Oduu Haaraya

Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti, qabsoon hidhannoo hammam abdachiisaa dha?

Abdii Boruutiin 

 

Seenaa biyyoota gara garaa kan gabrummaa jala turani fi bilisummaa argatan yoo ilaalle, qabsoo bilisummaa isaanii keessatti qabsoon hidhannoo bakka guddaa akka qabaate arguu dandeenya. Kun gabaabumatti wareegamaan malee bilisummaan uummata ykn saba tokkoo kadhaa dhaan akka hin argamne agarsiisa. Kan humnaan bilisummaa namarraa fudhate, humnumaan injifatama malee, yoo humni duuba hin jiraanne karaa nagaatiin diploomasii dhaan diina wajjin waliigalanii bilisummaa deebisanii argachuun waan hin danda’amnee dha. Karaa kanaan kan danda’amu illee yoo ta’e, biyyoota diingadee fi teeknoolojii dhaan guddatan, biyyoota diimookraasiin keessa jiru keessati malee keessumaayuu biyyoota akka Afrikaa keessatti waan danda’amu natti hin fakkaatu.

Seenaa saba Oromoos yoo ilaalle, erga gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee uummanni keenya bilisummaa fi abbaabiyummaa dhabe deebisee argachuu dhaaf xinnaatus baay’atus qabsoo hidhannoo otuu hin godhin hafee hin beeku. Bu’aaleen har’a argaman illee kan qabsoo hidhannoorraa maddanii dha. ABOn illee otuu qabsoo hidhannoo cimsuu baatee, jijjiiramni bara 1991 argame hin danda’amu ture. Kanaaf, qabsoo bilisummaa keessatti karaa hidhannootiin qabsoo jabeessuun murteessaa dha. Diina keenyas kan sodaachifnu fi injifannoos irratti agarsiisuu dandeenyu, kan waabii ta’u, qabsoo hidhannootiin qofaa dha. Diinni keenyas waan kana beekuuf, jaarmayoota bilisa baasota keenyarratti keessumaayuu ABOrratti xiyyeeffata. Kana illee sababa godhee namoota nagaa, hidhaa, dararaa, ajjeesaa, biyyarraa baqachiisaa fi balleessa ragaa amansiisaa hin qabneen hidhaa bara dheeraa fi du’a irratti murteessaa jira.

Dhaaba siyaasaa ykn jaarmayaas yoo ta’e, jaarmayaa bilisa baasaan qabsoo hidhannoo hin qabne ykn hin gaggeessine jabeenya qabaachuu hin danda’u. Kan isa jabeessus ta’ee kan isa laaffisu, kan inni ittiin madaalamu akkaataa qabsoo hidhannoo inni ittiin gaggeessuu dha jechuu ni danda’ama. Yoon akkana jedhu maal jechuu kooti? Jaarmayaan bilisa baasaan tokko qabsoo hidhannoo cimaa kan gaggeessu fi humna waraana bilisa baasaa cimaa kan qabu yoo ta’e, jabeenyi isaas akkasuma mul’achuu danda’a. Qabsoon hidhannoo inni gaggeessu laafaa yoo ta’e fi humna waraanaa cimaa yoo hin qabaanne, humni jaarmayaa akkanaa akkasuma waan laafuuf, uummata illee of duuba hiriirsuun ulfaataa ta’uu danda’a. Yoo kun hin taane ammoo injifannoo agarsiisuun hin danda’amu; bilisummaanis achi fagaachaa deema jechuu dha.

Egaa, kun kan agarsiisu, jaarmayaa bilisa baasaa fi waraana bilisa baasaan akkamitti akka wal jabeessan ykn wal laaffisanii dha. Akkana jechuun jaarmayaa cimaan tokko waraana cimaa uumuu waan danda’uuf qabsoo hidhannoo cimsa ykn finiinsa. Waraanni humna cimaa qabu fi abdachiisaa ta’es akkasuma jaarmayaa bilsa baasaa isa uume ykn uumu kana jabeessa jechuu dha. Yoo jaarmayaan bilisa baasaan toko laafe, waraanni inni qabus ykn horatus cimaa ta’uu hin danda’u; akkuma jaarmayaa sanaa laafaa ta’a. Gara biraatiin ibsuu dhaaf, jaarmayaan tokko waraana cimaa horachuu ykn qabaachuu dhaaf; achumaanis qabsoo hidhannoo cimaa gaggeessuu dhaaf, dura ofiif cimuu qaba jechuu dha. Ciminni isaa ammoo waliigaltee fi tokkummaarraa dhufa. Kaayyoo dhaabbateef sana akka dirqamaatti fudhachuurraa dhufa.

Karaa biraatiin yoo ilaalle hoo, waraanni cimaan tokko jaarmayaa cimaa uumuu ykn fiduu danda’aa? Gaafiin kun deebii lama qabaachuu danda’a; eeyyen ni danda’a ykn lakkii hin danda’u dha. Deebii gaafii kanaa otuu hin barbaadin dura mee fakkeenyaaf Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) haa ilaallu. WBOn ABO dhaan ijaarame; ABOrraa dhufe ykn dhalate; ABO jalatti socha’as. Yoo ABOn hin jabaanne ykn hin cimne, WBOnis waan jabaatu fi cimu natti hin fakkaatu. Akkuma beekamu, yeroo ammaa jaarmayoonni maqaa ABOtiin socha’an garee saditu jiru (SG ABO, QC ABO fi KY ABO). Akkan beekutti fi hamma naaf galetti WBOn garuu tokko’umatu jira. WBO kana, WBO sana jedhanii maqaa hin moggaafanne jechuu kooti. Haa ta’u malee, eenyu ABO kam jalatti akka socha’u wanti ani beeku hin jiru. Jabeenyi WBO illee hammam akka ta’e beekuun na rakkisa.   

Egaa, akka fakkeenya kanaatti, ABO fi WBOn addaan ba’anii waan hin ilaalamneef, jabeenya ABOtu jabeenya fi cimina WBO ta’a malee, WBOn ofiif jabaatee ABO garee saditti hirame kana waan jabeessu natti hin fakkaatu. Hamma ABOn tokkoomee hin jabaannetti sirumaa WBOn laafaa deemuu danda’a jedheen yaada. Waayeen kun ammoo bifa adda addaatiin ta’uu ykn mul’achuu danda’a. Waliigaltee fi tokkoomuu dhabuu fi dadhabuun ABO garee sadeenii hamilee loltootaa (WBO) tuquu danda’a. Akkuma kanaan dura argine, gantuuleen illee carraa kanatti fayyadamuu danda’u; kun WBO keessatti rakkoo uumuu danda’a jedheen yaada. Kanaaf, waliigaltee dhabuu fi tokkoomuu dadhabuun ABO garee sadeenii WBO waan laaffisuuf, qabsoon hidhannoos akkasuma laafuu danda’a jechuu dha. Waayeen kun akka laayyootti ilaalamuu hin qabu; baay’ee gadi fageenyaan itti yaaduu nama barbaachisa.

Gaafii kanaa olitti ka’etti deebi’uu dhaaf, waraanni ciman jaarmayaa tokko jabeessuu ykn cimsuu kan danda’u, jaarmayaa kanaa ala ta’ee, qabsoo hidhannoo cimsee, injifannoolee tokko tokko yoo agrsiise dha. Jaarmayaa kanaa ala yoon jedhu, jaarmayaan kun otuu dhiibbaa isarratti hin godhin of danda’ee, walaba ta’ee socha’uu kan danda’u yoo ta’e jechuu kooti. Gaafiileen ka’uu qaban garuu: WBOn ABO ala fi walaba ta’ee cimee ABO jabeessuu danda’aa? Akkamitti kana ta’uu ykn godhuu danda’a? Eenyutu akkanatti ijaaree ykn gurmeessee akka cimu godha? kan jedhanii dha. Waayeen kun baay’ee ulfaataa dha; salphaa hin ta’u; akka laayyootti kan milkaa’uu danda’us natti hin fakkaatu.

Akka yaadaatti (theoretically) gaarii ta’uu danda’a jedhee kanan yaadu, warri barumsa, ogummaa fi dandeettii waraanaa qaban fakkeenyaaf jeneraalonni Oromoo fi kkf. kan muuxannoo gaarii qaban, walitti dhufanii wal ijaaranii murtii fi kutannoo tokkoon jaarmayaa irraa walaba ta’anii (gara hojiitiin jechuu kooti) of jalatti ammoo waraana cimaa ijaaruu dha. Hoggantoonni siyaasaa warri civiilii ta’an ammoo karaa biraatiin damee tokko uumanii isaanis hojiidhaan warra waraanaa kanaa ala ta’anii (otuu warra waraanaarratti dhiibbaa hin goone) garuu qabsoo keessatti waliin hojjechuu fi tumsa walii ta’uu dha. Akkanatti qabsoon kun bifa fi aaynaa biraatiin gaggeeffamuu danda’a jedheen yaada. Qabsoon hidhannoos akkanatti yoo ta’e cimee, jijjiirama, bu’aa fi injifannoo fiduu danda’a. 

Karaa biraatiin ammoo yoo dameen waraanaa walaba ta’ee, warra ogummaa waraanaa qaban jalatti kan socha’u ta’e, gargaarsi uummata irraa argamu sirriitti hojiirra ooluu danda’a jedheen yaada. Uummanni illee irree tokkoon kana duuba hiriira jedheen amana. Egaa, yoo karaa kanaan waraanni bilisa baasaan cime, jaarmayaan bilisa baasaanis kana wajjin cimuu danda’a. Deebiin gaafii kanaa olii “eeyyen ni danda’a” kan ta’us akkanatti jechuu dha. Asirratti wantin hubachiisuu barbaadu, fakkeenya ykn gaafii kana kaasuun kiyya, ABO fi WBOn addaan haa bahan jechuu kiyyaa miti. Wantin ani yaade fi/ykn jechuu barbaade, wanti hojjetamu tokko barumsa, ogummaa fi dandeettii qabaniin yoo godhame, bu’aa guddaa fida jechuu kooti. Waayee bilisummaa uummata ykn saba tokkoo dhiisii projektii tokko irrattuu yoo hojjetan, akka barumsa, beekumsa fi muuxannoo namootaatti, akka ogummaa isaaniitti garee (team) gara garaatti hiramanii yoo hojjetan, projektii kana dafanii bakkaan ga’uu danda’u jechuu dha.

Gara gaafii mata dureetti deebi’uu dhaaf, QBO keessatti qabsoon hidhannoo cimee abdachiisaa kan ta’u karaa gara garaatiin ta’uu danda’a. Waayee kana gadi fageenyaan xinxaalee karaa kanatu ykn sanatu gaarii dha; kun ykn sun gaarii miti jedhee murtiirra ga’uu dhaaf barumsa, ogummaa, beekumsa, dandeettii fi muuxannoo kanaa waanan hin qabneef, kanatu furmaata ta’a jechuun na rakkisa. Haa ta’u malee, yaadni ani kanaa gaditti (asitti aansee) dhiyeessu, qabsoo hidhannoo cimsuu dhaaf mala ta’uu danda’a jedhee kanan yaadu dha. Qabsoo hidhannoo jabeessuu dhaaf xinnaatu illee karaa gaarii baasuu danda’u jedhee kanan yaadu jechuu kooti.

Tokkoffaa, akkuman kanaa olitti ibse, waraana bilisa baasaa warra barumsa, ogummaa, dandeettii fi muuxannoo waraanaa qaban jalatti ijaaruu fi cimsuu dha. 

Lammaffaa, akkuma amma jiru kanatti itti haa fufu kan jedhamu yoo ta’e ammoo, ABO gareen sadeen otuu oolanii hin bulin, haal-duree tokko malee kaayyoo tokkoof dafanii walitti deebi’anii tokkoomuu qabu. Kaayyoo tokkoof walitti deebi’anii tokkoomuun isaanii dirqama ta’uu qaba; kanaafan haal-duree tokko malee jedhe. Hammuma isaan oolanii bulan, hammuma yeroon achi dheerattu, WBO keessatti rakkooleen gara garaa uumamuu danda’u; akkanatti WBOnis laafaa deemuu danda’a jechuu dha. Asirratti wanti hubatamuu qabu, waan tokko diiguun salphaa dha, deebisanii ijaaruun garuu baay’ee ulfaataa dha.

Sadaffaa, ULFOn waraana bilisa baasaa of jalatti ijaaree, akkamitti akka kun cimu irratti jabeenyaan hojjachuu dha. Isaan amma waan tokkoomaniif, waliigaltees waan qabaniif, wal jabeessaa deemu malee, wal hin laaffisan jedheen yaada. Waraanni isaan jalatti ijaaramus hamilee tokkoon socha’uu danda’a; tokkummaan jaarmayootaa tokkummaa loltootaas waan ta’uuf jechuu dha. 

Afraffaa, yaaadni karaa afraffaa jedhee asitti dhiyeessu kun ulfaataa akka ta’u nan amana. Haa ta’u malee yoo dhugaa dhaan ciminaan irratti hojjetame, bu’a fi injifannoo tokko fiduu danda’a jedhee kanan yaadu dha. Inni kunis warra fe’ii qaban fi kutannoo dhaan hojii akkanaa dalaguu barbaadan, mindaan ykn baasiin kaffalameefii Oromiyaa keessatti bakkee gara garaatti of ijaaranii ykn ijaaramanii akka milishaa uummata ittisaatti (public defence forces) leenjisuu fi qopheessuu dha.

Jarri kun humna biyya keessaa ta’anii hojii adda addaa dalaguu danda’u.Tokkoffaa, uummanni keenya keessumaayuu dubartoonni humna hin qabne akka diinaan hin gudeedamne; akka uummanni qayee ofiitti itti hin roorrifamne fi hin dararamne diina irraa ittisuu dha. Lammffaa, waraanni bilisa baasaan yoo keessaa fi alaan cimu, jarri kun ammoo tumsa ta’anii qabsoo hidhannoo biyya keessatti cimsu. Hojiin isaanii kaayyoo yeroo gabaabaa fi kan jiddugaleessaa ti. Kan yeroo gabaabaa uummata keenya diina irraa ittisuu dha; bakka danda’ametti loltoota diinaarratti haleellaa godhuu dha. Kan yeroo jiddugaleessaa ammoo waraana bilisa baasaa alaan socha’u wajjin wal qunnamanii, haala tokko tokko tolchanii, qabsoo hidhannoo kana tooftaa fi tarsiimoo gara garaatiin, bifa fi aaynaa biraatiin cimsuu dha.

Gaafii guddaan karaa afraffaa kanarratti ka’uu danda’u garuu, jara kanaaf mindaa ykn baasii kennuu dhaaf maallaqni issaa dhufa? kan jedhu dha. Waayee kana, kan ulfaataa isa godhu. Kanaaf ammoo malli hin dhabamu; waliigaltee fi tokkumman ilmaan Oromoo, keessumaayuu kan qabsaa’otaa fi jaarmayoota bilisa baasotaa murteessaa fi hundee dha. Oromoon hunduu qabsoo bilisummaa uummata isaanii akka dhimma dhunfaatti ilaaluu qabu. Kun ittigaafatama lammummaa waan ta’eef, hunduu gahee ofii gumaachuu dhaaf akka dirqamaattis fudhachuu qabu; garaa qulqulluu dhaan wajjin (waliin) hojjechuu qabu. Dararamni uummata keenyaa fi badiin biyya keenyaa otuu nutti mul’achaa jiranuu cal jedhanii taa’uun yeroon isaa dabruu qaba. Yoo hunduu tumsa walii ta’an malee injifannoon argamuu hin danda’u.

Faashistii humnaan (qawwee dhaan) uummata keenya ukkaamsee akka barbaade godhaa jiru fi biyya keenya Oromiyaa irrattis abbaa qabeenyaa ta’ee waan barbaade godhaa jiru kana buqqisuun kan danda’amu qabsoo hidhannootiin malee karaan biraa akka hin danda’amne hundaafuu ifa ta’uu qaba. Carraa’umtuu argamee, filannoo dhaan injifannee galii barbaadne ykn hawwine ni geenya jedhanii abdii kan qabaatan illee, yoo humna cimaa fi abdachiisaa duubaa qabaatan qofaa dha. Kana booda tokkummaa fi humna ofii malee wanti abdatamu akka hin jirre ykn jiraachuu hin dandeenye hundafuu galuu qaba. Kanaaf ammoo QBO keessatti qabsoon hidhannoo murteessaa dha.  

Galatoomaa.

   

Abdii Boruuaboruu@gmail.com

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …