjiirama tokko fiduuf garuu, har’a hatattamaan tokkummaa dhugaa, kan hundaa hammatu, ijaarree, humni cimaa fi abdachiisaan uumamee, qabsoo finiinsuu qabna jechuu dha. Yeroo qilleensi jijjiiramaa mul’achaa jiru kana, garaagarummaa nu jidduu jiru dhiphifnee; waliigaltee uumnee, tokkumma dirqamaa ijaaruu qabna jechuu kooti.

 

Barruu kiyya kan kana duraa keessatti, humna Wayyaanee kuffisuu danda’u uumuu fi cimsuu dhaaf karaa ykn filannoo (option) sadi dhiyeessuun kiyya ni yaadatama. Filannoo sadaffaa jedhee kanan dhiyeesse “humnoota bilisummaa saboota ykn uumatoota cunqurfamoo fi humnoota diimookraasii biroo wajjin tumsa-hunda-hammataa (All-Inclusive-Alliance) ijaaruu” kan jedhu dha. Haa ta’u malee, akka yaadoleen tokko tokko barruu sanarratti dhiyaatani fi akkasumas iimeelii dhaan na ga’anitti, yaada (filannoo) kanarra shakkiin waan jiru fakkaata. Shakkiin kun ammoo, muuxannoo dabre fi yaaddoo namootni qabanirraa kan ka’e yoo ta’e malee, tumsa akkanaatiin mormuuf ykn akka hin ijaaramne dura dhaabbachuuf waan ta’e natti hin fakkaatu; akka yaada fi hubannoo kiyyaatitti jechuu kooti.

 

Dhugaa dubbachuu dhaaf, warri yaada akkanaa dhiyeessan kun dhugaa qabun jedha. Maaliif yoo jedhame, yeroo ammaa kan Adda Bilisummaa Saba Ogaadee (ONLF) irraa kan hafe, jaarmayaan qabsoo hidhannoo cimaa gaggeessu akka hin jirre waan nama mamsiisuu miti. Kanaaf, gaafiin dubbistootarraa dhiyaate: “Humnootni diimookraasii, kan qabsoo hidhannootti amanani fi kanas gaggeessan isaan kami?” jedhu gaafii sirrii ti jedheen yaada. Erga humnootni akkanaa hin jirre, warra akkanaa wajjin tumsa-hunda-hammataa ijaarra jechuun hiikni isaa maali kan jedhutti waan nama geessuuf, achirraa ka’anii shakkii qaban dhiyeessan jechuu dha. Asirratti namootni yaada akkanaa qaban karaa lamaan ilaalamuu ni danda’u. Karaan tokko, sabbontota Oromoo kan wayyee kanarraa yaaddoo fi sodaa qaban yoo ta’an; karaan biraa ammoo warra Wayyaaneef hojjetan (dabballoota ishii) warra akka tumsi jabaan, kan Wayyaanee kuffisuu danada’u, hin ijaaramne waan danda’an godhuu yaalanii dha.

 

Asirratti hubannoo guddaa fi baay’ee of eeguu nama barbaachisa. Warri Wayyaanee dhaaf hojjetan, waan uummata Oromootiif quuqaman of fakkeessanii, tokkummaas ta’ee tumsi akka hin ijaaramamne yaalii godhu; kun beekamaa dha. Haa ta’u malee, sabboontotni Oromoo, kan waayeen uummata keenyaa isaan quuqu, yaada mormaa tokko yoo dhiyeessan, kana qalbii dhaan itti yaaduu fi yaada bilchaataa ta’een wal amansisuu yaaluun baayee murteessaa dha. Yoo akkanatti hin ilaalamne fi dafnee aarumaan waan faallessaa yookaanis kan hamilee namootaallee tuquu danda’u kan dubbannu ta’e, namootni gara fuulduraa yaada ofii dhiyeessuurraa of qusachuu danda’u. Kuni ammoo hundaafuu faayidaa waan qabu natti hin fakkaatu. Obsa guddaa kan barbaachisullee asirratti jechuu kooti.

 

Karaa biraatiinis, haala mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) yeroo ammaa yoo ilaalle fi hubanne, otuu ofii keenyaaf tokkummaa cimaa hin qabaatin; otuu mooraa fi humna keenya hin cimsin; otuu tokkummaa keenya hin xumurin; tumsa-hunda-hammataa humnoota alaa wajjin ijaaruu yaaduun ykn yaaluun bu’aa waan fidu hin fakkaatu. Mee ammas yaada dubbisaan barruu kiyyaa kan biraa tokko wayee tumsa-hunda-hammataa irratti barreessen asitti dhiyeessa: “….Bara 1991 yeroo garaagarummaan har’a bikka addaa addaatti uummata keenya gidduutti facaafame kun yeroo xiqqaa turett illee sirriitti itti fayyadamuu kan dadhabne, har’a akkamiin warra “demokraasii” maqaa dha’anii uummata keenya itti fayyadamanii bikkuma dheenggadda turretti nu deebisuuf hawwii fi sagantaa isaanii illee dhoksuu kan hin feene wajjiin hariiroo uummanna?….” Ani akkan hubadhetti, waayeen kun namoota baay’ee waan yaaddessu fakkaata.

 

Haa ta’u malee, ani akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, yoo dura mooraa keenya keessatti tokkummaa hundaa hammatu ijaaruu dandeenye; yoo akkanatti humna cimaa fi abdachiisaa horachuu dandeenye; sadarkaa kanatti aansinee ammoo humnoota bilisummaa saboota cunqurfamoo biroo wajjin tumsa ijaaruus dandenye; yoo mooraan saboota cunqurfamoo walumaagalatti akkanatti cimuu danda’e, humnootni biroo nu wajji tumsa-hunda-hammataa yoo ijaaruu danda’an, wanti sodaannu hin jiru. Kan nu sodaannu yoo humni isaanii caalaa cimaa ta’e fi kan keenyaa ammoo laafaa ta’e dha. Kun balaa guddaa nurraan gahuu danda’a. Sadarkaa lamaan humnoota bilisummaa waan cimsinuuf, humni kaayyoo bilisummaa saboota cunqurfamootiin  mormullee yoo jiraate, humnoota bilisummaa sodaachuu danda’a jechuu dha. Kanaaf, dura tokkummaa ofii jabeessuun barbaachisaa qofaa otuu hin taane, dirqamallee ta’a. Kanaafan kanaan durallee barruu kiyya mata duree “Tumsa hunda hammataa alaa dura tokkummaan ykn tumsi mooraa QBO keessatti ijaaramuu qaba”

http://gadaa.com/oduu/5136/2010/08/04/tumsa-hunda-hammataa-alaa-dura-tokkummaan-ykn-tumsi-mooraa-qbo-keessatti-ijaaramuu-qaba/

jedhu keessatti, sadarkaa sadarkaa dhaan deemuu qabna jedhe. Asirratti ijjannoo kiyya hin jijjiiramne.

 

Egaa, akkuma mata dureen barruu kanaa jedhu “jijjiirama fiduuf tokkoomnee ciminaan hojjechuu dha malee, taa’anii jijjiirama eeguun homaa hin fidu” kanan jedheef, jijjiiramni tokko dhufee ammas carraan biraa akka nu hin dabarre; jijjiirama tokkollee nu’umti fiduu akka dandeenyu, tokkummaa keenyatti cimuu qabna jechuu kooti. Asirratti wanti hubatamuu qabu, taa’anii jijjiirama eeguu yoon jedhu, hoomtuu hin godhamu, hoomtuu hin hojjetamu; tattaaffiin hin godhamu; callisneetuma teenya jechuu kiyyaa miti. Tokkummaan barbaachisaa qofaa otuu hin taane dirqamas akka ta’e hubannee, kanaaf ciminaan hojjechuu qabna jechuu kiyya. Yoo akkanatti of hin qopheessine yookaanis itti hin qophoofne, ammas humni biraa carraa tokko argatee, dhufee, gabrummaa keessa akka nu hin tursiifne sodaa fi yaaddoo guddaan qaba. Yaaddoo kana hunduu qabaachuu fi mala barbaaduu qabna jedheen amana. Malli ykn furmaatni amma natti mul’atu, dafnee tokkummaa dirqamaa ijaarree, waan dhufu hundaaf of qopheessuu dha. Yoo kun hin taane, gabrummaa itti aanee dhufuuf of qopheessuu dha jechuu dha.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *