Oduu Haaraya

OROMOO ARSIIRRAA KITAABNI SEENAA GUDDICHI GADI LAKKIFAME!!

BAGA GAMMADDAN…..ANAA DHUFU……NOORUU JENNE!!!

 

Dhaloonni qubee qabsoo seenaa sammuuN adeemsisuu erga eegalee xiqqoo bubbule. Har’as barataan dhaloota qubee kan Yunivarsiitii Olaanaa OromiYaa keessa jirtu keessaa barataa jiru tokko barruu seenaa qabsoo Oromoo sirriitti nama yaadachiisu kan waggaa dheeraaf walitti qabaa ture nuunga’uuf guyyoota muraasa qofatu hafe….Drgaggoon Qaroo kun AHMAD MOHMAADSAANII jedhama. Drgaggeessa aartii Oromoo hedduu harkaa qabuufi oguma barnootaasaan cinatti kallattii qorannoosaatii waa’ee dhimma Oromoo taasifate kun kan jalqabaa kitaabasaa ‘JABAA’ nuun jedheera. Kanneen hafanis suutuma bilchaataafi gulaaltotatti laatamaniiru!!!,…..

Seenaa boonsaan Ahmad Hojjechuuf deemu, seenaa maatii isaarraa kaanee tilmaamuu ni dandeenna. Ahmad Muhaammadsaanii Miirree Oromticha Arsii Dachiin Baalee biqilchite yoo ta’uu, abbaan isaa Obbo Muhaammadsaanii Miirree nama dargaggummaan qabasoo fincila diddaa gabrummaa Ijoollee Baaleetitti makame yoo ta’uu, Abbeeraan Ahmad obbo Taamunii Miirree Qabsoo ijoollee Baalee keessatti wareegame. Abbaanisaa Bosona Baalee seenuun abbaa Umar suleeyman fa’a waliin waraana Haaji Nuuree Muhaammad ta’uun qabsoo finiinsaa turan.

Haaji Nuuree Muhaammad Abbootii waraanaa hoggansa kallattiin Jeneraal Waaqoo Guutuurraa fudhachuun sirna nafxanyaa lafarraa duguugaa turan keessaa tokko yoo ta’anuu, Abbootii waraanaa jeneraal Waaqoo Guutuu fa’a waliin Finfinnetti namoota dhibban harka kennatan keessaa tokko turan.

Haaji Nuuree Muhaammad Akaakayyuu Ahmad Muhaammadsaanii, abbaa Haadha Ahmad ta’uun isaanii Ahmadiin ilma carra-qabeessa isa taasisa. Ahmadis akkuma maatiiisaa dhimma Oromoo irratti ifaajuu jalqabe fakkaataa kunoo Kitaaba Seenaa Qabsoo Oromoon dur Absiiniyaanota waliin taasise “UMMATA OROMOO FI JABINA ISAA” jedhu kana xumuree mana maxxansaan gaheeti jira.
Hayyuu Ol adeemaa kana teessoo armaan gadiin nuuf jajjabeessaa….sicinaa jirra jedhaanii…kitaabasaas lafa jirutti adamsaa argadhaa….
***Suuraan qola kitaabaa cinatti argitan kun kan abbaa Ahmed yoo ta’u, goota qabsoo keessatti……suuraa barreessichaa yeroof ……..
‘’AFAAN SABA GUDDAA GUDDAADHA!!!…SEENAAN NIQORATAMA; HAQNI IFA NIBAAFAMA; DHALOONNI HOJIIRRA JIRA!!!!

TEESSOON BARREESSICHAA KUNOOTI!!!!
Email. hmedbale60@gmail.com
0925314063

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …